Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US fi Iraan qaaman wal-arganii mariyachuuf jilasaanii gara Siwizarlaanditti ergan

Ergamaan Addaa US Istiiv Wiitkoof fi Ministiirri Dhimma Alaa Abbaas Araagchii qaaman wal-arganii mariyachuuf jilasaanii qabatanii Siwizarlaanditti qajeelan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Karaawwan shan waliigalteen nagaa Iraan dhiibbaa siifi maallaqa keerratti qabaachuu danda'u

    Waraanni Iraan Guraandhala darbe dhohe diinagdee addunyaa akka malee raasee ture.

    Naannoon Baha Jiddu-galeessaa boba'aa addunyaa fi dhiyeessii gaaziii keessatti bakka qooda olaanaa qabuudha. Karaa murteessaa oomishawwan boba'aa kan ture, Ulaan Hormuuz cufamuun gatii boba'aa samiin tuqe.

    Waxabajjii 18 Iraanii fi US waliigaltee waraanaa dhaabuu mallatteessan. Ulaan kunis akka banamu waliigalan.

    Haa ta'uu malee mariin dhimmoota ijoo akka sagantaa nukilarii Iraan ilaallataniif guyyoota 60f harka keessa qabatameera. Kun waliigalteen kun hagamiif tura gaaffii jedhu kaasee jira.

    Karaaleen shan akkaataa waliigalteen kun jireenya kee guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'u kunooti:

  2. US fi Iraan qaaman wal-arganii marii jalqabuuf jila gara Siwizarlaanditti ergan

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo erga walii mallatteessanii booda qaaman wal-arganii marii jalqabuuf jilasaanii Siwizarlaanditti erganiiru.

    US bakka bu'uun maricharratti kan hirmaatu ergamaa addaa Tiraamp Istiiv Wiitkoof yoo ta'u, jilli Iraan ammoo Ministiira Dhimma Alaa biyyattii kan ta'an Abbaas Araagchiin akka durfamu Rooyitars gabaase.

    Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigaluunsaanii ammoo Iraan akka onnattu ishee gargaarera; sababni isaa Libaanosittis waraanni akka dhaabatuuf ajandaan isheen qaama waliigaltee waliin mallatteessitee gootee dhiyeessite waan milkaa'eef.

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo kan mallatteessan dhimmoota ijoo akka nikulara Iraan guyyoota 60 keessatti mariyatanii waliigaltee dhumaarra gahuufi.

    Israa'el qaama waliigaltee US-Iraan ta'uu dhabuufi waliigalteen Tiraamp mallatteessi fedhiishee bu'uuraa kan hin eegnedha jedhamaa jiru.

    Waliigalteen kun akka danqamuufi Netaaniyaahuun karoora qabaachuusaa gabaafamaa jira.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo keenya har'aa eegaleera!

    Iraanifi US waliigaltee wal-hubannoo erga walii mallatteessanii booda qaaman wal-arganii mariyachuuf jila marii gara Siwizarlaaditti ergaa jiru.

    Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, haleellaan Libaanositti gaggeeffamu hin dhaabbanne.

    Odeeffannoo biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Odeesaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!