Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Imirri Kuweet Sheek Saabaah Al Ahimad Al Saabaah hospitaala seenan

    Sheek Saabaah Al Ahimad Al Saabaah

    Madda suuraa, AFP

    Mootiin Kuweet Sheek Saabaah Al Ahimad Al Saabaah sababii rakkoo fayyaa qunnameeniin hospitaala seenan.

    Kanaan walqabatees ilmi mootii Sheeh Naawaaf Al Ahimad Al Saabaah yeroodhaaf itti gaafatamummaa fudhachuun biyyattii hogganaa jiru jedhame.

    Dureen biyyatti kan umuriin waggaa 91 hospitaala seenuu isaanii Ejansii Oduu biyyatiituu gabaase.

    Gabaasichi dabaluunis haala fayyaa gaariirratti argamu jechuun alatti gadi fageenyaan waan jedhe hinqabu.

    Wayita kanattis obboleessa duree biyyattii kan karaa tokkoo kan ta’an ilmi mootii Sheeh Naawaaf Al Ahimad Al Saabaah kan umuriin waggaa 83tu yeroof biyya ogganaa jira.

    Kana durallee mootiin Kuweet dhukkubsatanii hospitaala seenanii beeku turani.

    Baatii tokkoon booda ammo osoo doowwaannaa hojiin Ameerikaa jiranuu qorannoo wallaansaa taasisaniiru jedhameera.

    Sheek Saabaah imammata alaa biyyoota qarqara galoo galaanaa sirreessuun maqaan isaanii gaariin ka'a.

    Isaanis osoo duree biyyattii hinta’iin dura hanga bara 2006'tti minisitira haajaa alaa ta’uun tajaajilaniiru.

  2. Bu’aan qorannoo talaallii Covid-19 Yun. Okisfoord har’a ibsama

    Qoricha

    Madda suuraa, Reuters

    Bu’aan qorannoo talaallii koronaavaayirasii Yunivarsiitiin Okisfoord gaggeessaa jiru har’a ibsamuufi jedhamee eegamaa jira.

    Talaalliin Yunvarsiitiin Okisfoord dhaabbata AstiraaZenekaa waliin tahuun namoota hedduu hirmaachisuun gaggeessaa ture kun dhibee Covid-19 irraa nama ittisuu danda'uun isaa har’a baramuuf jira.

    Talaallii sana fudhachuun nageenya namaa kan hin miine ta’uun isaas akkasuma Barruu Fayyaa Laanset jedhamu irratti yeroo bahu kan baramu ta'a.

    Hanga ammaatti akaakuun koronaavaayirasiin adda bahuun baraman addunyaarra ni jiru.

    Garuu, tokkoo isaaniifillee talaalliin hin argamne.

    Bu’aan qorannoo har’a ibsamu garuu oduu gammachiisaa fidee dhufuu dhiisuu mala jechuun kan shakkan hedduudha.

    Qorattoonni hedduun talaalliin koronaavaayirasii walakkeessa bara 2021 bal’inaan dhala namaaf ni dhiyaata jedhanii tilmaamu.

  3. Magalaa guddoo Koongootti ‘bo’icha taa’uun dhorkame’

    Anga’oonni magaalaa gudditti Rippaablika Dimokraatwaa Koongoo, Kinshaasaa, tatamsa’ina koronaavaayirasii to’achuuf jecha namootni bo’icha akka hin teenye dhorkuu isaanii RFI gabaase..

    Akka gabaasa kanaatti kana booda reeffi sirna aadaaf gara mana maatii utuu hin geeffamiin mana reeffaa irraa kallattiin gara awwalchaa kan geeffamu ta’a.

    Dabalataaniis, bulchaan Kinshaasaa Gentinii Nigobilaa gadda taa'uun amma dhorkame kuni weerarri koronaavaayirasii erga dhaabbatee booda itti fufu akka danda’u dubbachuu isaanii RFI gabaaseera.

  4. Ertiraa daawwachuu MM Abiyyiifi himannaa naannoo Tigraay

  5. Zimbaabuweetti taphattoonniifi hojjetoonni kilabii 28 Covid-19n qabamanis dorgommiin itti fufe

    Zimbaabuweeti taphattoonniifi hojjetoonni kilabii kubbaa miilaa 28 Covid-19n qabamuu isaaniitiin taphni kubbaa miilaa sa'aatii 24 addaan citee turus dorgommiin deebi'ee itti fufeera.

    Taphni Sanbata darbe kilaboota Forest Reenjeriifi Zeskoo gidduutti gaggeeffama jedhamee eegamaa ture akka yeroo biraatti darbuuf murtaa'ee ture.

    Waldaan Kubbaa Miilaa biyyattii ammoo qaamolee dhimmi isaa ilaallatu waliin erga mariyateen booda Dilbata akka dorgommichi deebiyee jalqabamu murteesseera.

    Pirezidaantiin Waldichaa Adiriin Kaalshiils akka jedhanitti, kilboonni tokko tokko koronaavaayirasii ofirraa ittisuurratti dhibaa'ummaa qabu.

    Kilaboonni dhukkuba kana ittisuudhaaf tarkaafii barbaachisu yoo hin fudhanne addabbii cimaatu isaan eeggatas jedhaniiru.

    Sababa weerara koronaavaayirasiitiif taphni addaan cite biyyoota deebisanii jalqabsiisan keessatti Zaambiyaafi Taanzaaniyaanis keessatti ni argamu.

    Burundiinis liigii kubbaa miilaa itti fufteetti.

    Saaphana

    Madda suuraa, AFP

  6. Ministirri Dhimma Alaa Naajeeriyaa Covid-19 qabaman

    Ministira Dhimma Alaa Naajeeriyaa

    Madda suuraa, Getty Image

    Ministirri Dhimma Alaa Naajeeriyaa Jooferii Onaayeemaa koronaavaayirasiin qabaman.

    Ministirichi miseensa koree ittisa koronaavaayirasii mootummaan biyyattii hundeesse keessaa tokko ta'uun isaanii himameera.

    Ministirichi erga qoonqoo isaanii dhokkubbiin itti dhaga'ameen booda qoratamuun akka vaayirasichi irratti argame baran.

    Pirezedaant Muhaammaduu Bohaariin ammoo ministtirri biyya alaa isaa akka dafee fayyuuf hawwii qaban ibsaniiruuf.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. Gareen araaraa Maalii mootummaan waloo akka uumamu gaafatan

    Gareen araaraa Afrikaa Lixaa rakkoo siyaasaa Maalii furuuf hojjachaa jiran hiirira mormii guddaan booda, mootummaan waloo kan angoo qoddatu akka uumamuufi manni murtii heeraa haaraan akka hundeeffamuu gaafatan.

    Pireezdaantiin biyyatti Bobakaar Keyitaa gaaffi kana kanaan dura kan dhiyeessan ta’us sochii mormitootaan garuu fudhatama hin arganne.

    Mormitoonni pirezdaantichi hokkoraa jihaadistootaa, malaammaltummaaafi rakkoo dinaagdee Maalii furuu hin dandeenye jechuun akkanni aangoo gadhiisu barbaadu.

    Gareen araarraa Afrikaa Lixaa Ecowas yaada angoon mootummaa walinii haaraa walakkaan isaa miseensota mootummaa amma angoorra jiruu haa ta’u kan jedhu dhiyeessaniiru.

    Walakkaan hafe ammoo mormitootaafi gartuulee hawaasaaf kan qoodamu ta’a.

    mormitoota Maalii

    Madda suuraa, Reuters

  8. ‘Humnoonni badii dhiibbaan diinagdee guddaan akka gahu kaayyeefatan'-Obbo Nugusuu Xilaahuun

  9. 'Eenyummaa namoota miidhaa qaqqabsiisanii hin beeknu'

  10. Afrikaa keessatti biyyoonni daangaa isaanii suuta walitti banachuuf

    Biyyoonni Afrikaa akkuma biyyoota addunyaa biroo sababa weerara koronaavaayirasiitiin daangaa isaanii walitti erga cufatanii baatiin ji’a shaniif deema.

    Yeroo ammaa kana garuu sodaan namoonni koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa deemuu jiraatullee biyyoonni Afrikaa daangaawwan isaanii suuta suutaan banuuf akka jiran beeksisaa jiru.

    Sababa daangaan cufatee sochiin wal keessa imaluun dhaabbateenis daandiiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa baayyee miidhameera.

    Daandii Qilleensaa guddicha Afrikaa kan ta’eefi bu’aa hunda caalaa kan galfachuun beekamu Daandiin Qilleensa Itoophiyaallee baatii Guraandhalaa hanga Waxabajjii gidduutti galuu dolaara biliyoona tokkodha dhabeera.

    Daandiin Qilleensaa kan Afrikaa Kibbaa ammo galii dhabuurra darbee of jiraachisuuf jecha qaama liqeessanirraa maallaqa liqaan dolaara biliyoona 1.2 liqeeffachuuf dirqameera.

    Walumaagalatti daandiiwwan qilleensa biyyoota Afrikaa rakkoo kasaaraa sababa weerara koronaavaayirasii isaan mudate kanaaf of baraaruudhaaf liqaa maallaqaa dolaara Biliyoona 10 isaan barbaachisa jedhu ogeessonni dinagdee.

    Biyyoonni Afrikaa suuta suutaan yeroo tokko isa kaniif daangaa isaanii walitti banachuuf yaadanitti, daandiiwwan qilleensaa ammoo kasaaraa isaan mudate dandamachuuf akka filannootti fayyadamuu danda’u.

    Garuu ammallee akkamiin nageenya imlatootaa eeganii akka bu’aa isaanii itti argatan ammallee dhimmi irratti yaadamaa jiruuf egeree industirii kanaa murteessudha.

    Danaa Afrikaa

    Madda suuraa, Getty Images

  11. Itoophiyaatti namoonni koronaavaayirasiin irratti argame lakkoofsi baayyee guddaan galmaa’e

    Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee guyyaatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii inni baay’ee guddaadha jedhame Dilbata galmaa’eera. Kunis, sa’aatii 24 keessatti namoota 7,334 qorannoon taasifameef keessaa 704 irratti argamuun mirkanaa’eera.

    Namoota haaraa guyyaa tokkotti koronavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e keessaa 551 Finfinnee, 39 Tigiraay, 30 Oromiyaa, 26 Gaambeellaa, 21 Amaaraa, 11 Sidaamaa, 10 Dirree Dhawaa irraati.

    Akka gabaasa guyyuu ministeera fayyaatti hanga Adoolessa 19, 2020tti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa’e walumaa galatti 10,207 qaqqabeera.

    Lakkoofsi namoota dhibee kanarraa fayyanii hanga ammaatti 5,137 irra kan gahe yoo ta’u, kan du’an ammo 170 qaqqabeera.

    Nama Covid-19 qorataa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  12. Tamsaasa kallattii Adoolessa 20, 2020 jalqabneerra.

    Tamsaasa kallattii oduuwwan gaggabaaboo biyya keessaafi kan addunyaa jala jalaan isin biraan ittiin geenya kan Adoolessa 20, 2020 kun jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

    Aaga Dhaga'aa!

    Kaaddiduu namaa dukkana keessaan ifa ilaalu

    Madda suuraa, Getty Images

  13. Lakkoofsi namota koronaavaayirasiin du’ani 600,000 darbe

    Akka gabaasa Yunivarsitii Joon Hospikinsitti, addunyaa irratti lakkoofsi namoota koronaavayirasiin qabamanii miiliyoona 14 darbee kanneen dhibee kanaan du’aniis 6000,000 darbeera.

    Ammatti lakkoofsa namoota kornaavayirasiin du’anii guddaa kan qabdu Ameerikaadha. Namootni 140,120 dhibee Kanaan lubbuu dhabaniiru. Biraazilitti namootni 78,772, UK'tti ammoo namootni 45,358 du'aniiru. Afrikaa keessatti waligalaan hanga ammaatti namootni 14,684 dhibee Kanaan lubbuun isaanii darbeera.

    Bayyinaa lakkoofsa namoota koronaavayirasiin qabamanii 350,879 qabaachuun Afrikaan Kibbaa addunyaarratti sadarkaa shanaffaarra kan jiru yoo ta’u Afrikaa keessatti ammoo jalqabarra jirti.

    Hanga Ammaatti Afrikaa kibbaatti namootni 4,948 dhibee kanaan du’aniiru.

  14. Waarannii Sudaan ‘arrabsoo’ irra ga’u dhabuuf tarkaanfii seeraa fudhate

    Waaranni Sudaan gazexeessitootafi rogeessotaa waraanaa biyyattii arrabsan jechuun himatu irratti tarkaanfii seeraa fudhachu akka eegale himeera.

    Ibsa baaseen, jarri kun ‘daangaa obsa keenya’ darbaniiru jedha.

    Rageessotifi gartuleen mirga namoomaaf falman waraanni ajjeechaa mormitootaa Waxabajji bara darbee rawwate irratti qorannoon akka hin gaggeefamne dhorkeera jechuun himatu.

    Waraannni Sudaan garuu kana haaluun, kanneen yakka rawwatan ni adabamu jedha.

    Ji’a darbe, mormitoonni kumaataman lakka’aman daandilee biyyattitti ba’uun jijjirama hatattamaafi bulchiinsi uummata akka jiraatuuf gaafataniiru.

    Angooorra kaafamu Omar al-Bashiir Ebla waggaa darbetti ta’e booda, Sudaan mootummaa ce’uumsaa harka caalaan loltoota gameessaa irra uumameen bulaa jirti.

    mormiitonni fakkii waraana fakkatu fannisaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mormiitonni fakkii waraana fakkatu fannisaniiru
  15. Ibsi Aministii Caamsaa darbee ''muraasatu haqa qaba''-Abbaa Alangaa Federaalaa

  16. Poolisiin Zimbaabwe dhaabbata bilbilaa guddaa qorachuufi

    Zimbaabweetti poolisiin dhaabbata bilbilaa guddaa biyyatti Econet Wireless jedhamu, shakkii maqaa namoota sobaan maallaqaa karaa seeraan alaan sochosuu jedhuun qorachuuf jira.

    Hundeessan dhaabbata kana biliyeenara UK jiraatu Sitraayiv Masiyiwaan dhimma kanaratti yaada hin keennine.

    Mootummaan dhabbilee bilbilaa dinaagdeen biyyatt kufuu isaaf itti gaafatamoodha jedhu waliin atakaaroo keessa tureera.

    Akka eeyyama qorannoo kanaatti, poolisiin galmee odeeffannoo fayyadamtootafi daldalaa ji’oota ja’an darban keessatti rawwatamanii Econet akka dhiyeessu barbaada.

    Fayyadamtoota miiliyoona 10’f galmeen kun garmalee guddaa ta’u mala.

    Poolisiin dhabbati kun sharafa alaa gabaa seeraan alaa irraa bituuf fayyadamtoota sobaa fayyadamuun dinaagdeerratti dhiibbaa uumeera jechuun himata.

    Baankiiin Gidduugaleessa Zimbaabwees Kanaan dura himannaa wal fakkaata dhiyeessuus Econet himanicha haaleera.

    Qeeqxonni garuu rakkoo diinagdee biyyattitti uumameef qaama itti gafaatamummaa itti dabarsu barbaada jedhu.

    Sitraayiv Masiyiwaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sitraayiv Masiyiwaan
  17. Gaazexessaa Yaasiin Juumaa Mana Murtiitti dhiyaate

    Gaazexessaan lammii Keeniyaa Yaasiin Juuma guyyaa kaleessaa Mana Murtii Federaalaa dhaddacha Lidataatti dhiyaate.

    Gaaxessaan kun torbee lamaan Kamisa darbee Mana jireenyaa obbo Jawaar Mohaammad keessa namoota biro waliin to’annoo jala kan oole.

    Guyyoota darbe eessatti hidhamee akka ture osoo hin beekamiin turee, guyyaa kaleessa namoota biroo afur waliin Mana murtii dhiyaachuun Poolisiin guyyaa qorannoo dabalataa 10 argateera.

    Gaazexessaa Yaasiin mana hidhaa ‘sostanyaa Poolisi xaabaa’ jedhamu akka jiru beekameera.

    Mana Murtiitti kan dhiyaate torban lamaa ol booda.

    Gaazexessaa Yaasiin Juuma

    Madda suuraa, Yaasiin Juuma

  18. Guyyaa tokkootti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii inni guddaan galmaahe

  19. Deebineerra!

    Akkam bultan/ooltan?

    Gabaasa kallattii guyyaa Dilbataan deebineerra.

    Armaan gaditti gabaasaalee guyyoota darba isin biraan gahaa turre argachuu dandeessu.

    Oolmaa gaarii jenna!

  20. Ka hardhaa kanumaan obbaasna

    Gabaasa kallattii keenya hardhaa suuraa armaan gadii kanaan xumurra.

    Kuni gafarsa moo Roobiidha?

    Boru walitti dachaana

    Maxxansa Instagram irra dabri
    Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa Instagram