UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN akka aangoo gadhiisan gaafatan. Kunis, erga Gutareez haleellaan Hamaas ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne’’ jedhan boodadha.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hamaas: Namoonni 55 haleellaa eda galgalaan ajjeefaman

    Gaafa sambataa aarri magaalaa Gaazaa keessatti mul'ateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa sambataa aarri magaalaa Gaazaa keessatti mul'ateera

    Hamaas Sambata galgala haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoonni 55 du’uu hime.

    AFP’n akka gabaasetti, manneen 30 ol barbadaa’aniiru.

    Gama kaaniin, Dubbii Himaan waraana Israa’el biyyattiin Gaazaa keessatti haleellaa akka cimsitu himaniiru.

    Dubbii Himaan waraanichaa Daani’el Hagaarii waraanni biyyattii lafoo loluu yoo eegalu kanneen daangaarra walitti qabamanirratti hamma balaa gahu xiqqeessa jedhan.

    Lammiileen Filisxeem kaaba magaalaa Gaazaa jiraatan nageenya isaaniif jecha gara kibba Gaazaatti akka sosso’an akeekkachiisaniiru.

    Gama kaaniin, Israa’el haleellaa biraa West Baankiitti raawwatteen masjiida giddugala ajajaa shororkeessitootaati jette rukutuu himteetti.

  2. Lammiilee Israa'el Hamaasiin butamanii waggootaaf Gaazaa keessatti dagataman

  3. Ameerikaan farra misaa'elaa Baha Giddugaleessaatti ergaa jirti

    Peentaagan sirna ittisa misaayila (THAAD) jedhamu fi misaayila ittisa qileensarra 'Paatiroot' jedhaniin gara Baha Giddugaleessaatti akka ergu ibse.

    Farrimisaayilaa THAAD jedhamu kun misaa'ela balistikaa fageenya gabaabaa fi giddu galeessaa rukutee akka kuffisuuf hojjatame.

    Ministirri Raayyaa Ittisa Ameerikaa Looyid Oostiin, loltoonni dabalataa naannichatti ''bobbaa’an qophaa'u'' himan, lakkoofsi isaanii garuu hangam akka ta’an hin himne.

    Ibsi Peentaagan baase akka jedhutti, ''dhiheenya kana Iraan fi humnoonni biyyattiin deeggartu naannoo Baha Giddugaleessaatti muddama hammeessu hordofeeti'' jedha.

    Torban lama dura walitti bu'iinsi Israa’elii fi Hamaas gidduutti erga hammatee as haleellaan humnoota Ameerikaa biyya Iraaq fi Sooriyaa jiranirra qaqqabu dabaleera.

    Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el haleelu hordofuun, US dooniiwwan waraana xiyyaara baatan, dooniiwwanii fi jeettiiwwan gara baha Meditiraaniyaaniitti ergiteetti- akkasumas Israa’eliif meeshaalee waraana dabalataa akka kennitu waadaa galte.

    Meeshaa misaayila qolatu
    Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa misaayila qolatu
  4. Suuraan: Deeggartoota Filisxeem Ameerikaatti hiriira bahan

    Hiriira deeggarsa Filisxeemiif bahame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira deeggarsa Filisxeemiif bahame

    Israa’el haleellaa xiyyyaaraa haalo-ba’iinsaa Gaazaatti cimsuuf wayita dhaadattutti, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman Sambata kaleessaa magaalota Ameerikaatti hiriira bahuun Filisxeem akka deeggaran ibsan.

    Hiriira deeggarsa Filisxeemiif Ameerikaatti bahame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira deeggarsa Filisxeemiif Ameerikaatti bahame keessaa
    Hiriira deeggarsa Filisxeemiif Ameerikaatti bahame

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Ollaa Gaazaa gamoowwaniin guutame, amma garuu lafatti makame

  6. 'Gargaarsi konkolaataa 20 akka galaanatti bishaan cobsuuti' - UN

    Gareen Ejensiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu gaafate.

    Sagantaan Nyaata Addunyaa fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qaamolee dhaabbatichaa haalli Gaazaa keessa jiru ''balaa guddaa'' jedhani ibsan keessatti eeramu.

    Sambata darbe konkolaattonni gargaarsaa 20 torban lama keessatti yeroo jalqabaaf Masriirraa gara Gaazaatti qaxxaamuraniiru.

    Garuu warri gargaarsi akka Gaazaa qaqqabu duula gaggeessan gargaarsi ulaa Raafaarraan Gaazaa seene ''bishaan akka galaanatti cophsuuti'' jedhan.

    Waraana kanaan dura guyyaatti konkolaattonni gargaarsaa 500 Gaazaa seenaa turan jedhan Dubbi-himaan dhaabbata ActionAid Filisxeem jedhamu.

  7. Israa'el akeekkachiisa haaraa Gaazaaf kennuun West Baankii haleelte

    Battala Haleellaan Jiininitti qaqqabe booda suuraa kaafame

    Madda suuraa, Reute

    Ibsa waa'ee suuraa, Battala Haleellaan Jiininitti qaqqabe booda suuraa kaafame

    Baga gara tamsaasa kallattii keenyatti nagaan dhuftan. Lola Israa'el fi Gaazaa ilaalchisee wantoonni haaraan kunooti.

    • Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) Weest Baankii Jeniinitti "mooraa shororkeessitootaati" jedhu haleele.
    • Haleellaa kanaan seelii Hamaas masjiida keessa maandheffate jedhu haleeluu hime.
    • Kun kan ta’e erga humnoonni waraana Israa’el kaampii baqattootaa Weest Baankii, Nuur Shamsi, keessatti daa’imman shan dabalatee waliigalatti namoota 13 ajjeesan booda jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani.
    • Dubbi-himaan Raayyaa Ittisa Israa'el Daani’el Hagaarii, Sambata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waraanni Israa’el haleellaa Gaazaa “itti fufa” jedhan.
    • Konkolaattonni gargaarsa fe’an kan jalqabaa Masriirraan gara naannoo Gaazaa namoonni baay’inaan jiraatan Sambata seenaniiru.
    • Konkolaattoonni kun Filisxeemotaaf nyaata, bishaanii fi meeshaalee wal’aansa baay’ee barbaachisan geessan - garuu boba’aa hin geessine.
    • Yeroo dhiyootti waldhabdeen hammaate kun haleellaa tasa Hamaas torban lama dura Israa’elirratti raawwateen lubbuu namoota 1,400 ol galaafate hordofeeti.
    • Ergasii Israa'el haleellaa xiyyaaraa haaloo ba'iinsaa bantee Gaazaa keessatti Onkololeessa 7,2023 eegalee namoonni 4,300 ol ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibseera.
  8. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii Dilbataa eegale.

    Lolli Israa'eliifi Hamaas torban lama dura haleellaa Hamaasiin jalqabe itti fufeera. Lubbuun lammiilee kumaan lakkaa'amus darbeera.

    Wantoota adeemaa jiran jala jalaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii kanaan nu hordofaa!

    Lafa nagaa oolaa!

    Masjiida Jeniin, West Baank argamuufi Israa'el hidhattooti Hamaas jalatti maandheffatan jettee haleelte

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Masjiida Jeniin, West Baank argamuufi Israa'el hidhattooti Hamaas jalatti maandheffatan jettee haleelte
  9. Hordoftoota keenyaa tamsaasa kallattii har'aa goolabneerra.

    Hordoftoota keenyaa tamsaasa kallattii lola Israa'el-Hamaas Onkoloolessa 21, 2023 isiniif dhiyeessaa oolle goolabneerra.

    Dilbata 22, 2023 ganamaan walitti deebina.

    Bakka Nagaa Jiraadhaa!

  10. Deeggartoonni Filisxeem kumaatamaan lakkaa'aman Landaniitti hiriira bahan

    Namoota hiriira bahan

    Madda suuraa, Getty Images

    UK'tti namoonni kumaatamaan lakka'aaman jidduugala Landaniitti hiriira gaggeessuun deeggarsa Filisxeemiif qaban agarsiisan.

    Qindeessitoonni Duula Waliin dhaabbachuu Filisxeem, Gaazaa keessatti dhukaasnii atattamaan akka dhaabbatuufi ''deeggarsi namoomaa guutummaan'' akka seenu gaafatan.

    Hiriirtoonni alaabaa Filisxeem kan mirmirsan yoo ta'u, walitti fufiinsaan dhaaddannoo ''Filisxeen bilisa baati'' jedhu dhageessisu.

    Haaluma walfakkaatnis, sa'aatii 24 darbe keessatti hiriirri walfakkaataan Taayilaand, Awustiriyaa, Neezarlaand, Afriikaa Kibbaafi biyyoota Arabaa keessatti gaggeeffameera.

    Namoota deeggarsa Filisxeemiif Landaniitti hiriira bahan

    Madda suuraa, Getty Images

  11. Deeggarsi Gaazaa keessatti UNniin rabsamuuf

    Hojjattoota UN

    Madda suuraa, Getty Images

    Deeggarsa namoomaa har'a karaa ulaa Raafaahiin Gaazaa seene raabsuun itti gaafatamummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtomanii (UN) akka ta'e gabaasaa BBCn achiitti argamu Rashiid Abuu Aluuf hime.

    Konkolaataawwan deeggarsa fe'an daangaa qaxxaamuruun Kibba Gaazaa Kaan Yuunis dhaquuf qophii irratti argamu jedheera.

    Konkolaataawwan gargaarsa fe;an kunneen konkolaataa UNn kan dabaalaman yoo ta'an, man-kuusa magaala kibbaattii argamu geessuu jedhameera.

    Konkolaataawwan erga achi qaqabaniin booda, hojjettoonni UN deeggarsichi eessatti akka raabsamu ni murteessu. Tarii manneen barnootaa bakka ummanni kumaatamni keessatti dahatanii jiraniifi naannoolee hospitaalaatti raabsuu eegalama ta'a jedhe.

  12. Dursaan Filisxeem lafa keenya dhiifinee hin baanu jedhan

    Dursaan Filisxeem lafa keenya gadi hin dhiifnu jedhan

    Madda suuraa, Getty Images

    Hooggantoonni Baha Giddu-galeessaafi Awurooppaa hedduun Kaayiroo keessatti walgahuun, haala waraanni Israa'eliifi Gaazaa itti qabannaa'u irratti mar'ataa jiru.

    Pirezidantiin Filisxeem Maahmuud Abbaas, wayita walga'icharratti haasaa baniinsaa taasisanitti, Filisxeemoonni lafasaaniirraa humnaan dhiibamuu hin qabaatan jedhan.

    ''Gara biraatti darbuu gonkumaa hin hayyamnu. Rakkoon attamii jiraatulleen lafuma keenyarra turra,'' jedhan.

    Abbaas dursaa aangoo Filisxeem naannoo Weest Baank kan to'atamee yoo ta'an, garuu ammoo Hamaas kan Gaazaa bulchu waliin miti.

    Masriifi biyyoonni Arabaa kaanis duraan baqattoonni FIlisxeem waraanicha baqachuun fuldhatama hin qabuu sababii Filisxeemoota lafasaanii irraa arii'achuun walqixa ta'e jedhanii ture.

    Walga'iin, 'Yaa'ii Nagaa' jedhame kanarratti Joordaan, Qaataar, Xaaliyaan, Ispeen, Gamtaa Awurooppaa fi UKn irratti hirmaataniiru. Haata'u malee, Israa'el, Ameerikaafi Iraan dabalatee irratti hin hirmaanne.

  13. Gargaarsii Gaazaa seenuu eegallaan lammileenMasriitiin gammachuu ibsataa jiru

    Konkolaataawwan deeggarsa fe'an akkuma karaa ulaa Raafaahiin Gaazaa seenuu egalaniin, kanneen gama karaa daangaa Masriitiin jiran gammachusaanii ibsachaa jiru.

    Suuraaleen asi gadiis kanuma agarsiisu.

    Namoota gammachuu ibsataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Konkolaataa deeggarsa fe'an

    Madda suuraa, EPA

    Namoota gammadaa jiran

    Madda suuraa, EPA

  14. Ilmi Mootii Sa'udii Hamaas, Israa’elifi biyyoota Lixaa qeeqan

  15. Israa’el lammileeshee Masiriifi Joordaan jiraniin ba’aa jette, gabaasa AFP

    Miidiyaan AFP akka gabaasetti, mootummaan Israa’el lammileeshee Masirii fi Joordaan keessa jiran hatattamaan ba’aa jette.

    Ibsa gumii nageenyaa biyyaalessaa Israa’el “ akeekkachisa imalaa Masirii (Sinaay dabalatee) fi kan Joordan sadarkaa 4ffaa (balaa guddaa) taasiseera: gara biyya kunneenitti akka hin imalle, kan achi jiran ammoo hatattamaan ba’aa,” jechuun baase eeruun AFPn gaabaseera.

    Jalqaba torban kanaatti, akeekkachisi sadarkaa walfakkaataa Turkiif kennamee, lammileen Israa’el biyyatti jiran akka achi ba’aniif ajajamanii turani.

  16. Erga lolli jalqabee gaazexeessitoonni 22 ajjeefamaniiru

    Jaarmiyaan mirga gaazexeessitootaaf falmu, CPJ, erguma lolli Israa'el-Hamaas jalqabee kaasee yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 22 ajjeefamaniiru jedhe.

    CPJn gaazexeessitoota torbanoota lamaan darban keessa ajjeefaman keessaa 18 kan ta'an Filisxeemotadha jedheera.

    Akka CPJn jedhetti, gaazexeessitoonni 15 ta'an kan lubbuu dhaban haleellaa qilleensarraa Israa'eliin yoo ta'u, gaazexeessitoonni lama ammoo kibba Israa'elitti haleellaa Hamaasiin warra ajjeefamanidha.

    CPJn ibsa baaseen, gaazexeessitoonni saddet miidhaan akka irra gahe ibsuun, gaazexeessitoonni sadii ammoo eessa akka gahan hin baramne ykn hidhaarra jiru jedheera.

    Gaazexeessitoonni namoota nagaa ta'uufi yeroo akkas baayyee rakkisaa ta'etti hojii baayyee barbaachisaa kan hojjetan waan ta'eef warra walwaraananiin irratti xiyyeeffatamuu hin qabu jedheera CPJn.

    Gaazexeessituu miidhamtee jirtu

    Madda suuraa, Reuters

  17. Amma nu gahe, Ulaan Raafaah banamee gargaarsi gara Gaazaa seenuu eegale

    Daangaa Gaazaa fi Masiriirra kan jiru ulaan Raafaah banamee konkolaataawwan mi'a gargaarsaa fe'an Masirii irraa Gaazaa seenuu eegalaniiru.

    Ulaan kun hangamiif akka banamee turu hin beekamu. Hanga ammaatti Israa'el konkolaataawwan 20 qofti akka Gaazaa seenaniif eeyyamtetti.

    Ulaa Raafaa

    Madda suuraa, Getty Images

  18. Marii nagaa Israa'el-Hamaas Kaayiroo irratti eenyutu argama?

    Lola Israa'eliifi garee Gaazaa keessa jiru Hamaas jidduutti hamachaa jiru irratti mari'achuuf, har'a Masiriin hoggantaa biyyootii addunyaa 20 walitti qabuun marii gaggeessuuf jirti.

    Akka Reuters gabaasetti, hirmaattonni marii kanaa, Pirezdaantii Masirii Abdul Fattaa al-SIsi, Pirezdaantii Filisxeem Mahmuud Abbaas, Ministera Dhimma Alaa UK Jeems Kileevarlii, Hoogganaa UN Antooniyoo Guteerez, hoggantootii biyyootii Arabaa hedduufi kanneen biroodha.

    Hirmattoota kunneen keessa bakka buutoonni Israa'el, Hamaas, US fi Iraan hin jiran. Abbaas pirezdaantii Abbaa Taayitaa Filisxeem, isa West Baank jiruudha - garee Hamaas waliin wal morkataadha.

    Qindeessitoonni Masirii, kaayyoon ijoo marii kanaa dhukaasa dhaabuudha jedhu. Ta'us garuu, qamooleen ijoo kan akka Israa'el fi Iraan - kan Hamaasiin deeggaru - waan marii kana irratti hin argamneef bu'aa marii kanarraa argamuu danda'u irratti tilmaamni jiru xiqqaadha.

    Daangaa Gaazaa Israa'eliin hin to'atamne kan qabdu Masirii qofadha. Hoggantoonni biyyootii hedduu gargaarsi barbaachisaa ta'e akka Gaazaa seenuuf Masiriin ulaa Raafaah daangaarra jiru akka bantuuf gaafataniiru.

    Pirezdaantii Masirii Abdul Fattaa al -Sisi

    Madda suuraa, Getty Images

  19. Benzeemaan Ministira Faransaay hidhata Jihaadistootaa qaba jedhaniin himachuufi

  20. Waraanni Gaazaa erga eegalee torban lama ta'eera

    Gaazaa

    Madda suuraa, AFP

    Akka suuraa irratti argitan Giddu-galeessa Bahaatti amma guyyaan bari'eera.

    Erga Hamaas haleellaa hin eegamne Isra'el irratti gaggeesuun namoota 1,400 ajjeesee namoota 200 ta'an ammoo butee fudhatee torban lama ta'eera.

    Isra'eel ammoo haleellaa qilleensaan deebii kennitte. Gaazaa keessatti haleellaa qilleensaa Ira'eel hanga ammaatti namootni 4000 ol ajjeefamaniiru.

    Isra'el tajaajiloota ijoo akka bishaaniifi ibsaa addaan kutuun, Gaazaan uggura guutuu jala jirti. Hoggantoonni biyyootii hedduu gargaarsa barbaachisu Masiriirraan uummata Gaazaaf akka seenuuf ulaan Raafaah akka banamuuf gaafachaa jiru.

    Konkolaatawwan gargaarsa ulaa daangaa Masiriifi Gaazaaa irratti eegaa jiran "garaagarummaa jireenyaafi du'a" jidduu ni ta'u jechuun hogganaan UN Antooniyoo Guteerez dubbatniiru.

    Gama biraan ammoo, Hamaas namoota butaman keessaa dubartoota lammii Ameerikaa lama gadhiisuun isaa namootni biroonis gadhiifamuu malu kan jedhu irratti abdii horeera.