Koronaavaayirasii: Itoophiyaan sochii ispoortii Covid-19n adda cite eegaluuf qajeelfama qopheessite

Maxxanfame

Sababa weerara koronaavaayirasiin sochiin Ispoortii Itoophiyaatti dhorkamee ture eegalsiisuuf qajeelfamni dandeessisu qophaa'uu isaa Komishiniin Ispoortii Itoophiyaa beeksise.

Komishinichi akka beeksisetti qajeelfama kanarratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariin taasifameera.

Komishinarri Ispoortii Itoophiyaa Obbo Eliyaas Shikur sababa vaayirasichaan dorgommiin ispoortii adda citee ture kana caalaa akka turu gochuun hawaasa ispoortiirratti dhiibbaan uumuu olaanaadha jedhaniiru.

Hanga yoonaa tatamsa'ina vaayirasichaa to'achuuf jecha leenjiin, dorgommiin walumaagala sochiin ispoortii akka adda citu taasifamee ture.

Sababa kanaaf dameen ispoortii miidhamuu kan ibse komishinichi kilaboonni diigamuu gahu, hawaasni ispoortii rakkoo xiinsammuuf saaxilamu akkasumas rakkoo diinagdeen hubamuu ibse.

Akkaatuma kanaan of eeggannoo barbaachisu gochaa sochii ispoortii bakka duraanitti deebisuuf muuxannoo idil-addunyaafi haala biyyattiin keessa jirtu bu'uura godhachuun wixineen qajeelfamaa qophaa'ee mariin taasifameera.

Qabiyyeen maali?

Qabiyyeen qajeelfama kanaa yeroo Covid-19 ispoortiin haala kamiin gaggeeffamuu akka qabu, jaarmiyaaleefi waldaaleen ispoortii qajeelfamoota of eeggannoo qopheessuu akka qaban kan akeekudha.

Bakkeewwan leenjiifi dorgommii weerarichaaf saaxilamuu isaanii bu'uura godhachuun lakkoofsa namoota leenjiifis ta'e dorgommiif hirmaatan xiqqaa akka ta'u kallattiin taa'eera.

Leenjiifi dorgommiif kanneen dirree seenan qorannoo gaggeessuu, akkasumas vaayirasicharraa of eeggannoo taasisuuf kanneen gargaaran taasisuu akka qaban ibsa.

Dabalataan, bakkeewwan leenjii, kan itti leenji'aniifi kaan qulqullinni isaanii eegamuu akka qabu qajeelfamni eera.

Torban darbe Pirimiyeer Liigii Itoophiyaa adda citee ture deebisanii eegalsiisuuf akka yaadame ibsamee ture.

Itoophiyaa keessa koronaavaayirasiin erga seene booda dorgommiiwwanis ta'e sochiiwwan namoota hedduu hirmaachisan dhorkamaniiru.

Sadarkaa idil -addunyaattis olompikiin bara 2012 sababa weerara koronaavaayirasiin waggaa dhufutti dabarfamuun ni yaadatama.

Olompikiin ala dorgommiiwwan hedduu yoo haqaman kanneen yeroo biraatti dabarfamanis jiru. Filannoon Itoophiyaallee barana haqamee yeroo biraatti darbuun ni beekama.

Itoophiyaatti yeroo ammaa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii kuma 50'tti kan siqe yoo ta'u 800'tti kan siqan lubbuu dhabaniiru.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa namoonni hedduu vaayirasichaan qabaman keessaatti kan argaman keessaa yoo taatu, lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniinis Baha Afrikaarraa kan jalqabaati.