Karaawwan shan waliigalteen nagaa Iraan dhiibbaa sii fi maallaqa keerratti qabaachuu danda'u

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Waraanni Iraan Guraandhala darbe dhohe diinagdee addunyaa akka malee raasee ture.

Naannoon Baha Jiddu-galeessaa boba'aa addunyaa fi dhiyeessii gaaziii keessatti bakka qooda olaanaa qabuudha. Karaa murteessaa oomishawwan boba'aa kan ture, Ulaan Hormuuz cufamuun gatii boba'aa samiin tuqe.

Waxabajjii 18 Iraanii fi US waliigaltee waraanaa dhaabuu mallatteessan. Ulaan kunis akka banamu waliigalan.

Haa ta'uu malee mariin dhimmoota ijoo akka sagantaa nukilarii Iraan ilaallataniif guyyoota 60f harka keessa qabatameera. Kun waliigalteen kun hagamiif tura gaaffii jedhu kaasee jira.

Karaaleen shan akkaataa waliigalteen kun jireenya kee guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'u kunooti:

1. Gatiin petirooliyemii fi naafxaa hagam gadi bu'a?

Waraanichi gatii boba'aa motoraa ol kaasee ture, oomishaa fi gatii geejjibaa boba'aa Baha Jiddugaleessaas gad buusee kaanis guutuutti dhaabsise.

Gatiiwwan kunneen abdii waliigaltee nagaa godhame kanaan torbanoota dhihoo gadi bu'aa jiru.

Garuu ammallee bakka waraanaan duraatirraa baay'ee fagoo jiru.

Kamisa UK keessatti, gatiin peetirooliyemii litira tokkoo paawondii 154.72 fi naafxaan litirri tokko paawundii 174.30 ta'uu ragaan RAC Fuel Watch ni agarsiisa.

Ji'oota afur dura peetroliyemiin litirri tokko paawundii 132.05 yoo ta'u, naafxaan paawundii141.6 ta'e.

Gatiin boba'aa Ameerikaa keessattis erga ji'a darbee giddu-galeessan gaaloniin tokko $4.50 ol ta'ee booda gadi bu'uu jalqabeera.

Ragaa dhiyoo baheen boba'aan giddu-galeessan gaaloniin tokko $3.97 irra akka jiru argisiisa.

Kunis waraanni osoo hin jalqabin dura gaallonni tokko $2.98 irra ture waliin wal bira qabamee yommuu ilaalamu olka'eera. Diizilli immoo yeroo walfakkaataa keessatti $3.76 irraa gara $5.09tti ol ka'eera.

Hogganaan dhimma imaammataa RAC Simon Williams,n gatiin zayita adduunyaa fi boba'aa jumlaa dhiheenya kana gadi bu'uun isaa yoo itti fufe, "yeroo booda gatii buufata boba'aa irratti argamu baay'ee gadi buusa" jedhaniiru.

Garuu dabalanii akka jedhanitti: "Gaaffin ijoon kun hammam saffisaan ta'a kan jedhuu fi hir'inni gatii boba'aa, olka'iinsa abbootiin konkolaataa ji'oota Bitootessaafi Eblaa keessa danda'uuf dirqaman sana madaalee saffisdaan dhufuu fi dhiisuu isaati."

2. Hamma qaalayiinsa gatii tilmaamuun maaliif rakkisa?

Gaaziin UK jalqaba waraanaatti dachaan dabalee ture, kun qaalayiinsa hamaa akka hin uumnes yaaddoo uume.

Gaaziin mana ho'isuuf, bishaan ho'isuuf manneen miliyoonaan lakkaa'aman keessatti itti fayyadamama; akkasumas bara darbe anniisaa elektiriikii biyyattii keessaa harka 27% maddisiisuuf ooleera.

Gatiin gaazii UK waraanni Iraan utuu hin jalqabin ka'umsi isaa litratti paawundiin 80 gadi ture, garuu Bitootessa 19 yeroo ta'u gara 157tti ol ka'ee daldalamaa ture.

Amma immoo deebi'ee paawundii 98tti gadi bu'eera. Dhaabbatni gorsaa Cornwall Insight jedhamu, gatiin kun dafee gara sadarkaa waraana duraatti ni deebi'a tilmaama jedhu "kun garmalee abdachuu" ta'a jedheera.

Tokkoffaa, abbaan taayitaa anniisaa UK (Ofgem) hamma gatii ol'aanaa kaffaltii anniisaa mana keessaa kan ji'a Adoolessaa dursee murteessee jira, kun immoo jijjiiramuu hin danda'u.

Gatiin kaffaltii giddu-galeessaa mana tokkoo ji'a dhufu irraa jalqabee baratti 13% – ykn paawundii 221 – ol ka'uuf qophaayeera.

3. Gatiin xiyyaarotaa olka'uu maaliif itti fufa?

Naannoon Galoogalaanaa iddoo Awurooppaan boba'aa xiyyaaraa ishee keessaa harka walakkaa irraa argattu dha.

Torbanoota waraanaa jalqabaatti, gatiin boba'aa xiyyaaraa tooniitti doolaara $784 irraa gara $1,838 tti ol ka'e; kunis hanqinni boba'aa fi olka'iinsi gatii balallii akka uumamuu danda'u yaaddoo jabeesse.

Daandiiwwan qilleensaa tokko tokko gatii balallii ol kaasuu isaanii beeksisan, keessattuu balalii fagoo irratti.

Garuu, daandiiwwan qilleensaa Awurooppaa tokko tokko "shakkii" maamiltootaa hir'isuufi gatii hir'isaa akka jiran ragaaleen ni mul'isu.

Torbanoota dhihoo keessa, gatiin boba'aa xiyyaaraa saffisaan gadi bu'uun tooniitti gara doolaara $967 ta'eera.

Ta'us, indastiriin aviyeeshinii ammas yaaddoo jalaa hin baane dubbata Amaar Khan, ogeessi boba'aa xiyyaaraa.

Akka inni jedhutti, daandiiwwan qilleensaa Awurooppaa fedhii ganna kanaa fi san boodaa guuttachuuf boba'aa isaan barbaachisu mara qabaachuu qabu.

Garuu, gatiin boba'aa xiyyaaraa bara kana keessa gara caalu bakka waraanaan duraa olii akka turu ni eega inni.

4. Gatiin saffisaan dabaluu danda'a

Qaalayiinsi kan saffisa gatiin meeshaalee itti ol ka'u safaraniin, waraana dura UK fi sadarkaa addunyaatti gadi bu'aa ture.

Garuu, waraanni sun, ol ka'iinsa gatii boba'aa addunyaa garmalee turerraan kan ka'e, adeemsa waliigalaa gadi bu'iinsa sana gufachiisee jira.

Guraandhaka keessa qaalayiinsi UK 3%tti gadi bu'ee ture.

Bitootessa garuu 3.3% ol guddate.

Qorataan Dinagdee fi Hawaasummaa National Institute of Economic and Social Research Charlotte O'Leary (NIESR), yeroo Ofgem baaxii gatii inarjii Adoolessa keessa yoo dabalu, dhiibbaan qaalayiinsa gatii "guddaa" ta'e ni eegama jedha.

Gama biraatiin, Ameerikaa keessatti qaalayiinsi Guraandhalaa 2.4% irraa ture irraa Caamsaatti gara 4.2% tti kan ol guddate yoo ta'u, waraanni akka sababa guddaatti ilaalama.

Gamtaa Awurooppaa keessatti immoo yeroo walfakkaataa keessatti 2.1% irraa gara 3.3%tti ol ka'eera.

5. Reetiin dhala liqii baankii yoom gadi bu'a?

Dhala liqii ol kaasuun tooftaa guddaa dhiibbaa qaalayiinsaa to'achuuf gargaarudha.

NIESR akka gabaasetti, baankonni giddugaleessaa addunyaa sababa waraana Iraan gatiin boba'aa maal akka ta'u tilmaamuun waan rakkiseef, dhala baankii osoo hin jijjiirin haala jiru eeggachaa jiru.

Baankiin Ingilaand torban kana dhala baankii 3.75%tti gadi buuse. Gatiin boba'aa gad bu'aa jiraachuun "abdii uumus" ammallee qaalayiinsi yeroo waraanaa uumame "dhiibbaa qaalayiinsaa as gahe hin wayyeessu" jedhu bulchaan baankichaa Andrew Bailey.

Reetiin dhala baankii bara kana keessa osoo hin jijjiiramin itti fufu jedhamee eegama. Xiinxaltoonni bara dhufu hir'achuu danda'a jedhu.

Riisarviin Federaalaa UStorban kana dhala baankii 3.5% fi 3.75% gidduutti gadi buuseera, kunis dhibbaa waraanaatiin walqabatee "shakkii olka'eeni."

Baankiin Giddu-galeessaa Awurooppaa (ECB) immoo torban darbe dhala baankii isaa gara dhibbeentaa 2.25%tti ol guddisuu murteessera, kunis waggoota sadan darban keessatti daballii jalqabaa yoo ta'u, waraanni sun "dhibbaa qaalayiinsaa uumaa" akka ture ibseera.