Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe
Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Deeggartoonni Pirezidant Tiraamp mormitoota waliin walitti bu’uun lubbuun darbe
Deeggartoonni Pirezidant Tiraamp kanneen lubbuun gurraachotaa baduu hin qabu jedhanii hiriira mormii bahan waliin walitti bu’un namni tokko rasaasan dhahamee du'e.
Kuni kan ta'e Biyya Ameerikaa bulchiinsa Oregoon magaalaa Poortilaanditti.
Suuraan bakkichaa gadhiifaman ogeessonni fayyaa nama adii miidhame yeroo lubbuu baraaruuf yaalan agarsiisa.
Poolisiin dhukaasni walitti bu’iinsa gidduu dhalatuufi dhalatuu dhabuusaarratti odeeffannoo kenne hin qabu.
Eenyummaan nama du'es hin baramne
Magaalittiin erga ajjeechaa Joorj Filooyidirratti raawwate as giddugala mormii haleellaa poolisii ibsuuf itti bahamu taateetti.
Baatii Adoolessa keessa Tiraamp hookkara to’achuuf humnoota nageenyaa gara magaalichaa erguun isaanii ni yaadatama.
Hidhaan qooqaa guutee gadhiifamuuf jedhuun yaaddoo uume
Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Covid-19'n qabaman biyyoota Afrikaa kaan waliin yeroo walbira qabamu
Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 49, 654 gahu Ministeerri Fayyaa ibseera.
Qorannoo namoota 19,194’f gaafa Sambataa taasifameen vaayirasichi namoota 1,514 irratti argameera.
Namoota 12 gaafa Sambataa du’an dabalatee lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan lubbuu dhabanii 770 gaheera.
Itoophiyaan hanga yoonaa namoota 869,430’f qorannoo taasisteetti.
Hamma namoota qoratteefi qabamaniin biyyoota Afrikaa Bahaa ni caalti.
Itoophiyaa keessaa bakkeewwan dhukkubichi itti hammaate magaalota yoo ta’u, Finfinneetti hedduu galmaa’e.
Ogeeyyiin fayyaa lammiileen vaayirasicha of eeggachuurraa yoo of dagatan hospitaalonni muddama seenu jedhanii yaadda’u.
Booda kana hanguma Itoophiyaan qorannoo dabalte hammi namoota vaayirasichi irratti argames dabaluun ni yaadatama.
Giddugalli to’annoo dhukkubaa Afrikaa (Afrikaa CDC) gabaasa Dilbata baaseen Afrikaa keessa ummanni miiliyoona 1.2 vaayirasichaan qabamaniiru.
Kanneen keessaa 29,430 yoo du’an 968,962 bayyanataniiru.
Akka ragaa dhaabbata kanaatti, Itoophiyaan qorannoonis ta’e hamma namoota qabamaniin biyyoota Baha Afrikaa dursaa jirti.
Biyyoonni Afrikaa hamma namoota Covid-19’n Itoophiyaa dursan:
- Afrikaa Kibbaa 622,551
- Masrii 98,497
- Morookoo 60,056 fi
- Naayijeeriyaa 53,727 dha.
Arsenaal Liivarpuul injifachuun waancaa Kominitii Shiild irra aane
Tapha Dilbataa kaleessaan daqiiqaa 90 keessatti kilaboonni lamaan galchii 1fi 1’n adda bahanii ture.
Arsenaaliif Obamiyaang Liivarpuulif immoo Minaaminootu galche.
Yeroon idilee qixaan waan xumurameef penaalitiidhaan 5-4’n Liivarpuul injifachuun abbaa waancaa ta’eera.
Waancaan Kominitii Shiild jedhamuuf kilaboota waancaa Pirimiyeer Liigiifi Waancaa FA fudhatanitu walfalma.
Bara darbe yoona kanas Maanchistar Siitiitin kan Waancaa dhabe Liivarpul, barana yeroo lammataaf waancicha of jalaa baase.
Ashamaa!
Akkam bultan!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.
Guyyaa gaarii.
Tamsaasi kallattii har'aa xumurameera
Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo kan Sambataa xumurameera.
Odeeffannoo dabalataa marsariitiikeenyarraa ni argattu.
Nagaan turaa!
Minsitiroonni Bishaanii Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan kalee maal mari'atan?
Afriikaa Kibbaatti poolisoonni daa'ima ganna 16 ajjeesan qabaman
Afriikaa Kibbaatti poolisoonni daa'ima umrii waggaa 16'tti dhukaasanii ajjeesan lama to'ataman.
Ajjeechaa suukanneessaan poolisoonni kunneen daa'ima kanarratti raawwatan hookkara kaasiseera.
Daa'imni ajjeefame kun rakkoo fayyaa nama qabudha.
Buskutii bitachuuf ba'ee magaalaa Johaanisbarg keessatti rasaasa poolisootaan ajjeefame jedhan maatiin.
Poolisoonni kunneen haqa dabsanii waan nama rakkoo fayyaa qabu ajjeesaniif yakka ajjeechaan himatamuuf jiru.
Daa'imni Naatnaa'eel Juuliyas jedhamu kun gaaffii poolisootaaf deebii kennuu waan hin dandeenyeef battalumatti rasaasaan ajjeefame.
Kun immoo sababa rakkoo fayyaa qabuuf jedhan maatiin daa'ima kanaa.
Poolisoonni akka jedhanitti daa'imni kun dhukaasa garee gurmaa'anii yakka raawwatanii fi poolisi gidduu ture keesatti qabamee ture.
Yakka raawwatame kana hordofee mormii dhalateef Pirezidaantiin biyyattii Siiril Raamaapoosaan uummanni akka tasgabbaa'u kadhachaa jiru.
Finfinneetti hospitaalli haaraa Covid-19 Qaammee 5 hojii jalqabuuf
Hospitaalli haaraa Covid-19 magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Booleetti ijaarame Qaammee 5 hojii akka jalqabu Ministeerri fayyaa fuula Feesbuukiisaarratti ibseera.
Hospitaalichisi Hospitaala Qiddus Paawulos jalatti gargaarsa ministeera fayyaa fi Dhaabbata Nyaataa Addunyaa akkasumas Dhaabbata Fayyaa Addunyaattiin kan ijaarameedha.
Guyyaa har’aas Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa fi Ministira Muummee Itti Aanaa Dammaqaa Mokonnin hospitaalicha daawwataniiru.
Hospitaalichis yeroo tajaajila kennuu jalqabu siree ciisichaa 200 akka qabaatu ibsameera.
Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayisiin qabamanii akkasumas du’anii guyyaadhaa guyyaatti dabalaa jira.
Galmi Barkumee namoonni Covid-19 itti hammaate keessatti wal'aanaman guutuu gahe jechuun daayirektarri wirtichaa Dr Wulataaw Caannee BBC’tti himanii turan.
Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni kuma 48 vaayirasichaan yoo qabaman, 758 ammoo du’aniiru.
Kanaanis biyyattiin lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii ol’aanaa qabaachuun Afriikaa Bahaarraa sadarkaa tokkoffaarratti argamti.
Daa'imman koronaavaayirasii ni daddabarsuu?
Naayijeeriyaan laammiileeshee Gaanaatti hacuucamaniif biyyattii komatte
Mootummaan Naayijeeriyaa lammiilee isaa Gaanaa keessatti hacuuccaan irra ga'aa jira jechuun mootummaa Gaanaa komate.
Aanga'oonni Gaanaa irra deddeebiin gocha diinummaa nurratti labsaa jiru jechuun komata mootummaa Naayijeeriyaa.
Ibsi Ministirri Odeeffannoo Naayijeeriyaa Laay Mohammad kennan ''mootummaan Gaanaa lammiilee keenyatti taphataa jira'' kan jedhuudha.
Waxabajjii darbe gamoon dippiloomaatota Naayijeeriyaa Gaanaa jiru daaraa ta'ee ture.
Kunis mootummaa Naayijeeriyaa daran mufachiise, ta'us Pirezidaantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo dhiifama gaafatanii turan.
Kana malees lammiileen Naayijeeriyaa Gaanaa jiraatan humnaan dhiibamanii achii baafamuu akkasumas suuqiiwwan lammiilee Naayijeeriyaa irratti cufamuun mootummaa Naayijeeriyaa mufachiiseera.
Haalonni kunneen akka gara tarkaanfiitti ceenu nu taasisaniiru jedhan Laay Mohammad.
Hariiroon dippiloomaasii Naayijeeriyaa fi Gaanaa erga dhiyeenya kana daldalli isaanii qabbaanaa'ee fi gamoon dippiloomatota Naayijeeriyaa Gaanaa keesatti barbadaa'ee as akkaan laafeera.
Sareen Afgaanistaanitti lubbuu loltuu baraare badhaafamuufi
Sareen waraanaa UK loltoota UK al-Qaayidaa waraanuuf Afgaanistaan deeman waliin garas imale lubbuu loltuu baraaruusaatiif badhaasa guddaa badhaafamuufi.
Sareen 'Kuunoo' jedhamu kun yeroo hidhataan haleellaa raawwachuuf jedhu ture kan loltuurraa qabe.
Yeroo kanattis sareen miilasaa duubaa lamaan irratti rasaasaan kan miidhame.
Kuunoon saree waraanaa UK jalqabaa miilli nam-tolcheen hojjatameef ta’eera.
Sareen ganna afurii kunis Meedaaliyaa Diikin dhaabbata tola-ooltummaa bineensotaa PDSA iraa ni fudhata.
Kuunoo fi loltuun kun al-Qaayida waraanuuf bara darbe ture kan gara Afgaanistaan imalan.
Kuunoon erga miidhamee gara UK deebi’ee booda yaalli baqaqsanii yaaluu taasifameeraafi.
Badhaasni kunis hoggantuu dhaabbata tola-ooltummaasanii kan taatee Maariyaa Diikiniin bara 1943 ture kan jalqabame.
Badhaasichis bineensota waraana keessatti hojii guddaa hojjataniif kan kennamuudha.
Kuunoon bineensa badhaasa kana fudhate isa 72ffaa ta’a.
Asiin duras saroonni 32, ‘pigeons’ Waraana Addunyaa 2ffaarratti hirmaatan, fardeen afur akkasumas adurree tokkoof badhaasichi kennameera.
Isaan keessaa sareen Maalii jedhamu ergamarratti bara 2012 Afgaanistaanitti boobiidhaan madaa’eedha. Maaliin saree ganna saddeetiiti.
Ameerikatti obomboleettii mudateen namoonni 14 du’an
Ameerikatti obomboleettii Haarikeen Laawuraa jedhamuun lakkoofsi namoota du’anii 14 gahe.
Miidhamtoota 14 keessaa 10 isaan Luuziyaanaarraa yoo ta’an, afur ammoo Teeksas irraati.
Obomboleettiin sa’aatii tokkotti km240 deemu kun manneen jireenyaa miiliyoona walakaa ol tajaajila ibsaa akka dhabaniif sababa ta’eera.
Bulchaan Luuziyaanaa Joon Beel Edwaardi mootummaan federaalaa deeggarsa maallaqa isaaniif akka taasisu gaafataniiru.
Pireezidaant Doonaald Tiraamp miidhamtoota daawwachuuf gara bulchiinsota lamaan kanneenii guyyaa har’aa ni imalu.
Haayitiin asiin dura obomboleettii Markoo fi Laawuraa jedhamaniin yoo xiqqaate namoonni 31 jalaa du’aniiru.
Kutaalee bulchiinsota lamaan keessatti manneen 8,000’tti siqan barbadaa’aniiru jedha gabaasi Fannoo Diimaa.
Namoonni 1,500 ta’an lubbuu baraaruu fi qabeenya manca’e qulqulleessuuf garas imaluufi.
Haayitiitti lakkoofsi namoota du’anii 10’n dabaluun lakkoofsa namoota du’anii 31’tti ol guddiseera. Namoonni saddeet hamma ammaatii achi buuteensaanii hin beekamne.
Biyyattii keessatti manneen 6,000 lolaadhaan fudhatamaniiru.
Doominikaan Riippaabliki keessatti namoonni afur du’aniiru.
Kuubaa fi Jamaayikaanis balaa kanaan miidhamaniiru.
Noorwayitti bineensi ‘bear’ jedhamu nama ajjeese
Bineensi ‘polar bear’ jedhamu Noorway odola Arkiiti Ispiitsibargeenitti nama ajjeesuusaa qondaaltonni himan.
Bineensi taatee kana booda itti dhukaafamee daandii xiyyaaraa keessatti du’ee argameera.
Namni ganna 38 Johaan Jeekobis jedhamu erga bineensichaan nyaate booda kan lubbuunsaa darbite.
Qondaaltonni naannichaa bakka taateen kun mudatetti namoonni torba akka turanii fi ogeeyyii fayyaatiin kunuunsi kennamaafii jira jedhaniiru.
Bineensonni ‘bear’ jedhaman kunneen yeroo ganna lama gahan ofiisaaniitii of sooruu danda’u.
Ta’us garuu taatee kun amala isaa kana waliin hin qabatu jedhameera.
Hamma ammaatti odola kana keessatti waggoota 50’tti bineensa kanaan lubbuun namoota shanii darbeera.
Bara 2011’tti barattuun Biriitish ganna 17 fi namoonni biroo afur bineensa kanaan nyaatamanii lubbuusaanii dhabaniiru.
Koronaavaayirasiin Ayyaana Irreechaa dhufaa jiru hambisuu danda'aa?
Firaansi keessatti koronaavaayirasiin deebi'ee hammaate
Weerara koronaavaayirasiirraa haga tokko dandamattee kan turte Firaansi vaayirasichi amma deebi'ee itti hamaateera.
Kaleessa namoota 7,379tu qabaman, kunimmoo erga Bitootessa darbeetii isa olaanaadha.
Pirezidaantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon, uggura sochii uummataa haarawa kaa'uuf jedhu.
Uggurri amma kaa'amu garuu kan akka isa jalqabaa diinagdee biyyaa miidhu ta'uu hin qabu jedhan.
Firaansi keessatti haga ammaatti namoonni 267,077 kan qabaman yoo ta'u kanneen keessaa 30,595 du'aniiru.
Weerara koronaavaayirasii deebi'ee Firaansi rifachiiseef sababi guddaan uumanni heddumminaan bakkeetti ba'uudha.
Yooyyaa!
Tamsaasa kallattii keenya har'aa ya eegalle.
Karaa kanaan odeessaalee biyya keessaa fi alaa gaggabaabsinee isin biraan geenya.
Dhiyaadhaa!
Nagaan oolaa!
Tamsaasni kallattii har'aa xumurame!
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Jimaataa xumurame.
Marsariitiifi fuula Fesbuukii keenyarraa odeeffannoon dabalataa jira.
Mammaaksa yoo qabaattan asiin nuuf erguu dandeessu.
Halkan gaarii.
ECOWAS: Waggaa tokko keessatti mootummaan ce’umsaa Maaliitti hundeeffamu qaba
Waggaa tokko keessatti mootummaan ce’umsaa Maaliitti akka hundeeffamu hoggantonni biyyoota Lixa Afrikaa gaafatan.
Biyyoonni ollaa Maalii qondaaltonni waraanaa biyyatti aangoo gara hoggansa haawasni filateetti dafanii akka dabarsan irratti waliigalaniiru.
Akka waliigaltesaaniitti ji’oota 12 keessatti namni biyyattii hogganu filatamuu qaba.
Pirezedantiin Maalii Ibraahim Bubakar Keyitaa torban darbe aangoorra erga fonqolchamanii booda, hooggantoonni biyyoota michummaa dinagdee Lixa Afrikaa/ECOWAS 15 karaa toora intarneetiin dhimma Maaliirratti waliin mariyatanii murteessan.
Waraanni biyyattii aangoo dhuunfate garuu mootummaa ce’umsaa hundeessuun waggaa lama nutti fudhata jedheera.
Pirezedantichi aangoorra buufaman Bubakar Keyitaan mana hidhaati gadhiifamanillee, tarkaanfin kun qofti gahaa mitii jedhan hooggantotni biyyoota Lixa Afrikaa dhimma biyyattiirratti mariyatan.
Fonqolcha mootummaa hordofuun biyyoonni ollaa daangaa Maaliitti cufachuun hariiroo daldalaa qaban yeroof dhaabaniiru.