Paartiin badhaadhinaa fi paartileen morkattootaa waa'ee bu'aa filannoo maal jedhan?

Dura taa'aa ABIN Ballaxaa Mollaa, MM Abi, hoogganaa EZEMA Iyyoob Masaafint

Madda suuraa, MoIT/Abiy Ahmed/EZEMA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Filannoo marsaa torbaffaa kan injifate Paartii Badhaadhinaa ''nagaa fi tasgabbii fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf,'' kutannoon akka hojjetu ibseera.

Paartiin sochii saba Amaaraa (ABIN) ''wabii nageenyaa lammiilee mirkaneessuuf akkasumas haleellaa sabaa fi amantiirratti xiyyeeffate dhaabsisuun dhimma paartiin injifate yeroo itti kennuu hin qabnedha,'' jedhe.

Paartiin EZEMA gamasaan ''humnoonni Itoophiyaa hundi dhimmoota faayidaa waloo uummata biyyattii mirkaneessan irratti walta'uu qabu jedhe.

Paartiin Badhaadhinaa ''dirree siyaasaa hundaaf carraa walqixa banu diriirsuu qaba,'' jedhe EZEMAn.

Boordiin Filannoo Itoophiyaa wayita Dilbata (Waxabajjii 21, 2026) bu'aa filannoo ibsu paartiin badhaadhinaa sagalee mootummaa hundeessuuf isa dandeessisu argachuu eereera.

Paartiin badhaadhinaa ibsa boordichaa booda ibsa kenneen bu'aan kun uummanni paartichaaf ''waadaa dimokiraasii fi hawaasummaa haaraa'' kennuufii mul'isa jedhe.

Gama kanaan ''abbaan aangoo uummata ta'uu'' akka mirkaneessuu waadaa seeneera.

Paartichi bu'aa argateen boonuu qofa osoo hin taane ''hanqinoota soroorsuun uummata aantummaan tajaajiluuf'' kutannoo guutuu qabaachuu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paartichi wagggoota aangoorra turu itti aanan keessatti ''gaaffilee uummataa tattaffii waloo gaafatan'' deebii akka argatan tumsa cimaa akka taasisu ibseera.

Kanas uummataa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin ta'uun akka milkeessuu ibse.

Paartichi dhimmoota dursa kennuuf karoorfate keessaa hangafi ''nagaa fi tasgabbii akkasumas olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u,'' ta'uu eere.

''Mariin biyyoolessaa adeemsi isaa xumuratti dhihaatee jiru galma hedameef bira akka ga'u,'' sirriitti akka tumsu ibse paartiin badhaadhinaa.

Kanaafis ''dhaabbileen dimokiraasii akka walaba, bilisaa fi cimoo ta'an,'' akka hojjetu ibseera.

''Akkaataa dantaa biyyaalessaa mirkaneessuun,'' paartilee siyaasaa morkattoota ta'an waliin qindoominaan akka hojjetu ibsa isaa keessatti eereera paartichi.

Badhaadhinni ibsa isaa keessatti ''qaala'iinsa jireenyaa salphisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf, akkasumas carraa hojii bal'inaan uumuun,'' hojii eegale akka galmaan ga'u eere.

Hudhaawwan dimokiraasii furuu, kenniinsa tajaajilaa teeknooloojii ammayyaan si'eessuu akkasumas hannaa fi hojimaata badaa kutannoon sirreessuurratti,'' xiyyeeffachuun akka hojjetu ibseera paartichi.

Paartileen morkattootaa maal jedhan?

Bu'aan filannoo waliigalaa ibsamuu irratti ibsa mormitoota baasan keessaa tokko teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa 13 fi teessoo mana maree naannolee 73 kan argachuun mormitoota keessaa tesssoo hedduu argachun kan dursu paartii EZEMA ti.

Paartichi ibsa Wixata Waxabajjii 15 baaseen Badhaadhina dabalatee paartilee kaan sagalee argataniin "Baga Gammaddan!" jedheera.

Paartiin biyya bulchu dhimma dirree dimookiraasii bal'isuurratti akka hojjetu Ezema'n waamicha godheera.

Badhaadhinni "dhaabbilee dimookiraasii ijaaruu fi dirree siyaasaa haqa-qabeessa hundaaf qixxee ta'e dhugoomsuuf murannoon akka hojjetu" gaafateera.

Paartiin mo'ate "guddina biyyaa fi jijjiiamaaf yaadonni fayyadama qaama kamirraawuu argamuu aka danda'an" hubachuu akka qabuu "yaadota garaagaraa akka dhaggeeffatus" waamicha godhe.

"Qeeqa garaagaraas garaa bal'inaan keessummeessaa biyya keenyaaf dimookiraasii barbaachisu waliin akka ijaarru waamicha dhiyeessina" jedheera.

"Teessoowwan 86 argachuun sadarkaa biyyaatti mormituu paartii dorgomaa jalqabaa" ta'uusaa kan eere Ezema'n gahee akka mormituu tokkootti irraa eegamu yeroo isaa osoo hin qisaasessin har'a akka eegalu" beeksise.

Baroota itti aanan "ciminootasaa" jabeeffachuun "hanqinoota isaa karaa tarsiimaaa fi kaanirratti hojjechuun" akka guuttatu hime.

Ezema'n "waggoota filannoo itti aanuu duraatti "dhimmoota ijoo raawwachuuf waadaa gale "aadaan siyaasaaa fayyaalessii fi ammayyaawaan akka dhalatu gochuuf kan jalqabne itti fufna" kan jedhu dha.

Haaluma kanaan "dhimmoota faayidaa biyyaalessaa milkeessanirratti humnoota Itoophiyaa hunda waliin tumsa" akka godhu ibse.

Ajandaawwan dorgommii keenyaa naamusa hawaasa keenyaa karaa madaaaluun garaagarummaa fi qeeqawwan keenya ni dhiyeessina jedhe.

Sirna bu'aan filannoo irratti ibsame

Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia

Paartii mormituun biraa ABIN gama isaatiin "boqonnaa seena-qabeessauummanni keenya gatii kaffaluun itti mo'ate" jechuun filannicha ibse.

Filannichi "humnoota naannoo Amaaraatii qabsoo hidhannootti jiraniif… ergaa faayidaa qabeessa kan dabarse" jechuun ibsa Dilbata dabarseen eere.

Uummanni sababa filannoon "labsii Goobaz-halaqootaa hirmaannaa siyaasaa fi bilisummaa isaa dhiibanii" akkasumas "haleellaa raawwatame akka mormu" beeksisuu ibse.

"Qabsoo karaa nagaa fi cimina dirree siyaasaatiif" Uummanni fedhii jabaa qabaachuu filannoo kanaan mul'achuu kan himu ABIN, "qaamoleen siayaa fi gareeleen hidhatan hundii murtoo uummataa akka kabajan" gaafate

"Obboloonni keenya sochii riphee loltummaa keessa jiranis gara waltajjii siyaasaatti dhufuun makaraa uummanni baate akka salphisaniif waamicha goona" jedhe.

Paartiin Badhaadhinaa filannoo mo'atee jirus, "gaafatamummaa yeroo kamii olii fi carraa irra deebii hin qabne" akka argate ibse ABIN.

Mootummaan hundeeffamus hojjechuu kan qabuu fi "hojmaneewwan yeroon kennamuufi hin qabu"jedhu eere.

Kan jalqabaa, "guutuu biyyattiitti seeraa fi sirna kabajchiisuun wabii nageenyaa lammiillee dhugoomsuu dha" jedhe.

"Haleellaawwan amantaa fi eenyummaarratti xiyyeeffatan dhaabsisuu" fi walabummaa sosocho'anii hojjechuu" eere.

"Faayidaa biyyaalessaa eegsisuun" waan paartichi barii filannoo raawwachuu qabu keessaayi jedhe.

Saanduqa filannoo

Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia

"Keessattuu naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraayitti adeemsi "hidhattoonni karaa nagaa filatanii galan" itti keessummeeffan "sirna dhaabbataa" diriiruufii akka qabu gaafate.

Naannoon Amaaraa "bu'uuraalee misoomaan boodatti akka hafu naannoo godhame"kan jedhu ABIN "pirojektoonni kutaalee Itoophiyaa kaanitti hojiirraa oolaa jiran akka oolan" gaafate.

"Bu'uuraalee misoomaa adda citan itti fufsiisuurratti xiyyeeffannan addaa akka kennamu" akkasumas deebisanii ijaaruu fi misoomawwan haaraadhaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu akka barbaachisu" gaafate.

Kana malees, ABIN (Naannoo Amaaraatti) "Uummatni Walqaayit fi Raayyaa sagantaa filannoo idilee ala akka taasisaman gochuu isaaniitiin"komii qabaachuusaa a ibseera.

Mootummaan hundeeffamuu fi Boordiin Filannoo naannoolee kanneen keessatti "saffisaan filannoo akka gaggeeffamuu fi bulchiinsi uummataa walabaa ta'e akka hundeeffamu tumsuun gaaffiiwwan mirgaa gatiin itti kaffalameef deebii akka kennu" gaafateera.

Naannoolee Amaaraa, Itoophiyaa Giddu-galeessaa fi Kibba Dhiha Itiyoophiyaa akkasumas Mana Maree Magaalaa Finfinneetti teessuma kan mo'ate Paartiin Dimokraasummaa Uummatoota Wolloo paartilee mormitoota ibsa baasan keessaa tokkodha.

Paartichi "sagalee uummatni jaalalaan kenneef" akka kabaju kan ibse yoo ta'u, Paartii Badhaadhinaa isa mo'ateef fi uummata filataaf "baga gammaddan" jedheera.

Waggoonni shanan itti aanan Itiyoophiyaa keessatti "rakkooleen waliigalaa guutummaatti" kan furaman fi mariin biyyoolessaa "bu'aadhaan kan xumuramu" ta'a jedhee akka amanu ibseera.

"Paartiin keenya humnoota badii alaa fi keessaa birmadummaa biyyaa, misoomaa fi guddinaa gufachiisan irratti mootummaa cinaa dhaabbannee kan qabsoofnu ta'uu keenya ni mirkaneessina" jechuun waadaa galeera.