Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Israa'eliif waamicha godhe
Israa'el warra hospitaala jiru dabalatee uummatni Kaaba Gaazaa jiru marti naannichaa akka godaanu erga akeekkachiisuu jalqabdee bubbuleera.
Dubbii himaan Dhaabbata Fayyaa Adunyaa garuu, ''kun tasumaa kan hin danda'amnee'' jechuun Israa'el murteeshee kana akka dhiiftu gaafatan.
''Dhukkubsattootni salphaatti socho'uu hin dandeenye jiru, hedduunsaanii achi keessa mekaanikaal ventileetariin jiru, daa'imman reefu dhalatan inkubeetara keessa jiru, namootni waan irraa dhaabbachuu hin dandeenye keessa jiru, kanaaf isaaniin baasuun hedduu ulfaata'' jechuun dubbii himaan WHO BBCtti himan.
''Israa'el murtee kana akka dhiiftu waamicha goona.''
Akka qondaalli kun jedhanitti meeshaaleen waldhaansa baqaqsanii yaluufi qorichoonni dhibee hamoo konkolaataan afur karaa Raafaah Gaazaa galuu himanii, ''kuni cirumaa gahaa miti'' jedhan.
Konkolaattotni hedduun qorichaa fi meeshaalee waldhaansaa baatan gara daangaa Masrii jiraachuu himanii Gaazaatti ce'uuf hayyama eegaa akka jiran dubbatan.


















