Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasni kallattii xumurame.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisa har'a xumurame.

    Marsariitiifi fuula Fesbuukii keenyarraa odeeffannoo dabalataa argachuu dandeessu.

    Mammaaksa Booranaa kana kan nuuf erge Waaqoo Diqqaa Duubaati.

    Yoo mammaaktu ta'e yookiin mammaaksa nuuf ergu yaaddan yoo jiraate asiin nuuf erguu dandeessu.

    Halkan gaarii.

  2. Taphataan Maanchistar Yunaayitid Pool Poogbaan Covid-19'n qabame

    Taphataan kubbaa miilaa kilabii Maanchistar Yuunaayitid kan ta’e, Paawul Poogbaan koronaavaayirasiin qabamuusaa leenjisaan Faransaay Diidar Deesho himaniiru.

    Taphataan ganna 27 kunis guyyoota 14’f adda of baaseera.

    Innis tapha Liigii Biyyaalessaa Faransaay Iswiidinitti Fuulbaana 5 taphatamuu fi tapha Faransaayitti Faransaay Kirooshiyaa waliin guyyoota sadii booda taasistu irratti hin hirmaatu.

    Ta’us tapha Pirimiyeer Liigii Yuunaayitid Fuulbaana 19 Kiristaal Paalas waliin taasisuu irratti taphachuu danda’a.

    Kilabiinsaa saffisaan akka bayyanatuuf hawwiisaa ibseera.

  3. Barattoonni miiliyoona 463 ta’an carraa toora intarneetiin barachuu hin qaban

    Yeroo manneen barnootaa guutuu addunyaarratti sababa weerara koronaavaayirasii cufaman, maatiin ijoolleensaanii barnootasaanii gama toora intarneetiin akka hordofaniif mijeessu.

    Gabaasni UNICEF garuu barattoonni manneen barnoota addunyaa sadi keessaa tokko fagoorraa barnootasaanii hordofuuf ni rakkatu jedha.

    Rakkoo guddaa bakki itti ta’e biyyoota gammoojjii Sahaaraan gad jiranitti yoo ta’u, barattoonni miliyoona 120 ta’an manneen barnootaarraa fagaataniiru.

    Yeroo manneen barnootaa cufaman carraan barnoota argachuus akkasuma bada.

    Gabaasni kunis maatii harka qalleeyyii ta’an haalan akka miidhaman mul’isa.

    Guutuu addunyaarra barattoonni biliyoona 1.5 ta’an jalaa manneen barnootaa cufamaniiru.

    Barattoonni miiliyoona 462 ta’an ammoo barnootaan ala ta’aniiru – kunis sababa barnoota gama interneetiin argachuun hin dandeenyeen yookaan manneen barnootasaanii gama interneetaan barnoota fageenyaatti kennuu hin dandeenyeefi.

  4. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 46,407 gahe

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 18,060'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 1,186 irratti argamuu mirkaneessiteetti.

    Kanaanis lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 46,407 gaheera.

    Dabalataan namoonni haaraa 20 du'aniiru.

    Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa namoota lubbuu dhabanii 745 gaheera.

    Namoonni haaraa 518 bayyanataniiru, walumaa galatti namoonni 16,829 vaayirasicharraa bayyanatan.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 831,470'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

  5. Pirezidantiin Maalii aangoorraa fonqolchaman hidhaarraa 'gadhiifaman'

    Pirezidantiin Maalii Bubaakar Keyitaa torban darbe gaafa Kibxataa waraana biyyattiin aangoorraa erga fonqolchamanii booda hidhaa seenanii turan.

    Guyyaa har'aa hidhaarraa bahuun mana isaanitti deebi'uun isaa dhagahameera.

    Manatti ugguramuuf dhiisuu isaanii garuu waanti beekamu hin jiru.

    Kibxata darbe qondaaltoonni waraanni biyyatti aangoorraa erga isaan fonqolchan boodaa aangoo gadhiiseera jedhanii turan.

    Ta'us, otoo hin turiin mana hidhaa buufaman.

    Keyitaan hidhaa gadhiifamuusaanii biyyoonni ollaas ta’e, jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa ni barbaadu.

    Pirezidantichi haala qabinsa dinagdee biyyattii fi walitti bu’iinsa jihaadistoota Kaaba biyyatti keessa socho’an to’achuu dadhaban jedhamani otoo mormii irratti dhiyaatu qondaaltonni waraanaa aangoorra fonqolchan.

    Hoggantoonni Keyitaa aangoorraa fonqolchaan waggoota sadan dhufanif yeroo ce'umsaati jechuun aangoorra turuu barbaadu.

  6. Gosa miseensota 53 qofa qabu keessaa afur Covid19n qabaman

  7. Ministirri Muummee UK Booris Joonsan furdina qaamaa hir'isuuf leenjisaa qacaratan

    Ministirri Muummee UK Booris Joohsan kanaan dura koronaavaayirasiin wayita qabaman baay'ee furdachuun waan itti himameef ulfaatina hir’isuuf leenjisaa qacaratan.

    Ebla darbe vaayirasichaan qabamanii hospitaala guyyoota baay’ee kan turan Joonsan, ammaa ‘jabina qaama koon ijaaraa jira’ jedhaniiru.

    Qorannoowwan akka agarsiisanitti, furdina garmalee qabaachuun Covid-19 qabamnaan carraa wal’aansaf hosptaala keessa turuuti amma du’aatti nama saaxilu mala jedha.

    UK tti tibbana soorata qopha’uun saamsamanii gurguraman sa’aatii TV gubbaatti beeksifaman daangessuuf wixineen dhiyaatera.

  8. Namni kunuunsa leencaatiin beekamu leencuma ofiin nyaatamee du’e

    Lammiin Afriikaa Kibbaa kunuunsa leencaatiin beekamu, Weest Maatiwsan, osoo leencota adii lama miila haa hiikkatan jedhee waliin adeemaa osoo jiru ture kan isaaniin nyaatamee du’e.

    Leenconni isa nyaatanis adiidha.

    Haati warraasaa konkolaataan faana buutee leencota irraa dhorkuf yaaltus lubbuun hambisuu hin dandeenye.

    Weest bulchiinsa Limpooppoo keessatti loojii bineensotaa, ‘Lion Tree Top Lodge’ jedhamu qaba ture.

    Leenconni dhalaan lamaan kunneen taatee kana booda gara loojii biraa kan geeffaman yoo ta’u, turtii muraasa booda gara bosonatti gad dhiifamu jedhamee eegama.

    Leenconni kunneen Obbo Weest irratti dallananii kan turanii, san booda kan isaan nyaatan.

    Firoottan isaanii taatee kun tapha gaarii hin taaneerraa kan dhufe ta’uu danda’a jedhaniiru.

    Obbo Weest leencota kanneen adamsoo jalaa baasanii loojiisaanii keessatti kunuunsaa akka turan asiin dura dubbataniiru jedhama.

    Leenconni kunnen eega bakka dura jiraatan irraa baafaman booda bara 2017 nama ollaa sanitti hojiirra ture tokko nyaatanii ajjeesaniiru.

  9. Hoggantootni waraanaa Pirezidantii Maalii fonqolchan aangoo fedhuu ibsan

    Gareen jaarsummaa Lixa Afrikaa hoggantootni waaraanaa torbee darbe Pirezidantii Maalii Fonqolchan waggaa sadiif aangoo feena jedhani jedhan.

    Gareen Ecowas, hooggantoota waraanaa kanaan mootummaan ce'umsaa kan humna waraanaas ta'u kan siiviilii waggaa tokko caala aangoorra akka hin turre itti himuu ibsaniiru.

    Garee jaarsummaa kana kan hoogganan Pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Guudlaak Joonataanii.

    Fonqolcha torbee darbee Pirezidantii biyyatti Ibraahiim Buubakar Keeyitaarratti raawwatame hordofee qoqqobbiiin kaahame dhiibbaa qabaachuun isaa ammatti adda hin baane.

    Gareen waraanaa kun jalqaba fedha aangoo akka hin qabne himaa turan.

  10. Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa xiyyeefannoo akka argatu senaataroonni US lama gaafatan

  11. Tanzaaniyaan balalii daandiiwwan qilleensaa Keeniyaa sadii dhorkite

    Tanzaaniyaan balalii daandiiwwan qilleensaa Keeniyaa sadii dhorkite.

    Weerara Koronaavaayirasiin wal dura dhaabbannaa biyyoota Baha Afrikaa lamaan gidduutti uumameen Tanzaaniyaan balalii daandiiwwan qilleensaa Keeniyaa sadii garasitti taasisan dhokite.

    Siivil Aviyeeshiniin Tanzaaniyaa eeyyama balalii daandii xiyyaaraa Keeniyaa Fly 540, Air Kenya Express fi Safarilink jedhamaniif kennamee ture deebisee haqeera.

    Daandiin qilleensaa kunneen guyya guyyaan gara haawwata turizimii gaara Kilimaanjaroo fi Zaanzibaaritti balalii taasisu ture.

    ''Sababni eeyyama balalii daandiiwwan xiyyaaraa sadanii haqneef biyyoota lamaan gidduu wal dhabdeen waan jiruufi,’’ jedhe daarikterri Siivil Ayiveeshinii Tanzaaniyaa, Hamzaa Johaarii, akka gaazexaan’ Citizen’ jedhamu gabaasetti.

    Kanaan dura Keeniyaan imaltootni Tanzaaniyaa irraa dhufan guyyoota 14’f addatti bakka qophaa’e keessa turuu qabu waan jetteef Tanzaaniyaan ammoo balalii daandiin qilleensa Keeniyaa ‘Kenyan Airways’ gara sanatti taasisu dhorkitee ture.

    Waxabajji keessa pirezidantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin biyyi isaanii koroonaavaayirasii irraa bilisa jechuun labsanii ture.

    Ta'us bulchiinsi isaanii weeraricha qolachuurratti of eeggannoo hin taasifne jedhamuun qeeqamaa ture.

  12. Mootummonni Gamtoomanii Afrikaa Bahaatti beelli akka mudatu akeekkachiise

    Sagantaan Nyaataa Addunyaa baqattoonni Afrikaa Bahaa miiliyoonaan lakkaa’aman nyaata gargaarsaan jiraatan beelaafi hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamuu danda’u jedhe.

    Dhiibbaa Covid19 hawaas-diinagdee irratti qaqqabsiise arjoomtootarraa qarshiin argamu akka hir’isu taasiseera jedhan.

    Sagantaan Nyaataa Addunyaa, nyaata yookiin qarshii %30 tahu baqattoota Itoophiyaa,Yugaandaa,Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Jibuutiirraa hir’iseera.

    ‘’Baqattoonni kaampii keessa, dahoo gahaa hin taane keessa waan jiraataniif, bishaaniifi tajaajila fayyaa waan hin arganneef Covid19 saaxilamoo dha,’’ jedhan hogganaan Sagantaa Nyaata Addunyaa, damee Afrikaa Bahaa Maaykil Dansfoord.

  13. Dhaddachaa maatiin shakkamtootaa yeroo duraaf hordofanirratti maaltu jedhame?

  14. Galmi Bar-kumee namootni Covid-19 itti hammaate keessatti wal'aanaman ‘guutuu gahe’

  15. Abbaan Alangaa maqaa poolisii nama gurraachatti si'a torba dhukaasee ibse

    Ameerikaa Wiskoonsinitti Abbaan alanga maqaa Poolisii nama gurraacha rasaasaan rukutee ifa godhe.

    Dilbata darbe Wiskoonsiin Kenooshaa keessatti poosiin nama gurraacha Jakoob Bileek jedhamutti dugda duubaan si'a torba rasaasa dhukaaseera.

    Abbaan alangaa Poolisiin yakka kana raawwate Ruusten Sheeskeey jedhamu Bileek osoo balbala konkolaataa isaa banaa jiru si'a 7 itti dhukaase jedheera.

    Poolisiin konkolaataa Bileek keessatti albee malee meeshaa biraa hin argannee jedheera.

    Mormii haleellaa kana hordofee dhalateen namootni lama ajjeefamanii namni tokko ammoo miidhameera.

    Bileek hospitaala yaala argachaa jiru keessatti wayyaa'aa jiraachuun ibsameera. Of baree kan jiru yoo ta'u, abukaatonni isaa danda'ee deemuun isaaf raajii ta'aa jedhaniiru.

  16. Weellisaan dubartoota waliin hojjechuu isaaf hidhame

    Artiistiin lammii Iraan Mahaadii Raajaabaayin weellistootaafi shubbistoota dubartootaa waliin hojjechuu kootiif himanni narratti baname jedhe.

    Namni ganna 30 kun dhimma muuziqaa isaan wal-qabatee kana dura al lama hidhamuu himee, torbee lama dura immoo hojii isaa isa dhiyeenya bahuuf jedhuuf mana hidhaa galuu dubbata.

    Albamnisaa xumuramaa jiru weellistoota dubartootaa Iraan keessatti dhorkaman sagaleedhaan hirmaachiseera.

    BBC'n dhimma kanarratti deebii argachuuf Ministeera Aadaa fi Turizimii Iraan irraa ibsa argacguuf yaalus, hin milkoofne.

    ‘’Mootummaan kun sagalee koo cuqqaaluu barbaada,’’ ‘’Akkan muuziqaa dhaabus natti himaniiru,’’ jedha Raajaabiyaan.

    Raajaabiyaan poolisiin Hagayya 10 mana jireenyasaa Saarii irraa isa waamee’’muuziqaa sagaagaltummaa jabeessau weellista’’ jechuun isa fudhachuufi boodas maatiin isaa wabiidhaan isa baasuu hima.

    ‘’Yoon muuziqaa kana hojjedhe mirga wabii battaluma narraa kaasu,’’ ammaaf guyyaa murtiin egaa jiras,'' jedheera.

    Raajaabiyaan erga waa’ee albama isaa BBC waliin af-gaaffii taasise booda hidhamuu hima.

    Kana malees viidiyoo shubbistuu Parshiyaa Heeliyaa Baandeeh sirba isaa hiiktu maxxansuunis hidhaasaaf sababa akka tahe hima.

    Akka seera yakkaa Iraanitti weellistoonnii fi shubbistoonni gochi isaanii ‘safuu kan cabse’ dha yoo jedhame, qondaalotaan adamsamu.

    Dubartoonni qofaas tahe gareedhaan kan isaan weellisuu danda’an daawwattoota dubartootaaf qofa dha.

  17. Shakkamtoota sagal humnaan Kaayirootti dubartii tokko gudeedan keessaa 7 biyya bahuu himame

    Namoonni baay’atanii hoteela guddaa magaalaa Kaayiroo jiru tokko keessatti yakka gudeeddii raawwachuun shakkaman biyya bahaniiru jedhe abukaatoon uummataa.

    Namoonni torba yeroo oduun gudeeddii kun miidiyaa hawaasaa irra odeeffamuu jalqabu ji’a Waxabajjii keessa biyya baduu isaanii himan.

    Jarri kan biyya gadhiisan miidhamtuun himata gudeeddii irra gahe osoo hin baniin ji’a tokko dursuuni.

    Biyyattiin shakkamtoota adamsitee to’achuuf tarkaanfii idil-adunyaa hordofe akka fudhattu abukaatoon beeksiseera.

    Kana malees shakkamtoota lama ammaaf bakka jiran hin beekamne barbaadaa akka jirus ibseera.

    Yakki gudeeddii kun bara 2014 hoteeta Feermont Naayil Siitii jedhamu keessatti raawwate.

    Shakkamtootni sagal tahanii shamarree tokko humnaan qabanii gudeedan.

  18. Keniyaan daangeffama sa’aatii keesse baatii tokkoof dheeressite

    Pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaataa daangeffama sa’aatii sababii Covid-19n kaa’amee ture ammas guyyoota 30'f dheereffamu beeksiisan.

    Uggurri sa’aatii kaa’amee tures galgala sa’aatii sadii kaase hanga halkan sa’aatii 10tti sochiin kan dhorkame yoo ta’u ammas biyyattii guutuutti itti fufa jedhameera.

    Akkasamus manneen dhugaatii ammas baatii tokkoof akkuma cufamaniitti turu jedhan. Hoteeloonni garuu jiraattotatti alkoolii ni gurguru.

    Kana malees baay'ina lakkoofsa namoota awwaalchaafi gaa’ila irratti hirmaatanii 50 irraa gara 100tti guddachu dubbatan.

    Ammaan tanatti waliigalatti namoonni 33,016 yoo ta’u kannen 564 ta’an ammo dhukkubichaan du’aniiru.

  19. Obomboleettii 'irraa hafuun hin danda'amne' Ameerikaa yaaddesse

    Obomboleettii ykn Harikeeniin maqaa Looraa jedhamuun moggaafame bubbee fi lolaadhaan balaa 'irraa hafuun hin danda'amne' uumuu mala jedhe jiddugalli Harikeenii Ameerikaa.

    Obomboleettiin hamaan kun saffisa sa'aatiitti kiiloomeetira 240'n Teeksaas fi Luwusiyaanaatti dhiyaachaa jira.

    Saffisa kanaan yoo itti fufe obomboleettii isa hamaa Kibba US rukute ta'uuf deema.

    Jiraattonni Miliyoona walakkaa ta'an naannoo balaan ni mudata jedhamee eegamu gadi dhiisanii akka bahan itti himameera.

    Namoota dafanii bakka sanaa baasuun haala dhibeen Covid-19 uumeen wal qabatee rakkisaa ta'eera.

    Obomboleettiin kun 'akkaan hamaa fi ariitiin babal'ataa jira' kan jedhan Doonaald Tiraamp kanneen balaa kanaan miidhamuu malu jedhaniif aanga'oota naannoo isaanii akka dhagahan gorsaniiru.

  20. Ashamaa!, Deebineerra!

    Kuni fuula gabaasa kallattii kan odeessaalee gaggabaaboo irratti sin biraan geenyudha.

    Gabaasni kallattii keenya kan Kamisa Hagayya 27, 2020 asirraa eegala.

    Gabaasa guyyoota darbanii armaan gaditti argattu. Odeessaalee kaaniif marsariitii keenya asi mil'adha.

    Nagaan oolaa!