Hooggantoonni Afrikaa Hidhaa Abbayaa irratti har'a ni mariyatu
Hoggantoonni Afrikaa Hidhaa Abbayyaa Itoophiyaa dubbii ijoo ta’ee jiru irratti Kibxata har’aa haasaa ni taasisu jedhamee eegama.
Mariin kun mariiwwan Gamtaan Afrikaa jaarsummaan gaaggeessaa ture waligaltee malee xumuramuu isaan booda.
Itoophiyaan hidhi kun uummaata miliyoonotaan lakkaawaman kan humni ibsaa malee jirataniif ibsaa kennuu danda’a abdii jedhu qabdi, Masriin garuu hidhi kun madda bishaanii ishee irratti rakkoo uumaa yaaddoo jedhu qabdi.
Utuu waligalteen biyyootii sadan kana jiduutti hin uumamiin hidhaan gara waggaa kudhaniif ijaaramaa ture kuusuu bishaanii isaatti bishaan fudhachuu egaleera.
Itoophiyaan ariitiin humna ibsaa uumuu barbaaddi, Masriifi Sudaan garuu maddii bishaanii akka hin hir’anneef raagaa mirkana’aa barbaadu.
Kaanaan duras yaaliin waligalteerra ga’uu hin milkaa’iin hafeera.
Yaaliin dhiyeenya Gamtaa Afrikaan taasisames xumurarra hin geenye. Pireezdaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa dabalatee hooggantoonni biyyooti afrikaa, adeemsichii maalirra akka jirufi tarii malli haaraan yaalamu danda’u yoo jiraate ilaalu barbaadu.
Yeroo hojii eegalutti hidhi kun humna ibsaa meggaawaatii 6,000 maddisiisu danda’a, kunis Afrikaa keessatti hidhaa madda ibsaa (hydroelectric) isa guddaa isa taasisa.

Madda suuraa, Getty Images











