Lammiileen Itoophiyaa kuma hedduu Yamanitti danqaman lubbuusaaniif sodaachaa jiru-IOM

Madda suuraa, IOM/R. Ibrahim
Godaantonni 14,500 kanneen irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa ta'aniifi Yaman keessaitti danqamanii jiran lubbuusaaniif soda akka qaban Dhaabbanni Baqattootaa Idil-addunyaa IOM ibseera.
Godaantonni Yaman keessaa qaxxamuruun gara biyya Arabaatti ce'uuf yaalan kanneen 14,500 ta'an kunneen rakkoo hamaa isaan mudatu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeeras jedha.
Baayyinni lakkoofsa baqattoota Yeman bulchiinsoota Adan, Maarib, Laahii fi Sa'aadaa keessatti danqamanii argaman kunneenis kana caaluu akka danda'ullee dhaabbatichi dabalee himeera.
"Tajaajila barbaachisaa hin qaban ykn ammoo malli ittiin biyyatti deebiyan hin jiru" jedha IOM.
Dabalata asii dubbisaa: Lammiileen Itoophiyaa kuma hedduu Yamanitti danqaman lubbuusaaniif sodaachaa jiru-IOM













