Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Miseensonni Paarlaamaa Madagaaskaar lama Covid-19’n du’an

    Madagaaskaar

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensonni Paarlaamaa Madagaaskaar lama, tokko itti aanaa mana marichaa fi kan biraan ammoo miseensi mana maree koroonaavaayirasiin qabamanii du’uu isaanii pirezidaantiin biyyattii Andiree Raajolinaa himan.

    Pirezidaantichi itti aantotni biroo 11 fi senaaterootni 14 tahan tahan koroonaavaayirasiin qabamuu himuu isaanii AFP gabaase.

    Mootummaan Madagaaskaar naannoo guddaa biyyichaa magaalaa guddoo Antananarivo of keessatti qabatu deebisee uggura sochii jala galcheera.

    Kunis weerara vaayirasichaa to’achuuf yoo tahu hanga ammaatti namootni 4,578 tahan dhukkuba kanaan qabamaniiru. Namootni 34 tahan ammoo lubbuu dhabaniiru.

  2. Afrikaan Kibbaa irra deebiin gurgurtaa alkoolii dhorkite

    Gurgurtaan alkoolii Afrikaa Kibbaatti irra deebiin dhorkame

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Gurgurtaan alkoolii Afrikaa Kibbaatti si'a 2ffaaf dhorkame.

    Afrikaan Kibbaa weerara koroonaavaayirasii to’achuuf jecha alkoolii gurguruu dhorkuu dabalatee uggura biraas dabarsite.

    Halkan sochiin namaa akka hin jiraannee fi alatti maaskii kaawwachuun dirqama gochuun labsiteetti.

    Pirezidaanti Siiril Raamaafoosaan gurgurtaan alkoolii bara kana yeroo 2ffaaf dhorkame dhiibbaa eegumsa fayyaa biyyaalessaa xiqqeessa jedhan.

    Afrikaa Kibbaatti namootni vaayirasichaan qabaman gara 250,000 caalaa jira.

    Namootni koroonaavaayirasiin du’an ammoo 4,000 ol yoo tahan, mootummaan hanga xumura bara kanaatti namootni 50,000 tahan vaayirasichaan du’uu akka danda’an ibseera.

    Afrikaan Kibbaa biyya ardii Afrikaa irraa weerara vaayirasii kanaan haalaan miidhamte yoo taatu, kutaan biyyaa Gauteng bakka weerarri hamaan itti mudatedha.

  3. Addunyaarratti lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti Covid-19n qabamanii olaanaan galmaa'e

    ho'a qaamaa wayita safaramu

    Madda suuraa, Reuters

    Addunyaarratti sa’aatii 24 darban keessa qofa namoonni 230,370 koronaavaayirasiin qabaman jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO).

    Kuni erga weerarri vaayirasichaa mudatee lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti qabamanii isa olaanaa ta’ee galmaa’ee jira.

    Iddoon namooti hedduun itti qabaman Ameerikaa yoo ta’u kan hafan akka armaan gadiiti:

    ·Ameerikaa - 142,992

    ·Kibba Baha Eeshiyaa - 33,173

    ·Awurooppaa - 18,804

    ·Afrikaa - 17,884

    ·Baha Mediteraaniyaan - 15,361

    ·Lixa Paasifik - 2,156

    Guyyaadhuma kana duuti namoota 5,285 ta’an yoo galmaa’u irra hedduun Ameerikaa keessatti du’ani.

  4. Yooyyaa!

    Akkam jirtu?Gabaasa kallattii biraan deebinee jirra. Waa'ee koronaavaayirasii akkasumas taateewwaan gurguddoo biyya keessaa fi alaa jala buunee fuula kanarratti isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaaniif marsariitii keenya BBC Afaan Oromoo akkasumas fuula Facebook keenya daawwadha.Oolmaa Gaarii isinii hawwina!