Kuulanii Baqqalaa: Shamarree Haarvaardirraa Injiinaringiin qabxii guddaan eebbifamteen walbaraa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

''Guyyaan Yuunvarsiitii addunyaarraa guddaadha jedhamu Haarvaard Mekaanikaal Injiineriingiidhaan galuukoo dhagahan maatiin koo gammachuu irraa kan ka'e ni boo'an.''

Kuulanii Baqqalaa Tamasgeen tibbana Yuunvarsiitii guddicha addunyaa kan tahe Haarvaard irraa Makaanikaal Injiineriingiidhaan qabxii guddaan xumurte.

Umuriin ishee waggaa 22. Barattoota Yuunvarsiitii Haarvaard irraa barana Mekaanikaal Injiineriingiin eebbifaman keessaa dubartiin bifaan guraachaa Kuulanii fi hiriyyaa ishee tokko qofa.

Barnootaan qofa osoo hin taane bakka deemte hundatti ambaasadara aadaa Oromooti.

Kuulaniin Ameerikaa Kaalifoorniyaa keessatti dhalattee guddatte. Maatiin ishee namoota barnoota guddaa qaban yoo tahu abbaan ishee fi haati ishee sadarkaa olaanaan dhaabbata mootummaa Ameerikaa keessa hojjetu.

Kuulaniin M/B sadarkaa gadi aanaa fi sadarkaa lammmaffaa barachaa yeroo turtes barattuu cimtuu turte. Gosoota barnootaa barataa turte hundaa wagga waggaan ''A'' galmeessaa turuu BBCtti himte.

Ijoollummaakootti barsiisonnii fi abbaankoo dhugumatti barattuu cimtuu akkan tahe natti himu ture. Qabxiinkoo barattoota waliin barannu hunda caala ture jette.

Ameerikaa keessatti dubartii tahuu qofa osoo hin taane gurraachi dandeettii barnoota akka Injiineriingiin Haarvaard gala jedhanii hin yaadan ture kan jettu Kuulaniin ijoollummaa ishee irraa jalqabuun injiineriingii galuuf hojjechaa akka turte himte.

''Ani injiineriingii baay'een jaaladha. Yoon isa dhabe ammoo 'Social Worker' tahuun fedha ture. Kanumaaf jabaadhee sa'a dheeraa taa'ee dubbisuun barachaan ture'' jette.

''Guyyaa yuunvarsiitii nu gahe barre ofumakoo banee ilaaleen Haarvaard tahuu arge. Baay'ee gammadeen galee warrakootti hime. Maatiinkoo baay'ee gammadani. Natti boonan. Gammachuu irraa kan ka'e ni boo'an.

Hawwaasakoottis hime. Hawwaasa Oromoo as jiru keessaa namni dippartimantii kana gale baay'een hin jiru. Miira addaa ture.....'' jette.

Kuulaniin waggaa afur yuunvarsiitii Harvaard keessa yeroo turte halkanii fi guyyaa dubbisaa fi hojjechaa akka turte himte.

''Guyyaatti sa'a lama fa'aa caalaa hin rafu. Barattoonni Injiineriingii waliin galle nama 22 tahu. Hundi keenyayyuu yuunvarsiitii guddaa keessa jiraachuu waan beeknuuf tokko isa kaan caaluuf wal jibbuun ykn dorgomuun hin jiru. Garuu wal gargaaraa turre'' jette.

''Barumsaa jaalachuukoo fi dadhabbii guddaa keessa darbee milkaa'uuf hojjechuunkoo kanaaf na dhaqabsiise jette Kuulaniin.

Sabboonumaa fi shubbisa sirboota Afaan Oromoo

Kuulaniin Afaan Oromoo maatii irraa baratte. Garuu erga mana barumsaa galtee carraa Afaan Oromoo dubbachuu hedduu waan hin qabneef hirraanfataan deeme jette.

Ijoollummaakootti Afaan Oromoo sirriitti beekan ture. Ijoollummaatti mana barumsaatii yeroon manatti deebi'u garuu ani Afaan Ingiliffaan barbaade. Garuu aadaa fi seenaa uummata keenyaa nan beeka.

Ameerikaa keessa ijoolleen Oromoo hedduun waa'ee siyaasaa, sabboonummaa fi eenyummaa isaanii beeku. Garuu baay'een Afaan Oromoo dubbachuu hin danda'an.

Anis yeroo Haacaaluun du'en gaaffii kaasuu jalqabe. Ijoolleen Oromoo daayaspooraa hedduun Haacaaluu beeku. Maaliif akka qabsaa'ee fi maaliif akka ajjeefamellee beeku.

Guyyaa sana irraa jalqabeen Afaankoo maaliif sirriitti hin beeku jedheen maatiikoo gaafachuu jalqabe. Isaanis na hubachiisan.

Sana booda ofumakoon Afaan Oromoo of barsiisuu jalqabe. Yeroo dheeraa sirba afaan Oromoo dhaggeeffachuu jalqabe. Jechoota achi keessatti dhagahu abbaakoo fi haadhakoo gaafataa ture.

Osoon haala kanaan jiruu Yuunvarsiitii Haarvaard gale. Haarvaard keessatti afaan Amaaraa fi afaan Tigiree barsiifama. Afaan Oromoo garuu hin jiru ture.

Waggaa 15 dura dubartiin tokko barsiisuu jalqabdee erga isheen dhiistee dhaabbatee ture. Barachuu waan barbaanneef nama Oromoo tokko arganne. Nama afur qofa taanee barachuu jalqabne. Garuu adda cite jette.

Maatiin yoo mana keessatti Afaan Oromoo sitti hin dubbanne barachuun baay'ee ulfaata kan jettu Kuulaniin yoo ati afaan Oromoon waa gaafattu maatiin Ingiliffaan sii deebisu jette.

Kuulaniin TikTook irratti sirboota afaan Oromoon shuubbisuunis beekamti. Amma ofii barachuu qofa osoo hin taane warra kaaniiyyuu ni barsiifti.

''Duraan Falmattuu Damboobaa kan jedhamtu Ameerikaa keessa jiraattu waan shuubbistuuf viidiyoo ishee baay'ee ilaalaa ture. Akkamiin akkas goote jedheen gaafadha ture.

Ijoollummaatti sirboota Oromoo nan dhaggeeffadha ture. Eebbisaa Addunyaa, Zarihuun Wadaajoo, Umar Suleemaan.... hundumaa nan beeka ture. Haadhakoo waliiniyyuu manatti waliin shuubbisna. Garuu rukuttaa isa kamtu kan godina kamiiti kan jedhu hin beeku ture,'' jette.

Kuulaniin sirboota Afaan Oromoo hedduu ilaaleen rukuttaa isaa baradhe. Garuu sirriitti baree warra kaanis barsiisuu jalqabuuf gara waggaa lamaa natti fudhateera.

Yuunvarsiitii Harvaardi keessa kilabiin adda addaa jira. Kan afaan Amaaraa fi Tigirees waan jiruuf bakka akkasiitti Afaan Oromoo kan bakka bu'u dhibamuu hin qabu jedheen shaakalee agarsiisaa ture jette.

Kuulaniin Ameerikaatti dhalattee guddattus haala siyaasa Itoophiyaa fi uumata Oromoo hordofaa akka turte himte.

Haacaaluun ajjeefamuun garuu waan hunda caalaa waa'ee siyaasa Oromoo akka hubannoo isheef kenne dubbatti.

Ergasii waa'ee eenyummaa, aadaa fi afaan ishee gaafachuun barachaa akka turte himti.

Dabalataan yeroo isheen yuunvarsiitii waggaa tokkoffaa barattu akaakayyuu fi eessumman ishee Horroo Guduruu jiran mana tokko keessatti ajjeefamuu himte.

''Kana irraa ka'een gara Waashingitan deemee waa'ee miidhama Oromoorra gahuu mootummaa Ameerikaatti hubachiisuuf duula baay'een godhe.

Waa'ee miidhaa uummata Wallaggaarra gahaa turee, gargaarsa barbaachisuu fi kaan hubachiisaan ture,'' jette.

Dabalataan umurii ishee waggaa 13 irraa jalqabuun fandii walitti qabuun tajaajila tola ooltummaaf biyyatti ergamee akka oolu gochaa turuu himte.

Maatiin koo barnootatti amanu

Abaan Kuulanii Obbo Baqqalaa Tamsageen barata cimaa waan turaniif 1990'oota keessa carraa barnootaa argatanii gara Ameerikaa deeman.

Ameerikaattis hanga PhD xumuraniiru.

Abbaankoo Horroo Guduruutti dhalatee guddate. Naannoo dhaloota isaatti namni sadarkaa olaanaa irra kan gahu barnootaan qofa amantaa jedhu qabu. Abbaankoo nuttis kanuma hima ture.

Hanga ammaattiyyuu maqaan isaa naannoo dhufe sana keessatti hedduu beekama.

Haatikoo naannoo Gudaritti dhalattee guddatte. Isheenis barnootaaf gara Ameerikaa deemtee abbaakoo waliin wal baruun wal fuudhanii Kaalifoorniyaa jiraachaa turan.

Haatikoo akkaawontiingii xumurtee isumaan hojjechaa jirti. Maatiin keenya anaafi obboleettiikoo akka jabaannee barannu hedduu nu jajjabeessu jette Kuulaniin.

Kuulaniin ijoollummaa isheetti Itoophiyaa deemuun firoota dubbisaa turte.

Hawwaasa keenya gidduu tahanii namni hunduu yeroo Afaan Oromoo dubbatu dhagahuun namatti tola. Asitti waan akkanaa hin jiru kan jettu Kuulaniin seenaa fi aadaa ofii beekuun nama boonsa jette.

Sirnootaa fi agarsiisa aadaa Oromoo biyya alaatti gaggeeffamaa ture irrattis argamaa turte.

Irreechaaf Waashingitan deemaa akka turte kaasuun Irreecha isa guddaaf guyyaa tokko Itoophiyaa galuun barbaada jette.

Haarvaardii hanga Keeniyaa

Kuulanii fi gareen Injiineroota Daangaa Maleeyyii [ Engineers Without Borders] waliin tahuun pirojeektii bishaan dhugaatii baasuuf gara Keeniyaa deemte.

Bara 2025 keessa pirojektii bishaan boollaa baasuu Keeniyaa keessaa naannoo Migoorii jedhamutti hojjechuun tajaajila akka kennu gochuu ibsite.

Garee kana ammoo kan dursaa ture Kuulaniidha. Pirojeektichi uummata 2,000 caalaniif bidhaan dhugaatii qulqulluu kenna jette.

Kuulaniin gar fuulduraattis pirojektii uummataaf tajaajila kennen baay'ee hojjechuu akka barbaaddu himte.

Gara Itoophiyaa galuunis pirojektii akkasin uummata gargaaruu akka barbaaddu himti.

Kuulaniin ani jabaadhee hojjedhee sadarkaa gaarii tokkorra gahuun daa'imni na duubaa tokko fakkeenya na godhattee akka jabaattuuf onnachiisuu danda'a jetti.

Dubartoonni sodaa tokko malee ni ulfaata kan jedhame kamiyyuu keessatti milkaa'uuf yaaluu qabu jetti.