‘Taateen hospitaalatti mudate kan ibsamuu hin dandeenye' - Ministeera Fayyaa Filisxeem

Madda suuraa, Rooyitars
Ministeerri Fayyaa Filisxeem haalli hospitaala Al Ahli keessatti mudate ''kan gita hinqabnee fi ibsamuu hindandeenyedha '' jedhe.
Dubbi himaan Ministeerichaa Dr Ashraaf Al-Qudraa ibsa Roobii ganama Feesbuukiirratti maxxansaniin, ''Doktooronni lafaa fi koridooriirratti baqaqsanii wal‘aanaa jiru, isaan keessaa gariin isaanii qoricha dhukkubbiin akka namatti hin dhagamne taasisu (anesthesia )malee wal'aanamaa jiru,'' jedhan.
"Namoonni baay'een ammallee baqaqsanii wal’aanu argachuuf dabaree eegaa jiru, gareewwan wal'aansa kennan lubbuu isaanii baraaruuf yaalaa jiru" jedhan.
Itti dabaluudhaanis, namoonni miidhaman hedduun isaanii daa'immanii fi dubartoota ''bifa isaanii dhaban'' ta'uu ibsuun, miidhaan irra gahe hedduun ''dandeettii gareewwan yaalaa keenyaa oli''jechuun ibsan.




