UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN akka aangoo gadhiisan gaafatan. Kunis, erga Gutareez haleellaan Hamaas ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne’’ jedhan boodadha.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ministirri Mummee UK pirezidantii Masrii waliin mari’atan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee UK Rishii Sunaak, Jimaata waaree booda pirezidantii Masrii, Abdul Fattaa al-Sisii waliin wal arguun mari’ataniiru.
MM UK imalasaanii Jidduugala Bahaa Kamisa Israa’el irraa eegaluu taasisaa jiraniin, Jimaata ganama Saawudi Arabiyaatti Amirii Kaatar walin wal arguun mari’ataniiru.
Dubbi Himaan Ministira Mummee Rishii, UKn dursa kennuun xiyyeeffannaa kan kennituuf karaa daangaa Raafaah dhiyeessiin deeggarsa namoommaa ittiin seenu haala itti banamu irratti jedhan.
"Muddama naannichaa hambisuufi deeggarsi namoomaa namoota nagaa Gaazaa keessa jiran akka qaqqabuuf dureewwan hundi waliin hojjachuu qabu'' jedhan ergaa toora X kan duraan tiwitara jedhamurratti barreessaniin.
Ashamaa! Tamsaasa kallattii guyyaa har'aa eegalleerra!
Tamsaasi kallattii waa'ee walitti bu'iinsa Israa'eliifi Hamaas itti fufe isin biraan geenyu amma eegale. Dhiyaadhaa!

Madda suuraa, Getty Images
Suuraan jalqabaa namoota Hamaasiin gadhiifamanii mul'ate

Madda suuraa, Government of Israel
Mootummaan Israa'el suuraa jalqabaa haadhaafi intala lammiilee Ameerikaa Hamaas harkaa gadi dhiifamanii qoode.
Here's the first image we've received of Judith and Natalie Raanan, Juudiit fi intalli ishee Naataalii Raanaan namoota Hamaasiin guyyaa 14 dura Israa'el keessaa butaman 200 ol keessa kan gadi dhifaman jalqabaatti.
Baayidan lammiileen US lamaan gadhiifamuutti gammadan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan lammiilee biyyattii lamaan Hamaasiin gadhiifaman ilaalchiisuun ibsa baasaniin, 'baayyee gammadeera. Isaanis dhiheenyatti maatii isaanii waliin walitti makamu'' jedhan.
Pirezidanti Baayidan lammiileen US, Juudiit fi Naataalii Raanaan, kan Onkololeessa 7 Hamaasiin Israa'el keessaa butamanii turan, ''guyyoota 14 darban keessatti darara hamaa keessa darbaniiru'' jedhan ibsa isaanitiin.
Itti dabaluunis, ''hanga bayyanatanii fi fayyaniitti'' deeggarsa mootummaa Ameerikaa guutuu argatu jedhan.
Baayidan Mootummoota Kaataariifi Israa'el haatiifi intalli kun akka gadii dhiifamanii waliin hojjachuu isaaniitti galateeffachuun, mootummaan isaa lammiilee Ameerikaa Hamaasiin butaman gadi dhiisiisuuf ''alkanii guyyaa'' hijjtaa ture jedhan.
''Akka pirezidantiitti, nageenya lammiilee Ameerikaa addunyaa guutuutti butaman kan caalu dhimma dursa kennuuf kan biraa hin qabu.''
Haatiifi intalli Hamaasiin gadhiifaman daandiirra jiru- MM Israa'el
Butamtoonni lammii Ameerikaa lamaan galgala kana Hamaasiin erga gadhiifamanii booda gara buufata waraanaana Israa'eliitti imalaa jiraachuu waajjjirri MM Israa'el hime.
Waajjirrii MM biyyatti ibsa baaseen akka mirkaneessetti, lammiileen Ameerikaa butamanii turan, haati- Jiidiit Raanaan fi intallishee Naataalii, ''harka dhaabbata shororrkeessaa Hamaasii gadi dhiifamaniiru,'' jedhe.
Ibsichi itti dabaluun, Birgaadar Janaraal Gaal Hirshii fi humnootiin nageenyaa kaan ''erga daangaa Gaazaarratti isaan simataniin booda, ammaan tana gara wal arga buufata waraanaa, kan jidduugala biyyattiittii, bakka miseensoonni maatii isaan itti eegaa jiraniitti imalaa jiru,'' jedhe.
Ammalleen namoonni Israa'el keessaa garee Hamaasiin butamanii Gaazaa geeffaman 200 ta'an jiraachutu himama.
Amma nu gahe, Lammiileen US lama Israa'elii Hamaasiin butaman gadhiifaman

Madda suuraa, Ranaan Family
Namoota Onkololeessa 7 garee Hamaasiin Israa'elii butamuun Gaazaa geeffaman keessaa lammiileen Ameerikaa lama gadhiifamuun himame.
Namoonni lamaan kunnen garee Hamaasiin har'a gadhiifamu qondaaltoonni Israa'el mirkaneessan.
Qondaaltoonni Israa'el BBC'f akka mirkaneessaniitti, lammiileen Ameerikaa lama; Juudiitiifi Naataalii Raanaan kan jedhaman Hamaasiin gadhiifamaniiru.
Jarri gadhiifaman kunneenis haadhaafi intala yoo ta'an, Kobbutz Naahaal Oz kan kibba Israa'elitti argamtu keessaa Onkololeessa 7 bakka fira gaafachuu deemaniitti garee Hamaasiin butamanii fudhataman.
Israa'el waraanaan booda ulaa Gaazaa waliin walitti dhufeenya dhaabuuf dhaadatte

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Raayyaa Ittisa Israa'el tokkicha waraanni Hamaas waliin gaggeeffamu yoo xumurame, Israa'el ''ittigaafatamummaa'' jireenya ulaa Gaazaa keessaa ni ofirraa buufti jedhan.
Ministiriichi Yoo'av Gaalaant, tibba koree ittisaafi dhimmoota alaa mana maree irratti haasaa taasisaniitti, walitti dhufeenya qarqara galaanaa waliin jiru adda kutuun kaayyoo duula waraana Israa'el ta'u kaasan.
Gaalaanti akkasuma kaayyoowwan ''Hamaas balleessuufi waraanaasaatiifi dandeettii bulchiinsa isaas barbadeessuun'' isaani booda ''naannichatti haala nageenyaa haaraa umuu'' qabaachus kaasan.
Israa'el bara 2005 keessa loltootashee fi qubattoota Gaazaa keessaa baastuulleen, naannoo qilleensaasheefi daangaalee waloo fi qarqara galaanaa ni to'atti.
Kiremiliin yaadni Baayidan waa'ee Putiin jedhan fudhatama hin qabu jette

Madda suuraa, Reuters
Kiremiliin haasaan pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Putiin fi Hamaas wal madaalchiisuun Viilaadmiir Putiiniin ''abbaa hirree'' jedhan 'fudhatama hin qabu'' jechuun mormite.
Baayidan haasaa guyyaa kamisaa waajira isaaniirraa taasisaniin, Ameerikaan fuldura Raashiyaafi Hamaasiitti maddii Israa'eliifi Yukireen dhaabbachu qabdi jedhan.
Itti dabalalunis, ''shororkeessaa akka Hamaasiifi abbaa hirree akka Putiin akka injifataniif hin hayyamnu'' jedhanii ture.
Dubbbi Himaan Kireemiliin Dimitirii Peeskoov, ''Jecha akkasii Federeeshinii Raashiiyaafi pirezidantii keenya irratti dubbatamu hin fudhannu,'' jedhan.
Itti dabalunis, ''haasaan akkasii kun dureewwan biyyaa itti gaafatamummaan itti dhagahamuuf hin ta'u. Kanaafu nu birattis fudhatama qabaachu hin danda'u,'' jedhan.
Addunyaan namummaa dhabaa jirti- Dursaa UNRWA

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Sababii waraana Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeefamaa jiruutiin Jidduugalli Bahaa ‘‘qarqara qileetti argamti’’ jedhan Hogganaa Olaanaan ejjansii UN Filiipe Laazaariin.
Komishinarri olaanaa ejansii gargaarsa UN -UNRWA kun BBCtti akka himaniitti, waraanichi naannicha guutuutti babalachu danda’a jechuun soda qaban himan.
Akkasumas haala rakkoo cimaa namoonni nagaa Gaazaa keessatti argaman akeekkachiisuun, daandiiwwan gargaarsa namoomaa gara daangaa keessaaf irra deebiin waamicha taasisan.
Laazariin ‘‘addunyaan amma namomaa ishee dhabdee jirti’’ jedhanii akka sodaatan dubbatan.
Laazaariin gaafiifi deebii addatti BBC waliin taasisaniin, daandiiwwan gargaarsa namoomaa akka banamaniif waamicha taasisuun, uummata Gaazaa gargaaruudhaaf ‘‘daangeeffamuu hin qabaatan’’ jedhan.
Hoogganaan UNRWA gaasaa Yerusaalam irraa taasisaniin haleellaa Hamaas Israa’el irratti raawwateen ‘‘sukkanneessaafi ajjeechaa gara jabiinaa’’ jechuu balaaleeffachuun, taatee ‘‘naasuu biyyaaleessaa’’ uumee jedhaniiru.
Dargaggeessa Gaazaa erga lolli Israa'el-Hamaas jalqabee tola-ooltummaaf hospitaalatti gale
Bataskaanni Gaazaatti namoonni itti dahatan haleellaa qilleensaan rukutame

Madda suuraa, Getty Images
Bataskaanni Giriikii Gaazaatti argamuufi Kiristaanonni hedduu itti dahatanii ture haleellaa qilleensaan rukutame.
Haleellaa kana ilaalchisuun gartuun Gaazaa bulchu, Hamaas, ibsa baaseen dho’insi Bataskaana Qul. Porifiiyasitti dhaqqabeen gamoorratti miidhaan guddaa gahuufi hedduu miidhuu ibse.
Hamaas haleellaa kana kan raawwate waraana Israa’elidha jechuun himate.
Waraanni Israa’el garuu Bataskaana kanarratti akka hin qiyyaafanne ibsuun waakkate.
Waraanni Israa’el AFP’f akka ibsetti, jeettiiwwan waraanaa wiirtuu ajaja rokkeetii hidhattootaa rukutuu hordofee, bataskaanni naannicha jiru miidhameera.
BBC’n miidhaa Bataskaanaas ta’e namarra gahe beekuu baatus suuraaleen AFP’n qoode bataskaanattiirra miidhaan dhaqqabuu ibsa.
Paatiriyaarkiin Ortodoksii Iyyaruusaalem haleellaa raawwate cimsanii balaaleeffachuun ibsa baasaniin dho’insa dhaqqabeef sababi haleellaa qilleensaa Israa’elidha jedhan.
Manneen Kiristaanaafi jaarmiyaalee lammiileen nagaa dahatanitti haleellaan raawwate ‘’yakka waraanaa irra-darbamuu hinqabne,’’ jechuun ibsan.
Bataskaanni Qul. Porifiiyas jaarraa 12ffaa dura kan hundooftedha.
Guyyaa Kibxataa dho’insa jabaan haleellaan kan irratti raawwatameefi namoota dhibbaan lakkaa’aman kan galaafate Hospitaala Al Ahliirraa dhihootti argama.
Hamaas namoota bute yoo dhukaasni dhaabbata ta'e gadhiisuuf dubbachaa jira
BBCn akka mirkaneeffatetti, Hamaas namoota 203 ta'an Gaazaatti butee qabatee jiru gadhiisisuuf mariin itti fufeera. Hamaas yoo dhukaasni Israa'el gaggeessaa jirtu kan dhaabbatu ta'e namoota butee jiru kana akka gadhiisu himeera.
Israa'el garuu hanga ammaatti yaada Hamaas dhiyeesse kanaan waliin hin galle.
Hamaas namoota butaman hunda qabatee hin jiru.Gariin isaanii milishoota hidhatan biroon ugguramaniiru jetti.
Gaazaa keessatti nama butuu itti fufuun kun karoora ajajoonni Israa'el daangaa sana cabsanii seeenuuf qaban walxaxaa taasiseera.
Humnaan cabsanii seenuu caalaa osoo mariin ta'ee namoonni butaman kun carraa nagaan bahuun isaanii bal'aa ta'a.
“Daqiiqaa daqiiqaatti boombiitu dhukaafama” – hojjetaa gargaarsaa ulaa Rafaa
Ulaan gargaarsa ijoo Masiriifi kibba Gaazaa gidduu jiru – ulaa Raafaa – meeshaaleen gargaarsaa Gaazaa akka seenan hayyamuuf har’a banamuu danda’a.
Hogganaan Baankii Nyaataa Masirii , Mohsan Sarhaan garuu, haleellaan boombii ulaa Raafaatti gaggeeffamu yoo itti fufe hojiin gargaarsa dhiyeessu gufachuu danda’a jechuun BBC’tti himeera.
“Akka nuti ol hin seenneef kan nu dhorkee jiru haleellaa Isra’el kutaalee Gaazaa hunda irratti gaggeesitudha. Guyyaa saddeetiif daangaarra jirra, boombiin ammoo daqiiqaa daqiiqatti dhukaafamaa jira,” jechuun BBC’tti himeera.
“Lafa qullaa namni hin jirre, bineensi hin jirrellee boombiin rukutaa turani.
“Nuti ol seenuu barbanna garuu angaa’ooti Masirii hanga nutti battalumatti hin ajjeefamne mirkaneessaniti akka deemnuuf hin eeyyamani.”

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaatota gargaasaa daangaa Masiriifi Gaazaatti eegaa jiran Iraaqitti humni waraanaa US dirooniin rukutame - gabaasaa
Kamisa Iraaqitti rookkeetiifi dirooniin wiirtuu waraanaa humnooti US keessa jiraatan rukutuu maddeen nageenyaa eenyummaan isaanii hin ibsamne eeruun Reuters gabaaseera.
Wiirtuu humna waraanaa qilleensaa Ain al-Asas keessati sagaleen dhohiinsaa hedduu dhaga’amee, humni waraanaa Iraaq naannicha cufuun hojii barbaachaa eegaleera, jechuun Reuters gabaaseera. Haleella kanaan miidhaan qaqqabe hin baramne.
Haleellaan kun kan dhufe erga gartuleen hidhatootaa Iraaq torban darbe Iraan deeggaruun US waan Israa’eeliin deeggartuuf tarkaanfii akka fudhatan akeekkachisanii boodadha.
Kamisa ganama, Pentagon akka ibsetti, humnootii US Iraaqifi Siiriyaa keessa jiran Kibxataa eegalee haleellaan diroonii hedduun irra ga’aa jira. Haleellaa kunneeniin miidhaan xiqqaa qaqqabuus, kontiraaktarri sivilii tokko garuu akeekkachisa haleellaa hordofee da’atee utuu jiru ‘dhibee onneen’ lubbuunsaa darbeera.
Dubbii himaan Pentagon, Birgaader Jeneraal Paat Raayider, “hidhatoonni Iraaniin deeggaraman gocha akkanaa yemmu raawwatan” arguu himuun, ammatti garuu haleellaa kunneen qorachaa waan jiraaniif odeeffannoo dabalataa akka hin qabne ibsaniiru.
Dabalataan Yaman keessatti, dooriin waraanaa US miisaayelaa fi diroonii humnoota Hotiin “gara Israa’eelitti qiyyeefamu hin oolle” rukutee kuffiseera jechuun Pentagon ibseera.
Raayidar “fedhii keenyaafi kan michoota keenyaa eeguufi ittisuuf” tarkaanfii ni fudhanna jechuun, “waldhabdeen Israa’eelifi Hamaas gara naannichatti akka hin babal’anneef” gochuun kayyoo isaanii aka ta’e dubbatan.
Addunyaan ‘namummaasaa gataa jira’ – dursaa ejensii UN
Sababa waraanaa Israa’eelifi Hamaas gidduutti gaggeefamuun Baha Giddu-galeessaa “dukkanatti galuuf deemti” jechuun dursaan dhaabbata UN Filippee Lazarinii BBC’tti himan.
“Addunyaan amma namummaasaa gataa jira”, kan jedhan Lazariniin, waraanni kun gara biyyootii naannicha keessa jiranitti babal’achuu danda’a jechuun akeekkachisaniiru.
Dabaluun, haala hamaa lammilee nagaa Gaazaa mudachaa jiru akeekkachisuun, ulaan gargaarsa namoomaa akka banamuuf gaafataniiru.
Haasaa Jerusaalemitti taasisaniin, Lazzariniin haleellaa Hamaas Israa’eel irratti raawwate “ajjechaa hammeenyaa, gadda biyyaalessa Israa’eel keessatti uumedha” jechuun balaaleffataniiru.
“Ta’us garuu taateen kun waraanni kun of eeggannoo malee akka gageeffamuuf kan eeyyamu miti,” jedheera. “ Akkasumas lammilee nagaa dabalataa ajjeesuun eegeree nagaa fi eegumsaa naannichaa ni fayyada jedhee hin amanu.”

Madda suuraa, Getty Images
Baayidan Baha Giddu-galeessatti furmaata barbaaduun jalaa walxaxe
US maallaqa hagamii Israa’eeliifi Yukireeniif kenniti?
Waraanaa Addunyaa Lammaffaarraa eegalee biyyii gummaachaa waraanaa guddaa USrraa argattu Israa’eelidha.
Hanga ammaatti, US gargaarsa waloo fi faandii humna waraanaan doolara biiliyona 158 ta’uu Israa’eliif kennittetti akka Tajaajilli qorannoo Kongireesii ibsutti.
Bara 2023’tti Amerikaan gargaarsa humna waraanaa Isra’eeliif doolara biiliyoona 3.8 ramaddeetti.
Kun qaama waliigaltee waggaa 10 bulchiinsi Pirezdaantii duraanii US Baraak Obamaa bara 2019 hanga 2028’tti doolara biiliyoona 38 gargaarsa humna waaraanaa Israa’eeliif kennuuf taasiseedha.
Guraandhala 2022’tti erga waraanni Yuukireen eegalee as, bulchiinsi Baayden fi kongireesiin US gargaarsa namoomaa, dinagdee fi humna waraanaan doolara biiliyoona 75 Yukireeniif kenneera, akka dhaabbata qorannoo Kiel Institute for the World Economy eerutti.
Kana keessa %60 meeshalee waraanaa fi gargaarsa eegumsa dabalatee humna waraanaan kan wal qabatedha.
Ashamaa! Tamsaasa kallattii guyyaa har'aa eegalleerra!
Tamsaasi kallattii waa'ee walitti bu'iinsa Israa'eliifi Hamaas itti fufe isin biraan geenyu amma eegale. Dhiyaadhaa!

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Mucaan kun daa'immaan Filisxeem hedduu kaampii UN kibba Gaazaa keessa jiraatan keessaa tokkodha. Waa’ee dho’insa hospitaala Gaazaa ragaaleen argaman maal agarsiisu?
