Alkoolii fi araadi kaan dhiironni qaban akkamiin ulfa miidhu?

Madda suuraa, Serenity Strull/Getty Images/BBC
Waa'een ulfaa yeroo ka'u xiyyeeffannaa guddaan waan haati dhugduudha. Kanarraa ka'uun alkooliin abbaan dhugu yeroo dheeraaf xiyyeeffannaa osoo hin argatin tureera.
Qorannoon gaggeeffame haala kana jijjiireera.
Waggoota 50 caalaniif saayintistoonni miidhaa alkoolii dhuguun ulfarratti qabu akeekkachiisaa turan.
Qorannoon dhiheenya gaggeeffame dhugaatii baayyee xiqqoon haati tokko dhugdu guddina sammuu, waa barachuu, yaaduu, yaadachuu fi amala akkasumas danaa fuula daa'imaa akkaan miidha jedha.
Kanneen dhimma fayyaa hawaasaarratti hojjetan hammi alkoolii haati fudhachuun daa'imman hin miine jira jedhanii hin beekan.
Rakkoon dhugaatiin alkoolii ulfa irraan ga'u kun foetal alcohol syndrome- FAS jedhama.
Miidhaan alkoolii haati dhugduun ulfa irra ga'u yeroo dheeraaf qoratamaa, barreeffamaa, ibsamaa yoona ga'uunsaa rakkoo ijoo kan biraa haguugeera- alkoolii abbaan dhuguu fi miidhaa isaa.
Yuniversitii Teksas A&M jedhamutti waa'ee dhiibbaa alkoolii dhuguun ulfarratti qaburratti qorannoo kan qorate Mikaa'eel Gooldiing, ''qorannoon waa'ee walhormaataa dubartoota irratti kan xiyyeefatudha. Kanaaf waan gama dhiirotaan jiru irratti hin xiyyeeffanne,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gooldiing dubartoonni ''dhugaatii alkoolii dhugee hin beeku, garuu daa'ima dhibee FASD qabdu dahee beeka,'' jedhan isa quunnamuu ibse.
Yeroo dheeraaf qorattoonni ''dubartoonni ni dagatu'' ilaalcha jedhuun yaada dubartootaa kanaaf osoo bakka hin kennin turaniiru jedha qorataan kun.
Amma garuu yeroo dubartoonni sirrii ta'uun itti hubatamaa jirurraa geenyeerra jedhe.
Hammi alkoolii abbootiin fayyadaman ulfa irratti dhiibbaan qabu waggootaaf akka waan dhugaatti fudhatamaa hin turre.
Garuu qorannoon dhihoo gaggeeffame daa'imman abbaa alkoolii dhugurraa dhalatan rakkoo fayyaa adda addaaf saaxilamuu mul'isan.
Fakkeenyaaf qorannoon bara 2021 cimdiiwwan (abbaa manaa fi haadha manaa) Chaayinaa walakkaa miiliyoonaa caalan irratti hojjetame, alkooliin abbaan ulfa dura dhugu daa'imman rakkoo fayyaa akka hidhiin gubbaa tarsa'uu, rakkoo caasaa teessoo onnee fi sirna soorataa bulleessuu, waliin akka dhalatan mul'ise.
Rakkoon kun yoo haati alkoolii homaa hin dhugne taatellee, waan abbaan dhugeef qofa mudachuu mul'ise qorannoon kun.
Akkaataa qorannoo kanaan yoo abbaan haadha manaasaa ulfeessuu dura alkoolii dhuge carraan daa'imman dhibee jeeqamuu caasaa onneetiif saaxilaman dachaa sadiin dabala.
Ulfi uumamuu ji'a sadi dura abbaan yoo alkoolii miilii liitira 50 fudhate carraan kun akka daa'imman mudatu ibse qorannoon kun.
''Bu'aan qorannoo keenyaa gara fuulduraatti abbootiin haadha manaasaanii ulfeessuu dura akkaataa itti alkoolii fudhatan akka sirreessan akeeka. Alkooliin abbootiin manaa dhugan dhibee daa'imman waliin dhalatan harka 30 waan dabaluuf,'' yaada jedhu barreessan qorattoonni.
Qorannoon Adoolessa 2024 gaggeeffamellee alkooliin abbaan ulfa dura dhugu akkaataa guddina miciree (ulfaa) irratti dhiibbaa akka uumu mul'ise.

Madda suuraa, Serenity Strull/Getty Images/BBC
Garuu ulfa kan miidhu dhugaatii alkoolii qofa miti. Tamboo xuuxuu fi akkaataan nyaataa akkasumas sochii qaamaa hojjechuunis kana keessaa qooda qaba.
Sababoonni kunneen hundi yoo walitti ida'aman ammoo rakkoo daa'immanirra ga'u daran hammeessu jedhan qorattoonni.
Qorattoonni gariin abbaan dhugaatii alkoolii dhuguun daa'imman dhalatanirratti miidhaa qabaachuu amananis, garuu kan haadhaa akka caalu ibsan.
Yuniversitii Awustiraaliyaa, Siidniitti pirofeesara fayyaa daa'immanii fi dargaggootaa kan taate Elizaabeet Eliyoot ''alkooliin dhiiga haadhaa keessa gallaan kallattiin gara miciree (daa'ima garaa keessaa)tti darba,'' jechuun haati alkoolii dhuguun miidhaa caalu akka qabu ibsite.
Haata'u malee ammallee taanaan Eliyoot fi qorattoonni kaan dhugaatiin alkoolii abbaan dhugu ulfarratti miidhaa inni qabu xiqqeessanii hin ilaalani.
Eliyoot qorannoon ammallee qoratamaa jiraatus, yeroon dhimma kallattiin dubbatan ga'eera jette.
Abbaan alkoolii dhuguun miidhaa waan fiduuf qofa osoo hin taane ''sababi haati alkoolii dhugduuf inni ijoon yoo abbaan manaa yeroo ulfaa alkoolii dhuguun kakaaseedha,'' jette.
Qorannoo hanga ammaatti gaggeeffameen abbaan wayita haati manaa ulfaa'uuf jechuu baru alkoolii hagam fudhachuu akka qabu wanti murtaa'e hin jiru. Haati homaayyuu fudhachuu hin qabdu.
Goldiing garuu ''alkooliin dhiironni darbanii darbanii fudhatan rakkoo tarii rakkoo fiduu dhiisuu danda'a,'' jedhe.
Keessattuu abbaan alkoolii fi araadaawwan kaan walqixa kan hir'isu yoo ta'e rakkoos haguma kana xiqqeessa jedhe qorataan kun.
Dhugaatiin alkoolii maatiin dhugan dhalasaaniirratti miidhaan qabaatu beekamus, garuu qorattoonni kan irratti waliigalan jira.
''Dhiibbaa guddaan dubartootarra kaa'amee jira,'' jedha Goldiing.
''Garuu fayyummaan dhiirotaas fayyaa daa'imman dhalataniif murteessaadha. Daa'immaan fayyaa qaban akka dhalataniif dirqamni qaama lamaanirraayyuu eegama.''















