Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Aanga'oonni sababoota maaliif jijjiiramuu danda'u?

  2. ‘’Talaalliin dirqamaan hin kennamu’’Qondaala Fayyaa US Antonii Faawuchii

    Antonii Faawuchii

    Madda suuraa, EPA

    Hoogganaan Damee Dhibeewwan daddarboo fi Gorsaan Fayyaa Pirezidaant Tiraamp Antonii Faawuchii,nama hundaaf dirqamaan talaallii koronaavaayirasii kennuun sirrii miti jedhan.

    ‘’Lammiileen Ameerika hundinuu talaallii koronaavaayirasii fudhachuu qabu jedhee hin amanu’’ jedhan.

    Hawaasa hundaaf dirqamaan talaallii kana osoo kennituu yoo namni fedhii dhabe homaa gochuun hin danda’amu jedhan qondaalli kun. Nama dirqamaan qabdee talaalchisuun hin danda’amu jedhan.

    Antonii Faawuchiin yaada kana kan kennan erga Awustiraaliyaan talaalliin koronaavaayirasii hundaa kennamuunf dirqama jetteeti.

    Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Iskoot Moriisan yoo biyyisaanii milkooftee talaallii vaayirasii kanaa oomishte bilisaan akka lammiileesaaniif kennanii fi hunduu fudhachuu akka qabu ibsanii turan.

  3. Gidiraa shamarree Goojjam dhiirota ja'aan gudeedamtee

  4. Chaayinaan xumura bara kanaatti talaallii Covid-19 akka qopheessitu himte

    Nama huccuu ogeeyyii fayyaa uffatee, lilmoo qabatee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbati Oomisha Qorichaa Chaayinaa 'siinoofaarm' jedhamu talaalliin Covid-19 hanga xumura bara faranjootaa kanaatti ni qaqqaba jedhamee eegama jedhe.

    Hoogganaan dhaabbata kanaa Liyuu jiingizhan talaalliin Covid-19 kan jalqabaa yaaliif kennamuu eegaleera jedhan.

    Talaalliin kun Muddee dhufurraa eegale gabaarra ni ba’a jedhan.

    Hoogganaan kun ofiisaaniitifis talaallii kana akka fudhatanii fi hanga ammaatti dhiibbaan gara biraa(side effect) isaan mudate akka hin jirre barruu Giloobaal Taayimsitti himan.

    Chaayinaan waggaatti magaalaa Beejiingitti qoricha doozii miiliyoona 120, magaalaa Wuhaanittimmoo miiliyoona 100 oomishuuf dandeettiisaa qabaachuu ibsiti.

    Addunyaarratti erga koronavaayirasiin mul’atee talaallii vaayirasii kanaaf qorannoowwan 200 caalan gaggeeffamanis kanneen keessaa garuu hanga ammaatti qorannoowwan 20 qofatu yaalii kilinikaa keessa seene.

  5. Oromiyaatti namoonni mormiif bahan ajjeefamuu jiraattonni himan

  6. Kooriyaan Kibbaa tarkaanfii to’annoo Covid-19 cimsite

    Kooriyaa kibbaa

    Madda suuraa, EPA

    Magaala guddoo Kooriyaa Kibbaa Sawulitti godahambaan, manneen dhugaaatii fi shubbisaa dabalatee,iddoo namoonni itti heddummaatan cufte.

    Sababni ijoon lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii saffisaan dabale to’achuufi.

    Biyyi Kooriyaa Kibbaa to’annoo vaayirasichaarratti biyyoota milka’oodha jedhamanii yaadaman keessaa tokko turte.

    Kibxata kaleessaa garuu namoonni 246 haaraa vaayirasichaan qabaman galmeessite.

    Torboota darban namoota naannoo 40 hin caalleetu vaayirasichaan qabamuun himamaa ture.

    Amma lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii biyyatti keessatti 15,761 qaqqabeera.

    Tamsa’inni vaayirasii guddaan tokko tibbana waldaa kiristaanaa Saraang Jeeyil jedhamutti mul’ateen namoonni 623 qabamaniiru.

    Roobii kanarraa jalqabee hojiiwwan bizinasii tamsa’ina vaayirasichaa hammeessu jedhamanii sodataman cufamanii, namoonni akka baay'inaan walitti hinqabamne daangeffameera.

    Mana sagadaatti duranuu namoonni akka walitti hin qabamne qondaaltonni biyyatti ajajanii turan.

  7. Awustiraaliyaan yoon milkaa’e talaallii Covid-19 tolan kenna jette

    Talaallii AstraZeneca

    Madda suuraa, Yuuniversitii Oksifoord

    Talaallii Covid-19 argachuutti dhiyaachuu kan himtu Awustiraaliyaan, wayita xumurtu uummatashee miiliyoona 25’f tola akka kennitu ibsiteetti.

    Talaallii kana Kubbaaniyyaa qorichaa 'AstraZeneca' fi Yuuniversitii Oksifoordi ta’anii waliin hojjechaa jiru.

    Ministirri Muummee biyyattii Ikoot Morisan dawaan kun sadarkaa yaaliitti milkaa’eera jedhan.

    Talaalliin 'AstraZeneca' kun yoo waan hunda keessa taree oomishamee ba’e, uummata Awustiraaliyaa hundaaf bilisaan hirra jedhan.

    Kanaan booda yoo milkoofnee talaallii kana oomishne ,biyyattii keessatti talaallin dirqama ta’uu danda’a jedhan.

    Awustiraaliyaa keessatti hanga ammaatti namootni 450 koronaavaayirasiin du’an, kunis irra caalaan kutaa Viktooriyaa keessaati.

    Hanga ammaatti namoonni 7,000 vaayirasichaan qabamanis, garuu yeroo ammaa facaatiin dhibee kanaa hir’ateera.

  8. Akkam jirtu hodoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattii Hagayya 19, 2020n walitti deebineerra.

    Odeeffannoo biyya keessaafi kan alaa wayitaawaa jala jalaan hordofnee toora kanaanis gaggabaabsinee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Biiftuu yeroo diimattu

    Madda suuraa, Getty Images

  9. Tamsaasni kallattii har'aa xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kibxata galgalaa xumurame.

    Roobii ganama walitti dachaana.

    Halkan gaarii.

  10. Aminastii Intarnaashinaal dhiifama gaafate, miidiyaalee komate

    Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal tibbana miidiyaa hawaasummaa tiwiitara isaa irratti viidiyoon waa'ee Itoophiyaa gadhiisee tureef dhiifama gaafate.

    Qabiyyee waa'ee viidiyoo dhaabbatichi tiwiitara gubbaa buuse dhaabbatichatti qorataan Gaanfa Afrikaa Obbo Fissahaa Takilee akkanaan BBC'tti himan.

    ''Jimaata darbe ture kan bahe. Kan bahees viidiyoodha. Tiwiitara irratti ture kan gadhiifame.

    ''Dhimmi isaa ajjeechaa Haacaaluu Waxabajjii 23 booda hokkora Oromiyaa fi iddoo adda addaatti uumame ilaallata,'' jedhan

    Aminastii Intarnaashinaal

    Madda suuraa, Amnesty

  11. Aadde Adaanach Abeebee Kantiibaa Itti-aantuu Magaalaa Finfinnee ta'un muudaman

  12. Abbaan Alangee gazexeessaan Keeniyaa Yaasin Juumaa akka hikamu ajaje

    Abbaan Alangaa Itoophiyaa gaazexeessaan lammii Keeniyaa Yaasin Jumaa kan ajjeechaa Hacaaluun booda magaalaa Finfinnee keessatti to'annoo jala oolee ture akka hatattamaan hikamuuf ajaje.

    Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa dhaddachaa Hagayya 07 ol iyyannoo poolisiin gaafate kuffisuun gaazexeessaa lammii Keeniyaa Yaasiin Juumaa dabalatee namoonni 11 mirgi wabii eegameefii akka gadi dhiifaman murteesse ture.

    Ta'us garuu poolisiin dhimma biraan nan shakka jechuun mana hidhaa tureera.

    Torban darbe immoo Covid-19'n qabamuun isaa gabaafame.

    Abukatoon isaa Kadiir Bulloo akka BBCtti akka himanitti, Yaasiin Covid-19 waan qabuuf akkuma mootummaan Keeniyaa bakka inni itti adda of baasu qopheesseen hidhaa keessaa ni ba'a.

    Gaaxessaan kun ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda Mana jireenyaa obbo Jawaar Mohaammad keessa utuu jiruu ture namoota biroo waliin to’annoo jala kan oole.

    Akka inni hiikamuufis Waldaan Gaazexeessitoota Biyya Alaa Baha Afrikaafi kaan duula gaggeessaa turan.

    Yaasinin ala gaazexeessitoonni Itoophiyaa biroo hidhaa jiran jiru.

    Haa ta'u malee, hanga yoonaa waldaan gaazexeessitootaa Itoophiyaa keessa bibittinnaa'anii jiran dhimma isaanii yeroo kaasan hin dhagahamu.

    Ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara ka'eefi kaaniin qondaaltota siyaasaa, humnoota nageenyaa, gaazexeessitoonni akkasumas walumaagala kanneen mormiif bahan 7,000 ol to'atamuun ni yaadama.

    Hookkara ajjeechaa Hacaaluu booda Oromiyaafi Finfinnee keessa mudateen lammiileen 170 caalan yoo du'an qabeenyi guddaas barbadaa'eera.

    Yaasiin Juumaa
  13. Itoophiyaatti guyyaa tokkotti namoonni 28 Covid-19'n du'an

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 22,101'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee namoonni 1,389 vaayirasichaan qabamuunsaanii beekame.

    Kanaanis lakkoofsi namoota biyyattii keessatti Covid-19 qabaman 32,722 gaheera.

    Namoonni haaraa 28 lubbuusaanii yoo dhaban, hamma ammaatti namoonni 572 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru.

    Gama biraatiin namoonni 414 dhukkubicharraa kan bayyanatan yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 12,938 bayyanataniiru.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 651,311'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

    Haala Itoophiyaa
  14. Afrikaan Kibbaa yaalii talaallii Covid-19 marsaa lammaffaa eegalte

    Covid-19

    Madda suuraa, AFP

    Talaalliin Covid-19 kun kan dhaabbata US Novavax jedhamuun kan oomishame yoo ta'u, qorannoo Yuunivarsitiin Witwatersiraand taasisuun yaalamaa jira.

    Piroofessarri qorannoo talaallii Shabiir Madii yaalii kanaratti namootni 2,900 kan hirmaatan ta'uufi talaalliin bakka biraattis yaalama jiru lammilee Afrikaaf ni hojjataa kan jedhu adda baasuuf gargaara jedhaniiru.

    Qorannoon amma jiru akka agarsiisutti talaalliin Novavax kun yeroo bineensota irratti yaalametti, koronaavayirasii irraa ittisuu danda'eera jedhu ogeessoti fayyaa.

    Yaaliin talaallii kanaa biyyoota adda adda keessatti adeemsifamaa kan jiru yoo ta'u, akka ogeessonni jedhanitti wanti hundi yoo milkaa'e ji'oottan 12-18 gidduutti talaalliin kun gabaaf dhiyaachuu danda'a.

    Yaaliin talaallii Novavax kun yaalii isa guddaa lammaafaa Afrikaa Kibbaa keessatti taasifame yoo ta'u, yaaliin inni jalqabaa Waxabajjii keessa Yuunivarsitii Wits fi yuunivarsitii Oksifordii UK waliin ta'uun eegalame ammayyuu itti fufe jira.

    Afrikaan kibbaa lakkoofsa namoota dhibee kanaan hubamaniin Afrikaa kessatti tokkoffarra jirti.

  15. Maqaan daa'ima gudeedamte ifa godhamuun ummata Biraaziil dheekkamsiise

    Biraazil

    Madda suuraa, Getty Images

    Maqaafi odeeffannoon daa'ima ganna 10 gudeedamtee interneeta gubbaa irratti erga gadhiifamee booda Biraaziil keessatti dheekkamsa kaaseera.

    Maqaan daa'ima kanaa internaata irratti kan gadhiifame gartuuu ulfa baasuu morman kan akka isheen ulfa ofirraa hin baasneef dhorkuu barbaadaniinidha.

    Intalli kun erga gudeedamtee booda ulfoofte. Namni ishee gudeeduun shakkame Roobii darbe to'annoo jala ooleera.

    Dhimmi kun Biraaziil keessatti aarii guddaa kan kaase yoo ta'u, abbaan alangaas Guugil, Feebuukiifi Tiwiittarri odeeffannoo dhunfaa da'ima ganna 10 kanaa fuula isaanii irraa akka kaasaniif ajajeera.

    Abbaan alangaa Samuweel Miraanda Gonsaalves Sowaares dhaabbileen kun odeeffannoo kana kaasuuf sa'aatii 24 akka qaban ibsuun yoo kana gochuu baatan guyya guyyaan adabbii doolara 9,000 akka kaffalan irratti murteessaniiru.

    Biraaziil seera cimaa ulfa baasuu dhorku kan qabdu yoo ta'u, sababa rakkoo fayyaa ykn gudeeddiin garuu eyyamamuu danda'a.

    Daa'imni kun ulfa kana akka ofirraa baaftuuf seeraan kan eeyyamame ta'us roogessonni ulfa baasuu morman hospitaala fuulduratti hirira mormii ba'uun akka hin taasifne dhorkuuf yaalaniiru.

    Dabalataanis hojjattoota hospiitaalicha 'ajjeeftota,' jechuun arrabsaa, yeroo tokkotti humnaan hospitaalicha seenuu kan yaalan ta'us poolisiin isaan bittinneeseera.

  16. Kanneen MM duraanii Libaanos ajjeesan keessaa tokkorratti murtaa’e

    Namoota afur MM duraanii Libaanos magaalaa Beerut keessa ajjeesun shakkaman keessaa tokko yakkamaa ta’u isaa manni murtii UN’n deeggaramu murteesse.

    Saalim Ayyaash fi kaan garee hidhattoota Shiyaa kan ta’e miseensota Hizboollaadha.

    Ajjeechaa MM duraanii Libaanos irratti raawwaten shakkamanii bara 2014 eegale dhimmi isaanii bakka isaan hin jirretti mana murtiitti ilaalamaa ture.

    Ajjeechaan nama siyaasaa Musliima Sunni hordofan Raafik Hariirii irratti raawwate biyyattii keessa jeequmsa guddaa kaasee ture.

    Murteen kuni yeroo biyyattiin rakkoo siyaasaa keessa jirtu dhagahame.

    Boombiin konkolaataarra kaa'ame Hariiriifi namoota 21 galaafate

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Boombiin konkolaataarra kaa'ame Hariiriifi namoota 21 galaafate
  17. Baarseloonaa Baayer Muunikiin eega injifatame booda leenjisaasaa ari’e

    Kubbaa miilaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kilabiin Baarseloonaan tapha Chaampiyees Liigii Baayer Muunik waliin taasisan 8-2 eega injifatame booda leenjisaasaa Quique Setien ari’eera.

    Leenjisaan Neezarlaandis kan ta’an Roonaald Koomaan leenjisaa haaraa kilabichaa ta’aniiru.

    Leenjisaan Setien asiin dura Riyaal Biitis leenjisaan kan turan yoo ta’u, ji’a Amajjii keessa ture Baarseloonaa leenjisuun gara kilabichaa ni deemu jedhamee eegama.

    Isaanis taphoota 25 irratti kilabicha hoggananiiru.

    Quique Setien nama ganna 61 yoo ta’an, tapha Baayern Muunik waliin taasisanii guyyoota sadi booda kan ari’aman.

    Baarsaan Laa Ligaa bara dorgommii kanarratti qabxii shaniin Riyaal Maadriidii gad ta’uun dorgommicha lammaffaa ta’uun xumureera.

    Baarsaan Baayern Muunikiin Jimaata injifatamuunsaa waggoota shaniif yeroo dorgommii nuusa xumuraarratti injifatamu inni kun isa afraffaadha.

    Taphataan sarara ittisaa Baarsaa kan ta’e Geeraard Piikeen kilabichi jijjiirama taasisu qaba yoo ta’u ‘namni jalqaba kilabicha gad dhiisu’ isa akka ta’e ibseera.

  18. Shakkamtoota ajjeechaa Haacaaluurratti poolisii qoratuuf manni murtii guyyoota 10 hayyame

  19. WHO dhimma 'talaallii of ittummaan qabachuu' irratti akeekkachise

    Biyyootiin fedhii isaanii kan warra kaanirra dursuun talaallii Covid-19 argamuu danda'u ofiif kawwachuuf yaaluun weerara kana hammeessa jiru jedhan Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO).

    "Malaafi waliin ta'uun socho'uun biyya hundaaf bu'aa buusa - hanga hundi nagaa ta'utti enyuyyuu nagaa hin ta'u," jechuun ibsa internetaan kennan irratti Obbo Tedroos Adihanoom dubbataniiru.

    "Talaallii Covid-19 ofittummaan qabachuu dhorkuu qabna," jedhan.

    Dabalataanis, talaallii hundaaf raabsuun akka yaalamuuf miiseensota WHO hundaaf xalayaa erguu isaanii dubbataniiru.

    Obbo Tedroos Adihanoom

    Madda suuraa, Reuters

  20. Obbo Lammaa Magarsaa fi injinar Taakkalaa Uumaa aangoorraa kaafaman