Arba du’a hiriyyaasheen gadditeef qorichi kennamuufi
Arba Afrikaa magaalaa guddoo Poolaand keessatti argamtuu Fireedziyaaf barri kun gaarii hin turre.
Baatii Bitootessaa keessa arbi hangafti hoomaa Ernaa jedhamtu duunaan lakkoofsi arbotaa kunuunsa beeladootaa keessa jiranii sadii tahe.
Keesumaa immoo duuti Ernaa hiriyyaashee Fireedziyaa gaddaa fi dhiphinaaf saaxile.
Warreen arboota kana kunuunsan erga Ernaan duutee amalli Fireedziyaa geeddaramuu hubatan.
‘’Mallattoon dhiphinaa Fireedziyaan agarsiistu arba kaan waliin hariiroo uumuuf ishee rakkiseera.
''Arbooti hangafaa yeroo du’aan dhaban deebisanii bayyanachuuf ji’aa fi waggaa itti fudhachuu danda’a,’’ jetti hoggantuun dhaabbata kunuunsa arbaa Waarsaw Agneezkaa Kaazjuwaaskaa
Akkanatti gadduun Fireedziyaa dhaabbatni kunuunsa bineelsootaa kun qoricha haaraa akka yaaluuf carraa baneera
Hoggantuun dhaabbatich Agneezkaan dhangala’aan biqiltuu Kaanaabis irraa kan argamu yoo tahu dhiphina hir’isuu danda’a taanaan Fireedziyaa irratti yaaluuf jedhu.
Dhangala’aan ‘CBD oli’ jedhamu kun hormooniiwwan serootooniin fi doppaamiin maddisiisan ni dammaqsa jedhameetu yaadama.
Hormonniiwwan kun sammuu keessatti kan argaman yoo tahu mukaa’uufi dhiphina hir’isuutiin beekamu
Arbi kun dhangala’aa kana fudhachuun kan jalqabaa yoo taatu hordoffiidhaafis nama hin rakkistu jetti hoggantuun dhaabbatichaa.