Kongiresiin Ameerikaa yeroo jalqabaaf seera aangoo waraana labsuu pirezidaantitti daangaa godhu dabarse

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Seneetiin Ameerikaa teessoon harki caalan Rippaabilikaanontaan qabame tarkaanfiwwan aangoo waraana labsuu Tiraamp daangessu ragaasise.
Tarkaanfiin seeraa kun Tiraamp waraana Iraanirratti labse akka dhaabu ykn ammoo waraana osoo itti hin fufin dura kongireesii akka hayyamsiisu kan gaafatadhuudha.
Rippaabilikaanonni heddu warra Dimokiraatotaa waliin ta'uun aangoo waraana labsuu Tiraamp irratti sagalee kennaniin caalmadhaan seerichi akka darbu godhaniiru.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaas jalqaba ji'a kanaa Tiraamp osoo hin hayyamsiisin waraana labsuun sirrii akka hin taane tarkaanfii seeraa wal-fakkaataa dabarsee ture.
Murteen seeraa kun mana maree bakka bu'oota fi Seeneetidhaan darbullee Tiraamp akka mirkaneessuuf itti ergamuu dhiisuu mala. Kanaaf kuni murtee seeraa akka mallattootti tajaajilu malee aangoo pirezidaantii irratti olaantummaa kan qabaatu miti jedhama.
Kongireesin murtee kanarra kan ga'e waliigaltee Tiraamp Iraan waliin taasise falmii godhachuufi Tiraamp Kongiresii osoo hin hayyamsiisin waraana labsuurratti komiin ka'aa turuu hordofeeti.
