Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Niw Zelaanditti guyyoota 102 booda Covid-19 namoota afur irratti argame

    Niwuu Zelaandi guyyoota 102 booda koroonaavaayirasiin namoota afur irratti argamnaan magaala guddaa biyyichaa guyyoota sadiif uggura jala galchite.

    Erga vaayirasiin kun guyyoota 102 booda namarratti argame magaalaan Ooklaandi uggura guyyaa sadii jala galte.

    Namootni vaayirasichaan qabaman hundi isaanii maatii tokko keessaa yoo tahu namni biyya biraatti imales isaan keessa hin jiru.

    Uggurichi har'a irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo tahu namoota maatiin kun waliin tuttuqqaa qaban ariitiin addaa baasuu jalqabaniiru.

    Jiraattotni magaalaa Ooklaandi akka mana turan tahuun walitti qabamuun uummataas ni dhorkama.

    Ministirri Muummee Jekindaa Ardeerni, weerara kana hordofuun paarlaamaa biyyatti bittinsuuf kan jedhan yeroo biraatti dabarsaniiru.

    Niw Zelaanditti koroonaavaayirasiin guyyoota 102 booda argame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Niw Zelaanditti koroonaavaayirasiin guyyoota 102 booda argame
  2. Faransaayitti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa jira

    Namoota maaskii godhatan

    Madda suuraa, Reuters

    Faransaay torbee lamaaf ‘karaa dogoggoraa’ waan deemteef lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii haalan dabalaa jira jedhan MM Jeen Kaasteeksi.

    Erga Wiixatataatii as namoonni 1,397 vaayirasichaan yoo qabaman, 14 ammoo du’aniiru jedha gabaasni ministeera fayyaa biyyattii.

    Dhorkiin namoota 5,000 ol walitti qabamuu hamma Onkololeessa 30’tti dheerateera.

    Geejjiba hawaasaa irrattii, suuqotaa fi waajjiraalee mootummaatti maaskii godhachuun dirqama.

    Faransaay keessatti namoonni 30,000 ol Covid-19'n du’aniiru.

    Biyyattiin lakkoofsa namoota du’anii 30,000 qabaachuun addunyaarraa sadarkaa torbaffaarratti argamti jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkinsi.

    Biyyattiin uggura labsitee turte ji’oota Caamsaa fi Waxabajjii keessatti laaffisuun imaltoota biyyoota birootiif karrashee banteetti.

    Namoonni 5,000 ol walitti qabamuu, sagantaalee ispoortii fi koonsartii dhuma ji’a kanaatti ni hayyamama jedhamee eegamaa kan ture yoo ta’u MM Jeen garuu hamma Onkololeessa 30 akka dheeratu murteessaniiru.

    Guyyaa kaleessaa ministeerri fayyaa torbee darbe namoonni haaraa 10,800 koronvaayirasiin qabamuusaanii ibsaniiru.

  3. Vilaadimiir Puutin talaallii Covid-19 kennamuuf mirkaneeffame qabna jedhan

  4. Tamsaasa kallattii Hagayya 12, 2020

    Bakka jirtanitti akkam jirtu hodoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii Hagayya 12, 2020n walitti deebineerra.

    Odeeffannoo wayitaawoo gaggabaabsinee toora kanaan isin biraan ni gaanya.

    Nu hordofaa.

    Aaga Dhaga'aa.

  5. Naannoo Tigraayitti duulli 'na filadhaa' boru eegalama

    Komishinii Filannoo Tigraay

    Yeroon Paartileen filannoo naannoo Tigraayirratti qooda fudhatan duula na filadhaa itti gaggeessan ifoome.

    Dubbii himaan Komishinii Filannoo Tigraay obbo Marrasaa Tsehaayyee BBC'tti akka himanittii,duulli filannoo guyyaa boruu kaasee guyyaa sagaleen kennamuuf guyyotni afur hanga hafanitti ni gaggeefama.

    Paartileen kun miidiyaalee naannicha keessa jiran hundaan duula akka gaggeessaniis ibsameera.

    Miidiyaaleen guyyaatti sa'aa10:30'f duula kana tamsaasuus jedhameera.

    Guyyaan sagaleen itti kennamu hanga ammaatti ifa godhamuu baatus, A.L.I Fulbaana 5-11 gidduutti ta'uu akka danda'u himama.

  6. 'Humnoonni nageenyaa tarkaanfii humnaa olii fudhachuurraa akka ofqusatan'

    KM Namoomaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, KM Namoomaa Itoophiyaa

    Godina Walaayittaa hiriirtota mormiirratti humnoonni nageenyaa mootummaa ''tarkaanfii humnaa olii fudhachuurraa akka ofqusatan'' jechuun Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gaafate.

    Dubbii himaan komishinichaa obbo Aroon Maashoo, humnoonni nageenyaa namoota nagaa hiriiraaf bahan wayita to’atan‘’tarkaanfii lubbuu namaa baasurraa of qusachuu qabuu’’ jedha.

    Godinnichi naannoo ta’e akka ijaaramuu gaafachuu hordofee qondaaltonni godinichaa hidhamuun booda hiriira mormii bahameerratti namootni 6 ajjeefamuu ibsuun ,akkatti raawwatame qoratamuu akka qabu komishinichi gaafate.

    Qondaaltonni mootummaa garuu tasgabbii naannicha dhabsisuuf otoo shira xaxanii qabamanii hidhaman jechuusaani hima.

    Tarkaanfiin humnaa mormii duraan ture ittuu hammeessa malee fala sirriis miti jedhe.

    A.L.I Adoleessaa 4, bara 2012 magaalota godinichaa keessatti hiirtota mormiirraatti tarkaanfii fudhatame’ kan walsimu ta’uun shakkisisaadha’ jedha.

    Namoonni 178 qabamanii hidhamaan keessaa 28 qondaaltota Godinicha yoo ta'an, kolleejjii leenjii teekinikaa fi ogummaa Sooddootti hidhamanii jiraachuu ibsa.

    Kana malees mirgi hidhamtoota kanaa eeegameefi gara dhaddacha mana murtiitti dhiyeeffamuu akka qabanillee gaafate.

    Gaaffii naannoo ijaarraachuu karaa nagaatiin deebii kennuuf mootummaan Federaalaa fi naannoo fala yeroo dheeraa barbaadurratti xiyyeeffachuu akka qabanillee akeekeera.

  7. Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namoota 20 Covid-19 lubbuun darbe

    Qorannoo laabiraatorii namoota kuma 11 olirratti gaggeeffameen namoonni 584 haaraan vaayirasichaan qabaman argamaniiru.

    Namoonni 285 dhibicharraa wayita dandamatan,lakkoofsi namoota du’anii waliigalatti 440 qaqqabeera.

    Namoonni vaayirasichaan Itoophiyaatti qabaman walumatti 24,175 qaqqabuusaa Ministeerri Fayyaa ibseera.

  8. Guyyoota 100 booda Niiw Zilaand uggura sochiitti deebite

    Jaasiindaa Ardeen

    Madda suuraa, Reuters

    Guyyoota 100 booda Niiw Zilaanditti namootni afur Covid-19'n qabaman.

    Koroonaavaayirasiin namni qabame biyyattiitti erga gabaafamee guyyoota 100 booda namoonni afur haaraan dhukkubichaan qabamaniiru.

    Namoonni kunneen jiraattota Awuklaand mana tokko keessa galani dha. Haa tahu malee,akkamiin akka qabaman waanti barame hin jiru.

    Dhimma kanaaf deebii kennuunis, ministirri mummee biyyattii Jaasiindaa Ardeen, Roobii boruurraa kaasee hanga Jimaata halkanitti Awuklaand ni cufamtii jedhan. Kana jechuun namni hundi manaa hojii akka hojjetu taasisuu dabalata.

    Bakkeewwan uummatni walitti qabamu, baarii, restoraantiifi iddoowwan daldalaa illee akka cufaman ni eegama.

    ‘’Akka dhukkubichisi qabateefi namoonni naannoo kees qabamanitti socho’i,’’ jedhan Jaasiindaan

    Iddoowwan biro biyyattiitti namoota hanga 100 tahan qoafatu walitti qabamuu danda’a.

    Biyyattiin yeroo dhumaaf nama dhukkuba kanaan qabame kan galmeessifte Caamsaa, 1 ture. Sana booda dhorkaawwan salphisuu jalqabde.

    Waliigalatti baatii Guraandhalaa kaasee vaayirasii kanaan namoota 22tu lubbuu dhabe.

    Dafanii biyya cufuu, ergaawwan hubannoo kennan tamsaasuu,qorannoo bal’inaan taasifame fa’aatu dhukkubicha akka to’attuuf biyyattii gargaare jedhama.

    Ministirittiin namoota haaraa dhukkubichaan qabaman kanaan hawaasni Niiw Ziilaand mogolee bu’uu hin qabu jedhan.

    ‘’Maal gochuu akka qabnu beekna, kana duras milkaa’inaan keessa baaneerra‘’ jedhan.

  9. ‘Haleellaa biyya irratti aggaamamu hundaaf qophii guutuun taasifameera’-Jenaraal Adam Mahaammad

    Janaraal Adama Mahaammad

    Madda suuraa, EBC

    Haleellaa biyya irratti aggaamamu maraaf qophii tahuu Itaamjoriin Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Adam Mahaammad EBC'tti dubbatan.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaawwan alaa fi keessaa aggaamamaniifi humnoota biyyattiin hokkora walirraa hin cinne keessa akka galtu taasisan to’achuufi dhaabuun hojii milkaa’aa hojjeteera jedhan.

    ‘’Raayyaan Ittisa Biyyaa sabaan wal qoodeera, jechuun warreen olola oofaniifi maqaa garaagaraa kennuun ergama isaarraa akka maqu gochuuf kan hojjetan jiraatanillee Raayyaan Ittisa Biyyaa tokkummaadhaan dirqama isaa raaawwachaa jira,’’ jedhan Janaraal Adam.

    ‘’Warreen olola kana oofan fedhii dhiphaa ofii isaanii galmaan gahuu kan barbaadani dha,’’ jedhan.

    ‘’Diina dhufuu malu tilmaamuun qophiin raayyaa keenyaa addaan cite hin beeku. Leenji’aa, hidhachaa, gareen kamiyyuu Itoophiyaa irraatti haleellaa raawwachuu akka hin yaadne, yoo yaades immoo haala ittisa keenyaa ilaalee haleellaatti akka hin seenneef qophii gooneerra,’’ jechuun ibsan.

    Sadarkaa hidhannoo humnoota nageenyaa naannoo, murteeffamuu dhabuun rakkoon hojimaataa jiraachuu agarsiisaa jedhan Jeneraal Adam,haatahu malee humnooti kunneen meeshaa waraanaa gurguddaa hidhataniiru waan jechisiisu hin jiru jedhan.

    Kana malee naannolee keessatti humni ‘humna addaa’ jedhamu bu’uura heeraa kan hin qabne tahuus ibsaniiru.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqamaaf yeroo bobba’u hojimaata seera-qabeessa tahe hordofeetu jedhan. Ajajaa fi qajeelfama isaaf kennamu qofaan akka socho’us dubbatan.

  10. Hidhamtoonni Somaaliyaa mana hidhaa cabsanii bahuuf yaalan ajjeefaman

    Hidhattoota finxaaleyyii Islaamaa

    Madda suuraa, AFP

    Qondaalotni Somaaliyaa akka jedhanitti yoo xiqqaate hidhamtoonni 10 dhukaasa magaalaa guddoo biyyattii Moqdishootti banameen ajjeefamaniiru.

    Dubbii himaan ministeera odeeffannoo akka ibsanitti, kanneen ajjeefaman keessaa jaha miseensota garee al-shebaab yoo tahan, afur immoo humnoota tikaati.

    Akka gabaasoti achii bahan jedhanitti hidhamaa tokkotu qawwee waardiyyaa mana hidhaa sanarraa argachuu danda’ee, kana booda hidhamtoonni kaan man-kuusaa meeshaa waraanaatti seenan.

    Yaalii mana hidhaa cabsanii bahuu kana poolisii addatti leenji’etu dhaabachiisuuf hojjechaa ture.

    Manni hidhaa kana keessa hidhamtoota al-shebaab beekamoo hidhaan umrii guutuu itti murtaa’ee yookiin murtoo du’aa eeggatanitu jira.

    Yaaliin mana hidhaa kana cabsanii bahuu bara 2017ttille taasifame ture.

  11. Raashiyaan talaallii koronaavaayirasii argachuu ibsite

    Nama qorannoo taasisaaru

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin biyyisaanii talaallii koronaavaayiras isa jalqabaa galmeessisuushee ibsan.

    Ministirri Fayyaa biyyattii Mikhaa'il Muraashkoo talaalichi "bu'a qabeessaa fi nageenyummaansaa mirkanee'eera" jedhan.

    Pireezidaant Putiinis talaalliin kun "sadarkaalee qorannoo hunda keessa darbeera" jedhan.

    Ministirichi dabalataanis yaalii talaallicharratti taasifamu ammas ittuma fufa jedhaniiru.

    Pireezidaant Puutiin ijoolleen intalaa isaanii lamaan eega ho'i qaamasaanii dabale booda talaallicha fudhatanii akka fooyyee qaban himaniiru.

    Biyyoota addunyaa biraa keessatti ammallee yaaliin talaallii argachuu taasifamaa jira.

    Jalqaba ji'a kanaatti ogeessi dhukkuboota daddarboo US Dr Antoonii Fawacii "Raashiyaan talaallicha yaalaa akka jirtu" dubbatanii turan.

    Raashiyaa keessatti hamma ammaatti namoonni 900,000 koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta'u, 14,973 ammoo du'aniiru.

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii miiliyoona 20 darbeera.

  12. Naayijeeriyaan venteleetara waadaa galameef 200 US harkaa fudhatte

    Muhammaduu Buhaarii fi Doonaald Tiraamp

    Mootummaan Naayijeeriyaa venteleetara US arjoomteef 200 harkaan ga'adheera jedhe.

    Pirezidaanti Doonaald Tiraamp Ebla darbe ture, gitasaanii kan Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariif bilbilanii kan waadaa seenaniif.

    Wayita sana duula farra koronaavaayirasii hunda irratti Naayijeeriyaa akka deggeranis waadaa galanii turan.

    Ministirri Odeeffannoo Naayijeeriyaa Laayi Mohammad akka jedhanitti ventilaatariin Tiraamp Caamsaa darbe ergeera jedhan amma yoonaa tureera.

    Ammas wayita venteleetarri hunduu harka nu ga'u uummataaf ibsina jechuun tuwiitara isaaniirratti barreessan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  13. Kutaa Kaaba Awustiraaliyaa hanga bara 2022'tti daangaa cufatte

    Danaa Awustiraaliyaa

    BIyyi qarqara kaaba Awustiraaliyaa 'Northern Australia' sodaa koronaavaayirasiirraa kan ka'e hanga bara 2022'tti daangaashee cufachuuf akka murteessite qondaaltonni himan.

    Ministirri muummee Awustiraaliyaa haga jalqaba bara 2021'tti akka cufamu himanii turan.

    Bulchiinsi Kaaba Awustiraaliyaa kun facaatii koronaavaayirasii kutaalee biyyattii biroo, keessattuu bulchiinsa Viktooriyaa keessatti haalaan dabalaa jiruuf daangaa cufattee turuu murteessite.

    Awustiraaliyaa keessatti haga ammaatti namoonni 22,000 koronaavaayirasiin qabamaniiru, 332 ammoo lubbuu dhabaniiru.

  14. Hoggantuun paartii mormituu Beelaarus filannoon booda biyyaa baate

    Isvetlana Tikanovskaya hoggantuu paartii mormituu Beelaarus

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Isvetlana Tikanovskaya

    Hoggantuun paartii Mormituu Beelaarus Isvetlana Tikanovskaya filannoon booda jeequmsi biyyichatti hammaannaan biyya Lituweeniyaatti baqatte.

    Qondaalli mootummaa kun amma haala nagaa keessa akka jirtu Ministeerri Dhimma Alaa Lituweeniyaa beeksiseera.

    Gareen duula gaggeessaniif, jeequmsichi hammaachuu mala jechuun biyyaa baate jedhan.

    Filannoon gaggeeffame pirezidaanti Aleksaander Lukaashenkoo 80% injifachuu mul’isa. Hoggantuun paartii mormituu ammoo bu’aa filannichaa akka hin fudhanne ibsite.

    Hanqinni qorannoo fi bakka taajjabdootni tokkollee hin jirretti filannicha gaggeessuun akka bu’aan isaa burjaajja’u taheera jedhama.

    Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa haala filannichi itti gaggeeffame balaaleffataniiru.

  15. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii miiliyoona 20 caale

    Namoota lama

    Madda suuraa, Reu

    Addunyaarratti namoonni koronaavaayirasiin qabaman miiliyoona 20 caale.

    Namoonni 730,000 ta'anis sababa vaayirasii kanaa lubbuusaanii dhabaniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joon Hoopkiinsi.

    Ameerikaan biyya addunyaarraa lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii fi du'anii ol'aanaa qabduudha. Biyyattii keessatti namoonni miiliyooona shan vaayirasichaan qabamaniiru.

    Biraaziilitti namoonni miiliyoona sadi, Indiyaa keessatti namoonni miiliyoona 2.2, Raashiyaa 900,000 akkasumas Afriikaan Kibbaa 560,000 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

    Biyyoonni kunneenis biyyoota wal duraa duubaan addunyaarraa lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii ol'aanaa qabaniidha.

    Ji'oota Caamsaa fi Waxabajjii jidduutti addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona shan irraa guddatee miiliyoona kudhan gahuuf guyyoota 38 fudhate.

    Adoolessa keessatti ammoo miiliyoona 15 gahuuf guyyoota 24 qofa fudhate.

    Covid-19 jalqabarratti Chaayinaa magaalaa Wuhaan keessatti dhuma bara 2019'tti mudate.

    Weerarri kunis balaa fayyaa tasaa addunyaa jedhamee Bitootessa 11 ture kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin labsame.

  16. Dubartootni - maaskiin kun haalaan waan isinii tahu fakkaata

    maaskii afaan mul'isu

    Yeroo weerara Koroonaavaayiras kanatti maaskiiwwan gosa garagaraa argaa jirra.

    Namoonni kan isaaniif mijatuufi jaalatan argachuufis wayita rakkatan ni agarra.

    Maaskiiwwan hedduun jiranis keessattuu dubartoonni lippistiikii dibatan akka hin mul'anne jalaa golga.

    Dizaayinarri Kaameruun kan Ameerikaa jiraattu Kibonen Nfi jedhamtu maaskiiwwan namoota afaan mallattoon waliigalanis mijatan midhaassite.

    Maaskii kanas dubartoonni lipistikii isaanii agarsiisuuf itti fayyadamuun, suuraa qoodaa jiru.

    Hojjettoonni fayyaas wayita dhukkubsattoota yaalanitti, gammachuu fuulasaaniirra jiru akka mul'isanif gargaareera.

    Isin maaskii kana akkamiin ilaaltan?

    maaskii afaan mul'isu
  17. ABOn lamatti qoodamaa jiraa?

  18. Dhukaasa mana hidhaatti banameen namootni 10 ajjeefaman

    Mana hidhaa Somaaliyaatti namoonni 10 ajjefaman

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Mana hidhaa Somaaliyaatti namoonni 10 ajjefaman

    Dhukaasa mana hidhaa Mooqadsho keessatti ka'een namootni 10 ajjeefamuu aanga'oonni Somaaliyaa himan.

    Dubbii Himaan Ministeera Odeeffannoo akka jedhanitti hidhamtootni jaha kan miseensota al-Shabaab turanii fi humnootni nageenyaa afur dhukaasicha gidduutti ajjeefamaniiru.

    Gabaasonni akka agarsiisanitti namni hidhamee jiru tokko poolisii irraa shugguxxii fudhachuun hidhamtootni kaan ammoo cabsanii humna hidhatetti bahan.

    Humni leenjii addaa qabu bakkichatti bobba'uun yaalii mana hidhaa cabsanii bahuu kana dhaabsisaniiru.

    Manni hidhichaa miseensota al-Alshabaab kanneen murtoo umurii guutuu ykn murtoon du'aa irratti darbeen guutuudha.

    Bara 2017 akkasuma yaaliin mana hidhichaatii cabsanii bahuu gaggeeffamee ture.

  19. Lolaa Laga Awaashiin qaqqabeen namoonni kuma 27 ol buqa'an

  20. Weellisaan Nabiyyuu Muhammad maqaa xureesse du’aan adabame.

    Weellisaa Yahyaa shariif-Amiinuu

    Madda suuraa, Idris Ibrahim

    Kaaba Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessa kan jiraatu weellisaa Yahyaa Shariif-Amiinuu, wallee isaatiin ergamaa Rabbii(SAW) Nabiyyuu Muhammadiin maqaa balleessuudhaan himatamee du’i itti murtaa’e.

    Weellisaan umrii ganna 22 kun wallee haarawa Nabiyyuu Muhammad maqaa xureessuu irratti fuulleffate baasee, walleensaa miidiyaa hawaasummaa kan akka WhatsApp irratti akkaan qoodamaa turuu hin haalle.

    Abbaan seeraa, Khaadii Aliyyuu Muhammad Kaanii weellisaan kun ol-iyyachuu danda’a jedheera.

    Muslimoonni kan itti heddummaatan kaabi Naayijeeriyaa, seera Shari’aa fi seera ‘Secularism’, lamaanuutiin bulu.

    Seerri Shari’aa namoota muslimoota hin taaneef hin hojjetu.

    Naayijeeriyaa keessatti seerri shari’aa erga bara 1999 tumamee as yeroo duraaf hojiirra ooluusaati.

    Weellisaan ammaan tana mana hidhaa keessa jiru kun, wayita wallee ittiin himatame baasetti dhokatee ture,

    Haata’u malee namoonni isaan morman aariidhaan ba’anii mana maatiisaa guban, poolisii Islaamaa ‘Hisbah’ jedhamu akka tarkaanfii nama kanarratti fudhatu gaafachaa turan.