Namoonni torbee lama dura Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa garbaa waliin to'atamuun galmee Obbo Huseen Jonbaa jalatti himataman Kibxata Mana murtiitti dhiyaatan.
Namoota lakkoofsaan 10 ta'an dhaddacha Araadaatti dhiyaataniif warra abukaatoo dhaabatan keessaa tokko Obbo Kadir Bulloo BBC'tti akka himanitti, namooti kun reeffa butuu, sabaafi sablammoota walitti buusuufi anga'oota mootummaa ukkaamsuuf yaalaniiru jedhee poolisiin himate.
Abukaatoonis, himanni galmee kanarratti dhiyaate kan galmeewwan birootiin waan wal-fakkaatuuf, yakka jedhame kana keessatti gaheen isaanii maal akka ture kan jedhu adda addatti gaafateera.
Shakkamtoonni kunneen yeroo to'annoo jala jiran kanatti baay'atanii kutaa tokkotti galuun, koroonaavaayirasiif saaxilamaa akka jiran, uffata ga'aa akka hin qabneefi maatiidhaan daawwatamaa akka hin jirre mana murtiitti himneerra jedhan Obbo Kadir.
Manni murtiis dhimmichi ilaalamee qabiinsi shakkamtootaa akka fooyya'u ajajuus dabalanii himaniiru.
Galmee kana jalatti kan himataman namoonni lama, lammummaa biyya biraa kan qaban waan ta'eef, mootummoonni biyya isaanii akka beeksifamaniif kan gaafanneefis, guyyoota lama keessatti akka raawwatamu manni murtichaa ajaja dabarseera jedhani.
Poolisiin ragaawwan dabalataa walitti qabachuu, namoota dhimmichaan hidhata qaban dabalataa to'achuufi meeshaa yakkichi ittiin dalagame irratti qorannoo fooransiikii gochuuf yeroon ga'aa akka kennamuuf gaafate.
Abukaatoowwan shakkamtootaas mormii dhiyeessanii, manni murtichaa gaafa Adoolessa 17'tti beellameera jedhan.
Obbo Jawaar Mahaammad Adoolessa 16 Roobii mana murtiitti akka dhiyaataniif beellamamee turuunsaa ni yaadatama.