Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barataan 'qabxii xiqqaa naaf kennite' jechuun barsiiftuu isaa ajjeese hidhaa umurii guutuun adabame
Dargaggoon bulchiinsa Ameerikaa Ayowaa keessatti qabxii gaariin naaf hin kennamne jechuudhaan barsiiftuu isaa reebuun ajjeese, hidhaa umurii guutuutiin adabame.
Dargaggoon umuriinsaa waggaa 17 Wiilaard Miilar jedhamu barsiiftuu isaa Afaan Ispaanishii kan turan Nohemaa Giraabar ajjeesuun murteen kun irratti dabarfame.
Miilar Muddee 2, 2021 ture barsiiftuu isaa meeshaa ittiin tapha beezii taphatuun reebee kan ajjeese.
Miilar hiriyaa isaa Jarmii Godaalee kan amma waggaa 18 guutan waliin ta’un, barsiiftuu isaanii kan umuriin waggaa 66 ajjeesan.
Waayila isaa yeroo yakkicha raawwataniitti umuriinsaa waggaa 16 ture Jarmiifi Miilar akkuma ga'eessatti himannaan irratti baname.
Jaramii irratti murtee dabarsuudhaaf beellamni Hagayya keessa qabameera.
Himatamaa muummee kan ta’e Miilaar kan hidhaan umurii guutuu itti murtaa’es, tarii dhiifamni isaaf taasifamu erga mana hidhaa wagga 35’f tureen booda ta’u danda’a jedhameera.
Abbaan seeraa Miilar irratti hidhaa umurii guutuu murteessan, falmii himatamtichi ‘‘yeroo sanatti umuriinsaa xiqqaa waan tureef gochaasaa hin hubannee ture’’ jedhu hin fudhanne.
Abbaan seeraa dhimmicha ilaalaa turan Shaawuun Shoowarsi ‘‘badiin guyyaa dhalootaa hin qabu’’ jechuun dhimma falmii umurii kuffiisan.
Maatiin barsiiftuu ajjeeffamtes, barataan kun miira gaabbii tokkolleen hin agarsiifne jedhan.
Ajjeechaa barsiistuu tanaa hordofuunis abbaan warraashee Poolm gaddaan lubbuunsaa darbu maatiin himaniiru.
Sirni awwaalcha nama kanaas osoo murteen kun hin darbiin guyyaa tokkoon dura raawwatame.
Himatamaanis wayita murteen darbuutti hawaasa dhiifama gaafateera.
Akkasumas maatiin barsiiftuu tanaatiin, ‘‘rakkoon uumeefi maatii kana jeequu kootti dhiifaman gaafadha,’’ jedhe.
Akka murteen hidhaa yeroo dheeraa itti hin murtoofneef abbaa seeraa wayita gaafateetti, ‘‘Yeroo dheeraadhaaf hidhamee eenyummaakoo fi bakkan irraa dhufe dagachuu hin barbaadu,’’ jedhe.
Abbaan alangaas himatamtoonni kunneen barsiiftuu sana reebanii ajjeessaniiru.
Guyyaa itti aanudha kan reeffii ishee karaa yeroo hunda sa’aatii barnootaatiin booda keessa dabartutti paarkii keessatti dahoo jala dhokfamee kan argame jedhan.
Himatamaa Miilaad haala barsiiftuun sun ittiin afaan Ispaanish itti barsiisaa turte akka hin jaalanne poolisiitti himeera.
Boodas qabxiin isaa wal jalaan hir’ataa dhufuufi kanaanis koollejjii seenuu akka hin dandeenye dubbate.
Barsiiftuu Meeksiiskoo keessatti dhalatte Nohmaa Giraabar bara 2012 irraa kaasuun ture mana barnootaa Sadarkaa Lammaffaatti barsiisuu kan eegalte.