Biyyoonni Afrikaafi Kariibiyaanii daldala garbaa gurraachotarratti raawwatameef beenyaa gaafatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Biyyoonni Afrikaafi Kariibiyaanii daldala garbaa bara gita bittaa gurraachota irratti raawwatameef beenyaan akka kaffalamu gaafatan. Biyyoonni gurraachota irratti daldala garbaa raawwatan ifatti dhiifama gaafachuun gochaa raawwataniif beenyaa kaffaluu qabu jedhan.

Gaggeessitoonni biyyoota Afrikaafi Kariibiyaanii yaa'ii guyyaa sadiif Gaanaatti taa'aniinidha kana kan gaafatan.

Biyyoonni dhiifama "gaafatamuu qabna, beenyaan nuuf kaffalamuu qaba" jechuun gaafatan kunneen kanneen daldala garbaan miidhamaniidha.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii baruma kana ji'oota dura murtee dabarseen, daldalli garbaa "yakkawwan dhala namaarratti raawwatan keessaa isa hamaadha" jechuun biyoonni miseensa Gamtichaa ta'an mallaqa beenyaaf ta'u akka walitti buusan gaafataee ture.

Jaarraa 15ffaa hanga 19ffaatti dhiironni, dubartoonnifi ijoolleen miliyeena 12 hanga 15 ta'an Afrikaa keessaa humnaan fuudhamuun gara bulchiinsawwan Ameerikaatti daldala garbaan gurguramaniiru.

Yaa'ii biyyoonni Afrikaafi Kariibiyaanii Gaanaa magaalaa Akiraatti taa'an irratti, gara fuulduraatti maaltu godhamuu akka qaburratti karoora qabxii 19 qabu lafa kaa'aniiru.

Kanneen keessaa liqaan biyyoora daldala garbaan miidhamanirra jiru akka irraa hir'atu, qabeenyi saamame akka deebi'u, sirni beenyaan ittiin kaffalamu sadarkaa addunyaatti akka qophaa'u kan jedhan warra ijoodha.

Sirni gita bittaa miidhaan inni dubartootafi ijoollee Afrikaa irraan gahes addatti akka ilaalamu gaafatameera.

Biyyoonni daldala garbaa keessatti kallattiin hirmaatan "haal-duree tokko malee dhiifama gaafachuu qabu" jechuun hirmaattonni yaa'ii kanaa irratti waliigalaniiru.

Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasan dabarsaniin "kanneen gita bittaaf saaxilaman akka meeshatti lakkaa'amanii turan," jechuun garuummoo beenyaa maallaqa callaa qofatti gadi buusun gaafachuun sirrii akka hin taane ibsaniiru.

"Cheekii barreessuu qofaan seenaa kana hin fayyisu," jedhan Imaanu'eel Maakiroon.

Faransaayi biyyoota Awurrooppaa gita bittaafi daldala garbaa Ardii Afrikaa irratti rawwatan keessaa adda dureedha.

Daldalli garbaa "yakka cimaa dhala namaarratti raawwatame" ta'uusaa murtee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ji'ootan dura dabarse biyyoonni 123 yoo deeggaran 52 sagalee hin kennine. Biyyoonni sadi: Ameerikaa, Israa'elifi Arjantiinaan murtee UN kana mormanii turan.

UK dabalatee biyyoonni Awurrooppaa daldala garbaa irratti hirmaatan murtee UN dabarse kana hin deeggarres, hin mormines.

Murtee Yaa'iin Waliigalaa UN murteesse kun akka kan Mana Maree Nageenyaa UN waan hin taanef, biyyoonni daldala garbaafi gurraachota heddu Afrikaarraa humnaan fuudhanii gurguraa turan beenyaa kaffaluuf seeran kan dirqisiisu miti.