Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bakka hojii keetti gammaduu yoo feete waan gochuu qabdu
Email barreessuu, bilbila haasawuu dabalatee hojiiwwan waajjira keessaa baay'een barcumarra taa'amee hojjetama.
Garuu, barmaatni kun fayyaa keenya miidhaa jira. Yeroo dheeraaaf bakka tokko taa'anii turuun ulfaatinni qaamaa akka dabaluu fi dhibee onnee fi dhibee sukkaaraa gosa 2ffaaf jedhamuuf akka nama saaxilu ogeeyyiin ni himu.
Iskiriinii bilbiloota keenyarraa afuura fudhachuun gaarii ta'ee, hojii keenya hojjechaatii yeroo hagamiif ol kaanee deebina kan jedhu ifaa miti.
Qorannoon haaraan the British Journal of Sports Medicine akka jedhutti hojii gidduutti sa'aatii tokko keessatti yoo xiqqaate daqiiqaa shaniif- ykn "cireef sosocho'uun"- akka malee gaarii, fayyummaa keenya, si'aayina hojii keenyaas ni dabala.
Milkaa'ina hojii, kaka'umsaa fi dammaqiinsa
Dursaan qorattootaan Keith Diaz told BBC News'tti akka dubbatutti ga'eeyyiin hedduun sa'aatii isaanii keessaa tokko sadaffaa taa'anii ykn ciisanii dabarsu.
Gorsi waliigalaa "xiqqoo taa'i, baay'ee socho'i" kan jedhu isa sirrii yoo ta'u, namoonni waan bakka isaa dabre beekuu qabu jedha.
"Oduu gaariin hojii jidduudhaan daqiiqaa shaniif ka'anii deddeemuun kaka'umsa hojii fooyyeffachuu fi bututuu qaamaa ni hir'isa. Namoonni immoo kun waan raawwachuu danda'an akka ta'e beeku," jedha Diyaaz.
Qorannoo Yunivarsiitii Kolumbiyaa hojjettoota Ameerikaa 11,000 caalan kanneen baay'een isaanii hojii waajjiraa keessaa fi sa'aatii saddeetii hanga sagalii faraqaadhaan hojjetanirratti qoratame.
Torban jalqabaa, waayee hojiisaanii idlee fi dadhabbii inni qabu, kaka'umsa fi raawwii hojiisaanii irratti qoratame.
Torbanoota itti aanan lamaanitti immoo walakkaa sa'aatii keessatti, sa'aatii tokko tokkoon, ykn sa'aatii lama keessatti hojii jidduun deddeemanii aara-galfachuu ilaalchisee qorannuma wal fakkaataa akka guutan gaafataman.
Sa'aatii tokko, tokko jidduudhaan deddeemiin kaka'umsa hojiif, dadhabbii hir'isuuf akka ni fayyada. Garuu hojii addaan kukkutuu ta'a jedhan.
Sa'aatii lama lamaan hojiirraa ka'anii deddeemuun sochii tokkollee gochuu dhiisuurra ni wayya, garuu qorattoonni sa'aatii tokko, tokko gidduun daqiiqaa shan shaniif hojiirra ka'anii deddeemuun milkaa'ina hojii, kaka'umsaa fi dammaqiinsa hojiirraa akka fooyyesse himu.
Sa'aatii dheeraaf taa'anii ooluun barmaata dhiisuun nama rakkisudha,' kan jedhu Diyaaz, hojjettoonni qorannicha keessatti hirmaatan baay'een isaanii waa'ee boqonnaa fudhatanii, hojii dhiisanii yeroo ka'an hoggana ykn waahila hojii isaanii maal akka yaadan sodaachuu isaanii ibsaniiru.
"Faallaa waan fakkaatuuf malee, hojii gidduutti ka'anii socho'uun dhugumatti millkaa'ina hojii keessaa dabaluu danda'a,' jedhan Diyaaz. "Hojii sammuu hoogganuu, xiyyeeffannoo fi dandeettii yaadachuu fooyyessu danda'a. Kana malees namoonni baay'een akka of hiikanii fi akka miira isaanii haaromfatan gargaara."
Deddeemiin baasii nama hin baasisu, hojiis dhaabuu miti, jedha. Walgahiirraa, bilbila haasawuuf wayita ol jennu-waajjira keessas ykn alas ta'u deddeemuun gaariidha.
Emily McGrath British Heart Foundation'tti, narsii olaanaa onneeti. Bu'aa qorannoo kana simatan. Bu'aan qorannoo kana "sochiin qaamaa fayyaa namaa waliigalaa fooyyessa kan jedhu jabeessa" jedhu.
Haa ta'uu malee, qorannoon kun "gabaasa namoonni waan isaanitti dhagahamerraa yaada fuudhamerratti xiyyeeffata. Yeroo gabaabaattis dalagame. Qorannichi dhiibbaa (fooyya'iinsa) onneerratti fides qorachuu qaba".