Burundiitti hidhattoonni yoo xiqqaate nama 15 ajjeesan
Kibba Burundiitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu akka hin oolle gabaafamaa jira.
Haleellaan kun Kutaa biyyattii Rumoongee jedhamu Aanaa Bugaraanaa jedhamu keessatti Dilbata darbe eegalee hanga Wiixataatti itti fufee ture.
Namoonni hedduun qe'ee gadi dhiisanii baqatanii bosonaa keessa jiru.
Gareen finciltootaa biyya ollaa DRC keessa maandheffatan nutu haleellaa raawwate jechuun marsaalee hawaasaa irratti maxxansaniiru.
Aanga'aan mootummaa olaanaa tokko haleellaan kun namoota bara 2017 hokkora sodaa Ruwaandaatti baqatan gara Burundii deebisuun wal qabata jedhan.