Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lakkoofsi namoota Covid-19’n qabaman miiliyoona 23.5 tahuufi

    Addunyaarratti namoonni koroonaavaayirasiin lubbuu dhaban kuma 810’tti yoo dhiyaatan kan qabaman ammoo miiliyoona 23.5’tti dhiyaachuu gabaasni yuunivarsiitii Johns Hopkins ni mul’isa.

    Ameerikaan namoota miilyoona 5.7 oliin 1ffaarra yoo jiraattu, Biraaziil miiliyoona 3.6’n Indiyaan ammoo miiliyoona 3.1 duraa qabmuun 2ffaaf 3ffaarra jiru.

    Itoophiyaan namoota 40,671’n sadarkaa 56ffaa irratti argamti.

    Namoonni lubbuu dhaban Ameerikaatti 176, 808 Biraaziilitti 114,744 fi Meeksiikootti 60,480 ta’uun 1-3 irratti argamu.

  2. Afrikaa Kibbaatti barnootni sadarkaa hundaa jalqabe

    Afrikaa Kibbaatti barattoonni sadarkaa mara irra jiran Wiixata har’aa qabee barnootasaanii sababii koronaan addaan cite turetti deebi’anii jiru.

    Barattoonni waggaa dhumaarra jiran qophii qoramaataaf jecha dura dabarsanii ture barnootatti kan deebi’an.

    Pireezidantiin biyyattii Siiriil Raamaafoosaa manneetii barnootaa yeroo gabaabaaf banamanii turan weerarri vaayirasichaa daballaan Adoolessa keessa deebisanii cufan.

    Biyyattiitti lakkoofsi namoota weerara kanaan qabamanii hir’achuu jalqabnaani manni barumsaa kan jalqabame.

    Ministirri Fayyaa biyyattii tamsa’inni dhukkubichaa akka malee dabalaa turus ‘amma hir’achuu,’ jalqabeera jedhan.

    Torbee darbe dhaabbatni Mootummota Gamtoomanii biyyooti Afrikaa of eeggannoo barbaachisu mara waliin manneetii barnootaa deebisanii akka banan gaafachaa turan.

    Qondaaloti Afrikaa Kibbaa haalli baruufi barsiisuu qixaan akka adeemuuf qophoofneerra jedhan

  3. Ameerikaan dhiiga namoota Covid-19 irraa fayyaniin warreen vaayirasichaan qabaman yaaluufi

    Dhaabbatni Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa namoonni Covid-19n qabamanii jiran pilaasmaadhaan akka yaalaman ajaja hatattamaa kenne.

    Malli kun gartuu dhiigaa pilaasmaa jedhamu kan ‘antibody’ (dhukkuba dandamatan) badhaadhe namoota dhukkubicharraa dandamatan irraa fudhachuun, warreen vaayirasii kanaan qabaman ittiin yaalani dha.

    Hanga yoonaa Ameerikaa keessatti namoota 70,000 ol irratti faayidaarra ooleera.

    Donaald Tiraamp yaaliin kun du’a namootaa harka 35 dhaan hir’isuu danda’a jedhan.

    Oduun kun erga pireezidantichi Dhaabbatni Nyaataafi Qorichaa talaallii sababii siyaasaan ifa baasuu dide jedhaniin booda dhagahame.

    Tiraamp yaaliin kun dhukkuba irraa waan furuuf, lammiileen Ameerikaa Covid-19 irraa fayyan dhiiga isaanii akka arjooman gaafataniiru.

    Dhaabbati Nyaataa fi Qorichaa biyyattii fayyadama dhukkuba muddamaaf malee dhiiga kana guutummaan guutuu hojiirra oolchuuf eeyyama kennaa hin turre.

    Pilaasmaan namni hospitaala galee guyyoota jalqabaa sadii keessatti yoo tahe du’a hir’isuu danda’a, garuu ammallee waan qorannoorra jirudha jedheera.

    Odeeffannoo ji’oota dhihoo keessatti funaanameen yaalichi balaa isaarra faayidaansaa waan caaluuf fayyadamuuf murteessine jedheera.

  4. Hokkora mana hidhaa Maadaagaaskar keessatti ka’een hidhamtoonni 20 ajjeefaman

    Hokkora mana hidhaa Maadaagaaskar keessatti ka’e dhaabuuf yaalii qondaalotni taasisaniin hidhamtoonni 20 mana hidhaa kibba biyyattiitti ajjeefamaniiru.

    Rakkoon kun mana hidhaa naannoo Faaraafaangaanaatti sa’aatii jahatti mudate. Hidhamtoota lamatti qoodameetu eegdota isaanii haleeluu jalqabe.

    Warreen ajjeefaman dabalataan yaalii qondaalotni hokkora kana to’achuuf godhaniin saddeet immoo madaa’aniiru.

    Hidhamtoonni 29 tahan immoo qabamaniiru hidhamtoonni 31 ammallee bilisa jiru.

    Hokkorri kun akkatti jalqabe beekamuu baatus, bara 2018 Aministii Intarnaashinaal, ''manni hidhaa Maadaagaskar hanqina maallaqaa fi meeshaa kan qabuu fi fedhii bu’uuraa namootaa illee guutuuf bakka rakkisaa tahe dha,’’ jedheera.

    Namoonni mana murtiitti otoo hin dhiyaatiin mana hidhaas akka turan himeera.

  5. Bayern Munich chaampiyoonaa Awurooppaa ta'e

    Bayern Munich kilaba Faransaay Paris St-Germain 1fi0n injifachuun waancaa daran eegamaa ture kaaseera.Kanaanis kilabichi yeroo jahaffaaf Chaampiyoons Liigii injifachuu danda'eera.Kingsley Coman goolii jarri ittiin mo'atan daqiiqaa 59ffaarra galcheera.

    Gabaasa guutuu taphichaa yeroo muraasaan booda marsariitii keenyarraa argattu.

    Gabaasni keenya kallattii hardhaa ammarraa eegalee, odeessaalee garagaraa isin biraan gaha - odeessaalee haarayaa argachuuf fuula kana 'refresh' gochuun hareessaa.

    DHIYAADHAA!!