Keeniyaatti hojjettoonni warshaa laguurra jiran uffata akka baasan ajajamuun dubbii kaase

Maxxanfame

Hojjettoonni warshaa baaduu Keeniyaa keessatti argamu hojjettoonni dhaabbatichaa laguurra akka jiran mirkaneessuuf wayyaa isaanii akka baasan gaafatamuun booda namoonni lama to'annoo jala oolaniiru.

Hoggantuun dhaabbata Brown's Food Company eenyu moodesii qodaa kosii hin eeyyamamne keessatti akka gate baruuf hojjettoota dubartootaa walitti qaban jedhan qondaalli mootummaa tokko.

Dhugaa akka baasan yaalii gootee tahuu didnaan dubartoonni kunneen wayyaa akka baafatan taasifte.

Warshaan kuni hamma qorannoon dhimma kanaa xumuramutti hoggantuu kana hojiirraa dhorkeera jedhe.

Namoonni sadii himannaan naamusa cabsuu irratti dhiyaachuu poolisiin naannoo Limuuruu miidiyaaletti himeera.

Viidiyoo Feesbuukii irratti baheen Seenaatarri bulchiinsichaa Gilooriyaa Orwoobaa waan Wiixata darbe ta'eefi 'nama yaaddessu' kana bilbilaan dhagahu himan.

Hoggantuun warshaa kana keessaa hojjettu, ''moodeesii faayidaarra oole qodaa kosiin itti gatamu garummoo kan moodeesii keessatti gatuuf hin qophoofne keessatti arge,'' jette.

Moodeesiin meeshaa qulqullinaa dubartoonni yeroo laguu itti dhimma bahanidha.

Jalqaba hojjettoota dubartootaa walitti qabuun eenyu akka tahe gaafachuu dhagahuu himan.

Eegasii deebii dhabnaan, ''eenyu akka laguurra jiru adda baasuun nama moodeesii qodaa kosii isa sirrii hin taane keessatti gate adabuuf ture,'' jette Senaatar Orwoibaan.

Qondaalli mootummaa kuni namoonni sababa laguu isaaniin akka loogiin irra hin geenye duula gaggeessu.

Aadde Gilooriyaan dhimma kanarratti tarkaanfii fudhachuu yaalaniis warshaan kuni garuu dhimmichaaf furmaata kennuu hin dandeenye jedhan.

Warshaan Brown's Food Company jedhamu ibsa marsariitii isaa irratti baaseen mudannoo kanaan ''gadduu'' ibsee, ''waan mudate hojimaata warshichaa guutummaatti bakka hin bu'u,'' jedheera.

''Ogeessa fayyaa dubartootaa dabaaluun imaammataafi hojimaata hojjettoota keenya irratti qabnu fooyyessuuf hojjechaa jirra,'' jedha ibsichi.

Dabaluunis dhimma tibbana ta'e irratti qorannoon walabaa akka adeemsifamuuf haala mijeessaa jiraachuu dhaabbatichi himeera.

Poolisiin miidiyaaletti akka himetti, ''qorannoo bal'aa taasisuun namoota sarbamni irra gaherraa jecha fudhachuun namoota sadii to'annoo jala oolchaniiru.''

Mudannoon akkasii warshaalee biyyattii kaan irrattis mul'achuu himeera poolisiin.

''Odeeffannoo dhugaa funaanneen gochaan naamuusaa ala taheefi namummaan gadi tahe yeroo dheeraaf adeemaa turuu barreerra.

''Hojjettoota gochaa kanaan dhiibbaan irra gahe haqni isaanii akka bahuufi hojjechiistota gochaa akkasii raawwataniif ammoo akeekkachiisa kennuu barbaanna,'' jedhan hogganaan poolisii naannoo Fiiliip Waaniyaa.

Kanneen dhimma laguu irratti duula geggeessan dubartoonni sababii laguu isaaniif akka qaana'an gochuun Keeniyaa keessatti rakkoo guddaadha jedhu.

Guraandhala keessa Seenaatar Orwobaan uffata isaanii irratti dhiigni laguu mul'annaan paarlaamaa keessaa akka ba'aniif ajajamanii turan.