Waliigalteen Iraan Netaaniyaahuuf dhiphuu siyaasaa itti taha

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraaniifi Ameerikaa ministira mummee Israa'eliif dhiphina siyaasaa, bu'uuraalee dalagaa siyaasaa Beenjaamiin Netaaniyaahuu diiguun burjaajii dhimma nageenyaa haaraatti isa baaseera.

Akkamiin namni Washingitanitti siyaasa hasaasu, namoota siyaasaa Ameerikaa irratti dhiibbaa jabaa qabu moggaatti baafamee michuu isaa ijoo US'n addabaabaayiitti arrabfama?

Akkamittiin namni Iraan biyya yaaddoo imaammata nageenyaa Israa'el taate morkachuun booda Iraaniin inumaa ejjennoo jabaa jedhamurratti dhiisee waraana dhaaba?

Akkamiin maqaafi kabaji siyaasaa isaa durii 'abbaa nageenyaa' jedhu fedhii Waashingitaniifi Teehraan Hezboollaa Libaanos keessatti haleeluu akka dhaabu gaafatu irraa hafa? Isayyuu filannoo biyyaalessaa Israa'el yeroo dhihaatee jirutti.

Filannoowwan amma Netaaniyaahuun qabu gaarii miti. Hogganaan paartii mormituu Neseet, Yaa'iir Laapiid yaada Wiixata kenneen waan lama kaa'e ''michuu keenya guddoo waliin morkii badaa keessa galuu ykn ammoo fedhii Israa'el dabarsanii kennuun booji'amuu dha,'' jedhe.

Pireezidantiin Ameerikaa jechoota arrabaa dabalatee isa Netaaniyaahuun Dilbata darbe Beeruut haleele ''qajeelaa yaadaa hin jiru'' jedhe mormitooti Netaaniyaahuufi namooti miidiyaa wal-harkaa fuudhaniiru dubbatan.

Haa tahu malee miseensotni paartii Netaaniyaahuu Likuud paartii akkasumas ministaroonni ilaalcha ganamaatti cichaniifi walooma paartii biyya bulchu keessa jiran, dhiibbaa irratti taasisaa jiru. Keesumaa Iraan ''oppireeshiniin waraanaa Libaanos dabalatee gama hundaan haa dhaabbatu,'' jechuun yaadda'u.

''Waliigaltee Tiraampiin hin bitamnu,'' jedhe ministarri nageenya biyyaalessaa Itaamaar Been Gaviir Wiixata kaleessaa ergaa miidiyaa hawaasaa irratti barreessee. ''Waliigaltee nageenya keenya hin eegsisne kana keessaa qooda hin qabnu,'' jedhe.

''Israa'el ofirraa ittisuu itti fufti,'' jedhe miseensi paartii Likuud Eriyaal Koolnar, tahus Israa'el haleellaa itti fufti tahuufi dhiisuu ifa hin baasne.

''Waan goonu hunda ni goona. Michooti keenya akka nu hubatan eegna,'' jedhe. ''Yeroo garii michoota gidduutti waldhibdeen ni uumama, michooti yeroo michootisaanii balaarra jiran hubachuu qabu,'' jedhe.

Simaa Shaayiin qondaallii Moosaad duraaniifi dhimma Iraan addatti hordofu: ''Warri Ameerikaa waliigaltee kana maaliif akka fudhatan hubachuun nama rakkisa,'' jette.

''Iraan Libaanos keessa maaltu akka tahu eeyyamuu, Ameerikaan Iraan Hezboollaa deeggaruu akka itti fuftu carraa kennaa jirti, akka Hezaboollaan Libaanos keessatti qooda fudhataa ijoo akka tahuuf.

''Israa'el kanatti gammadduu miti-dhaaboti nageenyaafi siyaasaas akkasuma,'' jette.

Qeeqa jajjabaa xiyyoo siyaasaa adda addaa itti darbatamaa yeroo jirutti Netaaniyaahuun gaaffii gaazexeessitoonni Wiixata galgala akka hin milkoofnetti yoo yaada taheef gaafannaan aariidhaan itti deebisaa ture.

''Jireenyaa koo ga'eessummaa hunda kaayyoo tokkoof kenneen ture- Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa akka hin qabaannee ittisuu ture,'' jedhee ibsa Yeruusaalemitti kenneen.

''Waan barbaachisu hunda ni goona. Kaayyoo kanarratti of hin daangeessu: Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa hin qabaattu.''

Tahus yerootti isaafi Tiraamp dhimmoota ija garagaraan ilaalan akka ture amaneera.

''Yaada koo yeroo mariitti ibsadheera tahus fedhii mataa ofii qabna: duraan yaaddoo niwkilaaraa; lammata, Libaanos- daangaa walabaa uumuun hamma danda'ametti achi turra,'' jedhe.

''Iraan kana akka dhaabnu barbaaddi-garuu hin taane. Maaliif beektaa? Sababa ani ejjennoo kootti cicheefi. Michooti keenya warri Ameerikaa kutannoo kana ni kabaju. Yoo haleelamne deebii kennuu walabummaa keenya ni eegganna,'' jedhe.

Netaaniyaahuun kanaan dura injifannoo himachuuttii ariifata ture amma maaltu ittaana kan jedhu murteessuuf hojii rakkisaatu isa eeggataa jira.

Sagalee kennitootaaf ministeerri mummee kuni kanaan dura dhimmi nageenyaa dhiyeessuun itti dubbata ture. Amma suni dubbii himuuf rakkisaa tahe taheera.

Deebiin inni haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023f kenne imaammata Israa'el yaaddoo nagaanyaa to'achuurra gara takaanfii jabaa durasanii dhabamsiisuutti geeddareera.

Rakkoo kanaaf furmaati Netaaniyaahuun kaa'e yaaddoo nageenyaa Israa'el dhabamsiisuun Baha Gidduugalaa geeddaruu dha.

Humnooti Israa'el Gaazaa barbadeessanii namoota 73,000 ajjeesanillee, Hamaas ammallee daangaa Gaazaa walakkaa to'achuun aangoosaa agarsiifachaa jira.

Waliigalteen nagaa Amerikaan karoorsites baatii saddeet dhukaasa dhaabuu Israa'eliif Hamaasiin booda achi siqaa hin jiru.

Adeemsi dhimma nageenyaa Netaaniyaahuu humnooti Israa'el iddoowwan bal'aa Gaazaa, Libaanoosiifi Sooriyaa qabatanii akka turan godheera.

Kuni waan lammiileen Israa'el baayyee fudhatan yoo tahu filannoo biyyalessaan dura waan hiikamu miti. Waraanni Israa'el gama baasiin dhifameera, warri morman ammoo karaan dippiloomaasii kana keessaa bahan hin jiru jechaa jiru.

Lolli marsaa baayyeen taasifame diinota ijoo Israa'el Hezboollaafi Iraan hin dhabamsiifne. Inumaa Teehraaniin hogganoota mata jabaatanitti dhiise. Sodaa olaantummaa Ameerikaafi Israa'el hir'isuun, Hormuz qabachuun jabina olaana agarsiisaniiru.

Inumaa diinni ijoo Israa'el michuu Israa'el jabduu irratti waan dhiibbaa uumaa jirtu fakkaatti.

''Kufaatiin Israa'el kuni imaammata Teehiraan irratti qabdu akka haaraatti akka ilaaltu gochaanii jira. Imaammata qabatamaafi waan dursa kennuufi qabdu baruu qabai,'' jedha Qorataan gameessi Iraan dhaabbata Israa'el Israel's Institute for National Security Studies keessaa hojjetu Daanii Sitiiroowiiz.

''Tarkaanfiin waraanaa Israa'el kana booda fudhattu hundi gama Ameerikaan yaalii waliigaltee cabsuuf taasifamutti ilaalamee Ameerikaa irraa debiin isa eeggachuu mala,'' jedhe yaada gaazexaa Israa'el Haayoom irratti barreesseen.

''Akka yeroo bulchiinsa Obaamaan Netaaniyaahuun Koongireesii keessaa deeggarsa sassaabuun bira darbuu hin danda'u, uummata US biratti yeroo ammaa ilaalchi sun hin jiru jechuun danda'ama,'' jedhe.

Netaaniyaahuun kanaan dura imaammataafi dandeettiin siyaasaa isaa yaaddoo itti naanna'ee jirurraa akka Israa'el eegutti sagalee kennitootatti gurgura ture. Garuu sun taatee garagaraa gaaddiddeefamaa jira.

Otoo Iraan keessatti mootummaan jijjiirameera taheetii iddoo inni siyaasa keessatti qabu geeddara ture. Dubbii filannoofis isa fayyada ture. Amma garuu filannoo lama qaba morkii ykn booji'amuu, diinaa waliin otoo hin taane, michuu waliin.