Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Covid-19 sammuu keenyarratti miidhaa akkamii geessisuu mala?

  2. Koriyaa Kibbaatti lammiileen of-eeggannoo Covid-19’f godhamu dhiisuun mormiif ba’ani

    Namoota hiriira mormiirra jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiileen Kooriyaa Kibbaa kumaatama hedduun dhimmoota garagaraa irratti sagalee dhageessifachuuf osoo of-eeggannoo koronaavaayirasii hin taasisin mormiif daandiitti ba’aniiru.

    Hoggantoonni fayyaa lakkoofsi vaayirasichaa dabalaa yeroo jiru kanatti osoo kun ta’uu baatee wayita jechaa jiranitti kuni kan ta’e.

    Namoonni haaraa 166 vaayirasichaan qabamuun har’a kan gabaafame yoo ta’u, baatii shanii as lakkoofsi kun isa guddicha ta’eera.

    Anga’oonni magaalaa Sewuul hiriirota hedduuf hayyama gaafatame dhorkii vaayirasichaaf kaa’ame darbaniiru jechuun mana murtiin dhorkisiisuu danda’aniiru. Warreen hafan garuu hayyamni kennameeraaf.

  3. Biyyoonni Baaltik Beelaaruus irra deebiin filannoo akka gaggeesitu gaafatan

    Hiriirtota magaalaa Minisk

    Madda suuraa, Reuters

    Qondaaltonni biyyoota miseensa Baaltic ta’an kanneen akka Laatiiviyaa, lituweeniyaa fi Istooniyaa Beelaaruus irra deebiin filannoo akka gaggeessitu gaafatan.

    Biyyattiin bu’aa filannoo daba qabu, kan hawaasa goolaa jiru haqxee filannoo haqaa fi bilisa ta’e gaggeessuu qabdi jedhan.

    Biyyoonni kunneen ibsa waliin kennanniin filannoon irra deebiin filatamu kun bakka taajjabdoonni idil-addunyaa jiranitti ta’uu qaba jedhan.

    Filannoo Dilbata darbe(09,08,2020) gaggeeffamerratti Pirezidaantiin biyyattii Alexander Lukashenko erga injifachuusaanii ibsatanii booda hookkarri walirraa hin cinne Beelaaruus mudateera, namoonni hedduun miidhamaniiru.

    Erga bara 1994 as aangoorra kan jiran Aab Lukashenko filannoo tibba darbee irratti sagalee kenname keessaa %80.1 argachuun morkattuu isaanii Svetlana Tikhanovskaya (sagalee %10.12) injifachuu Komishiniin Filannoo biyyattii ibseera.

    Morkattuun kun garuu harka 60-70 akka argatanii fi sagaleen kenname shiraan waliin dhahameera jechuun morman.

    Ergasaan mormuun gara Lituweeniyaa baqataniis mormiin addaan hin cinne.

    Hooggantuun paartii mormituu kun har’aa fi bor hiriirri akka itti fufus waamicha dhiyeessaniiru.

  4. Ittiiqaa Tafarii koroonaavaayiras irraa dandamate

    Waraqaa ragaa

    Madda suuraa, Ittiiqaa Tafarii

    Koroonaavaayirasiin qabamee Galma Barkumeetti wal'aansarra kan ture weellisaa Ittiiqaa Tafarii dandamachuun beekame.

    Waraqaan ragaa gidd-gala wal'aansaa Covid-19 irraa wal'aansa hordofaa turuun bilisa ta'uusaa ibsu miidiyaalee hawaasummaarra naanna'aa jira.

    Ittiiqaa Tafarii turtii torbee darbe BBC waliin taasiseen, nageenya isaatiif yaaddoo waan ta'eef manatti galee wal'aansa akka itti fufu taasifameera jechuun dubbatee ture.

  5. Raashiyaan oomisha tallaallii haaraa eegalte

    Putiin

    Ministeerri Fayyaa Raashiyaa talaalli Covid-19 haaraa argatan oomishuu akka eegalan ibse.

    Minsiteerri kun ibsa baaseen xumura ji'a kanaarratti talaalliin kun ni dhiyaata jedhe.

    Ogeeyyiin fayyaa hedduun Raashiyaan ariitiidhaan dawaa haaraa kana oomishtee dhiyeessuuf jettee of-eeggannoo godhamuu qabu laaffisaa jirti jedhan.

    Raashiyaa keessatti ogeeyyiin fayyaa hedduunsaanii talaallii haaraa kanarraa amantee hin qabnu jechuun talallicha hin fudhannu jechaa jiru.

    Pireizdaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin talaalliin kun ulaagaalee hedduu keessa darbee as ga'e, bu'a qabeessuummaansaas mirkanaa'eera jedhanii turan.

    Intalliisaanii talaallii kana fudhachuus himanii turan.

    Raashiyaan kabaja saatalaayitii jalqabaarraa ka'uun maqaa talaallii haaraa kanaa 'Sputnik V' ittiin jette.

    Ispuutiniik jechuun afaan Raashiyaatiin saataalaayitii jechuudha.

  6. Riikoordiin Qananiisaa atileetii Yugaandaatiin cabe

    Atileetii Yugaandaa Chepcheegee

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Chepcheegeen barana qofa riikoordii lama cabse

    Lammiin Yugaandaa Cheepteegeen, Daayimandi Liigii Moonaakootti geggeeffamerratti riikoordii fiigicha meetira 5,000 kan waggoota 16’f qabamee ture sekondii lamaan kan cabse.

    Meetira 10,000’n Doohaatti wayita injifate riikoordii kana fooyyessuuf akka yaalu dubbatee kan hin milkoofneef atileetiin ganna 23 kun, fiigicha kaleessaa irratti daqiiqaa 12 fi sekondii 35.36’n galuun injifate.

    Riikoordiin kana duraa Qananiisaa Baqqalaan daqiiqaa 12:37.35’n qabamee ture.

    Cheepteegeen baruma dhibeen addunyaa unkuraa jiru kanatti, Moonaakootti yeroo lammaffaaf riikoordii cabsuu isaati.

    Guraandhala darbe riikoordii meetira 5,000 kan piriinsiippaaliitii cabsee ture.

    "Moonaakoon bakka adda riikoordiiwwan addunyaa itti cabsuu danda’udha, yeroo namoonni hedduun mana keessa turaa jiran kanatti as ga’uuf hojii guddaa hojjachuutu narra ture’’ jedhe.

  7. Afriikaa Kibbaatti erga weerara koronaavaayirasiitii as yakki hir'ateera

    Poolisii dhaabbatee jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Sababa weerara koronaavaayirasiitiin erga uggurri sochii uummataa labsamee ji'oota sadan jalqabaa keessa yakki raawwatame kan duraan ture irraa %40n hir'ateera jedha mootummaa Afriikaa Kibbaa.

    Ebla,Caamsaa fi Waxabajjii keessa yakkoonni akka gudeeddii fi ajjeechaa akkaan hir'ataniiru jedha Poolisiin biyyattii.

    Dhowwamuun dhugaatii alkoolii hir'achuu yakkaaf sababa ta'us, garuummoo kubbaaniyyaawwan alkoolii oomishanis haleelamuun ammoo yakka biraa wayita weerara kanaa dhalatee tureedha.

    Afriikaan sadarkaa yakkaan addunyaarraa sadarkaa qabdi.

    Lakkoofsa namoota Ardii Afriikaa keesatti Covid-19'n qabaman keessaa walakkaa ol Afriikaa Kibbaa keessatti qabaman.

    Afriikaa Kibbaatti namoonni 500,000 caalan koronaavaayirasiin qabamanii, 11,000 kan caalan ammoo du'aniiru.

  8. Afriikaattii kalaqawwan 10 Covid-19 ittisuuf kalaqaman

  9. US boba'aa barmeela miiliyoona tokko caalu Iraan irraa fudhatte

    Doonii qabamte

    Madda suuraa, Ministeera Haqaa US

    US boba'aa barmeela miiliyoona 1.1 ta'u kan taankaroota gurguddoo afuriin doonii Iraan irratti fe'amanii gara veenezuweelaa yabalsiifamaa turan qabdee irraa fudhachuushee himti.

    Biyyattii wayita haala kanaan boba'aa Iraan irraa fudhattu kun seenaa keessatti isa guddicha jedhameera.

    Ministeerri haqaa US akka jedhutti boba'aan walumaa galatti barmeela miiliyoona 1.1tti tilmaamamu deggersa qaamolee alaa fi keessaan qabameera.

    Waashingitan akka jettutti Iraan seera qoqqobbii US irra keesse cabsitee irra darbuun haala kanaan boba'aa gara Veenezuweelaa feete.

    Ambaasaaddarri Iraan kan Veenezuweelaa jiran ammoo dooniin sunis, abbaan qabeenyaas kan nama Iraan akka hin taane himan.

  10. Teeppiitti dhaabbileen mootummaa fi dhunfaa erga cufamanii guyyoota shan ta'e

  11. Tamsaasi kallattii keenya ya eegale

    Hordoftoota keenya akkam bultan!

    Tamsaasa keenya kan ittiin kallattiidhaan odeessaalee biyya keessaa fi alaa isin biraan geenyu eegalleerra.

    Nu hordofaa!

    Oolmaa gaarii!

  12. Obboo Dajanee Xaafaa fi Guyyoo Waariyoorratti poolisiin guyyoota dabalataa 10 fudhate

    Guyyoo Waariyoo

    Madda suuraa, Gaazexeessaan OMN Guyyoo WaariyooMADDA SUURAA,GUYYO WARIO

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo

    Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Kongirasi Federaalistii Oromoo Obbo Dajanee Xaafaa irratti manni murtii guyyoota dabalataa 10 poolisiif eeyyame.

    Gama kaaniin, gaaffii mirga wabii Guyyoo Waariyoon gaafate har’a manni murtii kuffisuu isaa abukaatoon isaa Obbo Kadir Buulloo BBC’tti himaniiru.

    Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa Guyyoorrattis guyyootni dabalataa 10 poolisiif eeyyamameera.

    Reeffi artiist Haacaaluu Hundeessaa gara maatiitti akka hin deemne ittisuu fi Finfinneetti akka deebi'u taasisuun jeequmsi akka uumamu taasistan jedhamanii kan shakkamuun obbo Dajaneen hidhaa jiru.

    Obbo Dajanee Xaafaa

    Madda suuraa, LTV

    Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Dajanee Xaafaa
  13. Kiim Joong-un Covid-19 waan sodaanneef deeggarsa hin fudhannu jedhan

    Hooggaanaa Kooriyaa Kaabaa, Kiim Joong-un

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Hooggaanaa Kooriyaa Kaabaa, Kiim Joong-un

    Balaa lolaa cimaa Kooriyaa Kaabaa mudate hordofee deeggarsa hawaaasni idil- addunyaa gumaachuu biyyattiin weerara Koronaavaayirasi sodaafu hin simannu jedhan hoogganaan biyyatti Kiim Joong-un.

    Midiyaan biyyatti akka gabaasetti, Kiim Joong-un qondaalota olaanoo biyyattiin daangaa cimee akka cufamu himananiiru.

    Kooriyaan Kaabaa amma yoonatti nama vaayirasichaan qabame hin qabnu jetti, ogeeyyiin fayyaa garuu amanuuf nu rakkisa jedhu.

    Biyyattiin rooba yandoo torbanootaf roobeen kan miidhamte yoo ta’u, balaan kun namoota 20 ol ajjeesuun, manneen 16,000 diigee mancaasera.

  14. Itoophiyaatti namootni 1038 haaraan Covid-19'n qabaman

    Sa'aa 24 darban saamuda namoota 17, 323 guutuu biyyaatti qoratame keessaa namootni 1,038 koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa ibseera.

    Namootni 13 sababa dhibee kanaan lubbuu yoo dhaban kan bayyanatan ammoo 232.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota hanga ammaatti vaayirasichi keessatti argamee 27,242, kan bayyanatan 11, 660, kan lubbuu dhaban 492.

    Ammaan tana namoota 195 irratti dhibeen kun cimuu Ministeerichi ibseera.

    Biiroon Fayyaa Oromiyaa lakkoofsa har'a akka biyyatti gabaafame keessaa 151 kanneen Oromiyaa keessatti qabaman ta'uu ibseera.

  15. Komishiiniin Awurooppaa talaallii Covid-19 fuulduratti oomishamu doozii miliyoona 400 bitachuuf

    Komishiiniin Awurooppaa talaallii Covid-19 fuulduratti kaampaniin Biritiish qoricha oomishuu Astirazenikaa jedhamurraa doozii miiliyoona 400 bitachuuf.

    Doozii tokko jechuun hamma qorichaa nama tokkoof yeroo murtaa'etti ajajamudha.

    Ibsa komishinichaa keessatti doozii mil 300 bitachuuf kan waliigalan wayita ta’u, doozii mil 100 biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 bakka bu’uun bitachuufi.

    Komishinichi kaampaanii mala saayinsawaatiin talaallii omishuuf jira jedhu kana deeggaruudhaan, saffisaan oomishamee gamtaa Awurooppaa akka walgahuuf murtoo kanarra qaqqabuu ibse.

    Kanaan duras kampaanii Faarmaa jedhamu wajjin gartuun biyyoota akka Jarmanii,Faransaay, Nezerlaand fi Itiliin keessatti argaman dhiyeessi dawaarratti waliigalanii turan.

    Waliigalteen haaraan kun yeroo turtii hangamii akka qabaatu garuu waanti beekamu hin jiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  16. 'Hamma ho’a qaama sakatta’uun qorannoo Covid-19 amansiisa miti'- Faawuchii

    Dr Antoonii Faawuchii

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr Antoonii Faawuchii

    Hakimni to’annoo koronaavaayirasii Ameerikaa dursan Antoonii Faawuchii akka jedhanitti,hamma gubaati qaama namaa sakata’uun vaayirasichaan qabamuufi dhiisuu agariisuuf qorannoo amanamaa mitii.

    Karaa Feesbuukii kallattiin dhiyaachuun jaarmiyaan to’annoo dhibeewwaan daddarboo fi Alarjii Ameerikaa fi Waayit Haawus ho’aa qaama sakatta’uu dhiisaniiru jedhan.

    Kaampanoonni addunyaarra jiran hedduun nama alarraa garasaaniitti ol seenan ho’aa qaama safaranii olgalchuu jalqabaniiru.

    Antoonii Faawuchiin jaarmiyaan fayyaa biyyaleessa Ameerikaa ho’aa qaama sakatta’uun‘’harka caala sirrii akka hin taane’bira qaqqabeera jedhan.

    Yeroo qusachuuf yoom dhufte jedhanii nama gaafatanii ol galchuutu caala jedhan hakiimni to’annoo koronaavaayirasii Ameerikaa dursan Antoonii Faawuchiin.

  17. Magaalaa guddoo Gaambiyaatti qorannoon Covid-19 tolaan kennamuufi

    Magaalaa guddoo Gaambiyaa uummata 400,000 qabdu Baanjuulitti torbeetti namoonni 100 qoratamuufi.

    Kantiibaan magaalattii Roheey Lowii qorannoon kun kaffaltii maallaqaarra bilisaanii jedhan.

    ‘’Haala fayyummaa keenyaa baruun maatii,hiriyaa fi hawaasa keenya eeguuf gargaara. Qorannoo kana torbanitti kan taasisne guyyaatti qorachuuf humna namaa gahaa ijaa hin qabneefi,’’ jechuun BBCtti himaniiru.

    Sirni fayyaa dadhabaa Gaambiyaa weerara kana dandamachuuf wal’aansoo keessa jira. Pirezidantiin biyyattii torbee darbe labsii yeroo muddamaaa labsuun daangaa lafaafi qilleensaarra cufaniiru.

    Guyyoota 21f immoo namoonni halkan akka hin sochooneef ugguraniiru.

    Biyyattiin namoota vaayirasichaan qabaman 1,500 kan qabdu yoo tahu,lakkoofsi kun ni dabala yaaddoon jira.

    ‘’Magaalaan Baanjuul keessa buufatni doonii bakkeewwan hawaasni waloon itti dhimma bahutu jira. Erga labsii yeroo muddamaa as seeroti itti dhukkubicha ittisuuf gargaaran akka eegaman gochaa jirra,’’ jedhan kantibichi.

    Magaalaa Guddoo Gaambiyaa, Baanjuul

    Madda suuraa, Anadolu

  18. Dawaan pirezedantiin Madagaaskar Covid-19 ittisa jedhan weerara vaayirasicha dhaabu dadhabe

    Pirezedantii Madagaaskar Andirii Raajoliinaa

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantii Madagaaskar Andirii Raajoliinaa

    Hospitaalonni Madagaaskar lakkoofsa namoota koronaavayirasiin qabamanii saffisaan ol dabale wajjin muddama keessa seenan.

    Pirezedantiin Madagaaskar Andirii Raajoliinaa garuu dawaa biqilturraa qophaa’u Covid-19 fayyisuu danda’uun isaa hin mirkanoofne namoonni akka dhugan jajjabeessaa turan.

    Dawaa biqiltuu Artimesiyaa jedhamurraa oomishame fi qabiyyee ittisaa busaaf oolu ofkeessaa qabu kana jaarmiyaa qorannoo Malaagaasitu oomishe.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu yeroo sanattis dawaa ta’uun isaa otoo hin mirkanaa’iin namoonni akka itti hin fayyadamne akeekkachisaa ture.

    Ji’a darbe keessa biyyatti keessatti lakkofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dachaa afuriin dabalee,13,0000 qaqqabeera. Namoonni 162 du’uun naannolee biyyattiin qabdu hundatti vaayirasichi tamsa’eera.

    Ji’oota afran darban vaayirasicha namarra ittisa jedhameetu dhugaatiin biqilturraa qopha’ee kun ijoollee barataniif kennamurra darbee, gabaaf dhiyeeffamees ture.

  19. Facebook BBC Afaan Oromoo - 500,000, BAGA GAMMANNE! BAGA GAMMADDAN!

    500,000

    Haala viidiyoo kanarratti mul'atun hiriyoota keessan affeeraa (invite tolchaa).

  20. Warshaan seeraan ala dhugaatii wayinii oomishu kolleejjii keessatti argame

    Zaambiyaa magaalaa Lusaakaa, kolleejjii guddicha biyyattii keessatti, warshaan seeraan ala dhugaatii wayinii oomishu argame.

    Qondaaltonni mootummaa biyyattii warshaa kana cufsiisaniiru.

    Jalqaba wayita fooliin alkoolii wayinii mooraa kolleejjichaa jeequ Hooggantuun Kolleejjichaa Evelyn Hone akka iyyatanii fi isa booda eeruu kanarratti hundaa'uun, qondaaltonni fayyaa akka saaxilan marsariitiin 'Lusaka Times' jedhamu gabaaseera.

    Akka gabaasa marsariitii kanaatti abbaan qabeenyaa warshichaa dhugaatii wayinii jalqabaa hanga dhumaatti bakkuma sanatti oomishaa ture.

    Abbaan qabeenyaa kun karaa seera qabeessa ta'een eyyama argatee hojjechuu waan hin dandeenyeef, tarkaanfii akkanaa fudhachuu dubbate.

    Marsariitiin kun wayita warshaan kun marfamee cufsiifamu suuraa agarsiisu Twitter irratti maxxanseera:

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X