Arsenaaliifi Tootenhaamiin tuffatamuu hanga Waancaa Addunyaatti- Seenaa Antoonii Semenyoo

Madda suuraa, Getty Images
Antoonii Semenyoo gaafa Barnimooziif mallatteesse leenjisaa duraanii Liidsi Yuunaayitidiif kennaa Shaampaayinii erge.
Maaliif seetan! Ka'umsaa fi gahumsa Semenyoo har'aaf bu'uura guddaa kan kaa'e leenjisaa Hookaadeey jedhamudha.
Kennaa qaruuraa Shaampaayinii irratti barreeffamni ''dheebuu fi ofitti amanuu'' jedhu jira.
Jechoonni kunneen ijoollummaa irraa eegaluun waan Semenyoon ittiin beekamudha. Kana ammoo isa keessatti namni chaappesse leenjisaa kanadha.
Garuu ka'umsii fi ga'umsi har'aa Semenyoo har'aa kun waan wal xaxaa keessa darbe.
Akkaadaamii kilebootaa galuuf yeroo baay'ee yaalee kufeera. Kileba liigii hin qabneef ganama sa'a 11:00tti ka'ee taphachuu jalqaba. Tahus, waan hunduu waan itti ulfaateef abdii kutatee kubba taphachuu dhaabuuf yaadee ture.
Gadi of deebisee hojjete, abdii hin kutanne, garuu kufaatii qarqara gahee ture. Milkaa'ina isaa har'aa kanaaf sababa guddaa kan tahe ammoo cichoomina isaati. Namoonni muraasa isa keessatti cimina wayii arganii akka inni baasee sadarkaa guddaa irra gahu godhanis jiru.
Taphataa waggaa 26 kanaaf har'a hunduu darbee yerootti sadarkaa kilebaa fi biyyaatti faarfamu irra gaheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatii hiddi dhaloota isaanii Gaanaa tahan Laarii fi Deelaa jedhaman irraa Landanitti dhalatee guddate. Obboleessa Jaayi jedhamu waliin Landanitti kubba taphachaa guddatan.
Semenyoon akka miila bitaa fi mirgaan kubba taphatuuf abbaan isaa baay'ee isa jajjabeessaa ture.
Abbaan isaa taphataa duraanii Gaanaa Toonii Yeeboo jedhamu waliin taphataa ture.
Ijoollummaa isaatti Semenyoon waraqaa, qaruuraa fi waanuma argate hundaa akka miila lamaan dhiituuf abbaan isaa jajjabeessaa ture.
Har'a Semenyoon miila bitaa fi mirgaan akkka barbaade taphachuun beekama.
Umurii isaa waggaa jahaan garuu Semenyoon dandeettii akak qabu hubatamuun abjuun taphataa piroofeshinaalaa tahuu dhufe.
Maatiin isaa ilmi isaanii kun taphataa jabaa taha amantaa jedhuun akka yaalii taasisee kileboota gurguddoo galuuf gara Tootenhaam, Arsenaalii fi Miilwool ergan.
Kiristaal Paalaasitti ammoo yeroo yaalii torban saddet dabarse. Yeroo sana umuriin isaa waggaa 15 ture.
Yaalii haga kana taasisee garuu kileboonni kunneen tokkoon isaanii iyyuu itti hin amanne. Umurii isaa waggaa 16'n kileba tapha pirofeshinaalummaan isa fudhatu waan hin argannef waan hunduu bitaa itti galee ture.
Kubba miilaa taphachuu irraas abdii kutachuurra gahee ture.
Semenyoon sana booda gahumsi qaamaa qabus warra gadi aanaa kaan biratti maal fakkaata kan jedhu ilaaluuf gra Bishaam Abbey deeme. Garuu yaaliin kileba kana keessatti taasisu ka'umsa guddina isaa fi bakkatti seenaa haaraa jalqabu garuu hin hubanne ture.
Yeroon jalqab isa argu abdii kutatee jira'' jedhe Hookaadey BBC Sport waliin yeroo dubbate.
''Abdii kutannaatu irraa dubbifama, Ija isaa keessa alla waa hir'ate argita. Ofitti amanannaan isaa badeera. Nama isa gargaaru wayii akka barbaadun hubadhe.''
Leenjisaan duraanii Forest Giriin Rooversi guyyaa Semenyoon Bishaam Abey deemee yaalii gaggeessuuf jedhu akkuma carraa achitti argamee ture.
Yaalii akkamiin hojjetee akka gahumsa isaa agarsiisu akka isa gargaaruuf Hookaadey gaafate.
Akkaataatti yaalii hojjetu tokko tokko itti agarsiisee taphoota inni irratti hirmaates ilaalaa ture. Garuu yeroo maqaan Semenyoo tarree taphattoota filamanii keessaa dhibu isa raaje.
''Inni waan kanaan hin qaanofne. Waan adda tahe jedhes hin qabu. Garuu gahumsa akkamii akka qabu agarsiiseera.
Ol adeemaan kun miilla isaa bitaa fi mirgaan gahumsa akkamii akka qabu argeera. Inumaayyuu osoo itti hin yaadiin akka fedhetti kubba taphata jedhe Hookaadey.
Haala gaarii yoo argate qaamaanis dandeettiin isaas akka guddatun arge jedhe Hookaadey.
Taphattoota dandeettii qaban ijoollummaatti adda baasuudhaan kan beekamu leenjisaan kun barbaadee maatii isaa argate. Gargaarsa akkamii akak isa barbaachisuus maatii Smenyootti hime. Ilmi isaanii kun dandeettii baay'ee guddatu akka qabus isaanitti hima.
Maatiin Semenyoos ilma isaanii kana harka leenjisichaatti amanuun akka isa gargaaruuf waliigalan.
Leenjisichi waan namni biraa hin argine Semenyoo keessatti argeera. Garuu ofitti amanamummaa isaa waan dhabeef kufaatii keessa galee ture.
''Jalqaba ofitti amanamummaa isaa argachuu qaba jedheen yaade.''
Osoo inni ofitti amanuu hin jalqabiin durayyuu akka inni taphataa cima atahu itti amaneen ture jedhe.
Sana booda leenjisichi Semenyoo gara kileba 'South Gloucestershire and Stroud (SGS) College' jedhamuutti fudhate.
Ofuma isaa bakka Semenyoon taphattoota ol adeemoowlaiin jiraatu Iswiindom jedhmauu fuudhee gara dirree geessaa ture.
Barii sa'a 11:00tti yeroo deemu takka takka balbala itti reebeen dammaqsee fudhee deema jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan kun dheebuu milkaa'inaa fi ofitti amanamummaa isaa deebiseefii jennaan Semenyootti yeroo dheeraa hin fudhanne.
Waggaa jalqabaa yeroo taphattoota Liigii maleeyyii ciccimoo jedhaman waliin taphatee isa dhaabuu dadhaban akka ofitti amanu isa gargaare.
Sana booda ariitiin guddachaa cimina isaa agarsiisaa waan deemeef garee leenjistootaa fi anaafis qormaata tahaa deeme.
Gorsa ani isatti himu hundaa fudhatee hojiirra oolcha. Konkolaataa keessatti haasaan keenya hunduu waa'ee kubba miilaa qofadha. Kanatu akka inni taphataa har'a beeknu kana tahuuf isa gargaare jedhe Hookaadey.
Kilebni xiqqaan liigii hin qabne SGS kileba Biristool Siitii jedhamu waliin dirree shaakalaa tokko fayyadama. Dandeettii isaa waan arganiif isa mallatteesisan.

Madda suuraa, Getty Images
Semenyoon Biristool Siitiif mallatteessee taphachuu danda'a ture. Garuu umuriin isaa 18 waan tureef ergisaan gara kileba Baat jedhamu liigii dorgommii hin qabneetti ergame.
Achitti ammoo leenjisaan ture Jeerii Giil jedhamu taphataa qaamaanis cimaa har'a arginu kana akka tahu isa gargaare.
Yeroo taphattoota ol adeemoo akka isaa waliin haasa'u jabina qaamaanis isaan caala.
Semeyoon duraan akka taphataa jifataatti taphataa ture. Leenjisaan baat Giil garuu Semeyoo akka gara cinaatti bahee taphatu taasisuun gahumsa guddaa agarsiise.
Semenyoon fuula isaa irraa seeqa hin dhabu. Kokkolfaa gara taphattootaatti makama.
Jaallatameera. Dandeettiin isaas waan agarmeef kileboonni kaanis isa ilaaluu jalqabaniiru.
Waggaa itti aanu ammoo ergisaan gara kileba Niwport jedhamu Liig 2 keessa dorgomuutti makame.
Taphoota 21 irratti galchii sadii qofa lakkoofsise. Dorgommii FA Cup irratti dandeettii gaarii qabu agarsiise jennaan kileboonni akka Cheelsii fa'aa gaafatan.
Biristool Siitiin yeroo kana ergisa irraa deebise. Yeroo kana yeroo Semeyootu gahe jedhamee ture. Garuu miti.
Leenjisaan kilebichaa yeroo sanaa Roobinsi jedhamu tapha mo'atanii darbuuf jalqaba irratti Semeyoo hiriirsise.
Kun bara 2019 yoo tahu, taphicha ni mo'aman. Semenyonis gara daqiiqaa 60 taphatee jijjiiramee bahe.
Irra deddeebiin carraan Semenyoof kennamus ammas gahumsa amansiisaa waan irraa dhabaniif amma immoo qormaata biraatti gale.
Ergisaan sanderlaandiif kenname. Leenjistoonni dafanii itti jijjiramnaan gahumsi Semenyoo gaduma deeme.
Kan haala hunda jijjiire Leenjisaan Naajil Piirsan jedhamu qacaramuu isaati. Sababa miindaa kaffaluun rakkoo taheef taphattoota gameeyyii hir'isuun gara ol adeemtotaatti xiyyeeffatan.
Semenyoo sarara duraa irra, sarara gidduu irra ammoo isa waliin Barnimooz taphachaa kan ture Aleeksi Iskoot filaman.
Semenyoon saffisa, jabina qaamaa gahaa fi dandeettii kubba akka barbaadetti gangalchuu warri kaan haala gaariin hin ilaalle qaba. Isa dhaabuunis ulfaataa tahe. Bara 2021-22 goolii saddet galchuun kubba 12 mijeessee kenne. Bara 2022-23 goolii saddetii fi kubba mijeessee kennuun lama galmeesse.
Kileboonni waggaa jaha dura sin barbaannu jedhanii ofirraa deebisana mma deebisanii adamsuu jalqaban.
Kiristaal Paalaasii fi Saawuzhampitan kanneen taphachicha gaafatan keessaati.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2023 Semenyoon paawondii miliyoona 10 tahuun kontiraata waggaa afurii fi walakkaan barnimooz gale.
Taphoota 110 irratti hiriiree taphachuun galchii 32 fi kubba 13 mijeessee kennuun ija kileboota gurguddaa kaan keessa gale.
Maanchister Yuunaayitid, Arsenaalii fi Maan Siitii morkii keessa galuun Peep Gaardiyoolaan amansiisun gara Maan Siitii fide.
Maanchister Siitiin paawondii miliyoona 65 baasuun Amajjii darbe keessa mallattesise.
Amajjiti kilebichatti makamuun galchii 11 fi kubba galchii tahan sadii mijeessee kennuun xumure.
Galchii injifannoo FA Cup Cheelsii irratti lakkoofsisuun waancaas mo'ataniiru.
Amma Gaanaaf Waancaa Addunyaa irratti taphataa cimaa tahuun dorgomaa jira.
Milkaa'ina Semenyoo duuba leenjisaa jiru Hookaadey tahuu maatiin isaas yeroo hundumaa dubbatu. Ammas xumura bara dorgommii hundaatti Semeyoo fi maatiin isaa leenjisaa abdii kutannaa irraa isa deebisee taphataa urjii isa taasise kana argachuun yeroo wlaiin dabarsu.












