Sudaanitti Haleellaan saalaa akka tooftaa waraanaatti faaydaarra oolaa jira jedhe UN

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sudaanitti uummata nagaa shororkeessuuf haleellaan saalaa ''akka tooftaa waraanaatti'' bal'inaan faayidaarra oolaa jira jedhe Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii.

Haleellaan saalaa ''amma adeemaa jiru bal'aafi suukaneessaa tahuun kan mul'ate hin beekne dha,'' jedhan gabaasi dhaabbatichaa.

Sudaan bara 2023 irraa qabee waraana waliiniin raafamaa jirti. Lolli kunis Humna Addaa fi waraana biyyattii gidduu ammallee adeemaa jira.

Yeroo humni addaa RSF magaalaa el-obiid keessatti haleellaa haaraa banuuf qophaa'aa jiraachuu hordofee UK dabalatee mootummooti Awurooppaa jaha haleellaan hatattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaa jiru.

Ministirri Hajaa Alaa UK Iveet Kuupar ''magaalattiin qarqara badiinsaarra jirti,'' kanaanis sababa RSF bu'uuraalee misoomaa , daandiifi dhiyeessii tajaajilaarraa uummata miiliyoona walakkaa kutuufi jedhe.

''Yeroo ammaa kana haleellaan akka raawwatu ragaan qabatamaa jira. Kuni yeroo murteessaa waan taheef hawaasani idil-addunyaa tarkaanfii fudhatuu qaba,'' jechuun ibsi waloo biyyoota UK,Faransaay, Jarman, Ayarlaand, Xaaliyaaniifi Neezarlaandiin bahe agarsiisa.

Waajirri Mirga Namoomaa UN gareedhaan gudeeduu dabalatee, garbummaa saal-quunnamtii erga waraanni bara 2023 jalqabee raawwatan 546 galmeesseera .

Haalli kuni miidhamtoota 838 keessaa dubartoota 539, shamarran 284, dhiirota ga'eessaa saddeetiifi dhiirota ol-adeemoo torba.

Dhabbatichi lakkoofsi kuni haleellaa isa raawwatuufi hin gabaafamiin hafu keessaa baayyee xiqqoo dha jedhe.

Haleellaan kuni loltoota RSF fi milishoota isaaniin deeggaraniin kan raawwate akka tahe yoo gabaafamu, miseensoti waraana mootummaas akkasuma haleellaa kanaan maqaan isaanii ka'eera.

Hogganaan mirga namoomaa UN Voolkar Tuurk haleellaan saalaa ''akka meeshaa waraanaatti'' faayidaarra oolaa jira jedhe.

''Kuni yakka waraanaati, bal'ainaafi haala tasimawaa taheen yoo raawwate yakka namummaa irratti raawwatu taha,'' jedhe.

Dhimma kanarratti RSF fi mootummaan yaada hin kennine- kanaan dura garuu himannaa irratti ka'u mara waakkataniiru.

Waraanni Sudaan rakkoo wal xaxaa namoomaa hamaa addunyaa tahuun namoota miiliyoona 11 qe'eerraa buqqisee, kanneen miiliyoona 28 tahan ammoo beelaaf saaxilamaniiru.

Eel-Obiid magaalaa baqattoota 200,000 iddoo biraa irraa waraana baqatanii achi dahatan kan qabatte yoo tahu dirree waraanaa taatee turuun dabalataan RSF ammallee haleellaa lafoofi diroonii irratti raawwachuuf jira.

''Akka baqataatti as kan dhufen du'uufi kan jedhu yaadaa jirra. Sodaannee jirra,'' jechuun dubartiin magaalattii BBCtti himte.

''As geenye kunis carraa jireenya keenyaa tahe. Nyaachuu hin dandeenyu. Dhuguu hin dandeenyu. Asii eessa deemuu dandeenya?''

Dubartiin biraan tokko ''diroonii akka malee akka sodaattu,'' himte.

''Akkaan room'inee qalbiifi qaamaa sodaannee jirra,'' jette.

El-Obiid iddoo tarsimawaa gama dhihaan lafa naannoo RSF to'atu gama bahaan ammoo iddoo waraanni to'atu gidduu jirti.

Naannoon Kordofaan iddoo boba'aan badhaadhe waan taheef qaamni to'atu dhiyeessii boba'aa Sudaan to'ataa jechuu dha, akkasumas iddoo bal'aa biyyattii.

UK dabalataee michooti biyyoota Awurooppaa hawaasni idil-addunyaa haleellaa hamaa yeroo RSF magaalaa El-Fashaar to'atu ture akka irra hin deebi'ameef tarkaanfii fudhatuu qaba jechuun waamicha dhiyeessan.

''Waggaa darbe addunyaa El-Fashaar keessatti hammeenya suukanessaa arge-kan ''duguuggaa sanyii lakkaa'amu.''Kufaatiin akkasii akka irra deebi'amu eeyyamuu hin qabnu,'' jedha ibsichi.

Yeroo RSF magaalaa El-Fashaar to'ate namoonni 6,000 ajjeefamuu gabaasi UN Guraandhala darbe agarsiisa.