Artiistiin lammii Iraan Mahaadii Raajaabaayin weellistootaafi
shubbistoota dubartootaa waliin hojjechuu kootiif himanni narratti baname jedhe.
Namni
ganna 30 kun dhimma muuziqaa isaan wal-qabatee kana dura al lama hidhamuu
himee, torbee lama dura immoo hojii isaa isa dhiyeenya bahuuf jedhuuf mana
hidhaa galuu dubbata.
Albamnisaa
xumuramaa jiru weellistoota dubartootaa Iraan keessatti dhorkaman sagaleedhaan hirmaachiseera.
BBC'n
dhimma kanarratti deebii argachuuf Ministeera Aadaa fi Turizimii Iraan irraa
ibsa argacguuf yaalus, hin milkoofne.
‘’Mootummaan kun sagalee koo cuqqaaluu
barbaada,’’ ‘’Akkan muuziqaa dhaabus natti himaniiru,’’ jedha Raajaabiyaan.
Raajaabiyaan
poolisiin Hagayya 10 mana jireenyasaa Saarii irraa isa waamee’’muuziqaa sagaagaltummaa jabeessau
weellista’’ jechuun isa fudhachuufi boodas maatiin isaa wabiidhaan isa baasuu
hima.
‘’Yoon muuziqaa kana hojjedhe mirga wabii battaluma
narraa kaasu,’’ ammaaf guyyaa murtiin egaa jiras,'' jedheera.
Raajaabiyaan
erga waa’ee albama isaa BBC waliin af-gaaffii
taasise booda hidhamuu hima.
Kana malees viidiyoo shubbistuu Parshiyaa Heeliyaa Baandeeh
sirba isaa hiiktu maxxansuunis hidhaasaaf sababa akka tahe hima.
Akka seera yakkaa Iraanitti weellistoonnii fi
shubbistoonni gochi isaanii ‘safuu kan cabse’ dha yoo jedhame, qondaalotaan
adamsamu.
Dubartoonni qofaas tahe gareedhaan kan isaan
weellisuu danda’an daawwattoota dubartootaaf qofa dha.