Filannoo Keeniyaa 2022: Eenyutu pirezidaantii shanaffaa Keeniyaa ta'a?

Maxxanfame

Keeniyaan filannoo pirezidaantummaa Hagayya 9, 2022 gaggeeffatte jirti. Lammiileenis kaadhimamaa naaf ta'a jedhaniif sagalee kennuun guyyichis xumurame.

Filannoo kanarrattis kanneen waggoota ittaanan shaniif biyya bulchuuf dorgoman kaadhimamtoota pirezidaantii afur dabalatee, bulchiitoonni, seenaataroonni, miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataafi bakka bu'oonni gumii kaawintiiwwanii ni filatamu.

Bu'aa filannoo kanaarratti kallattiin odeeffannoo haaraa asiin gadiin ni argattu.

BBCn odeeffannoo marsariitii Komishinii Filannoofi Daangaawwan Walabaa Keeniyaa (IEBC) idileerratti bu'aalee filannoo pirezidaantummaa duraa kaa'amee irraa fudhata.

Komishinichi addemsa mirkanneessuu akkuma itti fufuun, haalli BBCn odeeffannoo bu'aawwan itti haaromsuus harkifachu mala.

Seera filannoo Keeniyaatiin, bu'aa filannoo pirezidaantummaa kan labsu IEBC'dha.

Filannoodhuma Hagayya 9, 2022 gaggeeffamee kanarratti bakka seenaataraa 47 injifachuuf, dhiiroonni 295 fi dubartoonni 46 dorgomaniiru. Bu'aan isaa maal akka fakkaatu kallatiidhaan dowwadhaa.

Filannoo bara 2022 kanaatiif buufataaleen 46,232 kan caaseeffaman yoo ta'u, kunis kan filannoo biyyattiin bara 2017tti irra parsantaa 13.08n caalmaa qabaachuu odeeffannoon Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa irraa argame ni mul'isa.

Filannoo Keeniyaa bara 2017 gaggeeffameetti buufataalee filannoo 40,883 ture.

Haaluma walfakkaatunis lakkoofsi lammiilee filannoo irratti sagalee kennuf galbaa'anis guddina agarsiiseera. Bara 2017tti filachuun namoonni galmaa'an 19,611,423 yoo turan, bara kana ammoo 22,120,458tu galamaa'e. Kunis parsantaa 12.79 caalmaa qaba.

Odeessaalee walfakkaatan dubbifachuuf: