Oduu jijjiirraa taphattootaa: Morgaan Roojars gara Arsenaal deemuuf kan jedhuufi kaan

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara gidduu Aston Viilaa fi Ingilaand Morgaan Roojars bara dhufu kana gara Shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingliz, Arsenaal deemuu barbaada. Ze Gaanars ammoo taphataa umuriin isaa waggaa 23 ta'e kana xiyyeeffannoo isaanii jalqabaa godhatanii hordofaa jiru. (Talksport)
Taphataan sarara fuula duraa Maanchester Yunaayitid fi Ingilaand Maarkas Raashfoord kaffaltaa hir'isuu Paawondii miliyoona 40n Tootenhaamitti makamuuf qophii ta'uun himame. Taphataan umuriin isaa waggaa 28 ta'e kun turtiin yeroo ergisaa isaa Baarsenloonaatti taasise dhumateera. (i Paper)
Kana malees, Tootenhaam taphataa sarara gidduu Xaaliyaanii yeroo ammaa Niiwukasil keessa taphatu Saandiroo Tonaalii Paawondii miliyoona 85n baasnee akka fudhatu ija jabinaan dubbacha ajira.
Taphataan umuriin isaa waggaa 26 ta'e Tonaaliin garuu garee masaanuu Tootenhaam ta'e, Arsenaal deemuu akka filatu himeera. (Daily Mail - Subscription Required)
Taphataan sarar ittisaa Chelsii Tiroovaah Chaloobaah ija leenjisaa Koomoo, Seesk Faabirigaas keessa bu'eera. Taphataan umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun gara dhumaarra garee biyyaalessaa Ingilaanditti Waancaa Addunyaa 2026 irratti taphachuuf itti makameera. (Fabrizio Romano)
Baayer Muniik fi Tootenhaam taphataa sarara ittisaa Juuventuus Bireemr fudhachuuf abbalaa jiru. Haata'u malee, taphataan lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 29 ta'e kun achuma turii barbaada.(Gianluca DiMarzio - In Itali)

Madda suuraa, Getty Images
Baarsenloonaan hawwii hin eegamiin agarsiisaa jira. Taphataa sarara fuula duraa Baayer Muniik fi Ingilaand Harii Keen fudhachuuf yaadaa jira. Taphataan umuriin isaa waggaa 32 ta'e kun ypp fedhii qabaateef, kilabiin La Ligaa Ispeen kun kajeelaa jira. (Sport - In Spanish)
Maanchester Yunaayitid taphataa sarara gidduu Yuraawugaay Maanu'eel Ugaartee kasaaree gurguruu barbaada. Maanchester Yunaayitid taphataa umuriin isaa waggaa 25 ta'e kana Ganna kana gurguruu barbaada.(Sun)
Liids Yunaayitid taphataa Saawozhamipitan fi Ayerlaand Kaabaa Shii Chaarles waliin waliigalteerra ga'uutti hiyaateera. Taphataan umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun kontiraati isa dhumuuf waggaa tokkotu hafa. (TeamTalks)

Madda suuraa, Getty Images
Biraayiten taphataa sarara ittisaa Veneeziyaa fi Ostiriyaa umuriin isaa waggaa 27 ta'e Mikaa'el Soboodaa mallatteessifachuutti dhiyaataeera.(Sky Sports)
Arsenaal taphataa sarara gidduu Kolkhetii fi Joorjiyaa umuriin isaa waggaa 17 ta'e Andiriyaa Bartishiviilii mallatteessifachuu waliigalteerra ga'uuf jira. Liiverppuul fi Paaris FC ammoo taphataa kana mallatteessifachuu ni barbaadu.
Taphataan sarara ittisaa West Haam fi Faransaay Jiin Kileer Todiboo umuriin isaa waggaa 26 ta'e erga West Haam Piriimer Liigii keessaa bu'ee ergisaan gara Fenerbaachee deemuu fedha. (Star - In Turkey),












