Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Indiyaatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira, Ayishiwaariyaafi intallishee Covid-19'n qabaman

    Aktires Ayishwaariyaa fi intalashii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ayishiwaariyaa dabalatee namoonni kuma 34 ol sa'aatii 24 keessatti Covid-19'n qabamuun mirkanaa'eera

    Sa'aatii muraasa darban keessatti waa'ee akitarii beekamtuu Ayishiwaariyaa Raayi Baachaan Covid-19'n qabamuufi intalashee waliin hoospitaala seenuu gabaafamaa ture.

    Kan isaanii kun lakkoofsa namoota waliigalaa sa'aatii 24 darbe keessatti galmaa'e 34,884 keessaayyu.

    Sa'aatiidhuma kana keessattis namoonni 671 ta'an koroonaavaayirasiin wal-qabatee lubbuu dhabaniiru.

    Naannoleen kan akka Mahaaraashaatiraa, Taamil Naaduu fi Weesti Beengaal, bakkeen weerarichaaf hedduu saaxilamoo jedhaman cufaniiru.

    Maatii Baachaan ilaallatee oduun jiru - wal'aansa taasifamaafii jiruun fooyya'aa akka jiranidha eejansiin oduu PTI kan gabaase.

    Ayishiwaariyaa dabalatee abbaan warraashee Abisheek, akkasumas soddaanshii Amitaab Baachaanis wal'aansa argachaa jiru.

  2. ''Lammiileen Iraan miiliyoona 25 tahan Koroonaavaayirasiin qabamaniiru,'' jedhan Rohaaniin

    Hasan Rohaanii

    Madda suuraa, ep

    Pireezidantiin Iraan Hasan Rohaanii, lammiileen Iraan miiliyoona 25 tahan Covid-19'n qabamuufi kanneen biroo miiliyoona 35 tahan ammoo saaxilamoo tahuu dubbatan.

    Ragaan pireezidantichi dhiyeessan kun gabaasa ministeera fayyaarratti hundaa'uun yogguu tahu, biyyattiin siree yaalii dachaa amma jiru akka barbaachisu dubbatan.

    Haga ammaa lakkoofsi namoota qabamanii gabaafamee jiru - 269,440.

    ''Gabaasa kanarratti hundaa'uun yoo haasofne: gabaasichi ummata biyyattii keessaa miiliyoona 25 kan tahan vaayirasichaan qabamaniiru. Kanneen miiliyoona 30 haga 35 tahan ammoo ji'oota dhufaa keessatti qabamu.

    Kana malees gabaasichi namoonni hoospitaalatti ciisanii yaalamuun isaan barbaachisu kan amma jiruun dachaan baayyata,'' jedhaniiru.

    Pireezidanti Rohaanii dabalanii, guyyoota 150 dabran keessa namoonni 14,000 tahan vaayirasii kanaan qabamanii du'aniiru jechuun gabaasicha eeruun dubbataniiru.

  3. Naannoon Chaayinaa tokko namoonni 16 Covid-19'n erga qabamanii booda tarkaanfii hatattamaa fudhate

    Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Anga'oonni Urumqii magaalaa guddittii Naannoo Zhiinjiyaangi, Jimaata kaleessaa magaalattiitti namoonni 16 vaayirasichaan qabamuun erga mirkanaa'ee booda tarkaanfii hatattamaa fudhataniiru.

    Adoolessa keessa namoonni haaraan 17 vaayirasichaan qabamuun yoo mirkanaa'u, mallattoo kan hin agarsiifne kan biroon 11's argamaniiru.

    Namoonni 269 biroon ammoo hordoffiin irratti taasifamaa jiraachuudha Rooyitarsi kan gabaase.

    Akka miidiyaan mootummaa Giloobaal Taayimsi gabaasetti naannoowwan jireenyaa hedduun Kamisa halkan irraa kaasee cufamanii hordofamaa jiru.

    Namoonni naannichatti asiif achi akka sochoo'an hayyamamus, maaskii kaawwachuun dirqama dha.

    Daandiin baaburaa magaalattiis Kamisa darbe cufamee ture.

    Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Urumqii Diwooppuutti balalliiwwan 600 ol Jimaatarra akka haqaman taasifameera.

    Hogganaan giddu-gala to'annoofi ittisa dhukkubaa Urumqii Ruyii Baawooliingi akka jedhanitti, ''haalli waliigalaa weerarichi naannicha keessatti qabu kan to'atamuu danda'udha''.

  4. Itoophiyaa fi Masriin hidhaa Laga Abbayyaarratti maaliif waliigaluu dadhaban?

  5. 'Mootummaan Itoophiyaa haala namoota hidhamanii ifatti beeksisuu qaba'

  6. 'Hanqina qabinsa mirgaa hidhamtootarra gahu hordofaa jirra'

  7. Sudaanitti seerotni Shari'aa jijjiiramuu warri morman hiriira bahan

    Mormitoota Sudaanitti bahan

    Madda suuraa, AFP

    Sudaanitti mormitoonni seera Shariyaa deeggaran magaalaa guddittii Kaartumitti bahuun seeroonni bu'uura Islaamummaa qaban fooyya'uusaanii morman.

    Biyyattiin guyyootaan dura seerota ciccimoo bu'uura Islaamummaa qaban fooyyeessuushee beeksistee turte.

    Seerota kanneen keessaa namootni Musliima hin taane alkoolii akka hin dhugne kan dhorku ture.

    Kana malees namni amantii dhiise dhagaan tumamee akka ajjeefamu taasifama ture. Adabbiin uummata duratti uuleen dhaanamuus akka haqamu murtaa'ee jira.

    Rifoormiiwwan kunniin kan labsaman erga hoogganaan biyyattii yeroo dheeraa Omaar al-Bashir, mormii hedduun booda aangoorraa bu'anii booda.

    Mormitoonni kunniin seeronni kunneen fooyya'uusaanii daran morman. ''Seeronni Rabbi kaaniin bakka bu'uu hinqaban,'' jechuun sagaleesaanii dhageessisaa turan.

    Kana malees, barreeffamoota ''Sekulaarizimii hin fudhannu,'' qabatanii bahuu ejensiin oduu AFPn gabaaseera.

    Mormitoonni ergaasaanii ministira muummee biyyattii Abdallaa Hamdookitti wayita dabrsan: ''Hamdook, kun Kaartuum malee Niiw Yoork miti,'' jedhaniiru.

    Kaanis suuraa Ministira Haqaa biyyattii Nasraddiin Abdulbarii qabatanii turan - ministira kanatu fooyya'uu seerota kanaa kan labsan.

    Seera haaraa kanaan, dubartoonni ijoollee isaanii waliin imaluuf miseensa maatii dhiira tahe irraa eeyyama gaafachuun isaanirra hin jiraatu.

    Kanneen Musliima hintaane mana dhuunfaasaaniitti alkoolii dhuguun kan heeyyamameef oggaa tahu, Muslimootaaf garuu alkoolii dhuguun ammallee hin heeyyamamne.

  8. Qabsaa'aan mirgaa beekamaan Joon Lewiis ganna 80tti du'aan boqotan

  9. Itoophiyaatti sa’aatii 24 darbe namoonni 344 Covid-19n qabamanii 13 du’an

  10. Lakkoofsi deeggartoota Tiraamp sababii Covid-19n xiqqaataa jira jedhame

  11. Miseensoonni paarlaamaa Yugaandaa Pirezidaant Museeviinii dhiifama gaafatan

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  12. UKn guyyaatti namoota kuma 500 qorachuuf

    Ministirri Mummee biyyattii Booriis Joonsan akka jedhanitti, mootummaan qorannoo Covid-19 fooyyeessuuf hojii cimaa hojjateera.

    Haaluma kanaanis qorannoo guyyaatti gaggeessan parsantaa 100 guddisuun 200,000 gaheera.

    Innis ‘‘UK keessatti namni kamiiyyu, eessattuu mallattoo dhukkubbii qabaannaan turtii tokko malee qoratama,’’ jedhaniiru.

    Garuu waqtii qorraatti deemamaa waan jiruuf qorannoon gaggeeffamu cimee itti fufuu qaba jedhan.

    Kanaafuu ‘‘dandeettii qorannoo guyyaa keenya gara 500,000 guddifna dhuma baatii Onkolooleessaatti,’’ jedhaniiru.

    UK
  13. Qawwee kilaashiin tokko loon lamaan iddoo itti geeddarame

    saamtota qawwee deebisan

    Kaaba-Baha Naayijeeriyaa bulchiinsa Zamfaraa jedhamu keessatti saamtota qawwee qabatanii loon, suuqii fi midhaan fa’aa saamaa turan qawwee tokko wayita deebisaan loon lamatu kennameef.

    Bulchaan bulchiinsa Zamfara yakka dhiisanii akka lammii itti gaafatamuummaan itti dhaga’amutti akka jiraatan jajjabeessuuf loon qawween jijjirreef jedhaniiru.

    Saamtonni hawaasatti makaman kun duraan doqdoqqeen deemanii nama saamu, bosona keessa dhokatanii namoota butanii gadhiisisuuf maallaqa gaafata turan.

    Dhiyeenyatti haleellaa qaqqabsisaaniin namoota 21 tu ajjeefame.

    Saamtoonni dhiifama gaafatanii hawaasatti makaman kun qonnaan bultoota jalaa loon saamanii qawwee bitachaa turan.

    Amma qawwee looniin geeddaratu.

    Amma garuu qawwee kilaashii tokko fidaa, loon lama argattuu jennee gaafanne jedhan bulchaan bulchiinsa Zamfaraa Beelloo Matawallee.

    Kuni akka qawwe deebisaan jajjabeessuuf kana raawwanne jedhaniiru. Saamichi kun jalqabame waggoota dheeraan dura qabeenyarratti walmorkii horsiisee bultoota saba Fulaanii jedhamanii fi hawaasa qonnaan bultoota gidduutti tureen akka eegalametu himama.

    Saamtoota looniin qawwee jijjiran
  14. Gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo to'annoo jala oole

  15. Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa Sudaan Kibbaa 'kaasuu malti'

    Meeshaa Waraanaa Sudaan Kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa fi kaan Sudaan Kibbaa irra keesse kaasuuf hayyamamtuudha yoo haal-dureewwan barbaachisan guutaman jedhan ambaasaaddaarri bara hojii isaanii fixataa jiran Toomaas Husheek.

    Haal-dureewwan kaa'aman keessaa "hamma hokkaraa fi malaammaltummaa xiqqeessuu" kan jedhu ni argama.

    Manni maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Caamsaa darbe qoqqobbii biyyattiirra jiru ganna tokkoof dheeressee ture. Kunis daddabarsa meeshaa waraanaa finnciltootaa dhaabsisuufi.

    Ameerikaan pireezidantii itti aanaa duraanii Taban Deeng Gaay dabalatee aanga'oota olaanoo Sudaan Kibbaa addatti qoqqobdeetti.

  16. WHOn weerarri Iboolaa haaraan mul’achuun yaadeessaadha jedhe

    Ogeeyyii fayyaa Iboolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa(WHO) weerarri dhibee Iboolaa Dimokiraatik Rippaabilik Koongootti deebi’e mul’ate yaadeessadha jedhe.

    Kaaba-Dhiha biyyatti keessatti weerara dhibichaa kan durii caala guddaatu uumame jedhee ibse.

    Weerarri Iboolaa biyyatti keessatti ji’a Waxabajjii erga gabaafamee bulchiinsa Iquweetar jedhamutti namoonni 50 dhibichaan qabaman.

    Namoonni qabaman muraasni iddoo tajaajila wal’aansaallee argachuu rakkisutti argaman.

    Weerarri dhibichaa deddebi’ee ka’uun namoonni 12,000 ji’a lamaan darbanitti talaalamuu daarektirri dhaabbata fayyaa addunyaa damee Afrikaa ibsaniiru.

    Weerarri dhibee kutaalee biyyatti sadii keessatti lubbuu namoota 3,200 galaafate kana Waxabajjii keessa aanga'oonni badeera jedhanii turan.

  17. Ispeen sodaa Covid-19f bineensota 100,000 ajjeesuuf