UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN akka aangoo gadhiisan gaafatan. Kunis, erga Gutareez haleellaan Hamaas ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne’’ jedhan boodadha.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasi kallatti xumurame!

    Ga'eessota gargaarsa argachuuf Gaazaatti daa'imman waliin hiriiran

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ga'eessota gargaarsa argachuuf Gaazaatti daa'imman waliin hiriiran

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixata galgalaa xumurame.

    Odeeffannoo guyyaa guutuu baasaa turre gadi daddabarsuun argachuu dandeessu.

    Akkuma yeroo hundaa waan nu waliin turtaniif galatoomaa.

    Halkan gaarii!

  2. Waa'ee dho'insa hospitaala Gaazaa ragaaleen maal agarsiisu?

    Dho'insi hamaan hospitaala Al-Ahlii namoonni keessa guutan Gaazaa keessatti torban dura qaqqabe namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuu aangawoonni Filisxeem himaniiru.

    Madda isaarratti garuu biyyoonni lamatti qoodamaniiru.

    • Waa'ee dho'insa Gaazaa waan BBC'n odeeffate maali?
    Dho'insa Gaazaatti lubbuu dhibbaatama galaafate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Dho'insa Gaazaatti lubbuu dhibbaatama galaafate
  3. Ruwaandaan gargaarsa toonii 16 Gaazaaf ergite

    Mootummaan Ruwaandaa deeggarsa namoomaa ummata Filisxeem Gaazaa keessatti jiraataniif erguu ibseera.

    Gargaarsi kuni magaalaa guddoo Jordaan, Amaan, dhaqqabuu qondaalli mootummaa biyyattii Alayiin Mukuraalindaa BBC’tti ergaa erganiiru.

    Gargaarsi ergame qaama deeggarsa idil-addunyaa ummata Gaazaa keessa jiruuf taasifame ta’u qondaalli kuni ibsaniiru.

    Ruwaandaan biyyoota Afrikaa muraasa Israa’el waliin hariiroo jabaa qabanidha. Ministirri Muummee Israa’elis bara 2016 Ruwaandaa daawwatanii turan.

    Hogganaan Israa’el daawwannaa isaanii booda ‘’lamaan keenyarratti duguuggaa sanyiitu raawwate’’ jechuun seenaan akka qooddatan ibsanii turan.

    Karaa qaxxaamura Raafaa deeggarsi namoomaa Gaazaa seenuu eegaleera

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Karaa qaxxaamura Raafaa deeggarsi namoomaa Gaazaa seenuu eegaleera
  4. Maalemaan oomishni Israa'el Afrikaa Kibbaatti akka lagatamu gaafate

    Juuliyaas Maaleemaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Juuliyaas Maaleemaa

    Afrikaa Kibbaatti paartiin siyaasaa guddinaan sadarkaa sadaffaarratti argamu magaalaa guddoo biyyattii Piritooriyaa Imbaasii Israa'el duratti hiriira mormii geggeesseera.

    Hogganaan paartichaa Juuliyaas Maaleemaan mootummaan Israa’el ''kabaja dhala namaaf hin qabu'' jechuun imbaasichi akka cufamu gaafate.

    Obbo Maalemaan daldaltoonni meeshaalee Israa’el oomishtu dhuma baatii xumura Onkololeessaarra kaasanii akka hin gurgurre gaafate.

    "Oomisha Israa'el yoo hin gatne ofuma keenya baafnee ganna.

    ''Oomishni Israa'el Afrikaa Kibbaatti akka gurguramu hin barbaannu, nyaata dhiiga namoota qulqulluu harka isaaniirra qabani hin barbaannu," jedhan Maaleemaan.

    Paartiin Kongirasii Biyyaalessaa Afrikaa Kibbaa bulchaa jiru Jimaata darbe Imbaasii Israa’el alatti mormii wal fakkaatu gaggeessee ture.

    Barreessitu Ittaantuun paartii ANC Nomvula Mokonyane, lammiileen Afrikaa Kibbaa Filisxeemota tumsuudhaan Israa’elirraa oomishaalee bitaman akka lagatan gaafatte.

    Aadde Mokonyaanees Afrikaan Kibbaa Baha Giddugaleessaatti dhukaasni akka dhaabbatu gaafatani.

    Durii eegalee Afrikaa Kibbaafi Filisxeem hariiroo jabaa akka qaban ni beekama.

  5. UK'n waa'ee dho'insa hospitaala Al Ahlii ejjennoo dureewwan Lixaa qooddatte

    Akka UK’n har’a ibsiteetti, dho’insa hospitaala Al Ahlii misaa’ela Gaazaa keessaa dhuka’eetu dhaqqabsiise.

    Biyyoonni kaan kana dura maal jedhan?

    Torban darbe Israa’el yeroo daawwatanitti, Pirezidantiin US Joo Baayidan dho’insi haleellaa Israa’eliin hindhaqqabne jedhan.

    Tarii, misaa’ela Filisxeem kallattiirra dabetu dhaqqabsiise jechuun yaada Israa’el deeggaran.

    Guyyaa Sambataammoo Dippaartimantiin Ittisaa Biyyalessaa Kanaadaa Israa’el harka keessaa hinqabdu jechuun qorannoo taasise jedheen goolabe.

    Isa dura guyyaa Kamisaa Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoo ejjennoo US fudhachuuf qophii akka hintaane ibsanii turan.

    Aangawoonni Filisxeem akka ibsanitti, dho'insi torban darbee lammiilee 471 galaafate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni Filisxeem akka ibsanitti, dho'insi torban darbee lammiilee 471 galaafate

    Aangawooni Filisxeem dho’insi hospitaalatti mudate namoota 471 galaafachuu ibsaniiru. Badii raawwateefis Israa’el himatan.

    Israa’el immoo Jihaadii Islaamaa Filisxeem jedhamuutu raawwate jechuun ragaa qaba jette dhiheessite. Garuu garichi ni waakkate.

    Biyyoonni Arabaa hedduunSa’udii Arabiyaa, Masriifi UAEdabalatee Israa’elitu raawwate jechuun ishee balaaleeffatan.

  6. Lammileen Israa'el butaman eenyu fa'a?

    Lammilee Israa'eli butamanii Gaazaa geeffaman
    Ibsa waa'ee suuraa, Lammilee Israa'eli butamanii Gaazaa geeffaman

    Waraanni Israa’el akka ibsetti, waliigalatti namoonni 222 butamanii Gaazaa keessa jiru.

    BBC'n namoonni butaman eenyu fa’aa akka ta’an qindeessaa jira.

    Isaan keessaa tokko Miya Shem, dubartii ganna 21 yoo taatu, viidiyoo Hamaas torban darbe gadhiise keessa jirti.

    Sagantaa muuziqaarraan butame jette. Waraanni Israa’el maatiishee quba qaba.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti ba’e daa’imni ganna 12 Erez namoota qawwee qabaniin gara Gaazaatti geeffamuu agarsiisa.

    Lammiileen Ameerikaa butaman lama Jiimaata darbe gadhiifamuun isaanii ni yaadama.

    Lammilee butamanii geeffaman
  7. MM Sunaak: Dho'insi hospitaalaa misaa'ela Gaazaa keessaa dhuka'een mudate

    Dubbiin Ministira Muummee UK Rishii Sunaak kan dureewwan biyyoota Lixaa jedhaniin wal fakkaata

    Madda suuraa, UK Parliament

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbiin Ministira Muummee UK Rishii Sunaak kan dureewwan biyyoota Lixaa jedhaniin wal fakkaata

    Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak biyyisaanii haleellaan torban darbe hospitaala Gaazaa keessatti lubbuu lammiilee galaafate misaa’ela Gaazaa keessa dhuka’en mudate jedhan.

    Miidhaan hospitaala Gaazaatti torban dura dhaqqabe mufii guddaa uumeera.

    ‘’Mootummaan UK dho’insi [hospitaala Gaazaa Al Ahliitti dhaqqabe] misaa’elaan ykn Gaazaa keessaa gara Israa’elitti dhuka’een akka mudate murteessuu,’’ har’a paarlaamaa biyyattiif himaniiru.

    Kunis, xiinxala basaasa UK bu’uura godhachuun kan irra gahame akka ta’e ibsan.

    • Waa'ee dho'insa hospitaala Gaazaa ragaaleen maal agarsiisu?

    MM UK Rishii Sunaak waan adeemaa jiruun Filisxeemonnis miidhamaa akka jiran ibsan.

    UK’n deeggarsa namoomaa dabalataa paawundii miiliyoona 20 Gaazaaf arjoomuullee ibsan.

    Hamaas balaan dhaqqabe haleellaa Israa’eliin akka ta’e kan ibse yoo ta’u, Israa’el battaluma sana waakkattee garee Islaamik Jihaad jedhamuufi Gaazaa keessa maadheffatetti quba qabde.

    Gareen biyyoota biroo keessas socho’u kuni garuu ni waakkate.

    Sunaak dubbii isaanii Hamaas deebi’ee Gaazaa akka bulchuu hinqabu jedhan.

    Ameerikaafi Kanaadaan kana dura haleellaan hospitaala Gaazaa keessatti mudate achumaa waan dhuka’e fakkaata jechuun isaanii ni yaadatama.

    • Gareen Islaamik Jihaad kan Israa’el dho’insa hospitaala Gaazaaf himatte eenyu?
  8. Israa'el diroonii Hamaas lama 'fashalessuu' himte

    Diroonii duratti Hamaas gara Israa’elitti nan dhukaase jedheerratti wanti haaraa jira.

    Waraanni Israa’el dirooniin lama Gaazaarraa gara Israa’elitti haleellaaf ergaman ‘’adda baafamuu’’ fi lamaanuu ‘’fashala'uu’’ ibse.

    Akkaataa kamiin akka fashalse jedhe garuu waan ibse hinqabu.

    Gama kaaniin, Waraanni Israa’el humni qilleensaa isaa diroonii ‘’Libaanosirraa cabsee seene’’ faccisuu beeksise. Odeeffannoo bal’aa garuu hinkennine.

  9. Wanti haaraa maali?

    • Akka aangawoonni Filisxeem himanitti, sa'aatii 24 darbe Gaazaa keessatti namoonni 400 ol ajjeefamaniiru. Kunis, lakkoofsa waliigalaa namoota erga torban lamaa Gaazaatti ajjeefamani 5,000'n gaha. Ministeera Fayyaa Gaazaa, garee Hamaas Israa'el waliin wallolaa jirutu hooggana.
    • Waraanni Israa'el bakkeewwan qiyyaafate 320 qilleensarraa rukutuu hime. Kanneen keessaa ulaan lafa jalaafi bakkeewwan Hamaas rokeetii dhukaasu akka jiran ibse.
    • Israa'el guyyaa Dilbataa Gaazaa keessa haleellaa raawwachuu waraanni ishii ibseera. Kunis, bakkicha meeshaafi 'shororkeessitootarraa' bilisa gochuuf ta'uu hime. Akka dubbii himaan waraana Israa'el jedhanitti, halkan kaleessaa waraanni biyyattii haleellaa dabalataa godheera. Kunis, ''garee shororkeessitota haleellaa itti aanuuf qophaa'aa turan ajjeesuu'' fi ''waa'ee namoota butaman odeeffannoo argachuufi.''
    • Israa'el lakkoofsi namoota butamanii 222 gahuu beeksisteetti. Kunneen torban lama dura Hamaas daangaa ce'ee yeroo haleellaa raawwate kanneen butamanidha.
  10. Hamaas Kibba Israa'elitti haleellaa diroonii lama gaggeessuu hime

    Daqiiqaa 30 darbe kibba Israa’elitti sagaleen akeekkachiisaa dhagahamee ture. Kunis, haleellaan diroonii raawwatuu mala jedhamee shakkameeti.

    Hamaas Telegiraama gubbaa akka barreessetti bakkeewwan waraanni Israa’el qubate rukutuuf diroonii lama ergeera.

    Waraanni Israa’el bakkeewwan sagaleen akeekkachiisaa dhagahame lama ta’uufi kunneenis kan Gaazaa daangessan akka ta’an hime.

  11. Suuraalee haaraa haleellaa Kaaba Gaazaatti qaqqabe agarsiisan

    Lammilee Filisxeem haleellaa xiyyaaraa baqatan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammilee Filisxeem haleellaa xiyyaaraa baqatan

    Humni Waraanaa Israa'el sa’aatiiwwan 24 keessatti Gaazaa iddoowwan haleeluuf qiyyaafate keessaa 320 ol haleeluu beeksise.

    Kaaba Gaazaa iddoowwaan jiraattonni qe'eesaaniirraa akka baqatan ajajamanitti badii qaqqabe suuraaleen agarsiisan kunooti.

    Suura kaaba Gaazaa magaalaa Siderotirraa kaafame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Suura kaaba Gaazaa magaalaa Siderotirraa kaafame
    Hambaa masjiidaa haleellaa xiyyaararraa hafee

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Hambaa masjiidaa haleellaa xiyyaararraa hafee
  12. Israa'el miseensonni Hamaas 37 halkan edaa West Baankiitti to'atamuu ibsite

    Gaazaa irraa bakka fagootti, Humni Ittisaa Israa'el erga haleellaa Onkololeessa 7 Israa'elirratti raawwatameen booda lammiilee Filisxeem West Baankiitti barbaadamaa turan gara 800 to'achuu ibsite.

    Warreen to’ataman keessaa namoonni 500 ol kanneen Hamaas waliin hidhata qabanidha.

    Kaartaa naannoo Bahagiddugaleessaa agarsiisu
    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa naannoo Baha Giddugaleessaa agarsiisu
  13. 'Sa'aatii 24 keessatti namoonni 436 ajjeefaman'- Ministeera Fayyaa Filisxeem

    Ministeerri Fayyaa Filisxeem Gaazaa keessaa akka ibsetti, Onkololeessa 7, 2023 irraa eegalee lakkoofsi namoota Gaazaatti ajjeefamanii gara 5,087'tti ol guddate.

    Sa'aatii 24 darbe jechuunis kaleessarraa eegalee lakkoofsi namoota du'anii 436'n dabaluu hime.

    Akkasumas, daa'imman 2,055, dubartoota 1,119 fi jaarrolee 217 dabalatee, namoonni 15,273 ol madaa'uu beeksiseera.

    Akka yaadatamu, Ministeerri Fayyaa Gaazaa akkuma dhaabbilee mootummaa biroo Gaazaa keessa jiran Hamaasiin to’atama.

    Haleellaa xiyyaara Israa'eliin gamoowwan Gaazaa diigaman

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa xiyyaara Israa'eliin gamoowwan Gaazaa diigaman
  14. Hamaasiifi Heezboollaa keessaa eenyutu caalaa waraanaa cimaa qaba?

  15. Israa'el waraana lafoon daangaa Gaazaa seentee haleellaa gaggeessuu beeksifte

    Humni Ittisaa Israa'el loltoota lafoon daangaa Gaazaatti haleellaa gaggeessuu beekise.

    Odu himaa Humna Ittisaa Israa'el kan ta'an Daani'el Hagaarii akka ibsanitti, haleellan kun waa'ee namoota butamanii odeeffannoo funaanufi haleellaa marsaa biraa Hamaas itti qophaa'aa jiru fashalsuuf akka ta'e dubbatan.

    "Konkolaattota sibiila uffataniifi loltoota lafoon" kaayyoon haleellaa gaggeeffamee "seeliwwan shororkeessitootaa waraana marsaa ittaanuuf qophaa'aa turan mancaasudha" jechuun gaazexessitootatti himan.

    Haleellaa kaleessa gaggeeffame kanaan loltuun Israa'el tokko du'uufi sadi ammoo miidhamuus himan.

    Akkasumas lakkoofsi namoota Hamaasiin butamanii 222 gahuu ibsuun kana adda baasuf rakkisaa kan godhee ture, lammiilen biyya alaa heddu keessa jiraachuu dubbatan.

    Meeshaalee waraan Israa'el daanga Gaazaa jiran

    Madda suuraa, EPA

    Waraan Israa'el daanga Gaazaa jiran

    Madda suuraa, EPA

  16. Waraanni Israa'el namoonni butamanii Gaazaa jira 222 ta'un mirkanaa'e jedhe

    Taankii Israa'el

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Israa'el namoonni guyyaa Hamaas Israa'el keessatti haleellaa raawwate butamanii Gaazaatti geeffaman 222 ta'un mirkannaa'e jedhe.

    Waraanichi namoota hidhattoota Hamaasiin gaafa Onkolooleessa 7 kibba Israa'elii butamuun Gaazaa geeffaman irratti ibsa haaraa baase.

    Haaluma kanaanis butamanii kan Gaazaa jira 222 ta'un mirkanaa'u ibse.

    Gama biraatiin ammoo qondaaltoonni Filisxeem haleellaa halkan darbe Israa'el raawwatteen namoonni 27 ajjeeffamu beeksiisan.

    Ministeerri Faayyaa Filisxeem haleellaa israa'eli kaabaa Gaazaatti eddoowwan garaa garaa lamatti raawwatteen namoonni 17 ajjeeffamu himan.

    Haleellaan tokkoo Jaabaaliyaa keessatti raawwatame manarra kan bu'e yoo ta'u, kana biraa ammoo ollaa gamoo mana jireenyaa Al-Faalugaa rukutuu himan.

    Kana malees Deer al-Baalaah kan jidduugala Sulula Gaazaattis namoonni 10 kan biraa ajjeeffamu himan.

  17. Hamaas sanada meeshaa waraana keemikaalaa baata ture jedhan pirezidaantin Israa'el

    Isaaq Herzog

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Israa'el Isaaq Herzog Hamaas sanada meeshaa waraanaa keemikaalaa qabatee akka ture himan.

    Isaaq Herzog kana kan dubbatan turtii miidiyaa sky News waliin taasisaniin yoo ta'u, sanadi kun loltuu Hamaas ajjeefame harkatti argamuu dubbatan.

    Sanadi kun keemikaala baay'ee hamaa ta'e akkamitti meeshaa waraanaf itti fayyadamuun akka danda'amu kan agarsiisufi kan "al-Qaayidaa" akka ta'es himan.

    Sanadi argame jedhame kun loltoota Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 daangaa Israa'el seenuun haleellaa gaggeessan keessaa tokko harkatti yoo ta'u, erga ajjeefamee booda "filaashii" ykn USB baatee ture keessaa argamuu himan.

    "Kan ittiin falmaa jirru ISIS, al-Qayidaafi Hamaas wajjini. Sanada argame kana keessatti qajeelfamoonni akkaataa itti meeshaa waraanaa keemikaalaa hojjatan," fa'aa akka qabate himan pirezidaantin Israa'el.

  18. Hundeessaan Hamaas Sheek Ahimed Yaasiin eenyu?

  19. Humni Ittisaa Israa’el Gaazaa keessatti guyyoota darban eddoowwan 320 haleelluu hime

    Humni Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF) guyyoota darban Gaazaa keessatti eddoowwan qiyyeeffannaa 320 haleelluu beeksiise.

    Humni waraana biyyattii toora X kan duraan tiwitara jedhamurratti akka barresseetti, ulaawwanii fi waajjiraalee mummee opareeshinii dabalatee, bu’uraalee misoomaa Hamaas haleeluu hime.

    Akkasumas eddoowwan loltoota isaa Gaazaa keessatti lola lafootiif qophaa’aa jiraniif ‘‘balaadha’’ jedheen haleelluu hime.

    Gama biraatiin ammo humni waraana Israa’el sochii isaa Kaaba biyyattiitti taasiseen daangaa Leebanooniitti seeliiwwan Heeziboollaa afur haleelluu hime.

  20. Hospitaalota Gaazaa reeffaafi madoon guutaman