Maallaqnii fi aangoon akkamiin ofitti amanamummaa dhiirotaa irratti dhiibbaa uumu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Galiin nuti argannu fayyaa sammuu keenyaarratti dhiibbaa qaba. Keessumaa namoota naannoo keenyaa jiraatan waliin walbira ofqabuun yoo ilaalle addatti dhiirota irratti dhiibaa qaba.

"Baasii jireeyaa hunda haati warraa kan dandeessu yoo ta'e akka dhiiraatti kabajakee waan miidhu qaba" jedha abbaa warraa kan ta'e Deev.

Toom, namni jedhamu ammoo akkas jedha,"Akka beektu dhiirri akka dhiiraatti. gaafa ati mana akka ooltu itti himtu akkaa beela'aa wayiitti silaalu" jedha.

Abbootiin warraa kuni lamaan qorannoo dhimma dhiibbaa jiruu keessatti yeroo dubartoonni dinagdeedhaan abbaa warraa isaanii caalan uumamu irratti hirmaatanii kana jedhan.

Namni biraan Birendon jedhamu ammoo maatiin isaa 'Namicha mana oolu' jedhanii naqeequ jedha dhimma kanarratti yoo dubbatu.

Dhiirotni qorannoo kanarratti hirmaatan akka jedhanitti, hawaasa keessatti hojjetee kan maatii jiraachisuu qabu dhiira jedhamee waan beekamuuf dhiibbaan isaanirra akka gahu himu.

Sababa kanaanis abbaa warraa fi haadha warraa keessaa kan galii maatii jiraachisu argamsiisu, aangoo mana keessattii fi hawaasa keessatti qaban irratti dhiibbaa qaba.

Sababni hawaasa keessatti garaagarummaan akkanaa uumamuuf ammoo maallaqni aangoo waliin hidhata cimaa waan qabuufi.

Hawaasa keessatti dhiirotni warra galii argamsiisan akka ta'anitti yeroo ilaalamutti kana yeroo guutuu dadhaban akka aangoo dhabuu, fayyaa sammuu gadi aanaa fi carraan bulti diiguutti deemuullee nijiraata.

Dhiirotni yeroo hojii malee taa'an, dubartoota hojii malee taa'an caalaa carraa dhiphinaan miidhamuu qabu.

Qorannooleen akka mul'isanitti, dubartoonni galiidhaan dhiirota yeroo caalan dhiirotni ofitti amanamummaan isaanii fi gammachuun qabanilleen gadi bu'aa ta'a.

Rakkoon kun hammam hammaataadhaa?

Dhiirota hedduu biratti haadholiin warraa isaanii galiidhaan nacaalte jedhanii himuurrattii xiqqoo qaanefachuun jira.

Galiin isaan argatan kuni maatii gargaaruuf murteessaa ta'uu beekanis, akka dhiiraatti galiidhaan caalanii argamuun olaantummaa qabaachuu dhabuun itti dhagahama.

Kuni ammoo dhiirota hojii dhaabanii mana oolanii fi Sababa jijjiirraa eddootiin kanneen hojii dhaabanitti caala.

Haarii Banton ammaan dura siidinii keessatti gorsaa fi miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uumtota kessaa tokko ture. Dhiheenya hojii dhaabee hoji dhabaa ta'e.

"Akka dhiiraa fi abbaa warraa akkasumas akka abbaatti gatiin kiyya miidhameera" jechuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoode.

"hawaasa keessatti dhiphuu fi rakkooleen maalif akka dabalaa deeman amma hubachaan jira. Haalotni akka ati yaaddetti yeroo deemuu didan akka dhiiraatti akkam akka ta'uu qabdu sidhabsiisu. Waliigalatti abbaa warraa aangoo hin qabnen ta'e" jedha.

Banton, dhiirotni galiin isaan argatan haadha warraa isaanii waliin yeroo walbira qabamu fayyaan sammuu isaanii akkamiin akka miidhu hima.

Qorannoon dhiheenya Iswiidin keessatti taasifamee ragaa galii waggoota 10 fi fayyaa sammuu haadholii warraa fi abbootii warraa xiinxaleera.

Bu'aan qorannoo kanaa akka ifoomsetti, battala haadholiin warraa galiidhaan caaluu jalqabanitti, fayyaa sammuu dhiirotaa irratti dhiibbaan uumamuu jalqaba.

Fayyaan sammuu kuni hanga harka saddeetii kan gahu yoo ta'u, akka waliigalaatitti dhiirota irratti hanga harka 11 akka gahuu malullen himu.

Gama kaaniin ammoo qorannooleen akka mul'isanitti, dhiirotni haati warraa isaanii galiidhaan isaan caaltu carraa dubra biraa faana sagaagaluu guddaa qabu.

Dhiirotaaf garuu galiidhaan caalanii maatii jiraachisuun miira uumamaa fi nagaa fi fayyaa isaaniif kan kennudha.

Dhiirotni gaafa hojiidhaan ala ta'an carraan dhiphina keessa galuu isaanii warra dubartootaa caalaa olaanaadha. Sababni isaa ammoo dubartoonni warra dhiiraa caalaa dirree hojiitiin alatti hariiroo qabu.

Dhiirotni hojii dhaabanii mana oolan carraan qofummaadhaan dhiphina keessa galuu isaaniis olaanaadha. Sababa dirree hojiitiin alatti akka dubartootaa kana hariiroo hagas mara hin qabaannefi.

Ofii galiin nuti argannu nagaa fi ofitti amanamummaa qabaanuu waliin maaliif hariiroo kallattii qaba kan jedhu ilaaluun gaariidha. Maatii hedduu keessatti abbootiin warraa galiin isaanii kan haadha warraa irratti akka hirkatu kan ta'an Sababa hojii adda kutuutiini.

Wanti Hundi badaadha jechuus miti

Abbootiin warraa yeroo hojii dhaabanii manatti deebi'an dhiibbaa gaarii ta'es niqabaata.

UK keessatti abbootiin warraa dur caalaa amma yeroo bal'aa ijoollee isanii waliin dabarsa jiru. Abbootiin warraa hojii dhaaban ammoo ijoollee isaanii waliin yeroo bareedaa ta'e qabaatu.

Abbootiin warraa hojii dhaabanii manatti deebi'an daa'imman kunuunsuu irratti waan gaarii mul'isanis garuu hojii mana keessaa qooddachuu irratti fooyya'iinsa addaa hin mul'isan.

Biyyoota biyyootatti hammi abbootii warraa yeroo haati warraa isaanii deessu boqonnaan kennamuufii garaagara.

Dhiirotni yeroo haati warraa isaanii deessu boqonnaa fudhatan gammachuun maatii isaanii fi hariiroon daa'imman waliin qabaatan nidabala. Kuni erga abbaan boqonnaa fixee hojiitti deebi'een boodalleen itti fufuu mala.

Qorannoon akka mul'isutti abbooriin warraa yeroo haati warraa isaanii deessu boqonnaa fudhatanii waliin ta'an daa'imman dhalatan waliin hariiroo gaarii qabaatu.

Qorannoon haadholii warraa Meeksikoo irratti taasifame akka mul'isutti ammoo dubartoonni hammuma alarraa carraa hojii argachaa deeman aangoon isaan bakka kaanitti qabanis guddataa deema.

Kana jechuun dhimmoota faayinaansi ilaallatan irrattilleen aangoon isaan qabaatan nidabala jechuudha. Dubartoonni ilaalcha gadi qabaa ture keessaa bahanii yeroo faayinaansii keessattis cimaa deeman carraan dinagdee guddifachuu isaaniis nidabala.