Hogganaan NATO Maark Ruuttee kora Adoolessaa dursee muddama hir'isuuf Tiraamp arguufi
Barreessaa Olaanaan NATO Maark Ruuttee Roobii dhufu Waayit Haawusitti Tiraamp dubbisuuf.
Ruutteen Tiraamp kan arguu fedhaniif waraana Iraan hordofee Tiraamp Ameerikaa NATO keessaa baasuuf dhaadachaa waan tureef Kora NATO fuuldura keenya Adoolessa keessa Ankaaraatti taa'amuuf jiru dursee muddama kana hir'isuufi.
Tiraamp, yeroo dheeraaf NATO mormaa ture halaalatti dhaabbaticha "leenca waraqaarraati" jedhee waamuu, waraana Giddu-galeessa Bahaa keessatti Ameerikaa deeggaruuf fedhii dhabuu isaaniitiin dallaneera.
Akkasumas, weerara Ameerikaafi Israa’el Guraandhala 28 Iraan irratti banan booda, sararri daldala boba'aa idil addunyaa Ulaan Hormuz" deebisanii banuuf gargaaruu dhabuun isaas isa aarseera.
Minstirri Ittisaa US Peet Hegseet torban darbe walgahii NATO irratti michoota "waayee hin baafne" jechuun arrabsee jira.
Akkasumas, ji'oota jaha keessatti buuftaa loltoota Ameerikaa kan Awurooppaa keessaa gamaaggamuuf akka jiru kan beeksise yoo ta'u, kunis hirmaannaa humna waraana Ameerikaa tokko tokko hir'isuu danda'a.
Kunis murtee Ameerikaan dandeettii waraanaa yeroo ariifachiisaa NATO'f oolchu xiqqeessuuf dabarsite hordofee kan dhagahame yoo ta'u, miseensonni dhaabbatichaa qaawwa uumamu akkamitti akka guutan yaaddoo uumeera.
Erga Traamp Muddee 2024 keessa filatamee as, shoorri guddaan Rutte inni tokko jibba pirezidantichi gamtichaaf qabu furuu fi muddama Tiraamp Giriinlaandiin bituuf dhiibbaa taasise dabalatee uumame gara walitti bu'iinsa waaraatti akka hin oofne triksuu ta'eera.