Weellisaa You Tube irraa akkaataa sirbaa baratee badhaasota adunyaa mo'ate kana beektuu?

Frankee Maak

Madda suuraa, Mayse Photography

Ibsa waa'ee suuraa, Frankie Mack nama karaa YouTube of barsiisuun amma wallisaa beekamaa ta'eedha
    • Barreessaa, Angii Biraawon
    • Gahee, BBC Scotland News
  • Maxxanfame

Firanki Maak YouTube fayyadamuun sirbaa kan ture, amma garuu hojiisaa ta'u dubbata. Weelllisaan karaa YouTube attamiin akka sirbamu ofii isaa barsiisee amma badhaassawwan gurguddaa adunyaa lama ittiin argachuun welliisaa beekamaa ta'u danda'eera.

Firaanki Maak dhiheenya kana wayita namni gadda irra jiru tokkoo akka sirba haadha warraa isaa duute jaallattu tokko waltajjii irratti akka sirbuuf wayita gaafateen tole jedhee of qopheesse.

Innis qophii galgalaatiif erga hanga waaree booda shaakaleen booda bareechee dhiyeesse.

''Baayyee gaarii hin turre. Yeroon sirbetti haalli itti dhiyeesse baayyeen qaana'ee ture'' jedhe ture ofiisaatiin.

Haata'u malee qophiinsaa sun namoota gadda irra turaniifi keessummoota hoteelichaa keessaa biratti haala gaariin fudhatamuun adeemsa haaraa irra isa kaa'e.

Duraan attamiin viidiyoowwan YouTube ilaalaa akka sirbamu barataa ture, amma garuu akka ogeessa weellisaa beekamaatti ittiin galii argataa jira.

Dargaggeessi umuriin waggaa 28 fi jiraataa Edinbarg kan ta'e kunis karaadhuma intarneetiitiin shaakkalliiwwan sagaleefi haala afuurri itti baafamu barachuun ofiisaa bariise.

"Akkasumas weelliiftoonan jaaladhu kanneen akka Roobbie Williyaams, Freed Astaaree fi Mikaa'eel Baabil itti sirban fa'is qorataan ture,'' jedha kutannoo ittiin sadarkaa ammaa irra gaheen yoo himu.

''Sirba tokkoo hangan waan daqiiqaa 45 ta'u argadhuutti torbaniif nan baradha ture,'' jedha.

Wayita umuriinsaa waggaa 22 ta'uttis Tenerife keessatti boqonnaa (season) xumuruun gara UK deebii'e. Achiinis doonii Kiruuzee irratti hojii sirbaa sanii akka dhiyeessaniif affeerame.

Haata'u malee namoota 13 akka qophii sirbaasaanii dhiyeesaniif affeeraman yoo mindeeffaman Firankeen garuu hojii hin kennamneef ture.

Sana booda gara Edinbargitti deebi'ee osoo mana dhugaatii tokko keessa taa'uu haadha qabeenyaa manichaatti akka carraa hojichaa dhabuun gadde itti hime.

''Abdii kutachuu hin qabdu,'' jechuun natti himte. ''Garuu aniyyuu ofumakoon meeshaalee muraasa bitee hojjechuufan jedheen.

'' Jimaata Jimaata irra mana dhugaatii koo keessayyuu sirbuu dandeessa,'' na jette.

Firaanki Maak mana kunuunsaa Edinbargi keessatti sirbuu jalqabe.

Madda suuraa, Frankie Mack

Ibsa waa'ee suuraa, Firaanki Maak mana kunuunsaa Edinbargi keessatti sirbuu jalqabe.

Firaanki sagalee guddistuu fi maayikiraafoonii bitachuun mana dhugaaticha keessaa fi manneen kunuunsa manguddootaa naannichaa deemuun sirbuu jalqabe.

''Akka maleen jaaladhe,'' jedhe. ''Manneen kunuunsaa keessatti sirbuu fi namootaan wal arguu baay'een jaaldhe.''

Bara 2019 ammoo gara Teneriifeetti imaluun dorgommii Badhaasa Tenefiiree ol adeemtotaaf qophaa'e irratti injifate.

''Sirbitootni fi namootni bashananan irra hojjetan Kaariis keessatti beekaman irratti hirmaataniiru. Badhaasa ol adeemtotaa kana mo'achuun waan ajaa'ibaa ture. Keessumaa You Tube irraa yeroo gabaabduu kana keessatti of barsiisee, jedhe.

Hordoftootni miiidiyaa hawaasaa isaa akka malee baay'atee yeroo dhufan saganticha ammas US deemuun qopheessuu barbaade.

Ammas Badhaasa Reel Laas Veegaasitti qophaa'e irratti injifachuun badhaasa ol adeemtotaa sanas injifate.

Badhaasni Vegas Reel Awards' jedhamu waggaa sadii sadiin kan qophaa'u tahee, weellistootni dhibbaan lakkaa'aman irratti hirmaatu. Firaanki dorgommicha irratti sirboota jaha sirbeera.

Firanki Maak Tenefireetti Keenii Washingitan waliin yeroo weellisan

Madda suuraa, Haze Media Productions

Ibsa waa'ee suuraa, Firanki Maak Tenefireetti Keenii Washingitan waliin yeroo weellisan

"Asittan nama wal-tajjii tahuukoo mirkaneeffadhe,'' jedhe.

Dhaggeeffatootakoof gammachuu waanan kenneef sababiin adunyaa kana irra jiruufis kanumaaf.''

Akkasumas Dilbata yeroo hundumaa fuula Feesbuukii isaa namootni 20,000 kallattiin isa daawwatan irrattis ni hojjeta.

Firaanki daandii UK irra yeroo imal namootni inni hin beekne akkuma ini isaan beekutti itti dhiyaachuun yeroo isa walii dubbatan miira addaa qaba jedhe.

Dhumarratti Las Veegas deemuun Mikaayil Baabil waliin sirbuun isaa waan innis tahe namootni kaan hin eegne tahuu himuun erga wal-tajjiicha xumuree duubdeebiin argates akka isa boonse dubbate.