UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN akka aangoo gadhiisan gaafatan. Kunis, erga Gutareez haleellaan Hamaas ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne’’ jedhan boodadha.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa! Tamsaasa kallatti guyyaa har'aa eegalleerra!

    Tamsaasi kallattii waa'ee walitti bu'iinsa Israa'eliifi Hamaas itti fufe isin biraan geenyu amma eegale. Dhiyaadhaa!

    Tola ooltota Masirii daangaa Gaazaa irratti namoota haleellaa Hospitaalaan lubbuunsaanii darbeef yemmuu kadhatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tola ooltota Masirii daangaa Gaazaa irratti namoota haleellaa Hospitaalaan lubbuunsaanii darbeef yemmuu kadhatan
  2. Tamsaasa kallattii har'a asirratti dhaabne!

    Hordoftootaa tamsaasa kallattii walitti bu'iinsa Israa'eliifi Hamaas ilaalchise isin biraan gahaa oollee asirratti dhaabneera.

    Boru odeeffannoo haaraadhaan walitti deebiina.

    Nagaan turaa!

  3. Baayidan mootummaa Neetaanyaahuun akeekachiisan

    Baayidaniifi Neetaanyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan wayita dawwannaasaanii Israa'elitti, dhimma Filisxeem, dhimma Araboota bal'aafi rakkoo amma mudateerratti shakkii qaban ilaalchiisuun mari'ataniiru.

    Akkasumas deeggarsa namoommaa Sulula Gaazaa fi Weest Baankiif oolaara miiliyoona 100 gumaachan.

    Baayidan nageenya Israa'eliifi Filisxeem jidduu, kan ummattoota lamaan nagaafi kabajaan ittiin waliin jiraataniif, kutannoo bulchiinsa isaanii irra deebiin kaasaniiru.

    Akkasumas pirezidantichi Israa'eliif dhimma karoora lola lafoo ishee yaadaa jirtu irratti gorsa kennaniiru.

    Akka jedhaniittis, Israa'el seera shororkeessitootaan hin jiraattu, dambii seeraatiin malee. Kanaaf Israa'eldhimma kaayyoowwan isheerratti ifa ta'u qabdi jedhan.

    Innis ammoo ''daandiin amma irra jirtan kaayyoowwan sana kan milkeessu ta'usaa xinxalli sirriin'' gaggeeffamu gaafata jedhan.

    Itti dabaluunis akeekkachiifni ifaan mootummaa Neetaanyaahuuf kennan: 'fagoo hin deemiinaa' kan jedhu ture.

  4. Haleellaa hospitaala Gaazaaf, Israa'el quba kan itti qabde, Islaamiik Jihaad eenyu?

  5. Hiriirri deeggarsaa Filisxeem, Weesti Baankiif naannoo kaanitti gaggeefame

    Hiriirri deeggarsaa Filisxeem Weesti Baanki, Jordaan, Iraan, Tuniiziyaa, Libaanosiifi Turkitti gaggeefameera.

    Hiriirri kun haleellaa hospitaala Al-Ahlii al-Arabiyaa kan magaalaa Gaazaa keessa jirurratti raawwatameen namootni hanga 500 gahan ajjeefamuusaaniin hammaate.

    Haleellaa Kibxata galgalaa kana booda Embasiin US Libaanos magaalaa Beeruut keessa jiru duratti hiriirri mormiin gagageefameera.

    US imala gara Libaanositti godhamurratti akeekkachiisa baastee ture.

    Suuraaleen armaan gadii hiriira deeggarsaa biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti deeggarsa Filisxeemiif bahaman agarsiisu.

    Hiriirtota Weesti Baank

    Madda suuraa, Getty Images

    Mormitoota Embasii US Beeruut jirutti bahan
    Hiriira deeggarsaa Palistaayin Jordaan

    Madda suuraa, Reuters

  6. Baayidan ''Israa'el kophaa kee miti'' jedhan

    Israa'eliif deeggarsa qaban agarsiisuuf Tel Aviiv kan jiran Pireezidantiin US Joo Baayidan, ibsa miidiyaaleef kennaniin ''Israa'el kophaa kee miti'' jedhan.

    Itti dabaluunis ''Yunaatid Isteetis guyyoota dukkanaa keessattis si cinaa ni adeemti'' jedhan.

    Israa'el nagaa qabaattee biyya Yihudoota dimookraatofte taatee ''kaleessa, boruufi bara baraan'' itti fufti jedhan.

    Guyyoota 10 dura Hamaas Israa'el irratti haleellaa banuu hordofee haalli nageenyaa Gidduugala Bahaa akkaan yaachisaa wayita ta'etti Baayidan gara Israa'el kan imalan.

    Haasaa isaanii kanaan biyyisaanii Israa'el waliin ta'uun rakkoon Filisxeemiifi Israa'el gidduu jiru karaa nagaan akka furamu akka tumsan dubbatan.

    Israa'el eenyummaashee yoo gatte shororkeessitootni ni injifatu kan jedhan Baayidan, Israa'el seera shorokeessitootaan osoo hin taane olaantummaa seeraan bultii jedhan.

    Dhibdee kana keessa lammiileen Filisxeem guddoo miidhamaaniiru jedhaniiru Baayidan. Miidhama jiraattota Gaazaan baayyeen gadde uummatni Gaazaa deeggarsa namoomaa ariifachiisaan akka argatu kaabinee waraanaa Israa'el waliin waliigaluus dubbatan.

    Pireezidant Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

  7. Hamaas US fi warri Lixaa 'waraana namoota nagaarratti' banameef gaafatamoodha jedhe

    Qondaalli Hamaas Osaamaa Hamdaan Libaanosirraa ibsa miidiyaaleef kennaniin US fi biyyootni Lixaa Israa'el deeggaran hundi ''namoota nagaa Gaazaarratti waraana gaggeefamaa jiruuf gaafatamummaa guutuun irra jira'' jedhan.

    Ibsi Hamaas kun kan dhagaahame haleellaa hospitaala Gaazaa Al Ahlii jedhamurratti qaqqabe lubbuu namoota 500 ta'anii galaafachuu hordofeeti. Ulaa Gaazaa kan bulchu Hamaas dhoyinsa kana kan raawwate Israa'eli jechuun himateera.

    Raayyaan Ittisaa Israa'el ammoo dhoyinsichi kan mudate gareen Paalistaayin Islaamik Jihaad dogoggora wayita rookketa dhukaasu uumeeni jedha.

    Onkololessa 7 Hamaas Israa'eliin erga haleelee booda biyyattiin ulaa Gaazaa haleeluu itti fufteetti.

  8. Humni qilleensaa Israa'el rokeettiin Gaazaarra dhukaafamee fashalaa'aa jiru dabaleera jedhe

    Haleellaa rookkeettii

    Madda suuraa, Reuters

    Humni qilleensaa Israa'el rookkeettiiwwan Gaazaarraa garasaaniitti dhukaafaman garuu kan fashalaa'an baayyachaa jiraachuu beeksiise.

    Eraga waraanni eegalee Israa'el rookkeettiiwwan Gaazaarraa gara Israa'elitti dhukaafaman keessaa 450 achuma daangaa Gaazaa keessatti kufuu beeksiisee ture.

    Amma ammoo Humni Qilleensaa israa'el rookkeettiiwan Gaazaa irraa dhukaafamuun fashalaa'an dabalaa jira jedhe.

    Humni Qilleensaa Israa'el barreeffama toora X kan duraan Tiwiitara jedhamurratti maxxanseen, ''Sulula Gaazaa keessatti namoota nagaa akka dahootti itti fayyadamamuun itti fufeera,'' jedhe.

    Raayyaan Ittisa israa'el, haleellawwan kunneenis gamoowwan ummanni nagaa keessa jiraatu ''kanneen akka hospitaalotaa, manneen barnootaa UN, Masjiidota, restoraantiiwwan, gamoowwan dippilomaatii fi hoteelotatti'' dhokaafamu jedhe.

  9. Haleellaa hospitaala Gaazaatiin namoonni 471 du’aniiru - Ministeera Fayyaa Gaazaa

    Namoota haleellaa booda haabbatanii turan

    Madda suuraa, Reuters

    Ministeerri Fayyaa Filisxeem lakkoofsi namoota haleellaa hospitaala Gaazaa kalleessa mudateetiin du’anii 471 qaqqabuu beeksiise.

    Kana malees namoonni 314 ta’an irra miidhaan gahuu himeera ministeerichi.

    Ministeerichi haleellaa hoapitaala Gaazaatti mudateef ammas Israa’el himate.

    Dr Shiraaf Al Qaudraa, dubbii himaan Ministeera Fayyaa Gaazaa irra deebiin haleellaa guyyaa Kibxataa hospitaala irra gahe balaaleeffataniiru.

    Israa’el erga haleellaa qilleensaa Gaazaa keessatti raawwachuu eegaltee as namoonni 3,478 ajjeeffamanii, kanneen 12,065 ta’an ammoo miidhaan irra gahus himan.

    Israa’el ammoo irra deddeebiin haleellaa hospitaala mudate kana duuba akka hin jirree dubbachaa jirti.

    Israa’el odeeffannoo lafarraafi dubbii waraabameen, haleellaan hospitaalichaa rokkeettii milishoota Jihaad Islaamik Filisxeemiin Gaazaa irraa gara israa’elitti dhokaafamuuf turetu dogoggoraan achitti dhuka'e jetti.

  10. Chaayinaan 'haleellaa' hospitaala Al Ahlirratti raawwatame balaaleffatte – garuu garee balaaleffatamu adda hin baasne

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa "haleellaa" hospitaalicharratti qaqqabe balaalefachuu isaa ibse - garuu addatti Israa'el ykn hidhattoota Fillisxeem ifatti hin balaaleffanne.

    “Chaayinaan haleellaa hospitaala Gaazaarratti raawwatametti hedduu rifatte, cimsitees ni balaaleffatti,” jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa.

    "Namoota miidhamaniif ni gaddina, namoota miidhaman mararsiifachuu keenya ibsina."

    "Chaayinaan atattamaan dhukaasniifi diinummaan akka dhaabbatuu fi lammiilee nagaa eeguu fi balaa namoomaa daran hammaatu hambisuuf carraaqqiin akka taasifamu gaafatti."

  11. Haleellaa hospitaala Gaazaa ilaalchisee deebii mootummoota biyyoota Arabaa

    Sochii Filesxeemotaaf dursa kennuun mootummoota biyyoota Arabaa tokko tokko biratti suuta suutaan hir’achaa dhufeera, ta’us lammileesaanii biratti dhimmi Filisxeem dubbii guddaadha.

    Waraanni amma Gaazaa keessa jiru kana geeddaraa jiraatus, taateen hamaa hospitaala Al Ahlii mudatee garuu haalaa jiru caalaatti jijjiireera – Israa’el garuu haleellaa kana duuba humni waraanaa ishee akka hin jirre ibsite.

    UAE, Bahareen fi Morokoo – kan yeroo dhiyoo asitti Israa’eel waliin hariiroo fooyyee ta’e qaban – oduun haleellaa hospitaala kanaa yemmuu dhaga’ame gochicha ciminaan balaaleffachuun ibsa kennan.

    Abdul Fattaa al-Sisii, Pirezedantiin Masirii – biyya Arabaa jalqabaa Israa’eel waliin nagaa buufte – haleellaan kun “ifatti seera idil-addunyaa kan cabsudha” jedhan.

    Sa'ud Arabiyaa, kan hariiroo fooyyee qabaachuuf yaadaa turte, haleellaa kana yakka hameenyaan guutame jechuun ibsite.

    Haleellaa hospitaalaa Gaazaan dheekkamuun lammiileen biyyootii kunneenii hiriiraa mormii waan ba’aaniif, hoggantoonii biyyoota kunneeni dhiibbaa jala jiru.

  12. Onkololeessa 7 irraa eegalee lakkoofsi lammilee Filisxeem ajjeefamanii 3,300 ga'e

    Manneen Gaazaa haleellaa qilleensaa Israa'eeliin barbadaa'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Fayyaa Filisxeem Mayi al-Kayiilaa akka ibsetti, Israa'el guyyaa 11 dura Gaazaarratti haleellaa qilleensaa erga eegaltee as lakkoofsi namoota ajjeefamanii 3,300 ga'e.

    Dabalataaniis namootni 13,000 madaa'aniiru jedhe.

    Haleellaa Hamaas waldhabdee marsaa kanaatiin yoo xiqqaate lammileen Israa'eel 1,300 ajjeefamanii, namootni 199 ta'an ammoo butamanii fudhatamaniiru jedhame yaadama.

  13. Haleellaan hospitaalatti qaqqabe 'garee biraatiin kan raawwatame fakkaata’-Baayiden

    Joo Baayiden

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayiden

    Dhohinsa hospitaala Gaazaatti qaqqabe ilaalchisee Joo Baayidan Ministiraa Muummee Israa'elitti wayita himan, ''garee biraatiin kan raawwatame fakkaata'’ jedhan.

    Baayidan taatee sanaan ''baay'een gaddee, rifadhes'' jedhan.

    "Wantan argerraa waan garee biraatiin raawwatame fakkaata, isini miti.

    Garuu namoonni hedduun shakkii qabu, kanaaf furuuf waa baayyee qabna," jedhan.

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden Israa’el kan daawwatan Ameerikaan waldhabdee kana keessatti eessa akka dhaabatte agarsiisuuf akka ta’e dubbatan.

    Ajjeechaa jumlaa Hamaas Onkoloolessa 7,2023 raawwate ibsu itti fufan. Lammiilee Ameerikaa 31 dabalatee namoota 1,300 "qalan" jechuun "ho'ifachuun harbessuu miti" jedhan.

    Akkasuma daa'imman dabalatee waa'ee namoota Israa'elirraa Hamaasiin butamanii dubbataniiru.

  14. Netaniyaahuun Hamaas fi IS walfakkeessan

    MM Israa'el Hamaas IS waliin walfakkeesuu itti fufaniiru. "Addunyaan qaroome tokko ta'ee akkaataa IS ittiin mo'ateen Hamaas mo'achuu qaba. Hamaasiin mo'annee yaaddoo hamaa kana jireenya keenyarraa ni mancaafna," jedhan Netaniyaahuun.

    Kana gochuun ammoo biyya isaaniif qofa osoo hin taane eenyuufillee barbaachisaa akka ta'e ibsan MM Israa'el kun.

    Netinyaahuun yeroo ammaa Israa'el daawwachaa kan jiran Pirezidantii US Joo Baayidaniin "Michuu dhugaa" jechuun yeroo waraanaa kanatti daawwannaan isaanii murtee dinqisiifama ata'uu dubbatan.

    Netinyaahuun Israa’el cinaa dhaabbachuuu Baayiden galateeffachuun “hamilee hamaafi gaarii ifatti adda baasuu” isaniifis jajataniiru.

    “Humnoota qaroominaafi humnoota hamoo gidduu garaa garummaa jiru ifatti adda baaftaniittu,” jechuun Baayidanitti himan.

    Dabaluunis Netaniyaahuun, haleellaan Hamaas Onkololeessa 7 irraati taasisee, (lakkoofsi uummataa US fi Isra'eel irratti hundaa'uun) haleellaa 9/11 irraa dachaa 20 kan guddatudha jechuun wal madaalsiseera.

    Pirezidant Joo Baayidan fi MM Benjaamiin Netinyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

  15. Hogganaa Hamaas abbaa qaroo tokkoo, Israa'el ajjeesuuf dhamaatee dadhabde

  16. Amma nu gahe, Joo Baayden Israa’eel seenan

    Pirezdaantiin Ameerikaa Joo Baayden Ministira Muummee Israa’eel Benjaamin Natenyaahuu waliin mari’achuuf Israa’eel seeneera.

    Ta’us garuu akka dursinee gabaasneetti, karoorri Baayden hoggantoota Arabaa waliin wal arguuf taasisee ture haqameera.

    Joo Baayidan Israa'el qaqqaban

    Madda suuraa, Reuters

  17. Suuraalee: Haleellaa hospitaala Gaazaa booda

    Kibxata galgala haleellaa hospitaalaa Gaazaa irratti gaggeeffameen lammileen Filisxeem dhibba hedduun lakka’aman du’uu malu jedhameera.

    Hamaas kun haleellaa qilleensaa Israa’eeliin gaggeefamedha jedhu. Israa’eel ammoo rookkettii gartuun Palestinian Islamic Jihad jedhamaniin dhukafamuutu doggogoraan hospitaalicha rukute jedha.

    Hospitaala Al Ahdiitti haleella gaggeefame booda suuralen kaafaman muraasi kunoo:

    Haleellaa hospitaala Gaazaa Al Ahdi

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaa hospitaala Gaazaa Al Ahdi

    Madda suuraa, epa

    Haleellaa hospitaala Gaazaa Al Ahdi

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaa hospitaala Gaazaa Al Ahdi

    Madda suuraa, EPA

  18. 'Mootii basaastotaa' fi dureessi Masrii Israa'el oolchuu himamu eenyu?

  19. Halleellaa hospitaalatti mudate hordofee Baayiden hoggantoota biyyoota Arabaa waliin wal arguun haqame

    Baayiden hoggantoota biyyoota Arabaa waliin wal arguun haqame

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Baayiden hoggantoota biyyoota Arabaa waliin wal arguun haqame

    Haleellaa hospitaala Al Ahli Gaazaa keessatti mudateen hordofee Joo Baayiden fi hoggaana Filisxeem Mahaammuud Abbaas dabalatee hoggantoota biyyoota Arabaa wajjin wal arguuf karoorfame haqame.

    Baayiden MM Israa’el Benjamin Netaanahuu waliin erga wal arganii booda gara Joordaan deemuuf turan; achitti mootii Joordaan Abdullaahi, Pirezidaantii Masrii Abdul Fatta al-Siisii fi Muhaammuud Abbaas waliin wal arguuf ture.

    Halkan edaa garuu, Ministirri Dhimma Alaa Joordaan walgahiin kun kan gaggeeffamuu danda’u yeroo gartuuuwwan kunneen “waraana fi ajjeechaa Filisxeemootarratti raawwatame” goolabuuf walii galuu danda’an qofa jechuun dho’iinsa hospitaalatti mudate kanaaf Israa’el himatan.

    Waraanni Israa’el akka jedhutti, haleellaan kun rookkeettii garee biraa, Palestine Islamic Jihad jedhamu garee hidhattoota Gaazaa keessatti argamun gaggeefame jedhe.

    Baayiden haleellaa kanaatti ‘’mufachuu fi gadduu'' dubbatanii - gareen tika biyyaalessaa isaanii ''waan ta'e sirriitti odeeffannoo walitti qabuu akka ittifufan'' qajeelfama kennaniiru.

  20. Lola Israa’eliifi Hamaas: Waraana Addunyaa III'tti geessuu danda’aa?