HRW TPLF wixinee labsii lammileen loltummaan akka tajaajilan dirqisiisuufi mormitoota ittiin adabuuf baase akka haqu gaafate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Aanga'oonni naannoo Tigraay wixinee seeraa akka dirqama loltummaaf nama fo'ataniifi 'aangoo isaaniifi kennuu' akkasumas akka mormitoota adabaniif 'karaa isaaniif banu' akka haqaniif Huumaan Raayitis Waach akeekkachiise.

Jaarmiyaan mirga namaaf falmu kun ibsa Waxabajji 23, 2026 baaseen, TPLF wixinee seeraa kana kan baase bulchiinsa yeroo ce'umsaa mootummaa Federaalaatiin muudame aangoorraa kaasee "erga tajaajila loltummaa biyyaalessaa Ertiraa waliin kan wal fakkaatu namoota guuruu jalqabeen boodadha," jedheera.

Huumaan Raayitis Waachitti daarektarri itti aantuu dame Afrikaa Latiishaa Badiir "dhalattoonni Tograay walitti bu'insa waggoota lama ureefi badii hamaa qaqqabsiisee keessaa ammallee akka hin ba'iin jiran" himuun, "aanga'oonni naannichaa sababa muddama siyaasaa amma jiruun namoonni sivilii ta'an tajaajila loltummaa akka kennaniif dirqisiisuuniifi isa cinaatti amoo warra dirqamaan loltummaaf guuruu kana morman qeeqan adabuu hin qaban," jedheera.

"Labsiin jiraachuufi jiraachuu dhabuufi nageenya ummata Tigraay mirkaneessuuf mootummaan naannoo Tigraay baase," mata-duree jedhuun wixineen qophaa'e kun mana-maree naannichaatiin akka raggaasifamu ragaan BBC Tigrinyaa maddeenirraa argate ni mul'isa.

Kutaa jalqabaa wixinee labsichaa keewwata 5 irratti dhalataan Tigraay kamiyyu umuriifi haalli fayyaa isaa hayyamuuf waamicha waraanaa mootummaan naannichaa dhiyeessuuf fudhatee hirmaachuuf "dirqamni biyyaalessaa" akka irra jiru ibsa.

Gareen mirga namoomaa Ethiopian First jedhamu "guutuu Tigraayitti dirqiin waraanaaf dargaggoota guuruun" raawwatamaa akka jiru mallattooleen mul'isan akka jiran AFP'tti himeera.

Kutaa sadaffaa bakka "itti gaafatamummaa yakkaa" kan jedhu jalatti ammoo waraana Tigraayitti makamuu ykn waraanuuf namni hayyamamaa hin taane kamiyyu yookaan ammoo cinaa hiriiruun ykn adda waraanaarratti bahee gahee isaa akka ba'atuuf waamichi dhiyaateefiif kan hin fudhanne taanaan birrii 10,000 hanga 50,000 adabamee dirqama isaa akka ba'atu taasifama jedha wixineen kun.

Keewwata kana jalatti sochii humnoota Tigraay ykn mootummaa saaxiluun, meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuu, rasaasa ykn richiitii dhukaasuun, akkasumas miliquuf yaaluun, waamicha biyyaalessaa deeggaruu dhiisun hidhaa ykn maallaqaan akka adabsiisu ibsameera.

Dirqamni waraanaaf guuramuu Tigraayitti raawwatamaa jiru yaaddoo uumuu isaatiin dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisuun naannolee Itoophiyaa birootti baqachaa kan jiran yoo ta'u kaan ammoo naannichuma keessatti dhokatanii akka jiran dubbatu jiraattonni BBCn dubbise.

Naannichatti sababa dargaggoonni waraanaaf adamsaman kanaaf sochiin danqamee akka jiru kan himan jiraattonni sodaan guddaan uumamuus himu.

Dirqiin waraanaaf adamsuu kana jiraattotni fi dhaabbileen mirga namoomaa balaaleffachaa kan jiran yoo ta'u, TPLF hojiin waraanaaf dargaggoota guuruu kun fedhiidhaan kan raawwatamu dha jechuun haaluu isaa Ejensiin Oduu Faransaay (AFP) gabaasee ture.

Akka gabaasa AFP'tti, dirqiin waraanaaf guuruun kun dargaggoota sirna awwaalchaa irratti argaman dabalatee bakka hedduutti raawwatamaa jira, warri qabamanis dirqamaan gara kaampiiwwan leenjiitti geeffamu.

Gama biraatiin, dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Human Rights First Ethiopia jedhamu qaamonni nageenyaa Tigraay naannichaa keessatti sochii babal'aa dargaggoota waraanaaf guuruu fi humna waraanaaf nama foo'uu raawwachaa akka jiran eeruun ibsa baasee jira.

Paartileen mormituu Tigraay, TPLF naannicha keessatti humnaan waraanaaf namoota guuraa akka jiru ibsa baasaniin beeksisaniiru.

Paartileen Arennaa Tigraayi fi Simrat ibsa baasaniin, TPLF'n loltoota duraanii, milishootaa fi dargaggoota Tigraay dirqamaan leenjii waraanaatiif guuraa akka jiruu fi kaampiiwwan hin beekamnetti geessaa akka jiru himatan.

BBC Afaan Tigriffaa namoota humnaan hidhattootaan leenjii waraanaatiif guuraman, dargaggoota kaampii leenjii waraanaatii baqatanii fi maatiiwwan isaanii dubbisee jira.

Hoggantoonni TPLF bulchiinsa naannichaa dhuunfachuun booda hariiroon mootummaa federaalaa waliin qaban kan cite yoo ta'u, mootummaan federaalaa fi TPLF waraana banuuf qophaa'aa jiru jechuun wal-himachaa jiru.

Gamtaan Afriikaa muddamni kun yaaddoo itti uume, waraana Tigraay waggaa sadi duraa kan jaarsa ta'ee waliigalteedhaan dhaabsise ergamaa isaa Oluseegun Obaasaanjoo gara Maqaleetti erguun hoggantoota TPLF waliin mari'achiiseera.

Torban kana keessammoo mootummaan Ameerikaa hoggantoota TPLF warra mata-jabeeyyii jedhuunii fi muddamni Kaaba Itoophiyaa keessa jiru akka hin furamne gufuu uuman jedhamanii fi maatiiwwan isaanii irratti uggra viizaa kaawuun tarkaanfii dabalataa akka fudhatu beeksiseera.

Seerota torba du'aan adabsiisan

Keeyyata 29fi 30 wixinee labsii kanaa keessatti, keessumaa waktii waraanatti bu'uuraalee misoomaa, dhaabbilee uummataafi mootummaarra miidhaa geessisuun, diina waliin hiriiruuniifi icciitii dabarsanii kennuun hidhaafi maallaqaan akka adabsiisu ibsu, garuu yakkichi itti yaadamee kan godhame yoo ta'e hidhaa umurii guutuu ykn du'aan akka adabsiisu eera.

Akkasumas mootummaa biyya alaa waliin ta'uun "gochaa walabummaa Tigraay balaarra buusu raawwachuun" akkaataa gochichaa irratti hundaa'uun hanga du'aatti akka adabsiisu ibsameera.

Kan biraa ammoo keeyyata 44 jalatti kan ibsameefi yakka hanga du'aatti adabsiisa jedhame diina waliin wal-ta'iinsa diinagdee tolfachuu ykn diina waliin mariyachuudha.

Uummata Tigraay irratti 'duguuggaan sanyii' akka gaggeeffamu itti yaadamee akka gaggeeffamu kan kakaasu, ajaja kan kennes ta'ee yakkicha raawwachuu keessatti hirmaachuu keessatti kallattiin kan hirmaate hidhaa umurii guutuu ykn du'aan akka adabsiisu ibsameera.

Nama beelessuu ykn qoricha dhorkachuu akka meeshaa waraanatti itti fayyadamuu, bakkeewwan hambaalee seenaa ta'an ykn manneen amantii itti yaadanii mancaasuun yakkoota du'aan adabasiisu jedhamanii wixinee seeraa kana keessatti ibsaman keessayi.