Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Obboleessi koo qalqalloo ruuzii keessa dhokatee miliqe' - Baqattoota Waancaa Addunyaarratti ifaa jiran
Garee kubbaa miilaa Jarmanii waliin hirmaataa kan jiru Antoonii Rudigar tapha Jarman 7-1 Curacao injifatterratti jijjiiramee gaafa galu maatiinsaa Afrikaa jiran isa karaa fooddaa TV isa ilaalanii akka itti boonan dhakkii hin qabu.
Taphataan sarara ittisaa Riyaal Maadiriifi garee biyyaalessaa Jarmaniif taphatu kun osoo maatiinsaa waraana Wiliinii Seraaliyoon baqatanii Awurooppaa hin galle ta'ee carraan Awurooppatti dhalatee Waancaa Addunyaatti hirmaachuusaa dhiphaa ture.
Maatiinsaa akkamitti Seraaliyoon keessaa akka baqatan BBCtti himeera.
"Waa'ee kanaa yeroo heddu obboleessa koo gaafadheera; akkamitti bakka dhalootasaanii Koonoo irraa ka'anii magaala guddoo Seraaliyoon gahan natti hime," jechuun hidhattootaan ajjeefamuu sodaarraa bakka heddutti dhokachaa akka baqatan hima.
Fageenyi mandara dhalootasaa Koonoo fi magaala guddoo Seraaliyoon kan taate Firiitaawoon gidduu jiru km340 yoo ta'u, eessumni isaanii ijoollen obbolootasaa hidhattootan akka hin fudhatamneef imala ijibbaachisaa ta'e keessa darbee akka gara magaala guddoo biyyattiitti baqatan taasise.
"Qalqalloo ruuzii keessa isaan dhoksee deemsa itti fufe, yeroo kaan ammoo akka rasaasan hin rukutamneef ykn ammoo hin butamneef jecha akka namaa du'eetti ciciisaa turan," jedha Ruudigar.
Ruudigar obboloota shan kan qabu yoo ta'u inni isa dhumaafi mucaa jahaffaadha. Maatiinsaa Awurooppaatti baqatanii booda Jarmanitti dhalate. Firoonnisaa kaan UK, fi US fa'aatti iyyanni baqattuummaasaanii fudhatama argatee achi jiraatu.
Taphataan garee biyyaalessaa Jarman kun kaampii baqattootaa Jarman jiru keessatti akkamitti akka guddate ni yaadata.
"Nuti ijoolleen kutaa mataa keenyaa qabna, maatiin ammoo nutti aananii jiraatu. Waan hundumaa ofii kee hojjattee of jiraachisuu qabda malee waanti sii kennamu homtuu hin turre," galma yaade gahuuf aarsaa heddu akka kaffale hima.
Taphataa Maadiriid waliin Waancaa Shaampiyoonsi Liigii nyaate kun yeroon itti baqattootaaf sagalee ta'an "amma" jechuun dubbata. Ruudigar qofaa osoo hin taane Kaapteenii garee biyyaaleessaa Kanaadaa kan ta'eefi Laayibeeriyaa irraa baqate Alfoonsoo Deevis yaada wal-fakkaataa qaba.
Alfoonsoon biyya waraanan miidhamte Laayibeeriyaa irraa baqachuun kaampii baqattootaa Gaanaa keessa ture.
"Kanaadaan anaaf waan hedduudha," jedha tapahataan Baayer Muunik kun. Taphattoonni waraanafi hari'atama baqatanii baqattummaan jiraatan yeroo simatamaniifi carraa argatan waan guddaa gochuu akka danda'an Ejansii Baqattootaa (UNHCR)tti hime Alfoonsoo Deeviis.
Waa'ee Kanaadaa yoo dubbatu, "Harka ballisanii nu simatan. Eeyummaa koo har'aa kana bira akkan gahuuf carraa naaf kennan."
Ilaalcha namoonni baqattootaf qaban jijjiiraa jiraa?
Taphattoota Ruudigar waliin dhiibbaa ilaalchi baqattummaa akka jijjiramuuf UNHCR taasisaa jirutti kan makaman:
- Ruudigar waliin Maadiriif kan taphatuu maatinsaa Angoolaa irraa Faransaayitti baqatan.
- Dhalataa Naayijeeriyaa maatiinsaa walitti bu'iinsa amantaan bara 2002 Naayijeeriyaa keessatti jalaa ajjeefamaniifi yeroo ammaa UK jiraatu Viiktor Moosas.
- Karra eegaa duraanii Boosniyaa Asmiir Begooviich - yeroo waggaa afurii waraana Baalkaan baqachuun akkuma maatii Ruudigar simatte Jarman isa simatte.
- Alii Al Hamaadii, maatiinsaa mootummaa Saadaam Huseen jalaa Iraaqirraa kan baqatanii turan.
Gareen kubbaa miilaa Awustiraaliyaas Waancaa Addunyaa baranaarratti taphattoota baqattoota ta'an ykn maatinsaanii baqattoota ta'an sadi qabattee dhiyaattetti: kilaba Waatfoordif kan taphatu Nestirooy Iraankudaa, Noorwixh irraa Mohaammad Tuuree, fi kilaba Ispeen Castello irraa ammoo Aweer Maabili.
Tapha Kanaadaan 2-0 Turkii injifatte irratti Iraankuudaa galchii lama lakkoofsise.
Waldaan taphattoota pirofeeshinaalaa taphattoota kubbaa miilaa Awustiraaliyaa gareen biyyaalessaa taphattoota hidda garaa garaa qaban qabatee dhiyaachuusaatti akka boonu fi viidiyoo gabaabaa hojjatee gadi dhiiseen taphattoonni hundinuu eessatti akka dhalataniifi hiddisaanii eessaa akka ta'e gaafachuun garee sab-daneessa ta'e qabaachutti akka gammachuu qabu beeksise.
Addunyaarratti ijoolleen miliyeena 48.8 ta'an sababa waraanaa, haleellaafi sababa garaa garaan buqqa'anii akka jiran kan ibse UN.
"Daa'immaniifi dargaggoonnni yeroo sababa waraanaa, haleellaafi hari'ataamaan buqqa'an daa'immaniifi dargaggoonni saaxilamoodha," jedhu UNtti komishanara olaanaa dhimmoota baqattootaa kan ta'an Barhaam Saalii.
Taphattoonni hiddisaanii baqattummaarraa ta'an gahuumsa Waancaa Addunyaarratti agarsiisaa jiraniin yeroo jajaman, taphattoota UN waliin ta'uun sagaleen baqattootaa akka dhagahamuuf hirmaataa jiran keessa muraasni ammoo ilaalchi addunyaarratti namni godaantotaaf qabu jijjirruun rakkisaa akka ta'e kaasu.
Kanneen waraana baqachuun godaansaaf saaxilamaniif gadduun xiqqataa dhufuu kan ibsu Ruudigar, "ilaalchi jiru baqattoota komachuurratti kan xiyyeeffateedha" jedha.
"Kanneen godaansan dhufan keessaa gaarinis akkuma jirun, kanneen gaarii hin taanes jiru. Kuni jireenya, baramaadha. Namni hundi qulqulluu miti. Garuu namni tokko yoo badaa ta'e, hundumatu badaadha jechuudha? jechuun baqattoonni harki caalan hojjatanii jijjiiramuu akka barbaadan hima.