Namtichi daa'ima waggaa sagalii gudeede hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e

Maxxanfame

Ameerikaatti namtichi daa'ima umurii waggaa sagalii gudeeduun ulfeesse hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e.

Dhimmi mucayyoo ol adeemtu tanaas ijoo dubbii miidiyaalee kan ta’e wayita isheen ulfa ofirraa baasisuuf jecha bulchiinsa Ohaayoo irraa gara bulchiinsa Indiyaanaatti imalteen booda ture.

Daa'imti maqaan ishee hin eeramne tunis erga miidhaan gudeeddii irratti raawwatameen booda, sababii seerri bulchiinsa isheen keessa jiraattu ulfa baasuu dhorkuuf jecha ture gara bulchiinsa biraatti kan imaluuf dirqamte.

Dargaggeessi umuriin isaa waggaa 28 ta'eefi maqaansaa Gersan Fu'entees jedhamu kuni gochaa bara darbe keessa raawwate kanaan kan amma hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Mucaan daa'imti tunis ulfa ofirraa baasuuf gara bulchiinsa Indiyaanaatti imaluuf dirqamte.

Mana murtii Olaanaa Ameerikaa mirga ulfa baasisuu bulchiinsota tokko tokko keessatti dhorkeera.

Abbaan Alangaa namni yakka gudeeddii daa'ima tanarratti raawwate kuni lammii Guwaatimaalaa yoo ta'u, Ameerikaa keessa jiraachuudhaafilleen ragaa seeraa qabaachusaa odeeffannoo homaatuu hin arganne jedhan.

Namni amma murteen hidhaa umurii guutuu itti murtaa'e kunis erga waggaa 25'f hidhameen booda, dhiifamaaf iyyachuu ykn gara biyya isaatti deebifamu danda'a jedhaniiru.

Kanaan alattis akka yakkamaa seeraa quunnamtii saalaa ta'ee galmeeffamas jedhaniiru.

''Namni waggoota 20 darbaniif mana murtii kana keessatti hirmaatee beeku kamuu, manni murtii kun waa'ee daa'immaniifi ol adeemtootaa irratti attamiin akka itti dhagahamu ni hubata,'' jedhan Abbaan seeraa Kaawuntii Firaank, Juliye Laayinich guyyaa Roobii wayita himatamaa kanarratti murteen dabarfameetti.

Himatamaanis af-gaaffii poolisiidhaan taasifameef keessatti daa'ima umuriin waggaa sagalii tana yeroo lama gudeeduu amaneera jedha sanadni mana murtiitti dhiyaate.

Akkasumas qorannoon qaccee sanyii (DNA) ulfa baafamee abbaan daa'ima sanaa isa ta'uun mirkanaa'eera.

Daa'imni odeessa kaan keessatti maqaan ishee hin eeramneef miidhamtuu tun doktara daa'immanii Ohaayoo keessattin akka kiliinikii daa'immanii Indiyaanaa keessatti ilaalamuun ulfi akka irraa baafamuuf Waxabajjii 30 irratti ergamte.

Yeroo sanattis mucayyoon sun ulfa torban jahaafi guyyaa sadii garaadhaa qabdi turte, akka gabaasa gaazexaa biyya keessaa tokkootti.

Mucayyoo osoo wal'aansi ulfa irraa baasuu hin raawwatiin dura waggaa 10 guutte tunis, sababii seerri Ohaayoo taatee miidhaa gudeeddiitiif illeen addatti ilaalcha keessa hin galfamneef jecha gara bulchiinsa gara biraatti imaluun ulficha ofirraa baasisuuf dirqamte.

Seera tumtoonni bulchiinsichaas seera dubartootaaf akka ulfa baasan mirga kennuuf akka dhorkamuuf raggaasisan.

Akkasumas doktarri daa'ima tana irraa ulfa baase Caamsaa keessa adabbii dolaara 3,000 akka kanfaluf qondaaltota Indiyaanaatiin itti murtaa'ee ture.

Kunis sababii iccitii maatii daa'ima tanaa cabsuudhaan miidiyaaleetti dubbateera jedhamuun adabame.

Haata'u malee, Boordiin Hayyama Walaansaa Indiyaanaa, hayyama hakiimii kanaa jalaa hin haqne.