Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lammiileen Itoophiyaa kuma hedduu Yamanitti danqaman lubbuusaaniif sodaachaa jiru-IOM

    Godaantoota Adan keessa gamoowwan ijaaramanii hinxumuramne keessa bulan

    Madda suuraa, IOM/R. Ibrahim

    Godaantonni 14,500 kanneen irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa ta'aniifi Yaman keessaitti danqamanii jiran lubbuusaaniif soda akka qaban Dhaabbanni Baqattootaa Idil-addunyaa IOM ibseera.

    Godaantonni Yaman keessaa qaxxamuruun gara biyya Arabaatti ce'uuf yaalan kanneen 14,500 ta'an kunneen rakkoo hamaa isaan mudatu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeeras jedha.

    Baayyinni lakkoofsa baqattoota Yeman bulchiinsoota Adan, Maarib, Laahii fi Sa'aadaa keessatti danqamanii argaman kunneenis kana caaluu akka danda'ullee dhaabbatichi dabalee himeera.

    "Tajaajila barbaachisaa hin qaban ykn ammoo malli ittiin biyyatti deebiyan hin jiru" jedha IOM.

  2. "Dhugaa Haacaaluu sabaaf dhiyeessine malee 'qalmaaf hin qopheessine'''

  3. Biyyoota kamtu lakkoofsa namoota Covid-19 qabame baay’ee qaba?

    Biyyoota addunyaa vaayirasiin miidhaman

    Madda suuraa, JHU

    Biyyi addunyaa dhiibbaa weerara kanaan karaa tokkoonis ta’e kan biraatiin dhiibbaan irra hin qaqqabne hin jiru.

    Garuu biyyooti weerarri vaayirasichaa itti hammaachuun, lakkoofsa namoota qabamanii olaanaa qaban tartibaan kunooti.

    1. USA - Namoota mil 3.42

    2. Brazil – Namoota mil 1.92m

    3. Indiyaa- Namoota 906,752

    4. Raashiyaa - Namoota 738,787

    5. Peeruu - Namoota 333,867

    Ragaan yuunvarsiitii Joon Hopkiins

  4. Ministirri Afrikaa Kibbaa Covid-19’n qabaman

    Giwidii Mantashi duraan qoratamanii vaayirasichaan hin qabamne ture

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Giwidii Mantashi duraan qoratamanii vaayirasichaan hin qabamne ture

    Ministirri albuudaa fi Inarjii Afrikaa Kibbaa Giwidii Mantashii haadha warraasaanii wajjiin vaayirasichaan qabaman.

    Ministirichi addaatti of fo’anii manasaaniirra hojiisaanii itti fufaniiru.

    Erga weerarri vaayirasichaa biyyatti keessatti mudate yeroo sadaffaatti wayita qorataman vaayirasichaan qabamuun mirkanaa’e.

    Afrikaa Kibbaatti namoota 287,000 vaayirasichaan kan qabaman wayita ta’u, ardii Afrikaatti biyya lakkoofsa namoota olaanaa qabdu.

  5. Manneen Barumsaa cufanii kaa’uun ‘murtoo hamaadha’ jedhan Tiraamp

    Pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp manneetii barnootaa Saan Deegoo fi Los Anjeles yeroo barnootni ji’a Hagayyaa dhufu eegalu cufanii kaa’uun murtoo hamaadha jechuun qeeqan.

    Gaaffiif deebii miidiyaa CBS News jedhamu waliin taasisan irratti manneetiin barnootaa Saan Deegoo fi Los Anjeles Hagayya dhufu barnoota karaa interneetii [online] qofa kennuun sirrii miti jechuun qeeqan.

    ‘’Maatii barattootaa fi barsiisotatti himuu kanan barbaadu nama haaraa murtoo sana dabarsuu danda’u taatanii of arguu qabdu,sababni isaas murtichi gaarii waan hin taaneef’’ jedhan.

    ‘’Maatii fi barattootni dhiphina kanaan du’aa jiru. Isaan miidhamaa jiru sababni isaa ammo waan hojjechuu qaban hojjechaa hin jiran. Haadholiin sababa tasa akka mana turan taheef bakka hojii isaanii deemuu hin dandeenye. Ijoollee fi abbaa warraa waliin oolaa jiru,’’ jedhan Tiraampi.

    Akka ragaan Fayyaa Hawwaasaa Kaalifoorniyaa agarsiisutti naannichatti koroonaavaayirasiin Waxabajjii 13 keessa akka malee ol ka’uun namootni 36,508 qabamanii ture.

  6. Akkam bultan?

    Gabaasni keenya kallattii kan har'aa asirraa eegala.

    Gabaasaalee guyyoota darbanii gadi dabarsuun argachuu dandeessu.Yaada keessan nuuf barreessaa, oolmaa Gaarii!

  7. Tajaajilli Intarneetaa WiFi Finfinneetti gadhiifame

    WiFi

    Madda suuraa, Getty Images

    Torbee lamaaf adda cite kan ture tajaajilli Intarneetaa gama WiFi magaala Finfinnee keessatti har’aa deebi’aa jira.

    Kutaalee magaalaa Finfinnee tokko tokko keessatti tajaajilli intarneetaa kun eegalee akka jiru BBC’n mirkaneeffateera.

    Daataa Moobaayilaatiin tajaajilli Intarneeta kennamu garuu amallee akkuma adda citetti jira.

    Mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaan walqabatee rakkoo nageenyaa mudate hordofee ture intarneeta kan cufe.

    Aanga’oonni mootummaa miidiyaaleen hawaasaa hokkora hammeessuufi haasaa jibbinsaa tamsaasuun walitti bu’iinsi sabaa akka ka’u meeshaa ta’aa waan jiraniif akka cufan ibsaa turan.

    Dhaabbilen Dimookrasiifi mirga namoomaaf falman mootummaan intarneeta cufuun mirga namaa sarbuurraa akka of qusatu dhaamuun Intarneeta akka gadhiisuu gaafachaa turan.

  8. 'Ejjennoo hin jijjiiramneefi fedhii dabalataa Masiriitiif mariin xumura hin arganne'

  9. Itoophiyaatti sa’aatii 24 darbe keessa namoonni 212 Covid-19n qabamanii105 bayyanatan

    Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessa qorannoo laaboraatoorii namoota 3,607f taasifame keessaa koronaavaayirasiin namoota 212 irratti argamuu Ministeeri Fayyaa beeksiseera.

    Namoonni har'a haaraa qabaman kun naannoodhaan yeroo ilaalamu: 155 Finfinnee, 18 Tigiraay, 10 Affaar, 8 Dirree Dhawaa, 7 Amaaraa, 2 Oromiyaa,12 Kibbarraadha.

    Kan har’aa 105 dabalatee hanga ammaatti biyyattii keessatti walumaa galatti namoonni 4,717 Koronaavaayirasiirraa dandamataniiru.

    Kanneen dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe ammoo kan har’aa 7 dabalatee 146 qaqqabeera.

    Itoophiyaatti hanga ammaatti namoonni 297,542 koronaavaayirasii kan qorataman yoo ta’u, isaan keessaa namoota 8,181 irratti argamuu isaa Munisteerri Fayyaa gabaasa guyyuu isaatiin ibseera.

    Odeeffannoo Covid-19 lakkoofsaan
  10. Covid-19 ilaalchisee addunyaan maalitti jirti?

    Danaa addunyaa gariin

    Addunyaarratti US lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin irratti argameefi kanneen dhibee kanaan du'aniin isa l aanaa ta'e qabdi. Hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni miliyoona 3.4 Covid-19 kan qabaman yoo ta'u, 125, 000 kan ta'an ammoo dhibee kanaan du'aniiru.

    Namoota miliyoona 1.8 koronaavaayirasiin irratti argameefi 72,000 dhibee kanaan lubbuun darbe qabaachuun Biraazil lamaffaarratti argamti.

    Lakkoofsa namoota baayyee qabamanii qabaachuun Indiyaa, Raashiyaafi Peeruun kanneen tokkoffaa hanga shanaffaa keessa jiran keessati argamu.

    Gama du'aatiitiin ammoo, UK Biraaziliifi Ameerikaatti aantee kan hedduu miidhamtedha. UK'tti aansee ammoo Meksiikoofi Xaaliyaan biyyoota du'aatii sababa dhibee Covid-19n guddaa miidhaman.

    Ragaan kun akka Yunvarsiitiin Joon Hopkiinsi addunyaa guutuurraa sassaabee dhiyeessuttidha.

    Kun osoo kanaan jiruu, magaalaawwan addunyaa hedduun isaanii weerara koronaavaayirasii deebiyee hammaachaa jiru dura dhaabbachuudhaaf seera sochii dhorkuu cimaadha jedhame deebisanii kaa'aa jiru.

    Iraan keessatti aanga'oonni magaalaa guddoo biyyattii Tehraan keessa sochiin akka hin jiraanne dhorkiteetti.

    Haaluma walfakkaatuun magaalaa biyya Indiyaa Bangaloor keessatti weerarri hammaate sochii dhorkiteetti.

  11. Tiraamp maaskii sirnaan hin kaawwannee?

    Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Twitter

    Suuraan miidiyaalee hawaasaa gubbaa kumaatama hedduutti qoodame, Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, maaskii afaaniifi funyaan haguugu haalaan osoo hin godhatin jiran agarsiisa.

    Aabba Tiraamp wayita hospitaala waraanaa tokko daawwatanitti, maaskiin godhatan funyaan isaanii hin haguugne ture.

    Ha tahu malee, dhimmoonni suuraa kanarratti gaaffii kaasan jiru.

    Ka jalqabaa, suuraaleen pireezidantichaa iddichatti kaafaman biroo hin argamne. Viidiyoon kana mirkaneessuus hinjiru.

    Gama biraan ammoo, maaskichi wayita funyaan isaaniirraa bu’u, battaluma sana namni tokko kaameeraa yookaan moobaayila isaaniin kaasan – kunis mirkana miti.

    Akkasumas haalluun suuraa kanaa nama mamsiisa, qulqullinni suuraa kanaas daran kan gadi bu’edha.

    Fo’aan maaskicha gurrarra ittin godhatanis gurra Tiraamp keessa waan bahu fakkaata, akkasumallee bocni funyaaniifi areedasaanis sirrii hin fakkaatu.

    BBCn sirna intarneetaa kanaaf qophaa’e fayyadamuun suuraan kun dhugumatti iddoo biraa ka jedhu ilaaluuf wayita yaalleetti, miidiyaalee kamuurra suuraan kun hin baane.

    Suuraan kun kan qoodame miidiyaalee hawaasaa gubbaa qofarratti.

  12. Haacaaluun 'sodaa malee warra aangoo qaban dura dhaabbachuu nu barsiise'

  13. Covid-19 sodaachuun uffata qorattoota hawaa fakkaatu warra hodhisiifatan

    Biraazil

    Madda suuraa, AFP

    Abbaa warraa fi haatii warraan lammillee Biraazil huccuu qorattootni hawaa uffatan fakkaatu Covid-19 itti ofirraa ittisuuf keewwatanii bahan.

    Akkaawuntaantiin ganna 66 Teerikoo Galdinoo fi haatii warraan isaa uffata addatti saayintistoonni hawaa wayita gara hawaatti qajeelan uffatan fakkaatu uffatanii daandii Riyoo Dijeneerootti bahan.

    Akka Covid-19 isaan hin qabne ofeeggaannoo isa olaanaadha jedhan taasisuuf jecha huccuu kana uffatu.

    Teerikoon dhibichaaf caalatti saaxilamaa ta’uusaa waan yaadda'ef huccuu qorattootni hawaa keewwatan fakkeessee hodhisisuun haadha warraasaa wajjin uffatanii karaatti bahan.

    Biraazil addunyaarratti biyya namoonni sababii koronaavaayirasiin baay'inaa lubbuu dhaaba jiran ta’uun sadarkaa lammaaffaarra jirti, weerarri biyyatti keessatti ammas hin to’atamne.

    Biraazil

    Madda suuraa, AFP

  14. Suuraawwan saatalaayitii bishaan Hidha Haaromsaa keessatti dabalaa jiraachuu mul'isan

  15. Poolisoonni lama morma dubartii tokkoo irra dhaabbachuun dheekkamsa kaase

    Poolisiin morma dubartiirra ejjetee

    Madda suuraa, Twitter

    Miseensonni poolisii lama Biraazil, magaalaa Saa’oo Poolootti yeroo morma dubartii gurrattii tokkoo irra jilbeenfachuun lafatti gadi qaban viidiyoon agarsiisu televizhinii irratti erga tamsa’ee himanni isaan irratti banamuufi.

    Miidhamtuun haadha qabeenyaa mana dhugaatii xiqqaa tokkoo taate harki ishee hidhamuun booda poolisoota lameen jedhamaniin fudhatamtee deemte.

    Dubartii bifaan gurraattii taate kana mormorra kan ejjete poolisoota lamaan keessaa tokko ture.

    Bulchaan Saa’oo Pooloo gochaa akkasii obsaan bira hin darbinu jechuun lamaan isaanii iyyuu hojiirraa ari’amaniiru.

    Maqaan poolisoota jedhamanii hin eeramne. Garuu magaalicha keessa poolisoonni 2,000 tahaniif kaameeraan irratti hidhameera.

    Viidiyoon jedhame kun Televizhinii ‘Fantástico TV’ jedhamu irratti tamsa’e.

  16. Mariin hidha haaromsa eegalame waliigaltee malee xumurame

    Hidha Guddicha laga Abbayyaa

    Madda suuraa, Twitter/@BenDoBrown

    Mariin hidha haaromsa jaarsummaa Gamtaa Afrikaan Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jidduutti eegalame ture waliigaltee malee xumurame.

    Mariin guyyoota 11f bakka taajjabdoonni 11 fi ogeeyyiin jiranitti gaggeeffame kun Wiixata galgala sa'aatii sadiitti waliigaltee malee xumurameera jedhan Ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dr Silashii Baqqalaa.

    Gamtaa Afrikaa jaarsummaan marii kanaaf haala mijeesseef gabaasa barreessaa jirra jedhan.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Dhimmi Hidha Haaromsaa kun mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erga dhiyaatee booda Gamtaan Afrikaa dhimmicha akka duuka bu'u jedhame.

    Jaarsummaa Gamtaa Afrikaan biyyoonni sadan torbee lama keessatti waliigalteerra akka gahan ture kan yaadame.

    Itoophiyaan waliigalteerra gahamus gahamuu baatus hidha kana bishaan guutuu akka eegaltu himtee turte.

    Aanga'oonni hidhicha bishaan guutuun eegalamuu mirkaneessuu baatanis suuraawwan saatalaayitii irraa kaafaman, hidhi haaromsaa bishaan qabachuu eegaluu isaa mul'isu.

    Erga biyyoonni sadan waliigalteerra gahuu dhabanii as tarkaanfiin itti aanu maal akka ta'e hin baramne.

  17. Waa'ee namoota hidhaa jiranii yaaddofne jedhu maatii fi dhaabonni siyaasaa

  18. "Siyaasa keessatti akka hin hirmaanneef 'shira nurratti xaxamedha'"

  19. Kaaliforniyaatti sochiin namootaa irra deebiin daangeffame

    Kaaliforniyaatti uggura sochii namoota daangessu irra deebisuun labse.

    Madda suuraa, Rooyitars

    Sababa weerarri vaayirasii deebi’ee hammaateen Ameerikaa bulchiinsi Kaaliforniyaatti uggura sochii namoota daangessuu irra deebi'uun labse.

    Kutaa Ameerikaa lakkoofsa uummata guddaa qabu kanatti namoonni akka walitti akka qabamneef iddoowwan bizinasii akka cufaman bulchaan kutaa Kaaliforniyaa Gaavin Niwsom ajajaniiru.

    Iddoon waaqeffannaa, godambaa, manni jiimii fi manni rifeensa sirreessan cufaadha.

    Kaaliforniyaatti namoonni 330,000 koronaavaayirasiin qabaman keessaa 7,000 du’aniiru.

    Sababa weerarri vaayirasii deebi’ee hammaateen namoonni miliyoonni 40 kutaa kana jiraatan sochiin isaanii daangeffameera.

    Torban lamaan darban lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii harka 20’n dabaleera.

    Haaluma walfakkaatuun, bulchiinsa Ameerikaa 50 keessaa 40 keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii torban lamaan darban kanatti dabaleera

    Bulchiinsonni Kaalifoorniyaa, Filooridaa, Arizoonaa fi Teeksaas wirtuu weerarri Covid-19 caalaatti keessatti hammaate ta’aniiru.

  20. Mormiin itti jabaannaan mootummaan biyya Maalii hoogganaa paartii mormituu hidhe gadhiise

    Pirezedantichi aangoo akka gadhiisan mormiin itti jabaatera

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedantichi aangoo akka gadhiisan mormiin itti jabaatera

    Mormitoonni pirezidantiin Maalii Ibiraahim Boyibakar Keeyitaa aangoo akka gadhiisan gaafachuun hidhaman 20 hidhaarraa gadhiifamaniiru.

    Hiriira mormii magaalaa guddoo biyyatti Baamaakoo keessatti bahamerratti humnoonni nageenyaa mootummaa hiriirtotaan walitti bu’anii, yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefaman.

    Rogeeyyiin siyaasaas torban darbe hidhamaniiru.

    Dhaabbatni biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Gamtaan Afrikaa hooggantoota hiriira mormii kana qindeessan hidhaarraa akka hiikaman jaarmiyaalee gaafatan keessa jiru.

    Pirezidantiin biyyattii wal dhibdee filannoorratti mudatee fi haleellaa hidhattoonni biyyattii keessa socho’an qaqqabsiisan to’achuu dadhaban jedhamuun aangoo akka gadhiisaniif gaafatan.

    Maanguddoon ganna 75 Ibiraahim Boyibakar Keeyitaa bara 2013 aangoo pirezidantummaa qabatan.