Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan yaaddoo biyyoonni talaalliisheen qopheessiterratti qaban ‘fudhatama hin qabu’ jette

  2. Manni murtii shari'aa Naajeeriyaa nama gudeeddii raawwaterratti du'a murteesse

    Haada fannifameeru

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni murtii Shari'aa Naajeeriyaa magaalaa Kaanoo jaarsa shamarree ganna 12 igudedede irratti murtee du'aa murteesse.

    Dubbi himaan mana murtii Shari'aa magaalaa Kaanoo BBCtti akka himanitti, jaarsi ganna 61 bara 2019tti baadiyyaa keessatti shamarree kana muka jalatti gudeeduusaatiin kan murteen du'aa irratti murtaa'e jedhaniiru.

    Jaarsi fuudhanii maatii ofiisaanii qaban kun akka Shari'aa Islaamaatti dhakaadhaan rukutamanii akka du'an kan murteen darbe.

    Yakkamaan kun ol iyyannaa galfachuuf guyyoota 30 qabu.

    Murteen du'aa kun yeroo magaalattii keessatti torbee tokkotti mana murtii Shari'aatiin darbu isa lamaffaadha.

    Guyyaa Wiixataa weellisaan Nabiyyuu Mahaammad weelluusaatiin arrabse murteen du'aa irratti murtaa'eera.

    Kaanoon bulchiinsota Naajeeriya heddu keessaa magaalaa seera Shari'aatiin bultudha.

    Bulchiinsichis seeraa biyyattiifi Shari'aa waliin adeemsisuun waggoota 20 dabarsaniiru.

    Asiin dura murteen du'aa baay'een kan darbe ta'us tokko qofadhaan kan hojiirra oolfame.

  3. Kora Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraarratti dubbiiwwan ijoo ka'an maal turan?

  4. Manneen hidhaa naannoo Oromiyaatti yaaddoon koronaavaayirasii dabalaa dhufe

  5. YOOYYAA! Tamsaasa kallattii Hagayyaa 13, 2020

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa keenya kallattii oduuwwan gaggabaaboo jala jalaan isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

  6. Gabaasni kallattii Roobii goolabameera

    Hordoftoota keenyaa gabaasni kallattii Roobii goolabameera, sa'aatiiwwan muraasa booda ni deebina.

    Nagaan turaa!

  7. Awaannisni hoomaa maalif akka uumu barre jedhan Saayintistoonni

    Awaannisa

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaa dabalatee biyyoota baay’ee keessatti hoomaan Awaannisaa midhaan mancaase

    Saayintistoonni keemikaala feromiin, kan awaannisni akka hoomaa uumuuf ka’umsa ta’e jiraachuu qorannoon irra geenye jedhan.

    Ji’oota muraasa kanatti Itoophiyaa fi Keeniyaa dabalatee biyyoota baay’ee keessatti midhaan hoomaan ilbisaa kun balleesseera.

    Qorattoonni qorannoodhaan akka adda baasu himanitti,ilbisni kun foolii akka urgooftuutti adda ta’e wayita walitti dhiyaate gadhiisa.

    Fooliin kunis awaannisota biroo dammaqsuun, isaaniis foolii walfakkaatu akka gadhiisaan dammaqsa. Kanatu hoomaan awaannisaa guddaan akka uumamu taasisa.

    Saayintistoonni argannoon kun dhala sanyii awaannisaa caasessuun dhaamsa foolii feromiin akka hin fudhanne godhuun,weerara ilbiisni kun qaqqabsiisu qolachuun ni danda’ama jedhan.

  8. Sudaan kibbaa qawwee hiikkachisuutti namoonni 127 ajjeefaman

    Sudaan Kibbaa

    Loltoonni Sudaan Kibbaa jiraattota qawwee qabanirraa hiiksisuuf wayita yaalanitti walitti bu'insa uumameen lubbuun namoota 127 darbuu dubbi himaan waraana biyyatti Mejar-jeneraal Lul Ruhayi Kohang himan.

    Walitti bu'iinsa loltootaa fi jirattoota qawwee hidhatan gidduutti dhalateen jiraattoonni 82 wayita ajjeefaman, 46 loltoota mootummaan bobbaasetu ajjeefame.

    Walitti bu’iinsi kunis giddugaleessa magaalaa Tong bulchiinsa Warraap keessatti kan uumame yoo ta'u, namoota saamicha horii fi walitti bu’insa hawaasaa keessatti qooda qabaniirraa qawwee hiiksisuutti mudate.

  9. Itoophiyaatti namoonni haaraan 943 Covid-19 qabamuun, 23 lubbuun darbe

    Guyyaa tokkoo keessatti Itoophiyaatti namoonni 943 Covid-19 haaraa qabamuun, 23 lubbuun darbe.

    Saamuda qoratame 14,540 keessatti namootni kunniin vaayirasicha qabaachuun kan mirkanaahe.

    Waliigalatti namoonni Itoophiyaatti vaayirasichaan qabaman 25,118 wayita qaqqabu,Namoonni sababa vaayirasichaan du’an 463 gahaniiru.

    Namoonni 338 dhibicharraa bayyanachuus Ministirri fayyaa Dr Liyaa Taaddase ibsaniiru.

    Namoonni 178 dhukkubbii jabaarra jiraachuullee ibsi guyyuu Ministeera fayyaa mul'iseera.

    Ministeera Fayyaa

    Madda suuraa, Ministeera Fayyaa

  10. Barreeffama feesbuukiirratti nabiiyyicha Mohaammad 'arrabse' mormuutti namoonni sadii ajjeefaman

    Indiyaa

    Indiyaa magaala Baangilooritti namoonni nabiyyicha Mohaammad arrabsamu mormuuf bahan poolisiin walitti bu’anii namoonni sadii ajjefaman.

    Hiriirri mormii kun gara jeequmsatti kan jijjirame, hiriirtonni waajira poolisii fi mana qondaala siyaasaa fira namticha barreeffama kana maxxanse jedhamee duratti bahuun booda ture.

    Midiyaaleen biyyatti akka himanitti, barreeffamni kun hiriira sana booda toora feesbuukirraa haqame.

    Hiriirtonni konkolaattotatti ibidda qabsiisuun, poolisoota naannicha dhaqanitti dhagaa darbachuun walitti bu’aniiru. Namoonni sadiis du’uun ibsameera.

    Hiriira Kibxata galgala kanaan poolisoonni 60 ol mada’uu komishiniin Poolisii magaalichaa ibseera.

    Poolisiin nama barreessuun shakkame dabalatee, hiriirtota 110 hidheera. Ammatti poolisiin magaalichaa haala ture to’anneerra jedha.

    Miseensi mana maree Akaandaa Sirinivaas jedhamu hiriirtoonni akka tasgabba’aan gorsuun, shakkamaa seeratti dhiyeessina jechuun mormiin kun akka qabbana’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

  11. Naamiibiyaan beenyaa duguuggaa sanyii Jarman irraa hin fudhadhu jette

    Pireezidantii Naamiibiyaafi waayiloota isaanii biroo

    Madda suuraa, President of Republic of Namibia

    Pireezidantiin Naamiibiyaa Haagee Geengoob Jarman duguuggaa sanyii bara kolonnii raawwatteef beenyaa kaffaluuf yaadni dhiyeessite fudhatama hin qabu jedhan.

    Loltoonni Jarman saboota Hereeroo fi Naamaa kumaatamaan lakkaa’aman bara 1904-1908 sababii warraaqsa farra-kolonii kaastan jedhuun ajjeesaniiru.

    Uummatni saba Hereeroo harki 75 yoo ajjeefaman, kan saba Naamaa immoo uummata walakkaatu du'e.

    Dhimma kana irratti biyyooti lamaan bara 2015 irraa qabee mari’achaa turan. Hanga yoonaa marsaa saddeet mariif taa’aniiru.

    Pireezidantiin Naamiibiyaa,’’Yaadni mootummaan Jarman miilanaa dhimma guddaaa waan hambiseef gama keenyaan fudhatama hin qabu,’’ jedhan.

    Beenyaa Jarman kennuuf jettuu irratti dhimma ifatti ibsame jiraachuu baatuus, jalqaba waggaa kanaa irratti garuu yuroo miiliyoona 10 kennuuf dhiyeessite fudhatama dhabee ture.

    Baatii Waxabajjii keessa immoo biyyattiin ifatti dhiifama gaafachuuf waadaa seentus, hanga yoonaa ifatti waan raawwatte miti.

    Pireezidaantiin biyyattii ibsa kennaniin itti fayyadama jechaa irratti waliigaluu akka hin dandeenye himu.

    ‘’Jarman jecha ‘beenyaa’ jedhu fudhachuu diddee ‘madaa qoorsuu’ kan jedhu fayyadamti kana immoo Naamibiyaan hin fudhattu jedhan.

  12. Baatii sadii keessatti odeeffannoo haqummaa hin qabneen namooti 800 du'aniiru

    Baatii jalqabaa sadii keessatti qofa oduu dogoggoraa dhimma koroonaavaayirasiin wal qabatee tamsa’een namoonni 800 du’aniiru jedha qorannoon weerara odeeffannoo irratti hojjetame.

    Namoonni 5,800 tahan immoo odeeffannoo dogoggoraa karaa miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka Feesbuukii fi Tiwiitarii irraan argataniin miidhamuun hospitaala galaniiru.

    Qorannoon kun isa Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa weerarri odeeffannoo akkuma vaayirasichaa saffisaan akka hin tamsaane akeekkachiise eerera.

    Duuti fi dhukkubsachuun kun baay’inaan kan uumame keemikaala meetaanoolifi alkoolii qodaa ittiin dhiqan dhuguudhaani. Namoonni fayyadamanis koroonaavaayirasii irraa nama fayyisa jedhanii amanu.

    Kana malees odeeffannoo gorsa fayyaa fakkaatan kanneen akka vitaaminii baayyee fudhachuun faa dhiibbaa hanga tahe qaqqabsiisuu akka hin oolle hima qorannichi.

    Weerara odeeffannoo kana gama ittisuun dhaaboti idila addunyaa,mootummaafi miidiyaan hawaasummaa hirmaachuu qabu jedha.

    Bilbila miidiyaaleen hawaasummaa irraa mul'atu

    Madda suuraa, PM Media

  13. Gareen kubbaa miilaa Baarseloonaa taphataan Covid-19'n qabame argamu ibse

    Gareen kubbaa miilaa Baarseloonaa

    Madda suuraa, EPA

    Gareen kubbaa miilaa Ispeen Baarseloonaan namoota 9 vaayirasichaan qabamuu ibse keessatti taphataan tokko argameera. Taphataan kun manatti addatti baasera, mallattoon dhibichaa irratti hin mul’anne ta'us,taphattoota buleyyii wajjinis tuttuqaa hin qabu jedhameera.

    Gareewwan kubbaa miilaa Atiletikoo Maadiriid fi Vaalensiyaanis namoonni koronaavaayirasiin qabaman lama ,lama argamu ibsan.

    Gareen kubbaa miilaa dubartootaa dubartootaa Atilitikoo caalatti miidhameera. Namootin vaayirasichaan qaban afur argamnaan garichi shakala taphaa yeroof addaan kuteera.

  14. Afriikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii haalan hir'ataara

    Namoota harka dhiqataaran

    Madda suuraa, Getty Images

    Afriikaa Kibbaa keessatti lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti Covid-19 qabamanii haalan gad bu'aara.

    Sa'aatii 24 darban keessatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 2,500 yoo ta'u, kunis lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti vaayirasichaan qabaman 15,000 irraa haalan kan gad bu'edha.

    Lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaa du'aniis gad bu'eera.

    Bulchiinsi Kwa- Zuuluu Nataal bulchiinsa yeroo ammaa vaayirasichi haalan keessatti tatamsa'aa jiruudha.

    Bulchiinsicha keessatti barattoonni fi hojjattoonni 200'tti siqan koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Namoonnis mootummaan uggura laaffisee hojiileen daldalaa fi hojiileen biroo hojiisaanii akka irra deebiin banamuuf gaafataa jiru.

    Biyyattii keessatti namoonni 566,109 vaayirasichaan yoo qabaman, 10,751 ammoo du'aniiru.

    Biyyattiinis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii walakkaa miiliyoonaa qabaachuun addunyaarraa sadarkaa shanaffaa, Afriikaa irraa ammoo sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

  15. Lammileen Keeniyaa Qoonitsilaa biyyasaanii Beeruut duratti hiriira mormiif bahan

    Lammileen Keeniyaa magaalaa guddoo Libaanoos Beeruut qoonitsilaa biyyasaanii magaalichatti argamu duratti ''biyya keenyatti deebi'uu feena'' jechuun hiriira bahan.

    Viidiyoowwaniifi suuraaleen lammiileen kun dukkana keessa waajiricha dura tataa'anii agarsiisu miidiyaalee hawaasaarratti qoqqoodamaniiru.

    Harki caalaan isaanii dubartoota hojii mana keessaa hojjetan kun erga dhoyinsa torbee darbee booda kanneen hojii isaanii dhaban yoo ta'an, fedhiin isaanii biyyatti deebi'uudha.

    Kuweetitti Ambaasaaddara Keeniyaa kana ta'aniifi kan Libaanosiillee kan hojjetan aadde Haliimaa Mohaammud, lammiilee kana biyyatti nan deebisa jechuu isaanii miidiyaaleen marsariitii Keeniyaa gabaasaniiru.

    Keeniyaa

    Madda suuraa, Ministeera Haajaa Alaa Keeniyaa

  16. Bara kana taatonni ‘Hollywood’ kaffaltii guddaa argatan eenyufaadha?

    Dwayne

    Madda suuraa, Getty Images

    Barruun waggaa waggaan qabeenya namootaa irratti gabaasa baasu, Foorbis, akka gabaasetti, Dwayne Joonsan (the Rock) taatoon jedhamu yeroo lammaffaaf bara kana nama kaffaltii olaanaa argate jedhamuun galmaa’eera.

    Duraan gosa ispoortii ‘Wrestling’ jedhamuun kan beekamu namni kun Waxabajjii bara 2019 hanga Waxabajjii bara 2020tti doolaara Ameerikaa miiliyoona 87.5 argateera.

    Kaffaltiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 23.5 ta’u kan fiilmii haaraa ‘Red Notice’ jedhamu, tibbana Neetfiliksi irratti agarsiifamuuf jedhurraa argame, kaffaltii Joonsan argate kana keessatti hammatama.

    Fiilmii kana keessatti, Joonsan, taatoo fi qindeessaa ta’uun hirmaateera.

    Kana malees kubbaaniyyaan huccuu ispoortii Joonsan oomishu ‘Project Rock’ Dwayne’f maallaqa guddaa argamsiiseera.

    Dwayne Joonsan waliin fiilmii ‘Red Notice’ keessatti taatummaadhaan kan hirmaatan Raayan Reeynooldi ammoo kaffaltii waggaatti kaffalamuun lammaffaarra jira.

    Raayan Reeynoold bara kana qofa doolaara Ameerikaa miiliyoona 71.5 giphiisaa keessa galfateera.

    Pirodiyuusara beekamaa fiilmii kan ta’e Maarki Waalbargi ammoo doolaara Ameerikaa miiliyoona 58 argachuun sadaffaa ta’eera.

    Taatonni bebbeekamoon akka Been Afleek, Viin Diizil, akkasumas taatoo beekamaan Bollywood Kumaar hanga sadarkaa 10ffaa keessa galaniiru.

    Miiraandaa, Wiilsmiiz ,Adaam Saandlar fi Jaakii Chaan sadarkaa kana keessa galaniiru.

    Foorbis marsaa kanaan kan sadarkeesse dhiirota yoo ta’u , kan dubartootaas yeroo dhiyoo keessatti akka ifoomsu himeera.

  17. Pirezidaantiin Chaad beekamtii sadarkaa waraanaa isa ol-aanaa argatan

    Prezidaantiin Chaad jihaadistoota waraanuun kabajaa sadarkaa waraanaa ol aanaa biyyattii argatan

    Kabajni kun kaleessa kabaja guyyaa biyyattiin bittaa garbummaa Faransaay jalaa baate kabajattu irratti kennameef.

    ‘Field Marshal’’ kabaja waraanaa ol aanaa akka biyyattiitti jirudha.

    Dubbii himaan mana maree Chaad pirezidaantichi haleellaa deebii jihaadistoota biyyattii keessaa irratti ji’a Eblaa keessa raawwataniin kennamuufii kan himan.

    ‘’Ati fakkeenya guddaa Chaad dha’’ jedhan Dubbii Himaan mana mare Chaad Haaruun Kabadii.

    Chaad haleellaa hidhattootaan akkuma biyyoota ollaa biroo miidhamaa turte.

    Pirezidaantichi badhaasicha fudhachuun ‘’kan obbooloota koo waraana keessa jiranii hundaati’’ jedhan.

    Spodaan shororkessitootaa ammayyuu inuma jira. Waraanni isaan irratti gaggeessinu ammayyuu xiyyeeffannoo keenya isa guddaadhas jedhan pirezidaanti Idiriis Deebii.

    Pirezidaantii Chaad Idiriis Deebii badhaasa sadarkaa waraanaa guddaa argatan

    Madda suuraa, Tiwiitera pirezidaanti Idiriis Deebii

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Chaad Idiriis Deebii badhaasa sadarkaa waraanaa guddaa argatan
  18. Talaallii koronaavaayirasii Raashiyaa mormiin mudate

    Ogeessa fayyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Talaallii koronaavaayirasi isa jalqabaa Raashiyaadhaan dhiyaaterratti mormiin ka’u dabalaa dhufeera.

    Qondaaltonni fayyaa biyyoota biroo yaaddoo talaallicharratti qaban dubbataa jiru.

    Pireezidaant Vilaadmeer Puutiin talaallichi sadarkaasaa kan eegedha jedhanis, Barreessaan Fayyaa Ameerikaa Aleeks Azaar talaallii Raashiyaarratti yaaddoo qaban ibsaniiru.

    Talaallii hojjachuun “dorgommiif” miti akkasumas nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaasaatii kan xiyyeeffannaa argachuu qabu jedhaniiru.

    Ogeessi ittisa dhukkuboota daddarboo Ameerikaa Dr Antoonii Fawucii talaallii Covid-19 Raashiyaarratti shakkii akka qaban ibsaniiru.

    US Amajjii bara 2021’tti talaallii “nageenyummaansaa mirkanaa’ee fi bu’a qabeessa ta’e” doozii miiliyoona 300 dhiheessuuf hojjataa jirti.

    Ministirri fayyaa Jarman Jens Spahn talaallii Raashiyaarraa shakkii qaban ibsuun, talaallichi haalaan qoratamee hin jiru yoo ta’e “namoota miiliyoonotatti laakka’amaniif talaallicha kennuun balaa qaba” jedhaniiru.

  19. Dargaggoota Marsaa lammaffaaf bakka yaala Koronaavaayirasiitii badan

    Koronaavaayirasii

    Godina Shawaa bahaa aanaa Booraatti dargaggoonni lama adabbiin itti muramee osoo mana hidhaa jiranii Covid-19 irratti argamnaan yaaliif gara magaalaa Buraayyuutti ergamanii achii yeroo lammaffaaf badan.

    Dargaggoonni lameen namoota mana hidhaatti vaayirasichi irratti argamnaan gara Buraayyuu ergaman shan keessaati kan jedhan Ajajaan waajjira Poolisii aanaa Booraa Inspeektar Miliyoon Taaffasaa , jalqaba yeroosaan miliqanii gara aanaasaaniitti deebi’an eeruu hawaasaatiin qabnee gara Buraayyuutti deebisne jedhan.

    Dargaggoonni kunneen bakka yaalaa kanatti erga deebi’aniin booda guyyaa afraffaatti sanbata duraa darbe marsaa lammaffaadhaaf bakka yaalaatii badanii gara aanichaatti deebi’uus himan.

    Ammas sakatta’iinsa cimsanii hordofaa jiraachuu himan Inispektar Miliyoon.

    Itti gaafatamtuu itti aantuun waajjira eegumsa Fayyaa aana Booraa Aadde Fitsum Warqinaa, dargaggoonni Koronaavaayirasiidhaan qabamanii badanii hawaasaa keessa dhokatan yaaddoo cimaa nutti uumeera jedhan.

    “ Uummanni komii cimaa dhageessisaa jira. Nutis sakatta’iinsa itti fufnee jirra. Waan haalan nama yaaddessutu numudate” jedhan.

  20. Sudaan Kibbaatti dhukaasa banameen namoonni 81 du'an

    Danaa Sudaan Kibbaa

    Sudaan Kibbaatti dhukaasa loltoota mootummaa fi hawaasa meeshaa waraanaa hidhatan gidduutti banameen yoo xiqqaate namoonni 81 du'an.

    Wayita dhukaasi banamee jirutti loltoonni hawaasa hidhate hiikkachiisuuf yaalaa turan.

    Kanneen du'an keessaa 55 loltoota mootummaati.

    Sudaan kibbaa bulchiinsa Warrap, iddoo Tonj jedhamu keessa hawaasi jiraatan horsiisee bultoota waan ta'aniif meeshaa waraanaa hidhatanii horiisaanii eeggatu.

    Naannawa kana meeshaaleen waraanaa miiliyoonaan lakkaa'aman harka hawaasaa jiraatanis, hiikkachiisuun qormaata guddaa ta'eera.

    Uummati naannawa kana jiraatan mootummaan nageenya isaanii eegsisuu akka hin dandeenyetti waan amananiif meeshaa waraanaa hidhachuutti cichaniiru.