UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN akka aangoo gadhiisan gaafatan. Kunis, erga Gutareez haleellaan Hamaas ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne’’ jedhan boodadha.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ''Israa’el akka injifattu barbaanna'' - Ministira Muummee UK

    Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak Kamisa ganama Israa’el galan, pireezidantii biyyattii Isaak Heerzoogiifi Ministira Muummee Beenjaamiin Netaanyaahuu walii marii’ataniiru.

    Pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidaniifi Chaansilarii Jarman Olaaf Shilooz booda hogganaa dhiyeenya naannicha daawwatani dha Sunaak.

    Tamsaasa TV’dhaan darbeen, Sunaak‚ Netaanyaahuudhaan ''akka injifattan barbaanna,'' ittiin jedhan.

    UK’n mirga of tiksuu Israa’el akka deeggartus waadaa seenuun, Israa’el deeggarsi Gaazaa akka seenu eeyyamuutti gammadus himaniiru.

    Sunaak daawwannaa Israa’eliin booda gara Saa’udii Arabiyaa kan imalan yoo tahu, Ilma Mootii Mohaammad Biin Salmaan waliin akka wal-arganis eegama.

    Ministira Muummee UK Riishii Sunaak

    Madda suuraa, EPA

  2. Israa'el Weest Baankitti 'garee shororkeessaa' xiyyaaraan haleeluu ibsite

    Humni waraanaa Israa'el ''garee shororkeessaa'' Kaampii Baqattootaa Nuur Shaamis'' keessa jiru Roobii galgala xayyaara waraanaan haleeluu hime. Kanaanis ''shororkeessitoonni baayyee ajjeefamaniiru,'' jedhe.

    Waraanni Israa’el ibsa baaseen humnooti nageenyaa ''shakkamtoota barbaadaman’’ 10 qabaachuufi meeshaalee waraanaa dhohuuf qophaa’anii turan fashaleessuu hime.

    Hidhattoota waliinis walitti dhukaasuu himuun, ''meeshaaleen waraanaa dhuka’an humnoota nageenyaa Israa’elitti darbatamaa turanii,'' jedhe.

    Ministeerri Fayyaa Filisxeem haleellaa kanaan namoonni jaha ajjeefamaniiru jedheera.

    Israa’el West Baank keessatti haleellaa qilleensarraa baayyee raawwachuu baattus, jalqaba waggaa kanaarratti garuu oppireeshinii waraanaa taasifteen haleellaa diroonii fi heelikooptaraa raawwattee turte.

    Weesti Bankitti namoota reeffa baatanii awwaalcha deema jiran

    Madda suuraa, Reuters

  3. Hogganooti Hamaas Gaazaa keessatti ajjeefaman jedhame

    Miidiyaan Hamaas waliin hidhata qabu hogganaan humna tikaa Hamaas Gaazaa keessatti ajjeefame jedhe.

    Miseensonni maatii Jihaad Miheesanillee ajjeefamuun gabaafameera.

    Hundeessitoota Hamaas warreen turan keessa haati warraa Abdal Aziiz al Raantisii ajjeefamteetti.

    Netaanyaahuun waraana yeroo dheeraa biyyi isaanii Hamaas irratti bante jedhanii hogganooti Hamaas gameeyyiin dhiyeenya ajjeefaman isaan kunneeni.

    Gaafa Roobii hoggansa siyaasaa Hamaas keessatti dubartiin yeroo duraaf filatamte Jamiilaa Al-Shaantii ajjeefamuu AFP'n gaabaasee ture.

    Jalqaba torbee kanaa irratti Humni Ittisaa Israa'el hogganaan gameessi Hamaas Ayimaan Nofaal ajjeefamuu himee ture.

  4. US dhimma lola Israa'eliifi Hamaas irratti uummata hiriira bahe keessaa 300 hiite

    Lola Israa'eliif Hamaas irratti mormii dhageessisuuf uummata magaalaa Waashingitan DC, Kaapital Hiil duratti hiriira bahan keessaa namootni 300 ta'an hidhaman.

    Poolisiin biyyattii ammallee namoota to'atamuu qaban barbaaduutti waan jirruuf lakkoofsi kun kanaa ol ta'uu danda'a jedheera. Namootni sadii Poolisii dhaanuun himatamaniiru jedha ibsi Poolisii.

    Hiriirtotni Pireezidant Joo Baayidaniifi Koongireesiin Gaazaatti dhukaasni akka dhaabbatu dhiibbaa akka godhan gaafatan.

    Mormitootni kun dhukaasa dhaabuun akka labsamu faaruun gaafachaa turan.

    Mormii kana kan qindeesse garee 'Jewish Voice for Peace and If Not Now' jedhamu yoo ta'u, garee biyyummaa Israa'el mormudha.

    Hiriirtota DC

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Guyyaatti deeggarsa konkolaataa fe'isaa 100'tu Gaazaaf barbaachisa- UN

    Dhaabbileen deeggarsaa gaaga'ama namoomaa Gaazaa mudate bayyanachiisuuf guyyaatti deeggarsi konkolaataa fe'isaa 20, Pireezident Joo Baayidan ni eegala jedhan, gahaa mitis jedhan.

    Hoogganaan qindeessaa deeggarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Maartiin Giriifits guyyaatti deeggarsi Gaazaaf barbaachisu 20 osoo hi taane 100 jedhan.

    Masriin deeggarsi namoomaa Gaazaa akka galuuf daangaa ishee bakka Raafaa jedhamu banuuf waliigalteetti. Haata'u malee ulaa saniin sochii eegaluuf qophiin godhamu yeroo fudhataa jira. Ammallee konolaataan daangaa ce'e hin jiru.

    Tel Aviiv kan turan Pireezidantiin US Joo Baayidan, Ministira Muummee Israa'eliifi gitasaanii Masrii waliin erga mariytaniiti ulaan deeggarsa namooma akka banamuufi deeggarsi uummata Gaazaa bira akka gahu kan waliigalame.

    Deeggarsi gosti adda addaa Turkirraa uummata Gaazaaf fe'ame Masrii gaheera.

    Konkolaattota deeggarsa fe'an

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Gaazaa keessatti namootni 3,700 ol ajjeefaman – qondaaltoota fayyaa

    Onkololeessa 7 eegalee lakkoofsi lammilee Filisxeem ajjeefamanii 3,785 ga’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibse.

    Kanneen ajjeefaman keessaa 1,524 ijoollee yoo ta’an 1,000 dubartoota, 120 ammoo maanguddoota jedha.

    Dabaluunis namootni 12,493 ta’an madaa’uu qondaaltonni fayyaa ibsaniiru.

  7. ‘Korojoo reeffaa fixaniiru’ jechuun hojjettoonni gargaarsaa daangaarra jiran dheekkaman

    Masiriirraan hojjettoonni gargaarsaa ulaa Raafaatti meeshalee gargaarsaa Gaazaa seenanii raabsuuf eeyyama barbaadan, guyyootii hedduuf eegaa akka jiran himan.

    Mohsen Sarhaan, Baankii Nyaataa Masirii irraa, akka BBC’tti himetti, konkolaatonni gargaarsa 120 daangaa Gaazaa bira dhaabbatanii jiru, akkasumas “xiyyaarroti fe’umsaa (kaargoo) torba ykn saddeet meeshaalee gargaarsa fe’anii Turkirraa dhufaa jiru.”

    Sarhaan innii fi hojjetoonni gargaarsaa biroon gargaarsa kennuu waan hin dandeenyeef aariinsaanii dabalaa dhufuu himeera. “Namootni achi [Gaazaa] jiran bishaan akka fixan, korojoo reeffaa akka fixan waan beeknuuf baayyee areerra.”

    Sarhaanifi gartuun isaa hanga Gaazaa seenanii meeshaalee gargaarsaa raabsanitti daangaarraa akka hin deemne himuun: “Akka nuti seenuu dandeenyuuf ajjeechaan kun akka dhaabbatu barbaadna,” jedha.

    Daangaa Gazaa fi Masirii

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Daangaa Gaazaafi Masirii irratti konkoolatonni meeshaa gargaarsaa fe'an guyyootaaf dhaabbatnii jiru
  8. Erga Hamaas haleellaa eegalee as loltoonni Israa’el 300 ol ajjeefaman - IDF

    Gabaasa haaraan humni waraanaa Isra’el Onkololeessa 7 as yoo xiqqaate loltoonni 306 ajjeefamaniiru jedha.

    Kaleessa, Ministirrii Muummee Israa’el Benjamiin Netaniyaahuu walumaagalatti lammileen Israa’eel 1,400 ol ta’an Hamaasiin ajjeefamaniiru jedhanii ture.

    Dubbii himaan Humna Ittisaa Israa’el Daani’eel Hagaarii dabaluun, haleellaa jalqabaa Hamaas booda hidhattoonni Filisxeem daangaa Isra’el keessatti hafan jiraachuu danda’u jedheera.

    Looltota Israa'eel

    Madda suuraa, REUTERS

  9. Dubartiin jalqabaafi tokkittin Biiroo Hamaas keessa hojjatu haleellaa Israa'eeliin ajjeefamte- Gabaasa

    Jamila al-Shanti  yeroo dheeraaf  miseensa Hamaas turte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jamila al-Shanti yeroo dheeraaf miseensa Hamaas turte

    Biiroo Siyaasaa Hamaas keessatti dubartiin jalqabaafi tokkittin haleellaa xiyyaaraa Israa'eeliin ajjeefamuu Miidiyaaleen Filisxeem gabaasaa jiru.

    Biiroon siyaasaa kun qaama Hamaas murtee kennu isa guddichadha.

    Haadha warraa hundeessaa Hamaas Abdel Aziz al-Rantisii kan taate Jamila al-Shaanti, sochii dubartootaa Hamaas keessatti hundeessuun bara 2021tti dubartii jalqabaa Biiroo Siyaasaa kanaaf filatamtedha.

    Bakka haleellaan xiyyaaraa kun itti raawwatame ilaalchisee gabaasota kunneen keessatti waan himame hin jiru.

  10. US doonii waraanaa lammataa xiyyaara baatu gara Israa'el ergite

  11. 'Namoota hospitaala seenan 10 keessaa 4 daa'immani'- Hakiima Gaazaa

    Gassan Abu-Sittah
    Ibsa waa'ee suuraa, Gassan Abu-Sittah

    Ogeessi fayyaa Landanirraa gara Gaazaa deemee hojjetu Gassan Abu-Sittah, waan Kibxata halkan, yeroo dhohinsi hospitaala Al Ahli keessatti mudate ta'e ibsa.

    ''Yeroo haleellaan misaayilaa qaqqabu kutaa baqaqsanii wal’aanu keessan ture, baaxiin kutaa baqaqsanii yaaluu nurratti kufe'' jedhe.

    "Namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kanneen qaamnisaanii irra murame jiru" jedhe.

    Itti dabaluudhaanis dhukkubsattoonni inni wal’aanu keessaa %40 "ijoolleedha. Hundi isaanii warra isaanii keessaa tokko ykn lachuu dhabaniiru, ijoolleen kun miidhamarraa bayyaannachuuf yeroo dheeraa itti fudhata" jedhe.

  12. Lola Israa'eliifi Hamaasiin 'namummaan dursuu qaba' - Saalah

  13. Intalli umurii ganna 12 fi akkoonshee butamanii turan du’anii argaman – Israa’el

    Ministeerri Haaja Alaa Israa’eel namoota Onkololeessa 7 irratti Hamaasiin butaman keessaa lama du’anii argamuu ibse.

    Noyaa Daan umurii ganna 12 fi akkayyaan ishee Karmelaa Daan, umurii ganna 80, Kibuutzi Niir Ooz keessaa butamanii fudhatamani. Isra’el reeffii namoota kanaa eessaa akka argame hin ibsine.

    Israa'el ergaa X irratti barreesseen "reeffi Noyaa fi akkayyaashee Karmeelaa kaleessa argamuu isaa yemmuu beeksifnu gadda guddaani.

    "Onneen keenya cabeera. Namoota akka nuti manatti ishee deebifnuuf jecha seenaa ishee qoduun nu gargaartan, galatoomaa."

    Noyaa Daan

    Madda suuraa, Israel/X

    Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura Israa’eel Noyaan intala “ amala qabeetti, gaarii, qoostuufi filmii Harry Potter bayyee jaallatu” ta’uu ishee ibsee ture.
  14. Israa'eel waraana lafoon Gaazaa seenuun dura yaaddoofi bu'aa tilmaamte

  15. Israa’eel halleellaa dabalataa Gaazaarratti gaggeessite

    Humni Ittisaa Israa’eel (IDF) har’a (Kamisa) ganama akka ibsetti, sa’aatii 24 darban keessatti “bakkeewwan shororkeessitoota Hamaas dhibbaan lakka’aman” barbadeessuu ibse.

    Ibsa miidiyaa X, kan duraan Twitter jedhamurratti maxxansaniin IDF “ haleellaa Gaazaarratti gaggeessu yeroo hunda ittifufuu” ibsuun, dabaluunis “ bakkeewwan ittisa misaayeelii, da’oowwan holqaa, bakkeewwan basaasaa, wiirtuuwwan ajaja hojii fi wiirtuuwwan biroo,” barbadeessuu himeera.

    Ganama kana suuraaleen Gaazaa fi daangaa irraa arganne kunoo.

    Kaan Yoonis, kibba Gaaazaa

    Madda suuraa, EFE/REX/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Gaazaa, Kaan Yoonis keessatti lammileen Filisxeem jijjjigaa jala namoota lubbuun barbaadu
    Gaazaa

    Madda suuraa, Reuters

    Loltoota Israa'eel

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltootii Israa'eel bakka daangaa Israa'eel Gaazaatti dhiyaate jiru Sideroot bira yemmuu adeeman
  16. Ministeerri Mummee UK Rishii Sunaak Israa’eel seenan

    MM UK Rishii Sunaak Israa’eel akka seenaniin buufata xiyyaaraa Tel Aviitti ibsa gazexeessitootaaf kennaniin, haleellaan Hamaas Onkololeessa 7 irratti raawwate “ gocha hamaa shororkeessummaa, dubbatamuu hin dandeenyeedha” jedhaniiru.

    Dabaluunis UK’n Isra’eel bira akka dhaabbattu ibsaniiru.

    “Marii ani boodarra ministera muummee fi pirezdaantii Israa’eel waliin qabaadhu, marii bu’a qabeessa ta’a jedheen abdadha,” jedhan.

    Ministeera Muummee UK Rishii Sunaak

    Madda suuraa, EPA

  17. Masriin ulaa gargaarsi namoomaa 'ittifufinsaan' Gaazaa qaqqabu banuuf waliigalte

    Tola-ooltonni Dhaabbanni mit-mootummaa Masrii Roobii darbe Raafaatti mormii dhageessisuun, deeggarsi Gaazaa akka qaqqabu gaafataa turan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Tola-ooltonni Dhaabbanni mit-mootummaa Masrii Roobii darbe Raafaatti mormii dhageessisuun, deeggarsi Gaazaa akka qaqqabu gaafataa turan

    Masriin ulaa Raafaa banuun konkolaattonni deeggarsa 20’n gara Gaazaa akka seenan waliigalte.

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden dursanii kan beeksisan yoo ta'u, amma Masriin gargaarsi namoomaa ulaa gara Gaazaatti "itti fufiinsaan" seenu ta’uu mirkaneessite.

    Dubbi himaan Pirezidaanti Masrii Ahimed Fahmi ibsa kennaniin, “Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattaa al-Sisii fi Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden gargaarsi namoomaa itti fufiinsaan karaa tarminaala Raafaa gara Gaazaatti geessurratti waliigalan,” jedhan.

    Gargaarsi namooma kun jaarmiyaalee gargaarsa namoomaa idil-addunyaa waliin to’annoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalattii Gaazaa akka seenu hoggantoonni Masrii fi Ameerikaa ibsaniiru.

  18. Lola Israa'el-Hamaas hanga ammaatti kan beeknu kunoo

    Gargaarsi barbaachisaan Gaza akka qaqqabuuf US Masirii waliin walii galteetti, kun lammilee nagaa dhiyeessiin tajaajila hedduu addaan citeef abdii waan kennedha.

    Wantoonni beekuu qabdan kunoo:

    • Pirezdaantiin Masirii Abdel Fattaa al-Sisi ulaa Rafaa daangaa Gaazaa waliini irra jiru banuun konkolaatonni gargaarsaa 20 akka Gaazaa seenaniif walii galaniiru. Kun kan dhufe erga Pirezdaantiin US Joo Baaydeen Israa’eel daawwatanii booda. Baayden gargaarsa dhiyeessuun Jimaata eegaluu mala jedhaniiru.
    • Ulaa Rafaa fayyadamuun namootni Gaazaa keessaa akka ba’aniif eyyamamee yoo ta’e waanti ibsamee hin jiru. Kana irratti gaaffii dhiyaateef, Baayden: “ Namoota achi keessaa ni baasna, amma garuu kana irratti odeeffannoo dabalataa hin kennu,” jedhaniiru.
    • Yeroo kanatti namootni fi konkolaatonni mi’a gargaarsaa baatan daangaa Gaazaa fi Masirii irratti walitti qabamuun, ulaan akka banamuuf eegaa jiru.
    • Ministeerri Muummee UK Rishii Sunaak Kamisa ganama Israa’eel ni seena jedhame eegama. Achiittis MM Nateniyaahuufi Pirezdaantii Israa’eel Isaak Herzoog waliin wal argu jedhameera.
    • Hamaas haleellaa hospitaala Al Ahliif Israa‘eeliin yemmuu himatu, Israa’eel ammo rookketti Paleestiin dogoggoraan dhukaafameetu balaa kana uumee jetti. Baayden himata Israa’eel deeggareera.
  19. Israa’el duula waraanaa lafoo Gaazaa keessatti adeemsiftuun galmishee milkaa'uu danda'aa?

  20. US kara keessaan Iraan akeekkachiisaa jirti – Ambaasaaddara duraanii NATO

    NATO’tti ambaasaaddara US kan turan Ivo Daalder, dhimma waldhabdee Israa’eel – Hamaas irratti US kara keessaan Iraan waliin haasa’uu hin ooltu jechuun BBC’tti himaniiru.

    “Ameerikaan dhuunfaatti Iraan waliin chaanaloota sababa kanaaf jecha uumaman fayyadamuun haasa’aa akka jirtu beekna,” jedha bara 2009 hanga 2013 Nato’tti ambaasaddara US kan ture Daalder.

    “Iraanis, shaakkii malee, US maal gochuuf akka qophoofteettu beekti. Kun wanta pirezdaantichi yeroo kanatti ifatti dubbachuu fedhu miti, dubbachuus hin qabu,” jedhan.

    Jalqaba torban kanaatti White House’tti gorsaan Nageenya Biyyaleessaa Jeek Salivaan, US Iraan waldhabdee kana gidduu akka hin seeneef akeekkachisuuf biyyatti waliin haas’auu ibsanii turani.

    Iraan waldhabdee kana gidduu yoo seente lolli kun gara naannoo Baha Gidduu Galeessatti babal’achuu danda’a yaaddoon jedhu jira.