Filannoo Keeniyaa 2022: Eenyutu pirezidaantii shanaffaa Keeniyaa ta'a?

Kaadhimamtoota pirezidaantummaa filannoo Keeniyaa 2022

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Keeniyaan filannoo pirezidaantummaa Hagayya 9, 2022 gaggeeffatte jirti. Lammiileenis kaadhimamaa naaf ta'a jedhaniif sagalee kennuun guyyichis xumurame.

Filannoo kanarrattis kanneen waggoota ittaanan shaniif biyya bulchuuf dorgoman kaadhimamtoota pirezidaantii afur dabalatee, bulchiitoonni, seenaataroonni, miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataafi bakka bu'oonni gumii kaawintiiwwanii ni filatamu.

Bu'aa filannoo kanaarratti kallattiin odeeffannoo haaraa asiin gadiin ni argattu.

BBCn odeeffannoo marsariitii Komishinii Filannoofi Daangaawwan Walabaa Keeniyaa (IEBC) idileerratti bu'aalee filannoo pirezidaantummaa duraa kaa'amee irraa fudhata.

Komishinichi addemsa mirkanneessuu akkuma itti fufuun, haalli BBCn odeeffannoo bu'aawwan itti haaromsuus harkifachu mala.

Seera filannoo Keeniyaatiin, bu'aa filannoo pirezidaantummaa kan labsu IEBC'dha.

Bu'aa Filannoo Pirezidantummaa Keeniyaa 2022

Marsaa jalqabaatiin injifachuuf, kaadhimamamaan %50 +1 sagalee keennamee argachu qaba akkasumas yoo xinnaate %25 sagalee kaawintiiwwan 47 keessaa 24 argachu qaba.


Yeroo dhumaa kan itti haareffame: 15/08/2022, 18:59:32 EAT

Bu'aawwan xumuraa IEBC irraa

Kaadhimamtoota Sagalee
Wiiliyaam Ruuttoo
50%
50.5%
7,176,141
Wiiliyaam Ruuttoo
7,176,141
Gamtaa Keeniyaa Kiwaanzaa
Sagalee 7,176,141
Yoo xiqqaate sagalee Kaawontii %25 39/47
Raayilaa Odingaa
48.8%
6,942,930
Raayilaa Odingaa 6,942,930
Walta'insa Azimoo la Umoojaa
Sagalee 6,942,930
Yoo xiqqaate sagalee Kaawontii %25 34/47
Joorj Waajaakoyaa
0.4%
61,969
Joorj Waajaakoyaa 61,969
Paartii Ruuts
Sagalee 61,969
Yoo xiqqaate sagalee Kaawontii %25 0/47
Deeviid Miwaaree
0.2%
31,987
Deeviid Miwaaree 31,987
Paartii aggaannoo
Sagalee 31,987
Yoo xiqqaate sagalee Kaawontii %25 0/47
Kaadhimamtoota biroo
0.6%
93,956
Kaadhimamtoota biroo 93,956

Filannoodhuma Hagayya 9, 2022 gaggeeffamee kanarratti bakka seenaataraa 47 injifachuuf, dhiiroonni 295 fi dubartoonni 46 dorgomaniiru. Bu'aan isaa maal akka fakkaatu kallatiidhaan dowwadhaa.

Waliin gahinsa seenaatarootaa akkaataa paartii/gamtaan

Dhumaaf kan itti haareffame: 16/09/2022, 11:03:31 EAT

Giraafikiin daataa gabatee bu'aa filannoo gaditti argamu, dootii halluu dibaman tokkoo tokkoo teessuma Paarlamaa agarsiisu
Paartii Teessoo
Keeniyaa Kiwaanzaa 33
Walta'insa Azimiyoo la Umoojaa 32
Paartileen kaan waliin hariiroo hin qabne 2
Ifa kan hin taane 0
Madda: IEBC

Gamtaa paartii kamiitu Paarlaamaa dhuuffatee?

Dhumaaf kan itti haareffame: 16/09/2022, 10:51:02 EAT

Giraafikiin daataa gabatee bu'aa filannoo gaditti argamu, dootii halluu dibaman tokkoo tokkoo teessuma Paarlamaa agarsiisu
Paartii Teessoo
Walta'insa Azimiyoo la Umoojaa 168
Keeniyaa Kiwaanzaa 167
Paartileen kaan waliin hariiroo hin qabne/ Miseensa Paarlamaa Walabaa 14
Ifa kan hin taane 0
Madda: IEBC
1px transparent line

Filannoo bara 2022 kanaatiif buufataaleen 46,232 kan caaseeffaman yoo ta'u, kunis kan filannoo biyyattiin bara 2017tti irra parsantaa 13.08n caalmaa qabaachuu odeeffannoon Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa irraa argame ni mul'isa.

Filannoo Keeniyaa bara 2017 gaggeeffameetti buufataalee filannoo 40,883 ture.

Haaluma walfakkaatunis lakkoofsi lammiilee filannoo irratti sagalee kennuf galbaa'anis guddina agarsiiseera. Bara 2017tti filachuun namoonni galmaa'an 19,611,423 yoo turan, bara kana ammoo 22,120,458tu galamaa'e. Kunis parsantaa 12.79 caalmaa qaba.

Baayina lakkoofsa namoota filannoof galmaa'anii

Keeniyaa hogganuuf kan dorgoman eenyuu fa'i?

Kaadhimamtoota pirezidaantummaa Keeniyaa

Eenyummaa saanii baruuf kaadhimamaa filadhaa

Raayilaa Amoolo Odiingaa

Gamtaa Azimi'oo la Umojaa

  • Kaadhimamaan pirezidaantummaa kan umuriin waggaa 77 Yunivarsitii Teeknolojii Jarman keessatti argamu Maagdeburg irraa injinarummaan eebbifaman.
  • Paartii Aziimiiyoo La Umoojaa bakka bu'uun kaadhimamaa pirezidaantii ta'un dhiyaatan.
  • Filannoowwan darban afuriitti pirezidaantummaaf kan dorgoman yoo ta'u, kan ammaa yeroo shanaffaa saaniti.
  • Odiingaan namoota siyaasaa Keeniyaa keessatti dimokiraasii paartii sabdaneessaaf qabsaa'an keessaa tokko turan. Sababii kanaatinis hidhamaniiru, baqaafis saaxilamanii ture.
  • Waggoota 10n dura MM ta'un tajaajilaniiru.
  • Odiingaan aangoorra wayita turaniitti, ibsaa baadiyaatti babal'isuuf ijaarsa daandiitiin akka milkaa'an himama.
  • Damee daldala xixiqqaafi invastimantii maanufaakchariitiin guddina diinagdee dijiitii lamaa galmeessuu danda'aniiru.
  • Tajaajila fayyaa qulqullina qabu hunda akka gahuu gochuu.
  • Guddina qaama, sammuufi hawaasummaa ummataatiif ispoortiifi dhaabbilee bashannanaa babal'isuu.
  • Yaalii fonqolcha motummaa Hagayya 1, 1982 hordofee, Laayilaa Odiingaa to'atamuun biyya ganu dabalatee himmannaawwan hedduun irratti dhiyaate ture. Komishiniin Dhugaa Haqaa fi Haraaraa Odiingaan dursaa fonqolcha motummaa waliin hidhata akka qabu itti himame. Odiingaan garuu ni waakkatu. -Man-kuusaa Biyyaaleessa Keeniyaa

Wiiliyaam Saamooy Ruutoo

Gamtaa Keeniyaa Kuwaanzaa

  • Gaheessi waggaa 55 Wiiliiyaam Ruutoon saanintii biqiltuufi beeladaatiin digrii sadaffaa, akkasumas digrii jalqabaa Yunivarsitii Naayirobii irraa argataniiru.
  • Ruutoon Paartii miseensa Keeniyaa Kiwaanzaa ta'e, Paartii Yunaayitidi Aliyaansi bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
  • Hogganaa garee 'Yuuz For Keeniyaa' ta'anii maqaa gaarii hin qaban turan.
  • Ministira Qonnaa wayita turanitti waajjirrisaanii hunda caalaa kan irraa eegamu raawwachuun beekkamtii argatee ture.
  • Heera motummaa haaraa 2010 baheen ittaanaa pirezidaantii ta'un tajaajilaniiru.
  • Waggoota 10'f bakka bu'aa naannoo Eldooreeti ta'un miseensa paarilaamaa turan.
  • Dhaabbiilee xixiqqaafi jidduugalaatiif waggaan doolara miiliyoona 424 ni ramada.
  • Baasiiwwan garaagaraa haguuguuf deeggarsa barnoota biyyaaleessaa ni hundeessa.
  • Kaabinee isaanii keessaa wallakkaan, akkasumas karaa mudamaatiin harka sadii keessaa lama dubatootaan akka qabamu taasisa.
  • Manni murtii Olaanaa Keeniyaa waggaa 4n dura Wiiliyaam Ruutoo lafa heektaara 40 qabatan akka gadhiisanii fi qannaan bulaa lafti na jalaa fudhatameera jedhee himateef doolaara 62,500 akka kanfaluu murteessee ture.- Seera Keeniyaa
  • Bara 2011tti, Mr Ruttoon dhimmoota yakka namoomaa sadiin himatame: Ajjeechaa, biyyaa arii'uu fi dirqiidhaan dabarsuu fi ajjeechaa ummataatiin Mana Murtii Yakka Idil-Addunyaa (ICC)tti himataman. Waggoota shaniin booda ammoo manni murtichaas ragaan ajjeechaa dhiyaate gahaa miti jechuun himannicha haqe-ICC

Joorji Waajaakoyaah

Paartii Ruuts

  • Piroofessarri umuriin waggaa 61 Yunivarsitii Waarwick irraa misooma seeraatiin fi Yuniversity Baaltimor irraas seeraan digrii lammaaffaa qaba.
  • Mr Waajaackoyaah Paartii Ruuts bakka bu'uun pirezideentummaaf dorgomu.
  • Bara bulchiinsa pirezidaanti Daani'el Mo'i osoo qondaaltootaan akka hin himatamneef biyyaa akka bahuuf hin taasifamiin dura, damee Addaatti qorataa ta'un hojjataniiru.
  • Dhaabbata seeraa bara 2018tti hundeessan keessas ni hojatu.
  • Yunivarsitiiwwan US, UK fi Keeniyaatti seeraafi diinadgee barsiisuu.
  • Indastirii Marijuana (bhang) seera qabsiise.
  • Guyyoota hojii Wiixataa hanga Kamisaatti jijjiirre.
  • Jaarroollii, namoota saaxilamtootaafi dubartoota ulfaatii kunuunsa fayyaa bilisaafi deeggarsa.

Deeviid Miwuraa Waayihiigaa

Paartii Agaanoo

  • Deevid Mwaaree Paartii Agaanoo bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
  • Hogganaa Paartii Agaanoti.
  • Yunivarsitii Naayiroobii irraa seeraan digrii fi qo'annoowwan hoggansaatiin ammoo digrii lammataa argatan.
  • Abbaa seeraafi waggoota 30 oliif seeraan hojjataniiru.
  • Dhaabbata seeraa kan qaban yoo ta'u, aangoowwan siyaasaa hedduurra hojjaniiru.
  • Bara 2006tti Paartii Agaanoo hundeessan.
  • Malaamaltummaa weeraraarratti ni qabsaa'a.
  • Carraa hojii ni uuman.
  • Qabeenyaawwan Keeniyaa biyya alaa jiru ni deebiisisu.

Odeessaalee walfakkaatan dubbifachuuf:

th