Barruun miseensa paarlaamaatiin ‘garba’ jedhe qeeqame
Barruuleen Firaans sirna siyaasaa ‘conservative’ leellisu miseensa paarlaama Firaans dhalootaan Gaabon tahan, Daani’eel Obonoo ‘garba’ jechuun qeeqamaa jira.
Keewwanni barruulee Vaaleras akkiitalees irratti bahe, lammiilee Afrikaa garbummaa karoorsuudhaan himata. Suuraa miseensa paarlaamaa kanaallee mormatti sibila kaa’eetu agarsiise.
Ministirri mummee Firaans Jiin Kaasteeks, ‘’maxxansa jibbisiisaa’’ jechuun ceepha’an.
Baruulleen kun Aadde Oboongoo dhiifama haa gaafatuyyuu malee barreefamichi garuu sanyummaa qabaachuu haaleera.
Aadde Oboongoon paartii warra ‘left wing’ jedhamaniif itti gaafatamtuu Kora Biyyaalessaati. Uummata magaalaa Paariis immoo bakka buuti.
Isheenis maxxansa ‘’jibbaan kan guutame, gadi-badii fi kan namaa hin hille dha,’’ jechuun barreessiteetti.