Yeroon nagaa dhaammatan geesse!
Tamsaasn kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa har'aa, Roobii, xumurame.
Oduuwwan kaan marsariitii keenyarraa mil'achuu dandeessu.
Kamisa ganama walitti deebina.
Gaaritti.
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.
Tamsaasn kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa har'aa, Roobii, xumurame.
Oduuwwan kaan marsariitii keenyarraa mil'achuu dandeessu.
Kamisa ganama walitti deebina.
Gaaritti.
Iraan qondaaltonni Eejansii Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) bakka oomisha niwukilarii biyyattii duraanii lama akka daawwataniif hayyamte.
Iraanii fi IAEA waliigaltee kanarra kan gahan erga daayirektarri IAEA Teehraan daawwatan boodadha.
“Guyyaan IAEA’n dhimma kana qulqulleessuu murtaa’eera,” jedhan Daayirektarri IAEA Raafeel Giroosiin.
Bakkeewwan lamaan kunneenis bara 2015 dura niwukilara oomishaa turan jedhamuun kan shakkamaniidha.
Gareen miti mootummaa Malaawii keessatti argamu miseensonni Paarlaamaa mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti afaan isaanii akka fayyadaman gaafate.
Jiddugalli Dimookiraasii fi Kaka’uumsa Guddinna Diinagdee (CDEDI) akka jedhetti miseensonni paarlaamaa yeroo dubbatan Afaan Ingiliiziitiin dubbachuurra Afaan isaaniitiin dubbachuu qabu jedheera.
Daayirektarri jiddugalichaa Sylvester Namiwa akka jedhanitti namoonnis yoo isaan afaan ofiitiin dubbatan kaan sirnaan isaan hubatu jedhan.
“Yeroo miseensonni paarlaamaa Afaan Ingiliiziitin of ibsuuf rakkatan argineerra,” jechuun Obbo Namiiwaan marsariitii Malawi 24 jedhamuuf himaniiru.
Heerri Malaawiin namni tokko miseensa paarlaamaa ta’uuf Afaan Ingiliizii gaarii dubbatuu qaba jedha.
Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 18,724'f qorannoo koronaavaayirasii taasisuun vaayirasichi namoota 1,533 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii ibse.
Namoonni haaraa 16 lubbuusaanii dhabun gabaafameera.
Haaluma kanaanis, lakkoofsi namoota biyyattii keessatti Covid-19 du'anii 725 gaheera.
Gama kaaniin, namoonni 515 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u, lakkoofsi waliigalaa bayyanatan 16,311 gaheera.
Itoophiyaatti hamma ammaa namoonni 45,221 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.
Hanga yoonaa Itoophiyaan namoota 813,410'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.
Ministirri barnoota Keeniyaa Joorji Magohaa akka himanitti,manneen barnoota sababii weerara koronaavaayirasiitiin cufamanii turan otoo barri 2021 hin seenin yoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman hir’ate akka banamuuf jiran himan.
Biyyattin sababa weerara dhibeetiin bara barnoota 2020 guutummaatti haqxee.
Dhaabbileen barnoota olaanoo yeroo banuuf karoorfaman dursanii akka banamuu malan itti dabaluun ibsan.
Ministirichi akka jedhanitti,fedha barattoota bu’uureffachuun yoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gadi cabe manneen barnoota banamuuf jiru jedhaniiru.
Ministeerri fayyaa gabaasni guyyuu tamsa’ina vaayirasichaa ilaalchisuun dhiyeessu akka agarsiisutti ,lakkoofsi namoota haaraa qabamanii gadi hir’ateera.
Jaarmiyaaleen idil-addunyaa UNICEF fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ,biyyoonni Afrikaa vaayirasichi akka hin hammaanne ofeggannoo cimsaa manneen barnoota deebisanii akka banan waamicha dhiyeessee ture.
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un baay'ee dhukkubsachuu hin hafne jedhame otoo hamatamuu, hawaasatti mul’achuudhaan yaaddoo Covid-19 fi obonboleettiin uumee qolachuuf qondaalonni biyyattii qophaa’uu akka qaban akeekkachiise.
Obonboboleettiin Taayifuun Beevi jedhamu xumura torba kanaatti Kooriyaa Kaabaa haleeluuf akka jirutu eegama jira.
Yaa’ii seera baastuu paartii koministii biyyattirratti Kiim tamboo aarsaatuma,‘’vaayirasiin balaafaman kun akka biyyattii hin seenne ittisuuf hanqachaa jirra’’ jechuun ibsa bal’aa kennuurraa of qusate.
Kooriyaan Kaabaa yeroo dheeraaf koronaavaayirasiin akka biyyattii hin seenne beeksisaa turtus, ogeeyyiin shakkii qabachuu ibsaa turan. Namni tokkichillee vaayirasichaan qabame jiraachuu biyyattiin hin gabaasne.
Amma garuu midyaaleen biyyatti deddeebi’anii namni vaayirasichaan qabame 'hin jiru' jechuu erga dhiisanii torban baay’ee lakkoofsiisaniiru.
Namni vaayirasichaan qabamuun shakkame tokko tibbana karaa Kooriyaa kibbaan wal daangessaanirratti argamuun erga himamee naannichattis sochiin namaa daangeffameera.
Kiim hawaaasatti kan mul’ate garuu dhukkubsannaan aangoo hojii muraasa obboleettiisaa Kiim Yo-joongitti dabarsuu hin hafne jedhame hamatamuu hordofeetu.
Kanaan duras irra deddeebiin fayyaa dhabeera jedhamee hamiin irratti dhiyaatu dhara ta’e argameera.
Boolti guyyaa dhalootaa ganna 34ffaa biyya dhalootasaa Jamaayikaatti torban darbe namoota walitti qabuun wajjin kabajee.
Sana booda Sambata koronaavaayirasiin qabamuuf dhiisuu baruuf qoratameetu adda of baasee ture.
Bakka bu’aan isaa CNN'tti akka himetti, Boolti vaayirasichaan qabameera garuu, mallattolee dhibichaa hin agarsiisu.
Yuzeyiin Boolti otoo fiigicha hin dhaabiin dura Olompikii saddeet injifateera, dorgommii fiigicha chaampiyoonaa idil-addunyaa 11 injifachuun meetira100 fi 200 irratti galmee addatti qabuun atileetii beekamuudha.
Ministirri Muummee Jaamayikaa Andiriiw Holiniis, ta’iin guyyaa dhaloota Boolti kabajuuf namoonni walitti qabamuusaanii akka poolisiin qoratee gabaasu dubbatan.
Atileetiin Jaamayikaa Yuzeyiin Boolt dorgommii fiigichaa Chaampiyoonaa idil-addunyaa magaalaa Landanitti dorgome booda fiigichas dhiisee soorama of baase ture.
Boolti dorgommii kubbaa miilarratti hirmaachuuf kilaba kubbaa miila Awustiraaliyaa tokko wajjin shaakala bara 2018 jalqabuus, boodarra dhaabuunsaa ni yaadatama.
Lolaa kaaba Afgaanistaanitti mudateen yoo xiqqaate namoonni 70 yoo du’an, namoonni heddu ammoo madaa’aniiru.
Lolichi guyyaa kaleessaa osoo namoonni hirribarra jiranii magaalaa Chariikaaritti mudate.
Lolaa kanaan miidhamtoonni hedduunsaanii daa’imanii fi durbartoota akka ta’an dubbi himtuun magaalichaa Waheedaa Shakaar dubbataniiru.
Lakkoofsi namoota du’anii ni dabala jedhamee eegama.
Bulchaan Parawaan, Fazluuddiin Ayaar ammoo “namoonni dhibbaan laakka’aman du’uu hin oolle” jechuun miidiyaalee biyya keessaaf himaniiru.
Suuraaleen Chariikaar irraa dhufan yeroo namoonni meeshaalee isaan jalaa bade barbaadan mul’isu.
“Maatiin lama ammallee dhoqqee keessatti badaniiru,” jechuun jiraataan Chariikaar Abdul Majiid jedhaman miidiyaa biyya keessaaf ibsaniiru.
“Ogeeyyii lubbu baraarsarratti bobba'an heddu barbaanna,” jedhan.
Pirezidantiin biyyattii Ashraaf Gaanii, miidhamtootaaf saffisaan gargaarsi akka taasifamu ajajaniiru.
Kutaalee kaabaa fi baha biyyattii yeroo baay’ee ji’a gannaa keessaa roobni cimaan waan roobuuf lolaadhaaf saaxilamoodha.
Ji’uma kana keessatti baha Nangaarhaaritti namoonni 16 sababa lolaa lubbuusaanii kan dhaban yoo ta’u, hedduunsaanii daa’imman turan.
Dhaabotni UK gurguddoo shantama tahan gaaffii BBC irraa dhiyaateefin hojjettoota isaanii hojii guyyaa guutuuf yeroo dhihooti waaajiratti akka hin deebisne himan.
Dhaabotni 24 hojjettoota isaanii waajjiratti deebisuuf karoora akka hin qabne himu.
Kan hafan 20 immoo hojjettoota manaa hojjechuu hin dandeenyeef waajira isaanii banaa akka godhan himan.
BBC'n hojjettoota baankii dha qabee, namoota dubbisuun yoom waajjiratti deebi’uuf akka eegan hubachuu yaaleera.
Hojjettoota baay’ina qaban waajiratti deebisuuf dhimmi danqaa tahe tokko dhaabotni hojjettoonni fageenya ofii eeggatanii akka hojjetaniif haala mijeessuu waan rakkataniifi.
Dhaabotni baayyeen warreen manaa hojjetaniifis tahe kan waajjira dhaquu fedhaniif filannoon akka dhiyaate himu, keesumaa immoo hojjettoota baankiif.
Dhaabotni muraasni hanga arfaasaatti waajjira banuuf karoora akka hin qabne himu.
''Fesbuukiin illee hanga baatii Adoleessaa 2021tti hojjettoota deebisuu karoora akka hin qabne himeera.''
Ol iyyannoo abbaan alangaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhiyeessen Obbo Dajanee Xaafaa fi namootni galmee isaanii keessa jiran sadii mirgi wabii isaanii yeroof dhorkamee akka turu ajajame.
Wiixata Hagayya 18 bara 2012 Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa qondaala KFO Obbo Dajanee Xaafaa, gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo, Koorsaa Dachaasaa fi Mishaa Adam mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman murteessee turullee ol iyyannoo abbaan alangaa dhiyeesseen osoo hin hiikamin hafaniiru.
Abbaan alangaa mirgi wabii namoota kunneenii eeggamuu hin qabu, himata hundeessuufis guyyaan 15 naaf yaa kennamu jechuun Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddacha ramaddii Araadaatti iyyatus iyyannoon isaa fudhatama waan hin arganneef Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti ol iyyachuusaa abukaatoon shakkamtootaa Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCti himaniiru.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa (Kibxata) shakkamtootni Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti argamutti kan dhiyaatan yemmuu ta’u, “abbaan alangaa himata hundeessuuf guyyootni 15 naaf yaa kennamu. Hidhamtootnis gadhiifamuu hin qaban jechuun yemmuu iyyatu nuti immoo dhimmi namootni kun ittin shakkaman kan mirga wabii dhorkisiisu miti kanaaf hiikkamuu qabu jennee falmine,” jedhan Obbo Dajaneen.
“Guyyaan 15 kennamuu hin qabu. Guyyaan tokkoyyuu kennamuu hin qabu. Dhimmichi ni himachiisa yoo ta’e abbaan alangaa mana murtii aangoo qabutti himachuu qaba malee kan manni murtii yeroo kennuufii qabu miti jennee mormine,” jedhan.
Obbo Dajanee Xaafaa, Guyyoo Waariyoo, Koorsaa Dachaasaa fi Mishaa Adam ajjeechaa Haacaalun walqabatee jeequmsi akka ka’u kakaasuun shakkamuu isaanii abukaatoon isaanii Obbo Dajanee yaadachiisaniiru.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda, abbaan alangaa hanga Hagayya 25 bara 2012ti himata akka qaqqabsiisu yoo kuni hin taane garuu, Hagayya 25 booda bu’uura mirga wabii Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa murteesseen shakkamtootni akka gadhiifaman ajajuusaa Obbo Dajanee Fiqaaduu himaniiru.
Manni murtichaas dhimma Obbo Dajanee Xaafaafaa irratti beellama guyyaa shanii kennuun Hagayya 25 bara 2012ti beellama qabateera.
Dhaabbatni Ittisaa fi To’annoo Dhukkubaa Afrikaa (CDC)n biyyooti Afrikaa lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin miiliyoona 1.2 guutuuf jirti jedhe.
Dhaabbatichi hanga yoonaa namoonni 1,196,710 tahan vaayirasichaan qabamuufi 28,014 tahan lubbuu dhabuu himeera.
Afrikaan Kibbaa namoota vaayirasichaan qabaman 611,450 qabaachuun yoo dursitu, Masrii 97,478, Morookoo, 53,252, Naayijeeriyaa 52,548, Gaanaa 43,622, Itoophiyaa 42,143 fi Keeniyaa 32,803 qabaachuun wal duraa duubaan jiru.
Afrikaan Kibbaa vaayirasii kanaan akka malee kan miidhamte yoo tahu, biyyooti kaabaa fi lixa ardii kanaatti argaman sadarkaa lammataa irratti kan miidhaman yoo tahu, Gidduugalaa fi Baha Afrikaa immoo lakkoofsa gad-aanaatu galmaa’e.
CDCn biyyootni weeraricha to’achuu irratti akka dhimmamaniifi baay’inaan akka qoratan gorsaa ture.
Dhihoo kanas qorannoo ‘antibody’ jalqabsiisuun biyyoota ardii kanaa vaayirasichi hangam akka miidhe hubachuuf hojjechaa jira.
Haati warraa Doonaaldi Tiraampi, Meelaaniyaa Tiraampi, dhimma jibba sanyummaa irratti waamicha onneerraa tahe dabarsite.
Haati warraa Doonaaldi Tiraampi, Meelaaniyaa Tiraampi, dhimma jibba sanyummaa irratti waamicha onneerraa tahe kana kora paartii Rippaablikanotaa irratti dhaamte.
Dubbii Waayit Haawus keessatti taasifteen ‘’ jeequmsaafi saamicha dhaabaa,’’ jechuun dubbatte.
Erga poolisiin nama guurraacha biraa magaala Wiskonsin keessatti rasaasaan rukute mormiin itti fufuun poolisii waliinis walitti bu’aniiru.
Meelaaniyaan lammiilee Ameerikaa sanyummaa fi dhimma seenaa US darbe irratti waan dubbatamuun tilmaama kennuu dhiisuu qabu jette.
Tiraampi boru xumura kora paartii isaanii irratti dubbii ni taasisu.
Meelaaniyaan akkuma hunda keessanii dhimma sanyummaa jeequmsa dhalate irratti anis yaadakoo ibsadheera.
Dhugaa nama dhukkubsudha. Seenaa keenyaan boonaa hin jirru. Isa darbe irraa barannee waan fuulduraa irratti haa xiyeeffannu jette.
Ministirri haajaa biyya keessaa Firaans mudhii ol qullaa ta’anii aduu qaqqaammachuun rakkoo hin qabu jedhan.
Ministirichi kana kan jedhan erga poolisiin garee dubartootaa mudhii ol qullaa taa’anii aduu qaqqaammatan akka wayyaa ofirra buusan gaafateen booda dha.
Dubartoonni sadiin qarqara galaanaa Seent Meerii Laameer, mudhii ol qullaa tahuun aduu qaqqaammatan kunneen maatii achumaa bashannanaa jirantu isaan himate jennaan poolisiin gaaffii isaaniif dhiyeesse.
Poolisiin dubartoonni kunneen wayyaa akka uffatan gaafachuun komii irratti kaaseera.
Dubartoota kunneen deeggaruun ministirchi, Geraald Daarmaaniyaan: ’’Bilisummaan miya gatii jabeessa dha,’’ jedhan.
Dubartoonni kunneen wayyaa akka uffatan gaafatamuun sirrii hin turres jedhan.
Seerri bulchiinsa magaalaa biyyattii kamiyyuu mudhii ol qullaa tahanii aduu qaqqaammachuu hin dhorku.
Dubbii himtuun poolisii naannichaa Letenaant Koloneel Maadii Sheerar illee poolisii komatte. ‘’Ana yeroo hunda uffata danbiin na argitu, qarqara galaanaatti mudhii ol qullaa tahanii aduu qaqqaammachuun eeyyamamaa dha,’’ jette.
Qorannoon akka agarsiisutti, akkanatti aduu qaqqaammachuun biyyoota Awurooppaa kaanirra Firaansitti baramaa miti.
Maalweeriin yookiin softiweeriin miidhaa geessisu - kan heeyyama fayyadamtootaan alatti tajaajiloota garagaraatiif galmeessu, Afrikaatti mobaayiloota kumaatamatti lakka'aman irratti argame.
Dhaabni to'annoo saamichaa 'Upstream' jedhamu, koodiin miidhaa geessisu kun bilbiloota Tecno 53,000 irratti argameera jedha.
Kunis biyyoota Itoophiyaa, Kaameroon, Masrii, Gaanaa fi Arikaa KIbbaa keessatti.
Kaampaaniin bilbiloota kanniin oomishu Transhiin garuu, kun kan fe'ame beeksumsa koon alatti, erga warshaa keessaa bahedha jedheera.
Aappistriim [Upstream] garuu dhaabichi kutaalee hawaasaa ''haalaan saaxilamoo'' tahan irratti miidhaa geessisaa jira jedha.
''Malware kun dursa bilbiliharra fe'amee dhufuun, namoota miiliyoonota kanneen galiin isaanii gadaanaa tahe bira gaha. Kunis indastriin to'annoo saamichaa rakkoo hangamii mudachaa akka jiru kan mul'isudha,'' jedhe dhaaba 'Upstream' irraa ka tahe Joofirii Kiliifsi.
Maalweeriin bilbiloota ismaartii irratti mul'ate kun 'Triada' ka jedhamu yogguu tahu, koodii summaawaa tahe 'xHelper' jedhamu irratti fe'a.
Koodiin kunis tajaajiloota itti galmaawan (subscription) irratti ofiisaa galuun, heeyyama fayyadamtootaan alatti gaaffii dhiyeessa.
Gaaffiin dhiyeessees fudhatama ni argata taanaan, maallaqa namoonni namoonni guutanii qaban jalaa fayyadama yookaan nyaata.
Walumaagalatti dhaabanni 'Upstream', ''sochiilee shakkisiisaadha,'' jedhe bilbiloota ismaartii Tecno 200,000 ol irratti argachuusaa ibseera.
Qondaalonni Rippaabilika Dimokiratwaa Koongoo weerarri guddaan dhibee Gifiraa lubbuu ijoollee 7000 galaafate amma dhaabbateera jedhan.
Yaaliin weeraricha dhaabuu rakkoo dhiyeessii meeshaalee wal’aansa fayyaa fi walitti bu’insa bbiyyicha keessaan gufataa ture.
Ogeessonni fayyaa akka jedhanitti lakkoofsi namoota du’anii isa gabaafameen ol tahuu danda’a.
Ibsa miidiyaaf magaalaa Kinshaasaatti kenname irratti ministeerri fayyaa biyyattii Eteenee Logonda dhibeen gifiraa amma biyyattii keessa hin jiru jedhan.
Deeggartootni fayyaa idila addunyaa kana sichi kan mirkaneessan tahee garuu ibsichi kan kenname erga talaalliin ijoollee yoo xiqqaate miliyoona 18 taatuuf kennameeti.
DRC’n waggoota kurnan darbaniif weeraroota irra deebiin ka’an akkasiif saaxilamtee dhibeen gifiraa kun ammoo ji’a Waxabajjii keessa dabalaa dhufe.
Ogeessonni fayyaa hanqina meeshaalee tajajila fayyaa waliin weerara akka gifiraa, pooliyoo, Iboolaa, Koleeraa fi Buboonik jedhaman ittisuuf dhama’aa turan