Covid-19 Itoophiyaa, Afrikaa fi Addunyaatti
Sababa uggurri laaffifameef weerarri koronaavaayirasii biyyoota addunyaa keessatti deebi'ee hammaachaa akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.
- Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jira. Haga ammaatti namootni 21,452 qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u kanneen keessaa 9415 dandamataniiru, 380 ammoo du'aniiru.
- Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota qabamanii miliyoona tokko caalee jira. Namoota 1,021,721 qabame keessaa 704,411 dandamataniiru. 22,509 kan ta'an ammoo lubbuu dhabaniiru.
- Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona 20 jala gahaa jira. Amma dura namootni 19,381,455 vaayirasichaan qabamanii jiru. Kanneen keessaa 11,741,100 kan ta'an yoo dandamatan, 721,409 ammoo du'aniiru.
Lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii hedduu qabaachuun Ameerikaa, Biraaziil, Indiyaa, Raashiyaa fi Afrikaan Kibbaa biyyoota tokkoo hanga shanii jiranidha, Ragaan kan Ministeerota Fayyaa fi Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.
