Tarkaanfiin marii nageenyaa kun waraana waggoota 19'f biyyattii goolaa turetti kan fala godhu yoo ta'u, akkuma hidhamtoonni hundi gadi dhiifamaniin Qaataar keessatti itti fufa.
Pirezidaantiin biyyattii Ashraaf Gaani, hidhamtoota kunneen gadi dhiisuun addunyaaf yaaddoo ta'us, garuu wanti marii nagaa caalu waan hin jirreef kana murteessine jedhan.
Gareen mootummaa haleelu Taalibaan erga tumsa mootummaan US mootummaa Afgaanistaaniif taasiseen, bara 2001 aangoorraa dhiibamee as dandamatee of cimsee iddoowwan ijoo ta'an hedduu to'ateera.
Sareen ganna sagalii kun bara darbes lammii Chaayinaa yuroo
10,775 qabatee bahuuf ture saaxiluun mata duree oduu taatee turte.
Madda suuraa, DPA
Israa’elii fi Yuunaayitid Arab Imireets waliigaltee seenaqabeessa mallatteessan
Israa’elii fi Yuunaayitid Arab Imireets hariiroo isaanii
foyyeessuuf waliigaluu Pireezidantiin Ameerikaa beeksisan.
Ibsa
waliinii pireezidant Tiraamp, ministira mummee Isaraa’el Beenjaamiin Netaanyaahuu
fi Ilmi Mootii Mohaammad bin Zayaad kennaniin,’’tarkaanfiin seena-qabeessaa fi
murteessaa tahe kun nagaa biyyoota Baha Gidduugalaa ni foyyeessaa,’’ jedhan.
Yuunaayitid Arab Imireetsitti ambaasaadara Ameerikaa kan tahan
Yooseef al Otaayibaa,’’ kun hariiroo dippiloomaasii fi naannoo sanaaf mo’icha,’’
jedhan.
Namoonni umriin
isaanii waggaa 18 ol ta’e akka pirezidaantummaaf akka dorgoman heerri mootummaa
Yugaandaa ni iyyama.
Dargaggeessi kun seera
baastota biyyattii keessaa tokko kan ta’ee fi maqaa Bobi Wine jedhamuun kan
beekamu Robert Kyagulani fi tibbana Pirezidaanti Yuweerii museveenii morkachuuf
kan murteesse janaraala waraanaa duraanii Henry Tumukunde waliin garee
uummateera.