Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaara akeekkachiisa haleellaa boombiif balalii addaan kute

    Xiyyaara buufata xiyyaara Istaanisteed keessa qubsifame

    Madda suuraa, ABDUR RAHMAN MASHAL

    Xiyyaarri Kiraakow irraa gara Dabliinitti balali’u barreeeffamni boombiin dhuka’u xiyyaaricha keessa jiraachuu ibsuu mana fincaanii keessatti argamnaan qubachuuf dirqame.

    Xiyyaarri qabeenyummaan isaa kan daandii qilleensaa 'Ryan Air' ta’e karaa balaliif bahe dhiisee buufata xiyyaara Istaanisteed jedhamu qubateera.

    Jeettiwwaan waraanaa Raaf Taayifuun jedhaman lamaan qajeelfamuun erga qubsiifamee booda poolisiin boombiin kun jiraachuusaa sakatta’eera.

    Imaltoonni keessa turanis otoo balaan irra hin gahiin nagumaan keessaa baafamuu dubbi-himtuun daandii qilleensa kanaa himteetti.

    Dubbii himtuun daandii qilleensa kanaa akka ibsanitti, ta’ii mudate hordofuun imaltoonni fi xiyyaarri gara Dabliinitti imalaa ture poolisota UK’n sakatta’ameera.

    Imaltoonnis otoo hin turiin xiyyaarota biraan imaluuf eeggataa jiraachuus itti dabalani ibsan.

    Xiyyaarri buufata xiyyaara Istaanisteed keessa qubsifame addatti fo’amee akka turu poolisiin himeera.

  2. Biyyoonni ugguratti deebi'aa jiruu?

    Hoongi Koongi

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyoonni addunyaa gara garaa vaayirasiin akka haaraatti hammaannaan gariin ugguratti, kaan ammoo qajeelfama walirraa fagaachuu jajjaboo labsaa jiru.

    Hoongi Koongi lammileen ishee geejjiba irratti maaskii akka uffatan dirqisiiste.

    Dabalataan manneen nyaataa warra fudhatanii deeman malee warra taa'anii nyaatan akka hin keessummeessine ajajdeetti.

    Kuni galgala yoo ta'u, amma dura gaafa vaayirasichi biyyattii seene tarkaanfiin akkanaa hin fudhatamne ture.

    Ameerikaatti kutaan biyyaa uummata danuu qabu Kaalifoorniyaanis vaayirasiin ol kaanaan qajeelfamoota jajjaboo labse.

    Mana nyaataa, dhugaatii, muuziyamiiwwan akkasumas dawoon bineensotaa, iddoowwan walgahii marti akka cufaman ajajameera.

    Kaalifoorniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Manneen amantaa, jiimii fi manni rifeensaallee iddoon itti cufame jira.

    Torban lamaan darban namoonni vaayirasii kanaan qabaman dhibbeentaa 20n dabale.

    Uummata miliyoona 40 kan qabdu Kaalifoorniyaan nama 330,000 kan vaayirasichaan qabame, 7000 ol ammoo du'eera.

    Lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii Ameerikaa, Laatiin Ameerikaa fi Eeshiyaa keessatti deebi'ee ol ka'aa jira.

  3. Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee namni miliyoona 13 qabame

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 13 taree jira. Namni miliyoona tokko torbee darbe keessa vaayirasichaan qabame.

    Biyyoota kamtu irra hedduu miidhame?

    Biyyoota namootni hedduun vaayirasichaan qabaman:

    Ameerikaa: 3,363,056

    Biraaziil: 1,884,967

    Indiyaa: 878,254

    Raashiyaa: 732,547

    Peeruu: 330,123

    Biyyoota namootni hedduun vaayirasichaan du'an:

    Ameerikaa: nama 125,605

    Biraaziil: nama 72,833

    UK: nama 44,915

    Meeksikoo: nama 35,491

    Italii: nama 34,967

  4. Ashamaa!, Akkam Jirtu?

    Gabaasa kallattii biraan deebineerra.

    Fuula kanarratti odeessaalee jajjaboo guutuu addunyaa jala jalaan gaggabaabsinee isin biraan geenya.

    Gabaasaalee guyyaa darbee asii gadi dabarsuun argachuu dandeessu.

    Nu hordofaa!Yaada keessan gama 'Facebook'keenyaa nuuf barreessaa.

    Nagaa oolaa!

  5. Biyyoonni hedduun weerara Covid-19 to’achuurratti kallattii sirrii hin taanetti deemaa jiru

    WHO

    Madda suuraa, Getty Images

    Tarkaanfii weerara dhibichaa to’achuurratti mootummoonni hin tumsan taanan, weerarri vaayirasichaa caalatti akka hammaachuuf deemu daarektarrii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adanaahanom akeekkachiisan.

    Tarkaanfii weerara dhibichaa to’achuuf akka oolu mirkanaa’e hojiitti hiikamuu dhabusaatiin lakkoofsi namoota qabamanii haala nama yaaddessuun dabala jiraachuu dubbatan.

    Ibsa Jenevaatti har’a kennanirratti, biyyoonni hedduun gara kallatti sirrii hin taanetti qajeelaa jiruu jedhan.

    Vaayirasichi diinummaan isaa mirkanaa’uus, tarkaanfiin mootummootaa fi hawaasaa diinummaa sana hin mul’isuu jedha.

    Dr. Teedroos hooggantoonni muraasa dhaamsi walmake dabarsuun weerara dhibichaa to’achuurratti tattaaffii godhamu jeeqe jedhu.

    Maqaa Pirezedatii Ameerikaa Doonaald Tiraamp eeru dhiisanis, haala to’annoo dhibichaarratti qeeqa dhiyeessaa turuutu yaadatama.

  6. Ameerikaatti reeffi dhalataa Itoophiyaa mukarratti fannifamee argame gaaffii kaasee

  7. Itoophiyaatti namoonni dabalataa 203 Covid-19n qabamanii, 11 ammoo dua'an

    Ragaa lakkoofsaan

    Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessa namoonni 11 dhibee Covid-19n lubbuun isaanii darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

    Kan har'aa kana dabalatee lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii 139 ta'eera.

    Qorannoo sa'aatii 24 kana keessatti saamuuda 4,385 irratti taasifameen 203 haaraa kan qabaman yoo ta'u, walumaagalatti biyyattiitti namoonni koronaavayirasiin irratti argame 7,969 qaqqabeera.

    Kan har'aa 56 dabalatee namoonni dhibee kanarraa bayyatan ammoo 4,612 qaqqabeera.

    Itoophiyaatti hanaga harratti walumaa galatti namoonni koronaavaayirasiif qorataman 293,935 ta'eera.

  8. UN tarkaafii humnaa hiriirtota Maaliirratti fudhatame balaalefate

    Maalitti filannoon Bitootessaa darbe gaggeeffamuuf yaadame erga hafe muddama siyaasaa keessa jirti

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Maalitti filannoon Bitootessaa darbe gaggeeffamuuf yaadame erga hafe muddama siyaasaa keessa jirti

    Maaliitti noomta pirezedantiin biyyatti Ibiraahim Boyubaakar Keeyitaa akka aangoo gadhiisuuf gaafatan keessaa afurii ol ajjeefamaniiru. Mormitoonni garuu lakkoofsi namoota du’anii 8 gaha jedhu.

    Gamtaan Afrikaa fi Awurooppaa tarkaanficha balaaleffatan. Kana malees, jaarmiyaaleen akka 'ECOWAS' haala qabiinsa namoota hiriiraaf bahanii qeeqaniiru.

    Mootummaan Maalii hoogganaa paartii mormituu torban kana qabame akka gadhiifamu waamicha dhiyeessaniif.

    Hiriirri kun ji’a darbe kan eegalame wayita ta’u, imaata darbes poolisiinni namoota hiriiraafa bahan irratti dhukaasuun miidhaa qaqabsiisuutu himame.

    Hiriirtonni kaan isaanii gamoo mootummaa magaala gudditti biyyatti Baamaakootti argamu qabatanii gadhiisuu didaa turan.

    Pirezedantiin biyyatti raafama dinagdee biyyatti mudatee fala dhabuu fi wal waraansa hidhattoota IS fi al-Qaayidaatti mootumman labse goolabamuu dadhabuusaaf lammiileen pirezedantii biyyatti komatu.

  9. Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

  10. Somaaliyaan sababii tasgabbiifi hanqina loojistikiif filannoo baraanaa gaggeessuun ni rakkisa jette

    Somaaliyaa

    Madda suuraa, AFP

    Somaaliyaan sababii tasgabbii dhabiinsaafi hanqinaa lojiistikiin barana namoonnii tokko tokkoon bahanii filannoof sagalee kennuu akka hin dandeenye beeksifte.

    Naannooleen mootummaa federaalaa hundeessan ammoo, tooftaan filannoon gaggeessuuf rakkinicha furuu akka barbaadamu gaafatan.

    Haata’u malee, barrii hojii pirezedantiifi muummicha ministeera dheeressuu fudhatama dhabsiisaniiru.

    Hoggantuun boordii filannoo Somaaliyaa Halimaa Ibiraahim guyyaan filannoon gaggeeffamu bara itti aanutti akka darbu gaafataa turan.

    Sababni ijoon yeroon filannoon itti gaggeeffamu bara dhufutti akka darbuuf gaafataniis weerara koronaavaayirasii, tasgabbii dhabiinsaafi balaa lolaa biyyattii mudate fa’aa tarreessanii turan.

  11. Naannoon Tigiraay miseensota Komishinii filannoof eerumsa walitti qabataa jira

  12. Covid-19 ilaalchisee addunyaan akkamiin oolte?

    Guutmmaa addunyaarratti guyyaa tokko keessatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman inni guddaan galmaa’e. Dilbata kaleessaa qofatti namoonni 230,000 ol haaraa qabamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Gabaaseera.

    Namoonni haaraa qabaman kunneen garri caalu gama Ameerikaa lamaanirraati. Kan itti aanu ammoo Eeshiyaa Kibbaati.

    Meksiikoon du’aatii sababii Covid-19tiin afraffaarratti kan argamtu yoo ta’u, kun ammoo Xaaliyaan kan Awurooppaatti wiirtuu weerarichaa turte caaleera.

    US, Filooriidaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii guyyaa tokko keessatti baayyee dabaluudhaan kan kutaa bulchiinsa kamiiyyu caaleera. Dilbata namoonni 15,000 ol qabamaniiru Filooriidaa keessatti.

    Namoonni koronaavaayirasiin qabaman addunyaa irratti yeroo dabalaa jirutti, bakkeewwan tokko tokko kan akka Maaniillaa Filiippiinsiikeessatti gariin sochii dhorkuu deebisanii labsaa jiru.

    Namoonni haaraa qabaman haalaan dabaluu isaarraan kan ka’e Afrikaan Kibbaa tarkaanfii gurgurtaa alkoolii dhorkuu deebistee labsisteetti.

    Oduun gara Indiyaarraa dhaga’ame ammoo, dhaabbata fiilmii biyyattii Boliiwood keessatti baayyee beekamaa namni ta’e Amitaah Bachaan Covid-19 qabamuu isaatiin deggartoonni isaa akka fayyuuf hawii qaban itti roobsuu isaanii galateeffateera.

    Artistiin gameessi umuriin isaa ganna 77 ta’e kun guutummaa miseensa maatii isaa waliin ture kan koronaavaayirasiin akka qabaman mirkanaa’e.

    Yeroo ammaa kanas hospitaala Mombaay tokko keessatti wallaanamaa jiru.

    Maaskii qajeeltoon godhachuun akkamiin akka itti danda’amu hubachuuf gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hordofaa.

    Giloobii
  13. Obboleessi taphataa Tootenahaam Serge Oriyer Faransaayitti ajjeefame

    Taphataa Tootenahaam Serge Oriyer ittisa gara mirgaa irraan taphata

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Taphataa Tootenahaam Serge Oriyer ittisa gara mirgaa irraan taphata

    Obboleessi taphataa Tootenahaam Serge Oriyer Faransaayitti rasaasaan dhahamuun ajjeefame.

    Quxisuun taphataan sarara ittisaa Tootenahaam Serge Oriyer, Kiristoofer Oriyer jedhamu Faransaay keessatti ajjeefame.

    Kiristoofer garaa irra rasaasaan dhahamuun erga hospitaala galee lubbuun darbite.

    Lammummaan isaanii Ayivoorii Kosti yoo tahu, Kisitooferis akkuma obboleessa isaa taphataa kubbaa miilaati.

    Shakkamaan isa ajjeese miliquu maddeen qorannoo isaatti dhiyeenya qaban himaniiru.

    Kilabni Serge Oriyer Tootenahaam gadda guddaa itti dhagahame ibseera.

    Mana shuubbisa halkanii tokko keessatti rasaasa dhukaafame lamaan madaa’ee mana yaalaa galuuni lubbuun isaa kan darbe.

  14. Buraayyuutti lolaan namoota sagal ajjeesee, manneen 180 ol mancaase

  15. Beellamni mana murtii Obbo Baqqalaa Garbaa sa’a boodatti darbe

    Baqqalaa Garbaa

    Madda suuraa, Yadi Pictures

    Obbo Baqqalaa Garbaa har’a ganama mana murtiitti dhiyaatu ture. Beellamni isaanii sa’a boodatti darbuu abukaatoo isaaniirraa dhageenye.

    Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa fi Hamzaa Booranaa buufata poolisii magaalaa Finfinnee 3ffaa jedhamuun beekamu kan Maa’ikelaawii cinaatti argamu keessatti hidhamanii ture.

    Jimaata achii baafamuun naannoo Meksiikoo buufata poolisii federaalaa jiru tokkotti hidhamanii akka jiran maatii irraa iyyaafanne jedhan abukaatoo isaanii keessaa tokko kan tahan Obbo Tuulii Baayisaa.

    Kaleessa maatiin nyaata fuudhanii deemanis akka wal hin arganne maatii irraa akka dhagahan himan.

    Nyaata poolisoonni maatii harkaa fuudhani yoo geessaniifis hin nyaannu jedhanii akka deebisan maatii irraan dhagahe jedhan Obbo Tuuliin.

    Sababni beellamni waareetti darbeef hin baramne. Manni murtii dhimmicha ilaalus Araadaa irraa gara Lidataatti jijjiiramuu Obboo Tuuliin BBC'tti himaniiru.

  16. Lammiin Ameerikaa 'burjaajii jaalalaa keessa turte' baraaramte

    Lammiin Ameerikaa hoteela Naayijeeriyaa tokko keessatti maqaa jaalalaatiin burjaajeffamaa turte poolisii Naayijeeriyaatiin baraaramte.

    Dubartiin sooroma baate kun nama ganna 34 Feesbuuk irratti barteen wal-arguuf Naayijeeriyaatti kan balaliite Guraandhala 2019 ture.

    Caamsaa 2019'ttis namicha kanatti heerumte.

    Sana boodas namni kun lakkoofsa herregaafi kaardii baankii ishees to'achuufi doolaara 48,000 duraa fudhachuun himatamaa jira.

    Eeruu ''nama itti gaafatamummaan itti dhaga'amerraa'' argatan dubartii kana baraaruuf akka itti fayyadaman poolisiin kan beeksise.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  17. Amma nu gahe, Adabbiin hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Maanchister Siitii irratti darbe ka’e

    Taphattoota Maanchister Siitii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoota Maanchister Siitii

    Adabbiin waggaa lamaa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Maanchister Siitii irratti darbe ka’e.

    Maanchister Siitiin adabbii waggaa lamaaf akka shaampiyoonsi Liigii irratti hin hirmaanneef irratti darbee ture ol iyyachuun of irraa kaase.

    Kilabichaa bara 2012 hanga 2016 galii madda biraa irraa rgate akka waan ispoonsara irraa argateetti dhiyeessuun itti fayyadamaa ture, jedheeti federeeshiniin kubbaa miilaa Awurooppaa kan Doolaara miliyoona 30 itti mure.

    Dabalataanis ganna lamaaf Shaampiyoons Liigii irratti akka hin hirmaanne qoqqobe.

    Manni Murtii Ol iyyannoo dhimma Ispoortii gidduu galuun murtoo dabarsu [Cas] Maanchister Siitiin galii ispoonserota irraa argate burjajesse hin qabu jechuun adabbiin irratti darbe akka ka’u murteesse.

    Adabbiin maallaqaas gara Dolaara miliyoona 10tti gadi bu’eefi.

    Waggoota lamaaf Shaampiyoons Liigii irraa dhorkamuun yaaddoo guddaa kilabichatti uumee ture.

  18. MM Somaaliyaa duraanii Hasan Faaraa ganna 75'tti boqotan

    Hasan Abshir Faaraa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Hasan Faaraa 1970 keessa kantiibaa Mogadishuu ta'uun tajaajilaniiru

    Ministirri muummee duraanii Hasan Abshir Faaraa, Tarkii keessatti ganna 75'tti lubbuun dabartee jirti.

    Angoorra kan turan bara 2001-2003 yeroo Abdiqaasim Salaat Hasan pirezidantii turanitti ture.

    1970 keessa ammoo kantiibaa magaalaa guddoo Moqadishuu ta'uun tajaajilaniiru.

    Pirezidantiin Somaaliyaa Abdullaahii Faarmaajoo wayita du'a isaanii labsanitti ''Guddinaafi bulchiinsa Somaaliyaa keessatti waan gaarii gumaachani,'' jechuun ture.

    Mootummaan biyyattii sirna awwaalchaa qopheessuuf koree kan hundeesse ta'us, guyyaan isaa hin ibsamne.

    Gama biraatiin ammoo, pirezidantiin duraanii kutaa bulchiinsa Puuntilaandi Mohaammad Abdii Hashii magaalaa guddittii Keeniyaa Naayiroobiitti lubbuun darbee jira.

    Bara 2004-2005'tti pirezidantii itti aanaa jalqabaafi pirezidantii 2ffaa ta'uun tajaajilaaniiru.

  19. 'Daa'imman miiliyoona 10 tahan barnootatti deebi'uu dhiisuu danda'u'

    Daa'imman Yaman keessaa

    Madda suuraa, EPA

    Weerara koroonaavaayirasiin addunyaarratti daa'imman miiliyoona 9.7 tahan, gara barnootatti hanga xumuraatti deebi'uu dhiisuu danda'u jedha dhaabni miti-mootummaa 'Save the Children'.

    Dhaabbanni kun waan jedhe, sababa weerara kanaan ijoolleen barnoota dhaaban, umuriin isaanii otoo hin gahin gara hojiitti akka galan dirqisiisa.

    ''Ijoolleen durbaa warra dhiiraa caalaa miidhamu,'' ka jedhu dhaabbanni kun, isaaniis umurii malee akka heeruman dirqamu jedheera.

    Sababa kanaan daa'imman barnootatti hin deebine keessaa, biyyoonni Lixaafi Giddugala Afrikaa, akkasumas Yamaniifi Afgaanistaan isaan ijoodha.

    ''Kun balaa yeroo hatattamaa barnoota keessatti kanaan dura tahee hin beeknedha. Mootummoonnis dhimma kanaaf xiyyeeffannoo itti kennuu qabu,'' jedhan hogganaan Save the Children, Janti Soeripto.

  20. Amma nu gahe, Intalli Nelsan Maandeellaa du'aan boqotte

    Nelsan Maandeellaa fi Intala isaa Ziindzii Mandella

    Madda suuraa, AFP

    Ziindzii Maandeellaa, intalli gootota farra appaartaayidii Afrikaa Kibbaa Nelsan Maandeellaa haadha fi warraa isaanii Wiinii Madikizeelaa-Maandeellaa du'aan boqochuu miidiyaan biyyattii SABC gabaase.

    Zindziin umurii ishee ganna 59tti hospitaala magaalaa Johaanisbargitti boqotte.

    Duuti ishee maatiidhaan mirkanaa'uu isaa SABC gabaaseera.

    Azindzii Maandeellaa Deenmaarkitti ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa ta'uun dalagaa turte.